SBO Fulbaana 13,2015. Oduu, Gabaasa Oduu, Gabaasa Irreecha Torontoo Kanadaa 2015, Gaaffii fi deebii dura ta’aa GPLM fi Master Planii Finfinnee irratti qophii qophaa’e

Aside

Must listen: Gooticha Artist Caalaa Bultumee Wallee Haaraa Fulbaana 2015

Aside

untitled

Sagalee QEERROO Bilisummaa{SQ} Fulbaana 9,2015

Aside

Manni Barumsaa Moxee Godina Wallagga bahaa Waamaa Hagaloo Barattoota Saddeet Barnootaaf hin Galmeessu jechuun mana Barumsaarraa Dhorke

Aside

Fulbaana 9,2015
Ijoon dhorkamuu Barattoota kanaa FDG magaalaa qassoo fi uggaa hordaatti qideessitan,walaloo kabiinoota arrabsu dalagdan kan jedhu yeroo ta’u manni barumsichaas akeekkachiisa kana qaama OPDO tiin akka ajajame ifa godheera jedha gabaasaan qeerroo Moxee Barattooti Oromoo kaan baratanii qonnumatti kan deebi’an yommuu ta’u kanneen sabboonymmaa uummataa gegfeessan immoo barumsaarraa ari”amaa jiraachuun beekamaadha Jiraattoti aanaa waamaa hagaloo akka jedhanitti impaayera biyyatti keessatti mirgi dhala namaa waakkannaa tokko malee aanaa waamaa hagaloo tti akka dhiitamus dubbataniiru.

Filmaata sobaa wayyaanee booda kanneen hidhaman birmatnaa siyaasa tokkollee hin arganne jedhu Fulbaana darbee hanga fulbaana ammaatti jechuun Waggaa tokkoof ibsaan aanicharraa bade miidiyaalee idil addunyaa kamiinuu deeggarsa siyaasaa hin arganne

SBO Fulbaana 09,2015.Oduu,Mormii Maastar Pilaanii Finfinneef Dhaamsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo,Yaada Hirmaattoota Tumsa WBO Konyaa ABO Winipeg Kaanaadaa Fi SBO Sagantaa Afaan Amaaraa Gaaffii Fi Deebii Dura Ta’oota Dhaabota GPLM fi BPLM…

Aside

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo(SQ) Qophii Fulbaana 6,2015

Aside

Waamicha Diddaa Master Pilaani-Qeerroo Bilisummaa Oromoo Irraa

Aside

cropped-qeerroo-edit.jpg

Waamicha Diddaa Master Pilaani

   Qeerroo Bilisummaa Oromoo Irraa

Seenaa keessa bakka olaanaa fi yaaddannoo kan qabatu bara 2014 baatii Ebla irraa kaasee oromiyaa keessatti Diddaa mormii Maaster Pilaanii mootummaan wayyaanee akeekkate dura dhaabbachuun lubbuun ilmaan oromoo itti wareegame, uummanni jumlaadhaan mana hidhaatti guurame, kaan qaamaan miidhame tahullee diddaa kanaan karoorri Maaster Pilaanii yeroof kan hojii irra hin oolle yoo tahu mootummaan wayyaanee yeroo ammaa tuffii uummata oromoo irraa qabu maal fiddiidhaan karoora kana gara hojiitti hiikuuf murtoo irra jiraachuun yeroo ammaa miidiyaalee gaazixaa fi kkf irratti bahaa jiraachuun hubatamaadha.

Haata’u malee dhiigni ilmaan oromoo yeroo darbe dhimma kanaaf dhangala’e hamma dhiiga saree tokkoottillee lakkaa’uu dhiisuun tuffii irra darbee maqaa kanaan sanyii oromo balleessuu fi lafa isaa irra buqqisuu fi dhiiga ilmaan oromoo dhangalaasuuf as bahee. Dhiiga ijoollee oromoo irra tarkaanfachuun kun milkaa’uun tuffii saba guddaa oromoo irraa qaban mul’isaa jiru.

Kanaaf;Waamicha Diddaa Master Pilaanii

ቄሮ :የኦሮሞ:ወጣቶች:ለነፃነት:ንቅናቄ: ድምፅ:የሳምንቱ: ዜና:: (SQ)September 4, 2015

Aside

SBO Fulbaana 06,2015. Oduu, Maastar Pilaanii Finfinnee Irratti Qophii Qophaa’e, Gaaffii fi Deebii Dura Ta’aa Konyaa ABO Winipeg Kaanaadaa fi Qophiilee Biroo…

Aside

Master Plan Finfinnee Ilaalchisee Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Aside

cropped-qeerroo-edit.jpg

Mootummaan Abbaa Irree EPRDF/TPLF  Master Plan Finfinnee Bara Haarawaa As Adeemu Irraa Eegaluun Hojii Irraa Kan Oluu dha Jechuun Kenne Ilaalchisuun Qeerroon Bilisummaa Oromoo Gadi fageenyaann Balaaleeffachuun Ibsa Qabxii Torba Qabu Uummata Oromoo Hundaaf Dabarse.

Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Fulbaana 3,2013 Finfinne

Dhimmi Master Plan Finfinnee  Uummata Oromoo hunda ilaallata, angawaan Wayyaanee dhiiga ijomaan Oromoo irratti wareegaman dhimma Oromoo lafa irraa dhabamsiisuun yakka duguuginsa Sanyii (Genocide)n  wal gitu uummata Oromoo irratti karoorfamedha. Dhimma Qeerroon dargaggootni barattootni Oromoo fi Uummatni Oromoo bara darbe Ebla 11/2014 irraa eegaluun Finfinnee fi Oromiyaa falmachuu fi bilisummaa uummata Oromoo kabachiisuuf wareegama qaalii sochii hadhaawaa gaggeessuun wayyaanee dura dhaabbatan ;mootummaan wayyaanee yakka dugugginsa sanyii uummataa Oromoo irratti rawwachaa jiruuf itti gaafatamuu utuu qabuu ammas dhiiga Oromoo dhangalaasuun Master Plan Finfinnee hojii irra ni olchina jechuun uummata Oromoo bittinneesse, lafaaf qabeenyaa Oromoo irra ilmaan isaa qubsiisuun Oromoon bara baraan gita bitta jalaa akka hin baanee fi Oromiyaa dhabamsiisuuf Uummata Oromootti dhaadachaa jiraachuu ifatti beeksifacha jira.

Akeekaa diinaa  balaaleffachuu fi Finfinnee, Oromiyaa fi gaaffii mirga abbaa biyyummaa fi bilisummaa Uummata Oromoo kabachiisuuf wareegamaa hadhaawaa fi qaalii baasuuf Qeerroon bilisummaa Oromoo kutannoo fi murannoodhaan  qabsoo gitaa fi FDG ‘n wayyaanee abbaa irree murna EPRDF/TPLF dura kan dhaabbatu ta’uu ibsuun ; UUMMATA OROMOO HUNDAAF Ibsa ejjennoo qabxii torba of keessa qabu dabarse. Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Fulbaana 3 2015