Bilbilli Keessan Suuraa Alaabaa ABO Qaba Sababaa Jedhuun Oromoonni Humna Waraana Wayyaanee Ta’an Mana Hidhaatti Darbamaa Jiru.

Caamsaa 19,2015 Godina Lixa Shaggaritti Ilmaan Oromoo humna waraana kora bittinneessa Oromiyaa Aanaa calliyaa Geedoo irra qubsiifaman  keessatti argaman Oromummaan yakkamuun hidhannoon irraa hikamee hidhatti darbamuun dararamaa jiraachuun beekame.

Alaabaa ABO fi walleelee warraaqsaa mobail keessan irratti fe’attanii jirtu sababaa jedhuun qabamanii isin deggertootaa fi maadhee ABO ti jechuun mana hidhaa buufamanii jiraachuu qeerroon gabaasa.

Kanneen kunis:-.

  1. Ajaja 50 Addunyaa Mantamariyaa
  2. Ajajaa 10 nama Kaasahun jedhamuu fi
  3. Loltuu See’id  jedhamu kan keessatti argaman badii tokko malee dararaa cimaaf saaxilamaani jiraachuu maddeen keenya gabaasan.

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s