Raadiyoo Sagalee Simbirtuu Fulbaana 03,2015

Aside

Godina Wallaggaa Aanaa Waayyuu Tuqaa Keessatti Beelli Uummata Dararaa Jiraachuu Qeerroon Gabaase.

Aside

Fulbaana 2,2015 Naqamte

ATT_1440913832941_IMG_20150829_065710Sirna bulchiisaa mootummaa abbaa irree Wayyaaneen uummati Oromoo addatti birmatnaa kan dhabe yommuu ta’u godina Wallaggaa aanaa Waayyuu Tuqaa tti uummati beelàan dararamaa jira.

Yeroo ammaa kanatti naannoo Gabaa Facaasee aanaa Bonayyaatii uummanni rakkoo beelaan guyyuu walitti qabamanii bakkee keessati nyaataa dhugaatii tokko malee dararamaa jiraachuu gabaasi Qeerroo naannichaa nu gahe addeessa. Uummani kun wagga kana guutuu birmatnaa dhabee beelaan naannoo gadhiisee deemaa jira,deggersi mootummaa naannoo waan hin jirreef jecha akkuma uummata Oromoo godina Baha Oromiyaa keessatti rakkachaa jiranii uummanni aanaa Waayyuu Tuqaas deggersa tokko illee dhabuun rakkoo adda addaan dararamaa jira.

KORA ABO 2015 PUBLIC MEETING AUG. 7,2015

Aside

Mootummaan Wayyaanee Bulchiisa Mataa Isaaf Jecha Olola Dhaaraa Deemsisuu Malee Rakkoo Uummataa Dhaahaa Hin Jiru Jedhu Dargaggoonni Oromoo Godina Bahaa.

Aside

Fulbaana 2,2015

Q NEWS3AAGodina Harargeetti dargaggoonni uummata waliin ta’uun rakkoo yeroo ammaa Oromoota godina bahaa irra gahaa jiru horiin waan soorattu dhabdee dhumaatii irra jirtu keessatti mootumman Wayyaanee rakkoo uummataa irra tarkaanfatee aangoo bara itti aanuuf bulchiinsaaf haala mijeeffachuu irra rakkoo uummataa waan hin hubanneef, uummanni Oromo osoo rakkina ammaan qabame kanaan itti fufe fedha mootummaa Wayyaanee tahun isaa waan hubatamaa tahuun beela guddaa kana keessa ijaajjuudhaan Mootummaan wayyaanee diina uummata oromooti, beelaan mootummaa wayyaaneef hin jilbeenffannu, fii kkf dhaadannolee Hagayya 28,29 fi 30 irratti dhageessisaa akka jiran Qeerroon achirraa gabaasaa jira. Uummanni jiraattotni Oromoo Hararge bahaas kanneen hongee kana keessa jiran Qeerroo waliin hiriiruudhaan yeroo iftoominaan sodaa Wayyaanee tokko malee ABO faarsan tahus gabaasan.

Godina Dhihaa Oromiyaa Magaallan Amboo fi Neqamtee Raafama Keessa Seenanii Jiru. Mootummaan Wayyaanee Human Waraanaa fi bBsaasota Isaa Hedduminan Bobbaase Jira.

Aside

Fulbaana 2,2015 Gabaasa Qeerroo

Ambo UniMootummaan abbaa irree Wayyaanee EPRDF/TPLF jedhamtu Uummata Oromoo irratti mana diiguun, lafarraa buqqisuu fi mirga uumamaa fi dimookiraasii irraa mulquun uummaticha haala rakkisaa keessa galchuuf shirri guddaan abbaa irree Wayyaaneetiin dalagamaa jiru uummata FDGtti kan seensisuu danda’u ta’uu Qeerroon hubachiise. Gidduu kana immoo ilmaan Oromoo nagaan magaalaa Neqemtee keessatti ajjeefamuu fi manneen jireenyaa uummata Oromoo seeraan ala ijaarame maqaa jedhuun kanfaltii tokko malee diiguun uummata dahoo illee dhorkachaa jiraachuun malattoo mootummaa garboomsaa keessa tokko ta’uun beekamadha.

Haaluma kanaan gidduu kana manneen galmaa jiraattoota magaalaa Amboo 10,000 oli diiguuf wayyaaneen murtii irra ga’uun erga ifatti saaxilamee booda, Qeerroon dargaggootni Oromoo fi uummatni Oromoo diina mana galmaa keenya diiguuf jiru dura gamtaan ni dhaabbannaa wareegama barbaachisuu baafna malee manni galmaa keenya hin diigamuu jechuun walga’ii wayyaaneen uummata amansiisuuf waamte irratti uummatni gaaffii mirga fi dimookiraasii gaafachuun walga’iin wayyaanees nu hin ilaallatu, isin bakka keenya bu’uu hin dandeessan jechuun dargaggootni fi uummatni walga’ii wayyaanee bittinnesse.

Mootummaan abbaa irree Wayyaanee EPRDF aantummaa uummataa hin qabne sochii uummataa dura dhaabbachuuf tajaajiloota akka ibsaa, bishaan fi Network fa’aa Magaalaa Amboo irraa balleessuun uummaatni dukkana keessa jiraachaa kan jiran ta’uun ibsame, humnootni waraanaa, poolisii federaalaa fi humnootni basaasaa magaalaa Ambootti guuramaa jiraachuun hubatame jira.

Haaluma walfakkaatuun mootummaan abbaa irree wayyaanee magaalaa Neqamteetti ,mana galmaa uummataa diigaa, ilmaan Oromoo rasaasaan reebee ajjeesaa jiraachuun uummata haalaan waan dheekkamsiiseefi uummatnis sagaalee diddaa dhageessisuu waan eegaleef abbaan irree human waraanaa heddummina qabuu fi humnoota basaasaa heddumminaan magaalaa Neqamtee galchee jiraachuun ibsame.

Qeerroon bilisummaa Oromoo yakki ulfaataa uummata keenya irratti dalagamaa jiru eenyumaaf illee boqonnaa kankennuu miti.qe’eetti manni nurratti diigamaa, qe’eetti rasaasa loltuun reebamnee ajjeefama fi qe’ee irraa buqqifamaa fi hidhaa fi torture garaagaraan dararama utuu jirruu
dhalli Oromoo kam iyyuu walga’ii mootummaa wayyaanee akka hin hirmaanne, ajaja wayyaanota irraa darbuuf akk hin jilbeeffanne, mootummaa Wayyaanee fi ergamtootni Wayyaanee hirmii uummata Oromoo ta’uu hubachuun uummatni keenya bakka jirru hundatti, tokkummaa, jaalalaa fi irree keenya jajjabeeffachuun diina yakka sanyumma irratti hundaa’ee nurratti gaggeessa jirachuu humbannee yoom iyyuu caalaa yeroon gamtaan diina of irraa gadi teesisuuf kutannoo fi murannoon qabsoo FDG jabeessuun furmaata ta’uu ni hubachiifna.

SBO Fulbaana 02,2015.Oduu,Ijoo Dubbii ABO,Gaaffii fi Deebii Dura Ta’aa Dhaaba BPLM Obboo Abdulwahaab Mahdi Iisaa Waliin Kutaa 2ffaa fi SBO Sagantaa Afaan Amaaraa

Aside

Wallagga Aanaa Anfilloo Irraa ABO Deggertuun Barattooti Boqonnaaf Galan Hidhamaa Jiru,Naannoo Kibbaa Godina Oomoo Aanaa Hamaritti Ammoo Gaaffiin Mirgaa Itti Fufe.

Aside

Gabaasa Qeerroo Hagayya 31,2015 

Because I am OromoQellem Wallaggaa aanaa Anfilloo irratti barattoota boqonnaaf galan yeroo boqonna isaanii maatii gargaaruu cinatti jireenya dhuunfaa fi
galaa mana barumsaaf hojii daldalaa irratti bobbahan hojii Kotorobaandii hojjettuu fi humna biraas bosona keessa qallabaa jirtu
jechuun daldala naannoo Gambeelatti deddeebiidhaan daldalan qabuudhaan humni waraana wayyaanee saamicha ijoollee barattoota oromoo Qellem Wallagaa aanaa Anfilloo gandoota garagaraa keessaa daldalatan harka qullaatti hambisuun saamicha gaggeessuun Qeeroo gabaasee jira.
Hanga ammaatti aanaa Anfilloo keessaa barattoota saamichi irratti rawwatee fi kanneen ABO qallabdan jedhamun hidhaman keessaa:-

  1. Abshaalaa Sanyiifan
  2. Geetachoo Nagarii
  3. Waayyuu Indaaluu
  4. Barakat Kafiyaalehu
  5. Mangashaa Abdii

Kanneen jedhaman keessatti argamu. Qabeenya gurgurtaaf daldala qabatanii deeman waraana wayyaanee naannoo gaara SS fi daangaa Gambeela irra jiruun saamamaa jiraachuu maddeen oduu Qeerroo ibsa.
Gama biraan naannoo Kibbaatti godina Oomoo aanaa Hamaritti kan argaman gandoota kanneen akka Waroo, Shaanqoo, Kufarii fi Dagaaxajaa keessa humni waraana Wayyaanee bittinneessaan uummata irratti tarkaanfii fudhachuuf gandoota kana keessa qubatee jiru gaaffii uummata kibbaa dura dhaabbachuuf qabsiifame uummanni gandoota kana irraa walitti kurfaa’ee waraanni nu keessaa haa bahu mootummaan wayyaanee aangoo fi humnattai fayadamee nu bulchuun haa dhaabatu kan kun hin dhaabbanneetti qabsoon keenya itti fufa jechuun sochii duraan jirutti dachaa dabalanii Hagayya 25,2015 irraa kaasuunis haala jabaadhaan diddaa kaasaanii jiru.
Haalonni kana fakkaatanis naannolee oromiyaa godinoota hoongeen rukutamaa jiran keessatti fincilli ka’ee jira.Beelaan miidhanillee
uummanni mootummaa wayyaanee balaaleffachuu irratti jabeessee akka jiru Qeerroon gabaasaa jira.

Sagalee QEERROO Bilisummaa Hagayya 30,2015

Aside

Oduu,Gaaffii fi Deebii Dura Ta’aa Tumsa Qeerroo Idil-Aduunyaa Waliin Ta’ee fi Waayee Kijiba Dhugaa Taasisuuf OPDON Waggaa 25 Dhaamaate Ilaallata.

Ummatoota Beela Irraa Baraaruun Akeeka Mootummoota Itophiyaa Tahee Hin Beeku.

Aside

(Ijoo Dubbii ABO)

Hagayya 31,2015

OLF,ABO Gadaan Gadaa Bilisummaati!Hawaasni addunyaa Itophiyaa empaayera ummatootni beelaan keessatti dhuman tahuutti eerga hubatee dhaloota tokko ol lakkoobsisee jira. Hundaan olitti ammoo beelli Kaaba Itophiyaa bara 1974 mul’ate, hawaasa addunyaa mara rifaasise. Ummatoota Itophiyaa dheekkamsiisee sirna Nugusummaa irratti kakaase. Barattootaa fi hojjattootas fincilsiise.

Beela bara 1974 sanaanis namootni kuma kudhanootaan akka baala mukaatti harca’an. Daa’imman harma haadha duutee osoo hodhanii addunyaan daawwate.  Kumoota dhibbaan qe’ee dhiisanii baqatuun mudate. Kun hundi oggaa tahu kanneen “Ummata keenya nu jaallatuu fi jaallannu” jechuun empaayeritti walakkaa jaarraaf bitan, rakkoo ummatootaa furuuf tattaafatuu irra beelli ummatoota harcaasaa jiru addunyaa biratti akka hin dhaga’amnee fi hin mul’atneef ukkaamsuuf tattaafataa turan.

Mootummaan barcuma nugusummaa dhaalee empaayera Itophiyaa jijjiirraa kabeebsaan jireessuuf aangootti ol bahes, mootummaa isa dura ture dhumiinsa sababa hongeen dhaqqabeef abaaruu fi balaaleffatuun aangoo humnaan argate ittiin jabeeffatuuf itti gargaarame malee furmaatni argamsiise hin mul’atne.

Mootummaan Dargiis mirgi ummatootaa kabajamuu, mirgi lammiileen walabummaan hojjatanii jiraatuu tikfamuu irraa dantaa waan hin qabneef empaayerittii keessaa beela dhabamsiisuu hin dandeenye. Waan taheef bara Dargiis beela xiqqaatu marroo lama mudateen ummatootni miidhamuu jalaa  hin baraaramne. Sababa beelaan  biyya ollaatti baqaan godaanuun itti fufe. Ijoo Dubbii ABO Hagayya 31 2015

“Nuti Qeerroon Dabareen Keenya Gaheera ” Wallee Warraaqsaa

Aside