Godina Lixa Shaggar AANAA MIDAA QAANYII tti Waraannii Mootummaa Wayyaanee Uummata Nagaan Gaaffii Migaa Gaafachaa Jiru Irratti Dhukaasa Banuun Qotee Bulaan Oromoo Tokko Ajjeefame

Aside

10363612 227946110750005 4465321962516974306 n

Caamsaa 25/2015 Oromoo tokko ajjeefame. AANAA MIDAA QANYIItti uummatni Filannoo fakkeesii fi gowwomsaa Wayyaanee hin fudhannuu, korojoon wayyaanee dabballootaan itti guutamaa ture, filmaatichi akka walii galaatti umrii abbaa irree kan dheeressuu malee kan gabaabsuu mitii gaaffii mirga abbaa biyyummaa isin gaaffachaa jiruuf deebiin nuuf kennamuu qaba jechuun Qeerroon goototni barattootni Oromoo UUmmata waliin tauun karaa nagaa fi dimookiraasii utuu qabeenyaa fi mirga nama dhuunfaatti hin buiin mirgii keenyaa nuuf haa kabajamuu jechuun sagalee mormii waan dhageessisan qofaaf waranni wayyaanee dhukaasa irratti banuun ilmaan Oromoo nagaa rasaasaan reebee ajjeese jira. Kanneen rasaasaan reebaman keessa : . Obboo Giddiisaa Camadaa ganda Galaan Gumjee, kan ajjeefamee yoo tauu, qotee bulaan Oromoo mirga isaa kabachiifachuuf wareegama qaalii kanfalaa jira. mormiin uummataa haalaan jabaatee itti fufee jira.

Godinaalee Bahaa Wallaggaa fi Godina horroo Guduruu Wallaggaatti Uummatni Oromoo fi Qeerroon Dargaggootni Oromoo FDG Kaachisuun Filannoo Waliin Dhahaa Wayyaanee Dura Dhaabbachuun Falmachaa Jiru.

Aside

Caamsaa 25, Godinaalee Bahaa wallaggaa fi Godina horroo Guduruu Wallaggaatti Uummatni oromoo fi qeerroon dargaggootni Oromoo FDG kaachisuun filannoo Waliin dhahaa wayyaanee dura dhaabbachuun falmachaa jiru.
Godina Bahaa wallaggaa aanaawwaan: Siree, Waamaa Hagaloo , Billoo Boshee, Bonayyaa Boshee, Saasiggaa, Giyyaa Ayyaanaa, Giddaa Kiiramuu, fi Godina Horroo Guduruu Wallaggaa : Jimmaa Gannatii fi Haratoo, Jimmaa Raaree Waayyuu, Habaaboo Guduruu fi Daduu, Guduruu, Fincaaaa, Shaambuu, Hamuuruu, Jaartee Jaardagaa kanneen Jedhaman hunda irratti haala walfakkattuun uummatni filanoo waliin dhahaa Wayyaaneen mirgii keenyaa sarbamaa jira, Dimookiraasiin hin jiru, lafa dimookiraasiin hin jirreetti filannoon dharaa gaggeeffamuun gatii hin qabu jechuun uummatni mormii isaa buufata filannoo wayyaanee biratti argamuun dhageesisa jira. Keessattuu filannoon wayyaanee dabbalootaa fi kaadiroota isaatiin halkaan raawwate, korojoon wayyaanees ganamaan guutamee waan jiruuf uummatni Filannoo wayyaanee ni balaaleffannaa jechuun sagalee akka dhageesisuu eegaletti wayyaaneen loltoota itti bobbaasuun kan bittinneessa olte tauu madden keenya gabaasan. Bakkeewwan eeramaan hunda irraa taajjabduun sagalee kan paartii mormitoota KFO ganaamaan Ariiamuu fi kanneen reebamanii kaan immoo hidhamuun filannoon wayyaanee abbaan irrummaa gaafaa baasuu uummatatti argisiisee jira.
Yeoo amma kana Godinaalee Lamaan irratti guyyaa boruu FDG Qeerroo dargaggootaa Oromoo fi uummata Oromootiin nurraatti jabaachuu mala sababaa jedhuun humni Waraanaa gurguddaan kellaawwaan hundaa fi Gandoota baadiyyaa irraa qubsiifamaa jiraachuu madden keenya bakkoota lamaan irraa iyyuu gabaasan.

Gabaasa Filannoo Kijibaa Caamsaa 24/2015 Gaggeeffame Godinaa fi Yuuniversitii Garagaraa Irraa.

Aside

QeerrooFilannoo Mootummaa Wayyaanee Har’a Caamsaa 24/2015 Ilaalchisuudhaan Akkaataa Adeemsa Filinnichaa, Farra Kijiba Filannoo Ta’uun Sochii Taasifame fi Mootummichis Filannicha Sobaan Milkeessuuf Shira Xaxe.

  1. Filannoo kana milkeessuudhaaf mootummaan wayyaanee daba garagaraa qopheessaa bahe, naannoo itti milkaahee tokkollee hin qabu, filannoon silas kanuma isa filuuf qophaayeedha biyyicha keessatti kanumaanuu har’a oromiyaa keessatti filanoon gaggeeffame gara FDGtti jijjiiramee oole, mootummaan wayyaanee kana dursee waan beekuuf humni waraanaa naannoo biraa irraa kaafamee dhufee dachee oromiyaa uummata oromoo gidduu diriirfatee oole, dabaa fi shira xaxetti dabalataan humni waraanaa bobbaafamuu fi filannichuma sagalee isaa olkaasuuf waa hedduutti fayadame tokko namoota jaamaa,dadhaboo ta’an kaardii filannoo irraa fuudhee ofiin filuu, lammata baadiyaalee keessatti uummata doorsisuudhaan kaardii humnaan irraa fuudhanii of filuu fakkeenyi kanaa Harargee keessa, kan kaardii dhorkate ciree gate, dhugaadha erga isa hin fayyannee ciree gatuu qaba,kaan ammoo taajjabdoota kan ta’an walakkaa guyya buufata filannoo keessaa ariyuudhaan akka fedhanitti waan fedhan guuttachuu fakkeenyatti kan fudhatamu Qellem aanaa Anfilloo ganda Dollaa jedhamu keessatti kan raawwateedha. Sadaffaan qonnaan bulaa baadiyaa keessaa kaleessa irraa kaasuudhaan caasaan mootummaaf dhaabbatee hojjetu sun maal filatta kanniisa yoo filte tajaajila addaa mootumma irraa argatta, misoomni ni ariifata, maatiikeetti nagaa argatta, hojiin siif kennama,…. Waa hedduu ittiin jechuun gowomsuu, naannoo sodaan jirutti doorsisuma tikaan,waraanaan kaan qabanii hidhuun sa’a muraasaaf tursiisuu irratti bobbahanii hojjetaa bahan kun akeekni filannoo jedhamu sun gara FDGtti jijjiirame diddaa ka’een godina shawaa lixaa Gindabarat keessatti dhukaasni hanga uummata irrattid huka’uu deemsisu, FDG isin hin fillu jechuudhaan fuula isaanii duratti kaardii ciranii gatuu fi mootummicha arrabsuun xiqqeessuu,dhaadannoo garagara dhageessisuu Lixa shawaa aanalee garagaraa, Qellem Anfilloo aanaalee garagaraa, Finfinnee fi Godina addaa, shawaa bahaa, wallagga lixaa fi dhaabbilee barnootaa keessatti itti filannoon mootummaan wayyaanee gara duddaatti jijjiirame miseensotni paartilee mormitootaas kan nu baasu diddaa gaggeessuudha jechuudhan keessattuu naannoo Iluu A/Booraa fi Jimmaa aanaalee adda addaa keessatti taajjabdootni dhiisanii bahuudhaan fincila kaasuun Filannoodhuma kijibaa kanayyuu itti milkaahuuf shirri mootummaas isa hin baasne uummanni ammas kan furmaata tahu FDG tahuu hubatee godinaalee adda addaa keessatti fincilli finiinaa jira. kun akkaataa adeemsa filannoo wayyaaneen itti gaggeeffatee fi shirri inni xaxes isa milkeessuu dadhabee uummata gara fincilaatti kaasuu walii galatti gabaasota bakkeewwan olii xuqaman irraa nu gahe ibsuudha. Guutummaa Gabaasa Kanaaf:-  Filannoo Har’aa

Caamsaa 24/2015 Godina Lixa Shaggar AANAA MIDAA QANYIItti Warannii Wayyaanee Uummata Nagaa Irratti Dhukaasa Baneen Barataan Baqqalaa Hulluuqaa kutaa 10ffaa Baratu Rukutame.

Aside

Guyyaa har’aa ganama barii lafaa irraa eegaluun qeerroowwan dargaggootni oromoo fi uummatni Oromoo walta’uun dimookiraasiin jira jechaa qawween nu ajjeesaa jirtuu, korojoo ofiin saamaa fi utuu uummatni ba’ee hin filatiin dursitanii itti guutaa jirtuu, biyya bilisummaan, dimookiraasii fi mirgi ilma namaa hin kabajamnetti filannoo dimookiraatawaa gaggeessuun sobadha jedhuun warraaqsa FDG dhoosuun waraana wayyaanee fi milishoota wayyaanee korojoo saamuun fiiga jiran waliin kan waldhansoo qabuu eegalee sochiin Qeerroo Bilisummaa Oromoo fi uummata Oromoo daran jabaachuun mootummaa wayyaanee raasee qabuun filmaatichi fashalaa’ee battalumatti dhaabbatee jira. Waranni Wayyaanees Sochiin uummataa hin eegamne waan isa mudateef battalumatti dhukaasa irratti banuun barataan oromoo tokko rasasa wayyaaneen rukutamee jiraachuun ibsamee jira.barataan kunis :
1. barataa Baqqalaa Hulluuqaa barataa kutaa 10ffaa yeroo amma kana rasaasa waraana wayyaanee irra uummatatti dhukaafamaa jiruun rukutamee du’aa fi jireenya gidduu jirachuu maddeen Qeerroo Bilisummaa Oromoo Aanaa Midaa Qanyii baallammii irra gabaasa jiru, barattan kun waraanaaf batalatti illee mana yaalaa utuu hin qaqqabii kan jiruu ta’uu maddee dabalanii gabaasa jiru.

Breaking News: Godina Lixaa Shaggaritti AANAA MIDAA QANYII’ tti uummatni Oromoo FDG dhoosuun Filannoo Waliin Dhahaa fi Fakkeessii Wayyaanee EPRDF/TPLF Fashaleesse,Adeemsi Filannoo Wayyaanees Addaan Cituu Qeerroon Gabaase.

Aside

Caamsaa 24,2015Midaaqenyii

diddaa9Goototni Qeerroon dargaggootni Oromoo uummata waliin ta’uun filannoon kun filannoo umrii garbummaa dheeressuu malee filannoo biyyaafis, Oromoo fi Oromiyaafis furmaata qabu miti jechuun dura dhaabbachaa kan turan yoo ta’uu guyyaa hardhaa kana wayita Filannoon gaggeeffammaa jirutti AANAA MIDAA QANYII bufatalee Ffilannoo hunda irratti milishootni Wayyaanee korojoo butachuun wayita fiigaa jiranitti uummatni iyya guddaa kaasuun waldaksee dabballoota wayyaanee meshaa waraanaa hidhatanii korojoo fudhatanii fiigaa jiran irratti UUmmatni FDG guddaa kaachisuun Adeemsii filannoo Wayyaanee dhaabbatee yeroo amma kana guutummaatti FDG Uummataa fi qeerroo dargaggoota Oromoon jabaatee finiinaa jira. Waraannii wayyaanee AANAA MIDAA QANYII irra qubsiifamee jiruu meeshalee gurguddaa uummata rifaasisuu danda’u dhukaasaa jiraachuu madden QEERROO BILISUMMAA OROMOO Baallammii irraa gabaasan.

QEERROON BILISUMMAA OROMOO uummata isaa kaafatee  dhaadannoo jabaa dhageessisa jira . uummatni gamtaan walta’ee dimookiraasiin hin jiruu, Filannoon hin jiru,gaaffiin mirga abbaa biyyummaa kabajamuu qaba, Referendum, Dimookiraasii barbaadna,   abbaan irree nu hin bulchu, wayyaanee jalatti hin bullu jechuun hiriiraan dhaadannoo dhageesisaa jira. Filannoon Wayyaanees Guutummaatti AANAA MIDAA QANYII irratti dhaabbate jira. Waraabbii sagalee dhaadannoo uummata akka nu qaqqabeen isin qaqqabsifna.

Caamsaa 24/2015 Mooraan Yuunibarsiitii Jimmaa, Mattuu, Wallaggaa, Amboo, fi Dirree Dawaa addatti humni waraanaa guddaan itti seenee jira.

Aside

Caamsaa 24/2015 Gabaasa Qeerroo Jimmaa,

img101861

Jimmaa

Qeerroon Bilisummaa Oromoo barruulee warraaqsaa belbetuu qabxiiwwaan armaan gadii of irraa qabduu Mooraalee Yuunibarsiitii biyyaatti hundarra facaasuun mootummaa Wayyaanee raafama guddaa keessa galche jira. waraanni wayyaanees bifa lamaan mooraa Yuunibarsiitii seenaa jira, inni tokko uffata sivilii uffachuun, inni lammaffaa immoo hidhannoodhan, barruulee qeerroon facaasaa jiruu adamsuufis lafa waranni kun hin seeniin hin jiru, qabxiiwwaan barruu qeerroo irra jiru muraasni isaa: 1. Dimookiraasiin hin jiru, filannoon hin jiru (No Democracy in Ethiopia and no fair and free election in Ethiopia)
2. Gaaffii mirga abbaa biyyummaa uummata Oromoof deebiin kennamuu qaba.
3. Ilmaan Oromoo jumlaan hidhaman gaaffii tokko malee hiikamuu qabu.
4. Mootummaan Ce’umsaa hundeeffamee, filmaanni demookiraatawaa ta’ee fi haqaa fi bilisa irratti hundaa’ee akka gaggeeffamu jabeessinee gaafatna.
5. Nuti Qeerroon dargaggootni barattootni Oromoo bilisummaa fi dimookiraasii barbaadna, hanga Oromoon bilisoomuu fi Oromiyaan Walaboomtutti FDG jabaatee itti fufa.
6. Waranni nagaa biyyaa,fi daangaa biyyaa eeguuf ijaarame malee dhaaba siyaasaa tokkitti EPRDF/TPLF eeguuf hundeeffame diigamuu qaba.
7. Humni waraanaa Mooraa Yuunibarsiitii seenee barattoota gooluun yakka. waraannii uummata keenya irra qubsiifame kaafamuu qaba, barruun jedhuu mooraalee dhaabbilee barnootatti raamsuun wal qabatee wayyaaneen lafa seentuu dhabuun humna waraanaa guddaa mooraalee Yuunibarsiitiitti ol seensisuuf dirqamtee jiraachuun gabaafame.. gabaasaan itti fufa!!

Breaking News: Camsaa 24/2015 Godinaalee Lixa Shaggari Aanawwaan  Garaagaraa Keessatti Uummatni Waliin dha’insa Filalloo fakkeessii  Wayyaanee Balaaleeffachuun FDG finiinse, Waranni Wayyaanees Uummata Irratti dhukaasa Bane.

Aside

Caamsaa 24,2015 Gabaasa Qeerroo Lixa Shaggar
 diddaa9Godina Lixaa Shaggar aanaa Baakkoo Tibbeetti Filannoon Wayyaanee Caamsaa 23/2015 halkan sa’aa 8:30 irraa eegaluun dabballootni wayyaanee ofiin of filuun  korojoo isaanitti guuttachuun walqabatee har’a ganama uummatni Oromoo Aanaa Baakkoo Tibbee buufataalee Filannoo aanichaa hundarratti ololli sobaa maqaa filannoo sobaan gurra nu duuchaa baataan nurraa dhaabbachuu qaba, Dimookiraasiin hin jiruu, filannoon gaggeeffamaa jiruu, bilisaa fi haqa qabeessa mitii, dhugaa irraa kan fagaatedha, jechuun uummatni sagalee mormii guddaa dhageesisuun filmaata wayyaanee fashaleesse jira. waranni wayyaanee sochii uummataa kana dhaabsisuuf uummata irratti akkuma amala isaanii dhukaasa banuun gabaafame.
Haaluma walfakkaatuun Aanaawwaan akka Iluu Galaan, Calliyaa, Midaa Qanyii, Daannoo, Xiiqur Incinnii, Tokkee Kuttaayee, Jalduu, Meettaa  Roobii, Giincii fi Dandiitti filannoon wayyaanee halkan kan gaggeeffamaa bulee ta’uu maddeen keenya ibsuun Fincilli uummmmataa jabaatee itti fufee jiraachuu addeessan, yeroo amma kanatti uummatni fi waraannii wayyaanee wal jala dhaabbatee jira. Sagalee eegduun(Taajjabduun) paartii KFO bakka buufata filannootti ramadamanii waraanaan reebamanii hidhaman, baay’een isaanii immoo nannoo sana irraa reebamani arii’ataman. Baadiyyaan Aanota Godina Lixa Shaggari dirree waraanaa fakkaata, uummaatni diddaa isaa bakka hundattii iyyuu itti fufe jiraachuu ibsan maddeen keenya amma ganama kana bakkeewwan hunda irraa iyyuu qunnama jirru.

SBO Caamsaa 24,2015. Oduu, filannoo wayyaanee irratti gaaffii fi deebii fi qophiilee fakkaatoo

Aside

Wallagga Lixaatti Uummanni Oromiyaa Miidiyaa Neetworkii (OMN),SBO fi Raadiyoon Oromoo Akka Hin Dhaggeeffanne Dhorkame.

Aside

Gabaasa Qeerroo Wallagga, Gullisoo Irraa Caamsaa 23,2015
OMNMootummaan Wayyaanee yeroo ammaa waan hoji isaa saaxilu, rakkoo uummanni Oromoo keessa jiru miidiyaa addunyaatti dhageesisu gufuu tahuuf shira xaxuuf halkanii guyyaa kan duulu,mootummaan Wayyaanee of tuulaa fi shororkaa’aan uummanni Oromoo Wallagga keessa jiraatu mana mana irraa deemuudhaan miidiyaa OMN,SBO fi Raadiyoon Oromoo  akka hin dhaggeeffanne har’a Caamsaa 23,2015 dhorkuu Qeerroon Wallagga,Aanaa Gullisoo irraa gabaase.

Gabaasni Qeerroo akka addeessutti caasaaleen mootummaa Wayyaaneef amanamoo ta’anii ergama Wayyanee baatanii gandaa fi uummata keessa jooraan wayyaanee barri itti dhufe yeroon itti geesse aangoo isaa irraa yoo bu’e bor waan nyaatan dhabanii bor uummatuma Oromootti kan hafan har’a uummata Oromoo irra deemanii diinummaa kan hojjetanii fi waan mootumman Wayyaanee hojii irra oolchaa jechuudhaan dirqamsiisu
hunda uummata Oromoo goolaa keessa bahee amma ammoo sodaaf kan ta’e miidiyaa kanneen akka OMN,SBO fi RSO xiyyeeffannoo guddaa itti kennuudhaan ummmanni  akka hin dhaggeeffanne jechuun caasaan mootummaaf amanamoo ta’an mana uummataa irraa deemuudhaan akeekkachiisa kennaa kan oolan tahuu gabaasni addeessa.

Keessattuu uummata jiraattota  Wallaggaa magaalotni Gimbii,Najjoo, Gullisoo, Noolee keessatti miidiyaa kana namni kamuu akka hin hordofneef mootummaan dhaamsaa dhaamuu fi uummannis akeekkachiisa mootummaan wayyaanee kenne aarii fi mufii
guddaan itti dhagayame, namotni akeekkachisa mootummaan Wayyaanee dirqamaan itti kenne kana galmaan gahuuf duulan uummata naannoo aana Nooleen ariyaman, uummannis nuti isin hin beeknu miidiyaa nuuf tahu hordofuun mirga keenya mootummaa waan galchu hin qabu jechuun ergamoota diinaaf hojjetan qaaneessuun of ariiyuu gabaasni Qeerroo nugahe addeessa.

Badiyyyaa Keessa Daandiin Konkolaataa Mijataa Waan Hin Taaneef Deemsa Sochii Bakkaa Bakkaa Ariitiif Dhimma Filannoof Daldaltoota Dhok-dhokkee(Motor Saayikilii) Qaban Dirqamaan Akka Mootummaa Tajaajilan Tahaa Jira.

Aside

Odeessa Qeerroo,Caamsaa 23,2015
Naqamte gazFilannoon hiika hin taane, filannoon dhugaan keessa hin jirre, kan maqaan diimokiraasii keessi isaa hannaan guutuu ta’e filannoo uummata Oromoo gabrummaatti hambisu malee dheebuu fi qabsoon oromoo rarraasee hambisu irratti daldaltoota gandaa godinatti taajjabdoota gaggeessuuf kanneen dhok-dhokkee qaban dirqisisan, isaaniis nuti dhuunfaaf malee mootummaadhaaf miti kan dhaabbane jechuun didan, mootummaan Wayyaanee namni ajaja isaa didu kamuu isaaf diina qabeenya isaanii kan dhorkatan diinummaadhaan hidhaman.

Oromiyaa naannoo Shaggar kaabaa, baha Shaggar, Wallaggaa, lixa shawaa baadiyaalee keessa jiran Filannoon mirga uummata Oromoo yoomiyyuu kabachiisee hin beeku, kanaaf qabeenyaan keenya mootummaa diina uummata oromoo tajaajiluu hin qabu, kana nurraa hin eegina jedhanii qaanessan kanneen miseensota isaanii ta’anif gargaarsa kanaaf waadaa seenan, sababuma qabeenyaa isaaniin mootummaa tajaajiluu didaniifis qabamanii hidhaman kunis gabaasni isaa godina Wallagga Qellem irraa,akkasuma shawaa kabaa naannoo Kuyyuu irraa namootni hidhaman jiraachuu Qeerroon gabaase. Dabalataan lixa Wallaggaa aanaa Ayiraa keessaa namootni lama filannoon mootumma akka hin gaggeeffamneef uummata gorsan, adda durummaadhaan guyyaa boruu fincila kaasuuf deemu jechuun tika mootummaa command post fi bulchiinsa aanichaan hordofamuu irraan namootni kun lamaan miliqanii biyyaa bahuu gabaasni addeessa. Namootni kunis Baacaa Shuglee fi Ittaansaa Gizawuu kan jedhamaniidha.
Tika mootummaatiin hordofamaa akka jiran odeessi nugahe kan addeesuu fi magaalaan Ayiraa fi Gullisoo humna waraana wayyaaneen qabamee
jiraachuu Qeerroon gabaasa. Uummanis waraanni nu keessaa haa bahu mootummaan waraanaan maaliif nu doorsisa jechuun uummanni wallagga
lixaa Ayira Gullisoo fincila kaasee jiraachuu Qeerroon gabaasaa jira.