Caamsaa 26/2015 Mooraa Yuunibarsiitii Jimmaatti Filannoon fakkeessii mootummaa Wayyaanee Qooda fudhannaa barattoota Oromoo fi
Barattoota ilmaan sabaa fi Sablammoota biyyatti malee hafuun fashaala’e. Kaardii filannoo Wayyaanes bakka tokkotti walitti qabuun
dhorkatan.
Goototni Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa filannoon gaggeeffamaa jiru, haqa dhabeessa fi kijiba afaan qawwee fi humna
waraanaan gaggeeffama jiruu waan ta’eef hin filannu jechuun murtii fudhatan. Mootummaan Wayyaanee barattoota dirqisiisee filachiisuuf
yaalii guddaa gochuun humna waraanaa fi tikaa hedduminaan Mooraa Yuunibarsiitii Jimmatti olgalchuun barattoota doorsisuuf waraana
irratti bobbaasullee goototni barattootni Oromoo filmaata Wayyaanee irra tasuma qooda kan hin fudhannee ta’uu baaksisuun mormii guddaa
sirna wayyaaneef akka qaban ibsachuun kaardii filannoo wayyaanee walitti qabuun guban, filaamaticha irra qooda fudhachuun gatii kan hin
qabne ta’uu ibsan. Mootummaan wayyaanee barattootni Oromoo filmatichatti hirmaachuu waan didaniif guyyaa har’aa Yeroo 3ffaaf
barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa bahaa nu filadhaa jechuun beeksisa maxxansan. Goototni barattootni Oromoo filmaata jechaa humna waraanaa fi pooliisii federaalaan nu doorsisuun dhaabbachuu qaba,
Mootummaan WAyyaanee biyya goolessaa waan jiruuf yakka uummata biyyattii fi keessattuu Uummata Oromoo irratti raawwachaa jiruuf
seeratti dhiyaachuu qaba jechuun dhaamsa dabarsan. Sabboontootni barsiisotni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa filannoon Mootummaan EPRDF/TPLF maqaa dimookiraasiin dahatee gaggeessa jiru filannoo utuu hin ta’ii shororkeessummaadha, keessattu abbaan irrummaa fi jibbinsii guddaan Mootummaan kun Uummata Oromoof qabu ifatti kan ittin muldhatee fi mootummaa gara laafina tokko malee bara darbee irraa eegaluun ilmaan Oromoo gara jabeenyaan ajjeessaa, hidhaa fi barnoota irraa arii’achaa jiran waan ta’eef yakka ulfaataa uummata Oromoo irratti irra deddeebi’ee rawwatamaa jiruuf itti gaafatamaan mootummaa EPRDF/TPLF fi Mootummaa naannoo Oromiyaan bulcha jechaa jiru OPDO ta’uu gadi jabeessuun dhaamsa dabarasan.
Yeroo amma kanatti goototni Qeerroon barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa maqaa FDG narratti kaasuuf jedhuun yaaddoo hamaan qabamee humna waraanaa fi poolisii federaalaan Yuunibarsiitii Jimmaa eegaa jiraachuun ibsame.
Blog Archives
Godina Lixaa Shaggar AANAA MIDAA QANYII Dargaggoonni Oromoo Uummata Waliin Wal Tahuun Korojoo Filatnoo Buufata Adda Addaa Wayyaanee Dhorkatan.
Aside
Caamsaa 26,2015 Godina Lixaa Shaggar AANAA MIDAA QANYII Qeerroon dargaggootni Oromoo Uummata Oromoo waliin ta’uun FDG finiinsuunFalannoo fakkeessii wayyaanee fashaleessuun korojoo filatnoo buufata gara garaa irraa dhorkatan
Caamsaa 24,2015 guyyaa filannoo Wayyaanee AANAA’n MIDAA QANYII gara dirree waraanatti jijjiramte. Warraqsii FDGs haalan jabaatee itti fufuun Uummanni fi Qeerroowwan dargaggootni Oromoo wal ta’uun korojoo filannoo wayyaanee sagalee sobaan guutame ibiddaan barbadeesse, Waraannii wayyaanee fi poolisiin federaalaa wayyaanee gandoota baadiyaa aanichaa irra qubsiifamee, Uummatni Oromoo fi Qeerroon dargaggootni Oromoo Waraana wayyaanee irratti gaaffii mirga Abbaa biyyummaa finiinsan, Guyyaa har’aa Caamsaa 25/2015 FDG haalaan jabachuun kan itti fufe yoo ta’uu Uummatni fi Qeerroon dargaggootni Oromoo halkan daandiiwwaan konkolaataa gara gandoota baadiyyaatti geessuu bakkota hedduutti cufuun waraana Wayyaanee sochii dhorkatan. Waraanni Wayyaanees Uummata sodaachisuuf sagalee meeshaa gurguguddaa dhageesisuun kan itti fufe gaaffii uummataa karaa nagaan uummatni dheeffachaa jiruuf deebii waraana gochuun amala mootummaan abbaa irree qabuu fi jibbinsa sanyii Mootummaan Wayyaanee EPRDF/TPLF uummata Oromoof qabu ta’uun ibsame jira. Sochiin Warraaqsaa FDG haalaan jabaachuun walqabatee Uummatni Oromoo qotee bulaa, Qeerroon dargaggootni ,barattootni daldaltootni, barsiiftonni hojjettootni wajjiraalee garaagaraa keessa dalagan hojii dhaabuun gara FDGtti kan dabalamanii fi qooda gudduu warraaqsaa FDG irraa fudhachaa jiraachuun ibsame jira.
Mootummaan wayyaanee haalaan raafamee kufuuf jiruu FDG kana dura dhaabachuuf humna waraanaa guddaa AANAA MIDAA QANYII irraa keessattuu gandoota baadiyaa irra qabsiise jirachuu madden Qeerroo Bilisummaa Oromoo Baallaammii irraa gabaasan. Tarkaanfii diinummaa Waraannii wayyaanee kun uummata nagaan mirga isaaf falmatu irratti fudhateenis ilmaan Oromoo madaa’anii hospitalaa kan galani, fi ilmaan Oromoo 60 olitti lakka’aman humna waraanaan qabamuun hidhatti kan darbataman ta’uu maddii keenya ibsa jira.
Shaggar Kaabaa Keessatti Gaaffiin Mirgaa Itti Fufee Uummanni Karaa Cufuun Diddaa Jabeessaa Jira.
Aside
Caamsaa 26,2015 Gabaasa Qeerroo Fiichee
Godina Shaggar Kaabaa magaalota Fiichee, Caancoo,Sulultaa irraan daandiin kutu uummataan cufamee jira, Gabroomnee jiraachuudhaaf
gabroonfataan humnaan nu bituuf qawwee qajeelfatee ka’e wayyaaneen uummata keenya fixuudhaaf wayita karoorfatee ka’etti callisuun
waanjoo gabrummaa of irratti dheeressuudha jechuun filannooos deemne jijjiiramni jiru diina nurratti aangomse jechun FDG shaggar kaabaatti itti fufee jira, uummanni qe’ee isaa qabeenyaa isaa beela osoo hin jedhin erga filannoon kijibaa wayyaanee raawwatee asitti mootummaa Wayyaanee ofirraa fonqolchuu, bilisummaa gonfachuu abdii wal godhatee deggersa Qeerroo Bilisummaatiin Fincilli ka’ee itti fufee jira,
Magaala keessa jirutti uummanni daandiitti bahee iyyaa fi waamicha dabarsaa jiraachuu amma Qeerroon magaala Sulultaa irraa gabaasa.
Warraaqsi Bilisummaa Qeerroon Oromoo Godina Lixa Shaggar Aanaawwaa Godinichaa Garaagaraa Keessatti Jabaatee Itti Fufe.
Aside
Caamsaa 26,2015 Amboo
Godina Lixa Shaggar Aanaawwaa Godinichaa Garaagaraa Keessatti FDG Qeerroo Dargaggoota Oromoo ttiin jabaachuun Itti fufe, hoomaan waraana Wayyaanee gandoota baadiyaa keessa qubsiifame . AANAA MIDAA QANYII tti FDG dargaggoota Qeerroo barattoota
Oromoo fi Uummata Oromoon filannoo fakkeessii wayyaanee fashaleessuuf qabsiifame daran jabaachuun itti fufe Aanawwaan GOdinichaa humnda keessatti warraaqsii FDG jabachuun finiinaa jira. AANAA ILUU GALAAN IJAAJJII irrattis haaluma walfakkaatuun uummatni Oromoo fi Qeerroon dargaggootni Oromoo Warraaqsa FDG jabeessuun mootummaa abbaa irree filmaata fakkeessii fi kijibaan dhaadatu dura dhaabbatan, Mootummaan Abbaa irree Wayyaanees humna guddaa of harkaa qabu uummatarratti bobbaasuun rasaasaa Uummata meeshaa tokkoolee of harka hin qabnetti dhukaasuun ajjeesaa ,fi madeessaa jiraachuun ifa ta’ee jira.
Haala kanaan AANAA ILUU GALAAN ganda Xiixaa Gibee jedhamu irraa dargaggoon Oromoo tokko ajjeefamuun gabaafame jira.
1, Dargaggoon Tashoomee kan jedhamuu gandaa qotee bulaa Xiixaa Gibee irratti kan ajjeesan ta’uun ibsame jira. FDG qonnaan bultootaa fi
qargaggootni Oromoo qabsiisaniin bulchinsa gandaa to’achuun kanaan booda Mootummaan Abbaa irree Wayyaanee nu hin bulchitu jechuun
dhaadannoon uummata jabaate itti fufe, Mootummaan Wayyaanees kanatti rifatuu keessa seenuun ilmaan Oromoo dhukaasee ajjeessaa jira.
Warraaqsii FDG daran jabaachuun AANAA MEETTAA ROOBII ttis itti fufuun Qeerroon daragaggootni Oromoo fi Uummatni Oromoo AANAA MEETTAA ROOBII tokkummaadhaan Mootummaan wayyaanee akkuma amala isaa kanaan dura baretti waggaa shan shaniin baratti maqaa filannoo dharaatiin uummata keenyaa gowwomsuun dhaabbachuu qaba jechuun filmaataa waliin dhahaa wayyaanee balaaleffachuun FDG irraatti kaachisuu madden Qeerroo bilisummaa Oromoo gabaasan. Haaluma Kanaan sochii kana dhaabsisuuf MEETTAA ROOBII gandootaa fi magaaloota adda adaatti poolisiin federaalaa humnaa ol ramadamuun uummatni reebama jira. Keessattuu magaaloota kanneen akka Eelaa, Minaaree, Gooroo, Laga Roobii, Shinoo fi gandoota baadiyyaa keessatti uummatni waraana fi poolisii federaalaan wal dura dhaabbacha jira. Aanaawwaan Lixa Shaggar kanneen Akka Jalduu, Giincii, Gindabarat, Ejeree, keessattis haala walfakkaatuun mormiin uummata Wayyaanee irratti jabaachuun uummatni hanga mootummaa mataa keenyaa hundeeffannutti mootummaa abbaa irree jalatti hin bulluu jechuun murtii walitti dabarfachaa jiraachuun madden keenya gabaasan.
Godina Horroo Guduruu Wallaaggaatti Magaalaan Shaambuu Humna Waraana Poolisii Federaalaan Marfamte.
Aside
Caamsaa 25,2015 Shaambuu
Mootummaan abbaa irree Afaan qawween uummata bulchaa jiraachuu isaa ibsachuuf uummata karaa nagaa gaaffii mirgaa fi dimookiraatawaa ta’ee dhiyyeeffachuun mirga isaaf falmachaa jiru irra humna waraanaa qubsiisaa jira. Mootummaan Wayyaanee filannnoo waliin dhaa isaa irratti uummatni Waan dammaqeef, waan qabuu gadhiisuu fi waan ittin uummata gowwomsuu waan harkatti dhumeef FDG uummatni Oromoo irratti gaggeessa jiru irratti humna waraanaa bobbaasanii Uummata darara jira.
Maalaa Shaambuu, Aanaa Jimmaa Gannatii magaalaa Haratoo, Jaartee Jaardagaa magaalaa Aliiboo, Hamuruu, Jimmaa Raaree fi Fincaa’aa irra humni poolisii Federaalaa fi Agaaziin uummata irra qubsiifamee uummata goolaa jirachuun gabaafamera, AANAA JIMMAA GANNATI’ tti ilmaan Oromoo hidhamuun daraaraan ulfaata irra ga’aa jiru keessa :
1. Dargaggoo Nugusaa Biraanuu fi
2. Dargaggoo Tolaasaa Abbaa Garoo, kan kaassaatti argamaan ilmaan
Oromoo 10 wajjiraa Poolisii magaalaa haratootti hidhamanii dararamaa jiraachuun ibsame jira.
Wallagga Lixaa Aanaa Haaruu Magaala Jiituu/Guyii Keessatti Sagaleen Uummataa Filatame Nama Lamaan Gurgurame,Fincillis Ka’e
Aside
Caamsaa 25,2015 Gabaasa Qeerroo Haaruu
Filannoo Dhugaa Seenee Filanne Garuu Sagaleen Keenya Ni Gurgurame Jedhu Uummanni Wallaggaa Lixaa, Aanaa Haaruu Magaala Jiituu/Guyii. Gabaasa Qeerroo Magaala Guyii Irraa,Caamsaa 25/2015 Mootummaan abbaa biyyaa bulchu erga lafa jalee warra bilisummaa uummata oromoo dura dhaabbatan, maqaa Oromoo baatanii Oromoo irratti kan dhaabbatan aanjefatee booda filannoon baranaa filannoo diimokiraasii, mirga paartii barbaadu filatuu sagalee isaa mirkaneessuu, fi filannoo nagaan gaggeeffamuudha jedhee miidiyaadhaan gurra uummataa coolligsaa bahe, erga filannoon gahe nutis dhuguma filannoo diimokiraasiin keessatti dagaage seenee kaardii filannoo fudhannee filuuf hiriirre kunoo paartii haatahu jennee sagalee keenya laanne NI GURGURAME wallaggaa lixaa aanaa Haaruu magaala Guyii keessatti namoota lamaan:
- Zarihun Tamasgeen Tarfaasaa fi
- Abboomaa Magarsaatiin
Sagaleen keenya mootummaa wayyaaneetti gurgurame jechuudhaan uummanni fincila kaasee jira. namootni kun duris sabboonummaa Oromoo dura dhaabbatu, mirgi namaa isaan biratti akka yakkaatti ilaalamee mootii isaaniif gabaasa godhu, daaimmaan keenya oromummaa isaanii qabatanii guddatan diinaaf saaxiluuf kennuu irratti duulanii osoo hojjetanii
amma ammoo mootummaan filannoon kun kan diimokiraasii jedhee odeessinaan filatne garuu sagalee keenya nuuf taha jennee filannee turre wayyaaneetti gurgutan, itti bahi keenya kana akka hin taane ni beekna, filannoodhaan milkaahuun hafu Bilisummaan keenya FDGn kan milkii geessu hin hankaaktu jechuudhan uummanni jiraattotni aanaa Haruu keessatti fincila irra jira, namootni gurguddoon maanguddooliin poolisii mootumma wayyaaneen utuu doorsifamanii saa ammaa kana diddaa qabsiisanii jiru. Dhuguma FDGtu uummata oromoof bilisummaa fida!
Shaggar Kaabaa,Kuyyuu Irratti Maqaa Filannootiin Saamichi Mootummaadhan Gaggeeffame
Aside
Godina Shaggar kaabaa ona kuyyuu ganda darroo birbirsaatti qarshiin kuma soddomii shaniifi midhaan kumtaalli kudha jaha ummatarraa walitti qabame as buuteen isaa dhabame.Wayyaaneen guyyaa filannoo ummataaf affeerraan godhama jettee maallaqaa fi midhaan sassaabaa turte dhimma filannoo isheef oolfatte.Ummannis waadaa galameef gaafa dhabu wayyaanee irratti finciluun raafama keessa buusuun addeeffame.
Ummanni filannoon keessan soba hojiin keessan hunduu soba jechuun mormiiisaa dhageessifachuun Wayyaanee baarragsan. Maallaqakeenya midhaan keenyas nuuf deebisaa nuti isin hin barbaadnu jechuun Wayyaanee kokkee qabaa oolan. Ummanni nuti nyaata fi dhugaatii osoo hin taane bilisummaa barbaanna kanaafuu lammin nu dhaqqabaa jechaa jiru.
Wallagga Qelle,Godin aalee Biroo Dabalate e FDG Itti Fufeera
Aside
Qellem Aanaalee Garagaraa Keessatti FDG Kae, Uummanni Godinaalee Jimmaa, Iluu Abbaa Booraa, Wallagga Lixaa Keessaa FDGn Bilisummaa Gonfanna Jechuudhaan Kae. Gabaasa Qeerroo Amma Nu Gahe! Qellem,aanaalee garagaraa keessatti kanuma filannoo dhugaa hin taaneef reebicha namoota irra gaheef uummanni mootummaa wayyaanee balaaleffachuudhaan fincila kaasee jira. aanaalee kanneen akka Anfilloo, Sayyoo gandoota fi buufataalee filannoo garagaraatti fincilli kaeen namootni baayeen reebamuu fi hiehdmauun kaleessa irraa kaasee hanga haaatti itti fufe, uummanni gadi bahee mootummaan Wayanee silumayyuu hattuudha, uummanni osoo hin filatiin of filate aangoo irra hin jiraattu jechuudhaan nun bulchitu jechuun uummanni diddaa qabsiisee jira. Barattootni man barumsaa barachuu lagachuudhaan mootummaa wayyaanee baleellaffachuu mulisuudhaan diddaa kaasaa jiru magaalota Dambi Doolloo keesssa sababa sodaa kanaaf wayyaaneen humna waraana isaa qubachiise, aanaa Qeebbee, Canqaa fi Qaaqee keessattis hara Fincilli kaee jira. Mootummaan wayyaanee aangoo isaa irraaa buqqisuuf kadhaa hin deemnu, kaanee mirga keenya haa falmannu, FDG kaanee itti fufna jechuudhaan qonnaan bulaan, barataan wal kaasee jira, Barumsi kennamuun dhaabbateera, kan kennamus uummataan cufamaa jira,godina wallagga lixaa, Qellem, Jimmaa,Iluu Abba Booraa keessatti kn baratu barumsa dhaabee, kan hojjetu hojii isaa dhaabee, kan daldalus daldala dhaabee FDG wal hin cinnee itti fufuudhaan uummanni kutatee kaee jira, Maqaa filannootiin yeroo ammaa kana namootni hedduun hidhamaa jiru, reebamaas jiru kanas doaadhaaf boodatti osoo hin jedhin kan hidhame hidhaadhaa bahuun fincilaan kan milkaau tahuu wal hubachiisuudhaan hara ganama irraa kaasee Qellem aanaalee garagaraa keessatti FDG kaee jira.
Barattooti Oromoo Yuuniversitii Bulee Horaa,Filatnoo Kijibaa Mormuun Kaabinoota Wayyaanee Arihuun Korojoo Filatnoo Bittimsan.
Aside
Caamsaa 25,2015 Gabaasa Qeerroo
FDG Yuuniversitiilee keessatti jabaatee itti fufeera.Caamsaa 24,2015 akkuma gabaafame Bulee Horaa irratti sabboontoni Oromoo tarkaanfii hanga qaama mootummaa irratti fudhatuun fincila kaasan haala uummata boonsuun diddaan eegale waraana mootummaa bakka sochoosee korojoo sobaa wayyaanee ibiddaan gubuu fi ciruudhaan ergamtoota wayyaanee mooricha keessaa ariyanii baasan, mufii
guddaadhaan Wayyaaneen humni waraana isaa barattoota irratti dhukaasa akka banuu taasise,halkan edaa mooraan yuuniversitii Bulee Horaa dirre qabsoo taatee bulte, uummata keessaa FDG irratti kan hirmaatan barattoota waliin kan dhaabbatan uummata jiraattota naanno Yuuniversiti irrattis akkasuma dhukaasni baname rasaasni akka bokkaa uummataa fi barataa irrattis roobus keenya dhumiinsi baranuma
bilisummaanis baranuma jechaa dhaadannoo fi kutannoodhaan barattotni Yuuniversitii Bulee Horaa waraana mootummaa dura dhaabbatanii jiru.
Madda Walaabuu yuuniversitii keessattis barattootni kaleessa fincila kaasaniin filannoon isaanii lakkoofsa sagalee malee hafe, korojoon
isaaniis halkan edaa bakkka eegamu jeequmsa barattootni kaasaniin gatii dhabsiisan. Har’a namootni baayeen bakka garagara irraa
qabamanii fe’amaa jiru gara Finfinneetti, shawaa kabaa onoolta garagaraa keessatti halkan edaa mootummaa wayyaanee kana booda aangoo
irratti feenu jechuudhaan uummanni gadi bahee FDG kaasee jira daandiin garagaraas cufamanii jiru, tarkaanfiin hidhattootaa fi milishoota
gandaa irrattis uumataan fuhatamaa jira keessattuu aanaa Kuyyuu, Gabra Gurraachaa fi Sulultaa keessatti hidhattootni uummata waliin
dhaabbatee mirga isaa hin falmanne uummataan tarkaanfiin fudhatamaa jira,kaan hidhatootni uummata waliin dhaabbatanii mootummaa wayyaanee dura dhaabbataa fincila gaaffiin uummata oromoo haa kabajamu, ilannoo kijibaan hin gowomfamnu, bilisummaa barbaanna, gabummaan nugahu, saamamamuun haa dhaabbatu, nu gaheera nugaheera.. jechuudhaan uummata mirga isaa falmachuudhaaf rafee hin bulle, hanga ammaa FDG godina kana keessattis itti fufeetu jira.
Godina Bahaa Wallaggaa AANAA HAROO LIMMUUtti Uummatni Oromoo fi Qeerroon Bilisummaa Oromoo wal ta’uun Filannoo kijibaa Wayyaanee Irratti FDG dhoosuun waraana Wayyaanee Dura Dhaabbatan.Ilaamn Oromoo Nagaan Afur Rasaasaan Rukutaman
Aside
Caamsaa 25,2015 Godina Bahaa Wallaggaa AANAA HAROO LIMMUUtti Uummatni Oromoo fi Qeerroon Bilisummaa Oromoo wal ta’uun Filannoo kijibaa fi waliin dhahaa itti fakkeessii Wayyaanee irratti FDG dhoosuun waraana Wayyaanee Dura Dhaabbatan., ilaamn Oromoo nagaan afur rasaasaan wayyaaneetiin madeeffaman.
Godina Baha Wallaggaa AANAA HAROO LIMMUUtti FDG Qeerroon bilisummaa Oromoo uummata Oromoo waliin ta’uun filannoo kijibaa wayyaanee irratti finciluun Wayyaaneen abbaa Dimookiraasii sobaa,abbaa filannoo filannoo sobaa kan halkan dabballeen motuummaa Wayyaanee korojootti ofiin of filaa bulee hin barbaadnu, filannoo waliindhaa dura bilisummaan uummata Oromoo mirkanaa’ee walabummaan biyya keenyaa mirkanaa’ee mootummaa mataa keenyaa hundeeffachuu qabna jechuun uummatni fi dargaggootni Oromoo jechuun sochii warraaqsaa FDG jabeessuun mootummaa wayyaanee haalan Yaaddessuu maddeen Qeerroo bilisummaa Godina Wallaggaa Bahaa magaalaa Neqemtee irraa gabaasan.
Mootummaan abbaa irree wayyaanee sochii uummataa kanatti weeraruun waraanaa fi poolsoota federaalaa uummatatti gadhiisuun Uummataa nagaan karaa nagaa fi dimookiraasii mirga isaaf falmachaa jiruu irratti dhukaasuun ilmaan Oromoo nagaa shan rasasaan madeessuun ibsame jira. ilmaan Oromoo badii tokko malee HAROO LIMMUU irraa madeeffaman kunis:

