Muddee 3,2015 Ada’aa Bargaa
Muddee 3,2015 Warraaqsii FDG Godina Lixa Shaggar AANAA ADA’AA BARGAA Magaalaa MOGOR Keessatti Uummataa fi Gootota Dargaggoota Qeerroo Barattoota Oromoon haalan jabaatee gaggeeffama ole, Warraaqsaa Gaggeeffameen Qabeenyaan Investeroota Wayyaanees barbadeeffame.
Goototni Uummatani Oromoo fi Qeerroon Dargaggootni fi Barattootni Oromoo Uummata Waliin ta’uun Qabasoo kabajamuu Mirga Abbaa Biyyummaa fi Mormii Master Pilaanii finfinnee fi Labsii Magaalota Oromiyaa irratti dabarfamee duula duguuginsa Sanyii , saamichaa fi diigumsa
biyyaa nurratti labsame gamtaan kaanee of irra ittisna, Ilmaan Oromoo Warraqsaa FDG irratti wareegamaa jiraaniif Dirmannaa gochuu qabna, Qabsoo irratti Wareegamaa jirru hanga galii bilisummaa keenya Gonfannee samtoota investeroota Wayyaanee of keessa baasuu qabna jechuun Warraaqsi haalan jabaa ta’ee finiine itti fufe!.
Dhaadannoon Gurguddaan kan Qabsoo bilisummaa Oromoo faarsuu fi Mootummaa Wayyaanee balaaleffatu, Mormii Master Pilaanii Finfinnee fi Magaalota Oromiyaan Mormu haala dhageessifatan. Guyyaa Har’aa Magaalaa MOGOR keessatti Warraaqsaa FDG uummatni gaggeessaa jiruun hanga ammatti Warraaqsaa FDG uummataa fi dargaggoota Qeerroo Barattoota Oromoon gaggeeffamaa jiruun :
Goototni Uummatni Oromoo fi Qeerroon Dargaggootni Oromoo Biyya abbaa keenya Investerootaa fi Angawoota Wayyaaneetti dabarsinee hin kenninu jechuun Waarraaqs FDG jabeessuun Uuummatni Magaalaa fi Baadiyyaa walitti Dabalamuun warraaqsa Injifannoo guddaa qaqbu gaggeessa kan olaan ta’uu Qeerroon Mogor irraa gabaase jira. Mootummaan Wayyaanee Sochii Warraaqsaa FDG Mogoritti Gaggeeffamaa jiru kana irratti Waraanaa Agaazii, Poolisii federaalaa fi Poolisoota Liyyuu Haayilii Kora Bittinneessa jedhaman garta Mogoritti guuraa jiraachuu fi yeroo
amma kanatti dhukaasnii mootummaa Wayyaanee irra Magaalaa Mogor irratti banamee jiru haalaan ulfaata ta’uu madden keenya gabaasan,
Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa FDG Oromiyaa | OromianEconomist