Kaardii Filatnoo Gurguramaa Tureen Wal Qabatee Diddaan Uummataa Daran Jabaachaa Dhufe, Godina Matakkal Hora Cufaa Caancoo Irrattis Irreessi Arfaasaa Kabajamee Oromoonni Hidhaman

Waxabajjii 16,2015 Naqamte

diddaa9Filmaata kijibaa mootummaan abbaa irree Wayyaaneen gaggeesseen wal qabatee namoonni mootummichaaf amanamoo ta’anii filmaaticha tohannaaf ta’an sagalee uummataa fuudhanii dabballoota Wayyaaneetti akka gurguratan waan beekamaa dha. Godinaalee Oromiyaa mara keessatti haalli hanna sagalee uummataa kun baldhatee deemaa ture.

Godina Wallaggaa Aanaa Waamaa Hagalootti Obbo Qannoo Addunyaa fi Mulaatuu Waawayyaa kanneen jedhamann sagalee uummataa waan gurgauraniif  jecha wajjira MMD itti yaamamanii badhaafamuu fi mootummaa harkaa qarshii kuma kudhan fudhachuun beekame, Waxabajjii 16,2015 haalli kun falmisiisaa ta’uu irraan garee poolisoota mootummaa bakka lamatti qooduun waldhibdeen guddaa jidduutti waan dhalateef kanneen filmaata dharaan morman keessaa farra mootummaati jedhamuun akka qabaman yeroo ta’u. Poolisiin Geetachoo Fiixee jedhamu ammo haala kana irraa kan ka’u barbaadaa akka jiru gabaasi nu gahe addeessa.

Gama biraan godina Beeneshangul Gumuz aanaa Matakkal keessatti ayyaanni Irreessaa argaasaa Hora Cufaa Caancoo irratti Waxabajjii 12,2015 gaggeeffameen wal qabatee diddaan sirna Wayyaanee waan ka’eef jecha Oromoonni hedduun Oromummaa isaaniin hidhamaa akka jiran gabaasi Qeerrooa addeessa.

1 thought on “Kaardii Filatnoo Gurguramaa Tureen Wal Qabatee Diddaan Uummataa Daran Jabaachaa Dhufe, Godina Matakkal Hora Cufaa Caancoo Irrattis Irreessi Arfaasaa Kabajamee Oromoonni Hidhaman

  1. Pingback: Widespread brutalities of the Ethiopian government against the Oromo people in different parts of the State of Oromia | OromianEconomist

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s