World Premiere | Seenaa Solomoon’s Single Oromo Music: “AKKAMIIN DIINA GOMBISU?!”

Aside

https://soundcloud.com/gadaa-oromo-radio/seenaa-solomoon-akkamiin-diina-gombisuu-oromo-music

Mootummaan Wayyaanee Dargaggoota Oromoo Baadiyyaa Jiraatan Dirqiin Waraana Isaatti Akka Dabalamaniif Qajeelcha Kenne.

Aside

Waxabajjii 14,2015

10156115_487899351374405_2097309580583210508_nWayyaaneen dargaggoo baruumsa xummuuran maallaqaa fi ogummaa barattuu gara hoomaa adda waraanaa deemaa jechuun ganda baadiyyaa keessa naanna’uun olola afarsaa jira. Yeroo ammaa kana dargaggoon Oromoo fincila fi diddaa gabrummaa kaasaa jira sababaa jedhuun gara adda waraanaatti akka deemaniif beeksa baasuun dirqisiisaa jiraachuu gabaasi Qeerroo addeessa.

Haala kanaan gandoota Godina Shaggar Aanaa Sulultaa hunda keessaa dargaggoo adamsuunii fi  maallaqaan goyyoomsuun gara adda waraana Wayyaaneetti akka makaman gochaa jiru.Qondaalonni Wayyaanee gartuu nama sadii sadiin gandoota baadiyyaa maratti bobbaa’uun dargaggoota dirqisiisuu fi maallaqaanis sossobuun gara Waraana Wayyaaneetti galmaawanii deemsisuuf qophii godhaa jiraachuu fi beeksisa dhimma kanaas baasanii akka jiran beekama.

Sagalee QEERROO Bilisummaa Qophii Waxabajjii 13, 2015

Aside

Barattooti Oromoo Yuuniversitii Jimmaa Eebba Ebbifamtootaa Irratti Qophii Addaa Taasisuun Qabsoo Bilisummaa Oromoo Faarsan.

Aside

DIDDAA 2Waxabajjii 13/2015 Goototni barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa eebba eebbifamtoota barattoota Oromoo ilaalchisuun qophii addaa qopheeffachuun qabsoo Bilisummaa Oromoo hangagalii isaaga’utti kutannoo fi muratnoon garboonfataa maksuuf kan hojjetan ta’uu waadaa isaanii haroomsan.

Goototni barattootni Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa qophii bifa addata’een mooraa Saayinsii fi Teekinooloojii keessatti qopheeffachuun walaloolee warraaqsaa fi sirboota warraaqsaa garaagaraa dhageesisuun diina uummata  Oromoo kan rifaasisanii fi Oromummaa, Eenyummaa fi mirga abbaa biyyummaa isaaniif falmachuuf yoomiyyuu duubatti kan hindeebine ta’uu sagantaa kana irratti ifatti beeksifatan. Goototni barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa human waraanaa fi humnoota tikaa Wayyaaneen eeggichaan hamaan irratti gaggeeffamaa kan jiruu fi ture yoo ta’uu, Oromoo taanee jiraachuu fi mirgaOromoon qabu sarbamee jiruu fi bilisummaa keenyaaf falmachuuf eenyu iyyuu nu daangessuu hindanda’u jechuun murtii isaanii dabarfatan.

Goototni Barattootni Oromoo qophii kana irratti walleewwaanii fi walaloolee waraaqsaan qabsoo bilisummaa Oromoo faarsuun addatti qophii isaanii kan miidhakfatan yoota’uu, haalli aangoo walirraa fudhinsaa(Baalli walitti dabarsuu) Gumii guddina aadaa seenaa dagaagina Afaan Oromoo gidduutti gaggeeffamera. Yeroo amma kanatti akka biyyattiitti gumiiwwaan Afaan Oromoo dhaabbilee barnoota ol aanoo keessa jiran keessatti mootummaa abbaa irree Wayyaaneetiin dirqisifamee wayita cufamee jiruutti, garuu gamtaa fi tokkummaan barattoota Oromoo haalan jabachuu fi barattootni Oromoo Yuuniversiitii Jimmaa waan kamiyyuu dursa eenyummaa Oromummaa isaanii irratti wareegama kamuu baasuuf qophii ta’uu isaanii irraan gumii Afaan Oromoo mooraa Yuuniversiitii Jimmaa keessatti dandamachiisuun akka lubbuun jiraatu gochuu danda’aniru.

Qophiin addaa Eebba eebifamtoota Barattoota Orompoo dhaabbilee barnoota olaanoo kunis akeekaa fi kayyoo guddaan yeroo amma kana dhaabbilee barnoota Oromiyaa Yuuniversiitota kanneen akka Wallaggaa, Amboo, Adaamaa, Finfinnee, Haramayyaa, Dirree Dawaa, Mattuutti itti fufinsaan gaggeeffama jira. Qophii addaa Yuuniversiitii Jimmatti qopha’ee amma illee itti fufinsaan adeemsifama jiru kun Eebbaman guddootaa fi sirboota warraaqsaa fi Walaloolee qabsoo bilisummaa Oromootti nama akeekuu fi Qabsoo bilisummaa Oromoo faarsuun egaalamee kana waraabbii sagalee fi vedio of harkaa waan qabnuuf akka rakkoon network furmata argatutti kan isin qaqqabsifnu ta’a, hangasitti eebbaa Manguddootaa fi walaloolee warraaqsaa isiniif dhaamnee jirra.

 

Odeessa Sagalee Qeerroo Bilisummaa

Aside

Waxabajjii 14,2015
image-63b4e402449dd50b58c13b4a413c0254db73f8a4b70dfcacb88e7a7fff0f7211-VMootummaan oftuultuun abbaan irree wayyaanee, “otoo dhirsa hin argiin siree… akkuma jedhan barri bittaa aangoo ishii itti fufuu isaa otooma hin mirkaneeffatiin bajeeta bara dhufuu ramdachuu jalqabdee jirti. Haata’u malee karaa ergamaa ishee Suufiyaan Ahimad Paarlaamaa mana maree federeeshinii wayyaanotaan guutameef dhiheessee jira.

Akka buchullichi wayyaanee Suufiyaan Ahimad Jedhutti bara itti aanuuf baajatni wayyaanee barbaachisu qarshii Biiliyoona 223.4 yoo ta’u isa kana keessaa Qarshii Biiliyoona 38fi Miiliyoona 693tii ol Gargaarsaan kadhaatiin biyyoota dureyyii irraa argachuuf karoora baafataniiru. Kun kanaan otoo jiruu akka isaan karoorfatanitti otoo qarshii Biiliyoona 38tii ol isaan kadhaa irraa arganna jedhan otooniif argatan illee, Qarshii Biiliyoona 27 tii ol ammoo bakkuma fidanii guutan  kan hin qabne ykn hindandeenye hir’inni baajataa isaan mudachhuun irra gahameera.

Paartiileen siyaasaa mormitootaa otoo irratti hin hirmaatiin paarlaamaa wayyaanonni qofti itti guutaniin muummicha ministeera Wayyaaneen kan paarlaamaa wayyaaneef dhihaatee sagalee  guutuun filatamee taayitaan mirkanaa’eef Boordiin filannoo Itooppiyaa distii-mukaa ibiddarra taa’uufi taayitaa tokkollee hin qabu kan jedhan mormitoonni paartiilee siyaasaa bakka daldaltoonni hin jirretti ministeera Daldaltootaa dhaabuun gatii hin qabu. Bakka demokiraasummaan, haqaqabeessummaan hin jirrettis filmaanni gatii hin qabu jedhaniiru.

Keessaafuu, abbaa dhimmaa kan ta’e uummatichi bal’aan anaan maaltu nadhibe jedhee qarqara dhaabbatee ilaaluu dhiisee addattimmoo dargaggoonni gaafatammumaasaanii bahuu akka qaban cimsanii akeekkachiisaniiru.

Hayyootiin gurguddoon kanneen akka Dr. Mararaa Guddinaa, Filmaanni akkasii jaarraa 21ffaa keessa haaturuutii baroota Ariistootilfaallee seenaa addunyaa keessatti takkaa argamee; dhagahamee hin beeku jechuun isaanii niyaadatama.

Godina addaa Naannoo Finfinnee Aanaa Buraayyuu …….Ganda Noonnoo/Ashawaa Meedaa/ jedhamuun beekamutti Wayyaanonni qonnaan bultoota abbaa warraa 155 ol ta’an laf qonnaa isaanii irraa buqqisuun investerootatti gurgurachuun isii beekame.

Qonnaan bultoonni kunneen hanga muummicha ministeeraatti koree isaan bakka bu’u ijjaarratanii yoo iyyatan illee namni abbaa kanaa isaan jedhu dhabameera. Kun kanaan otoo jiruu mataa isaaniifi ilmaan isaaniif illee mana jireenyaa irratti ijaaruuf haayyama dhabaniiru. Aanaa kana keessatti dhimma kamuu fixachiifachuuf qonnaan bultoonni matta’aa akka gaafataman beekamaadha. Manuma jireenyaa mataa isaaniitiin keessa jiraaytaniif illee kaartaa baafachuuf kan seeraan gaafataman malee seeraan ala qarshii kuma 60 hanga 70 akka gaafataman hadhaayanii ibsachaa jiru.

Godinoota addaa Naannawa Finfinnee keessatti wayyaaneen duula human elektirikaan gaggeessaa jirti! Filmaata kana irratti godinoonni Oromiyaa kun wayyaanee filatuu dhabuun paartii Madirak filachuu isaatiin kan aarani warri wayyaanee human elektirikaa humnaa ol gadlakkisuun manneen godinoota kana keessatti argaman meeshaaleen elektirooniksii kanneen akka televizyinaa, firiijaa, teeppii, raadiyoonaa, kompiiyuteraa, ampoolifii kk fakkaatan akka jirutti gubachuun isaa mirkanaa’eera.

Amma duras uummata kana aarsuun akka magaalaa Finfinnee jala galan gochuuf yaalaa kan turan yoo ta’u inni ammaa kun garuu kasaaraa hedduu namoota irraan kan ga’e ta’uu jiraattonni dubbachaa jiru. Kun kanaan otoo jiruu hangamillee uummanni filmaata irratti yoo paartii Madirak Filate illaa, warri wayyaanee shiraafi humnaan sagalee uummataa akkuma dur baranitti saamanii kan fusdhatan ta’uunis hubatameera.

BORU HIN BEEKNEEN, QADABUKOONSHEE LAMA!  Odeessa Sagalee Qeerroo Bilisummaa

Godina Addaa Buraayyuu Keessatti Uummatni Diddaa Sirna EPRDF Jabeessanii Itti Fufuu Irraan Namoonni 200 Sirnaan Ala Hidhamuun Beekame

Aside

Because I am OromoWaxabajii 12,2015  FDG bakka addaa Kattaa jedhamutti diddaan ka’e. humni waraanaa fi poolisiin Wayyaanee uummata miidhuuf ergame uummataan ariyame. Filannoo kijibaa asitti godina addaa Buraayyuu qofa keessatti hanga ammaa guyyuudhaan namootni qabamanii hidhamaa jiran hanga nama 200 olii tahuu hubatame.
Waxabajii 12/2015 diddaan Buraayyuutti uummataan eegale kun galgala keessa sa’a 11 booda yoo tahu qonnaan bulaan, barataan hojjetaan dhuunfaa sababa gahaa hin taaneef hidhamuun, Wayyaaneen hanga yoomitti nurra taa’ee maatii keenya diigaa jiraata? Maaliif rakkkoo keenya ibsachuuf jennee hidhamna kan jedhu ture. Akkasuma barattoota sabboontota Oromoo Buraayyuu irraa gara mana hidhaatti darbuuf kiyyoo isaanii keessa galchuf utuu eeggatanii uummatni irra dammaqe, guyyaa kana galgala kana uummataan dhagaan waraana Wayyaanee irratti darbatame humnis dabalamu diddaan uummataa jabaachu irraan waraanni naannichatti argame uummata baqatee bahuu Qeerroon gabaase. Maqaa filannootiin Wayyaaneen nama hiraarsuu fi hidhuun ammas kan itti fufe yoo tahellee FDG tasgabbeessuuf jehee, hidhaan tarii kana hambisuuf sababa ta’a kan jedhuun ilmaan Oromoo hidhuun suusii mootummaa Wayyaanee ta’ee itti fufe. Kunis hiika hin taane hidhamuun nuuf haaraa miti jechaa uummanni oromoo lafa jiruu ol ka’ee diddaa jabeeffateera. Waraana wayyaanee kanneen FDG hin deggerree fi dura dhaabbatan irratti uummanni diddaa sirnichaa jabaa fudhatuunis eegalee jira. FDG har’as godinaalee addaa Buraayyuu dabalatee jabaateera.

Gabaasi Qeerroo akka addeessutti, hanga ammaa diddaa qindeessitaniittu sababaa jedhuun aadda durummaan kanneen hidhamanii jiran keessaa namoonni Addee Boontuu Raagaa fi  Obbo Warquu Ejjetaa warri jedhaman keessa jiru.

Oromo Voice Radio (OVR) Broadcasts- 13 June 2015

Aside

Wallagga,Qeellam Aanaa Daallee Waabaraa Keesstti Uummanni Loltoota Wayyaanee Uummata Goolan Dura Dhaabbachuun Karaa Cufuun Diddaa Muldhise.‏

Aside

diddaa9Gabaasa Qeerroo Waxabajjii 13,2015, Qellem Dambi Dolloo aanaa Daallee Waabaratti daandii ganda keessa deemu konkolaataa kan dhiyoo hojjetame jechuun waggaa kan hin guunne tokko bitta mootummichaaf daandii konkolaata mijeessuun yoo uummanni fincila kaase haguuguuf mijatuuf hojjetamee fi lammaffaan uummata gowomsuu misooma ykn guddina biyyaa daandii fi ibsaa isinii galchine kan jedhu saniin kan hojjetamee fi erga hojjetamee boodaa kaasuun hanga ammaa daandiin bahe kan uummata tajaajilu ta’uu hafee waraana mootummaa Wayyaanee hakanii guyyaa kan guuruu fi warraannis uummata naannichaa kan ittiin doorsisu ta’uu irraan uummanni haala kana dura waan dhaabbataniif daandii kana irratti waraanni bobba’ee uumata doorsisu haa dhaabbatu jennaan waan dabballoonni mootummaa didaniif jecha karaan kun bakka 10 n olitti uummanni muka jigsuun diddaa mootummaa irraa qaban muldhisaa jirachuu gabaasi nu gahe addeessa.

 

SBO Waxabajjii 14,2015. Oduu fi Waggaa 27ffaa Hundeeffama Guyyaa SBO Waxabajjii 15 ilaalchisuun Qophiileelee gara garaa

Aside

Sagalee Seife Nebelbaalii fi Simbirtuu

Aside