Naasifaay Addunyaa – Tolaan Diddan!!!!!!!! /Wallee Warraaqsaa Haaraa

Aside

Lixa Shaggar Aanaa Ejeree fi Wallagga Dambi Doolloo Keessatti FDG Itti Fufee Jira,Barattooti Harka Qullaa Loltoota Dura Dhaabbataa jiru.

Aside

Gabaasa Mudde 05,2015

Muddee 5,2015 Godina Lixa Shaggar Aanaa Ejereetti Goototni Barattootni Oromoo M/B Sadarkaa 2ffaa fi Qopha’ina fi AAnaa Wal Maraa Magaalaa
Holotaa M/B Sadarkaa 1ffaa Gooroo Qeerransaa keessatti waarraaqsii FDG mormii karooraa Master Pilaanii Finfinnee fi Labsii Magaalota
Oromiyaa irratti sagaalee dhaadannoo Guddaa dhageesisuun Gaaffii Mirga abbaa biyyummaa dhiyeeffachuun Warraaqsaa FDG jabeessuun itti
fufan.

Mootummaan abbaa irree wayyaanee humna waraana poolisii kora bittinneessaa fi poolisii Federaalaa uummataatti bobbaasuun Oromiyaan
dirree waraanaatti jijjiramtee jirti.

Mormiin master planii itti fufuun, mana barumsa Qellem sad 2ffaa fi qopha’ina keessatti mormii jaban itti fufe jira,Akkasumas dhabbata leenji doona barbaar keessatis itti fufe jira! Hospita keessa baraattota yaalaman gadi basa jechuun gasi ija nama imimanessu hospitatti gadi dhisan! Godina Qellem Wolleggaa Dambidollotti eega mormiin itti fufe jira namoota heddus hidhaniru! Ama mani barumsa cufameera.

Gabaasa FDG fi Waayee Poolisoota FDG tti Makamaa Jiranii- Sagalee QEERROO Bilisummaa (SQ) Mudde 4 ,2015

Aside

Har’a Muddee 4,2015 Balee Gasaraa fi Yuuniversitii Bulee Horaa Akkasumas Magaalaa Najjoo Keessatti FDG Itti Fufee Oole.

Aside

 

Labsiii- Labsii- Labsii……. Walitti Dabarsii!! Wallee Warraaqsaa Qeerroo Bilisummaa

Aside

Godina Wallaggaa Aanaa Gullisoo Keessatti Barattooti Lama Bulchiisa Naannoo Fi Poolisaan Ajjeefaman,Kaan Madaayan.

Aside

Mudde 4,2015 Gabaasa Qeerroo Gullisoo

Barataaa kutaa 12ffaa Guutuu Abarraa Dheeressaa

Barataaa kutaa 12ffaa Guutuu Abarraa Dheeressaa

Godina W/Lixaa Aanaa Gullisoo Magaalaa Calliyaatti Poolisii fi Bulchiinsi naannichaa dura bu’aa OPDO ta’uun rasaasaan barattoota 2 ajjeesanii kaan madeessanii Hospitaala ciisaa jiru.

Gara jabinaan Lukkeeleen Wayyaanee gocha baayyee suukanneessaa kanneen magaalaa Caaliyaa keessatti raawwatanii jiran. Boris uummata keessa dhokatanii jiraachuuf jecha barattoota kanneen doorsisanii mooraa mana adabaa Calliyaatti waamuudhaan karaa Foddaa mana hidhichaa ijoollee kanneen bineensa gochuudhaan lubbuu isaanii balleessanii jiru.

Uummatnis gochaa kana balaaleffachuuf ammallee hin callifne. Odeeffannoo guutuu haala kanaa gadiitiin:

  1. Guutuu Abarraa Dheeressaa barataa kutaa 12ffaa kan ta’e, Namni ajjeesse Poolisiin Oromiyaa Malkaamuu Aanaa Gullisoo kan jiraatu rasaasa lamaan ajjeese.
  2. Karrasaa Caalaa barataa kutaa 9ffaa  . Kan isa ajjeesse Bulchiinsi magaalaa Calliyaa Tasfaa Likkaasaa nama jedhamu.

Akkasuma Lalisaa Bantii rasaasaan rukutamuun Hospitaala Aayiraa Ciisaa kan jiru Harki isaa hojiin ala ta’ee jira yookiin akka muramuuf docteerri gabaasee jira.

Godina Wallaggaa Dambi Doolloo Keessatti Yeroo Ammaa Hiriirri FDG Itti Fufee Jira,Mootummaan Gaaza Aaraa Barattootatti Gadhiisaa Jira.

Aside

Mudde,04,2015 Dambi Doolloo

Yeroo ammaa kanatti magaalaa Dambi Doolloo keessatti hiriiri mormii sirna abbaa irree Wayyaanee baldhinaan deemaa jira. Barattooti baadiyyaa fi magaalaan walitti makamuun humna waraana mootummaa ol waan ta’eef jecha humni Federaalaa naannichatti argamu gaaza summaawaa kan aaraan makamaa barattootatti gadhiisuun hedduu jeeqaa jiru.

Haala kanaan manneen barnootaa guutummaatti cufamanii hojiin mootummaa bakka bakkatti danqamee jira,magaalli Dambi Doolloos loltoota Wayyaaneen guutamtee jeeqamaa jirti,namoota hedduu qabanii jiru kaanis mana mana irra deemanii barbaadaa akka jiran Qeerroon gabaase.

Har’a Mudde 4,2015 Godina Harage Bahaa Magaalaa Awadaay Keessatti FDG Itti Fufe!

Aside

Mudde 4,2015 Gabaasa Qeerroo

AwadaayGuyyaa har’aa gootonni ilmaan Oromoo godina Oromiyaa bahaa Magaalaa Awadaay keessatti mormii sirna gabroomfataa Wayyaanee haala qindaawaa ta’een bahanii jiru.Barattoota mana barnootaa irraa ka’anii magaalaa naannawanii dhadhatnoo fi gaaffi mirgaa kaasaniin kan makame uummanni Oromoo jiraataan naannichaa hanga sa’aa kanatti hiriira isaa itti fufee jira. Awadaay2

Diddaan Oromiyaa keessaa bakka gara garaatti qabatee jiru bifa kamiinuu ta’u waan dhaabbatu kan hin taanee fi mootummaa Wayyaaneefis sodaachisaa ta’ee jira. Ummanni Oromoo hiree isaa kanaan murteeffachuun waajiba!

Oduu Ammee:- Fincila Har`a Godina Shaggar Walisoo Keessatti Ta’een Barataan Tokko Rasaasa Loltoota Wayyaaneen Yeroo Wareegamu 6 Ammoo Madaawanii Hosptala Waliisoo Jiraachuu fi 15 Hidhamuu Qeerroon Gabaase.

Aside

Mudde 04,2015 Waliiso

TPLFFincila Har`a Godina Shaggar  Walisoo Keessatti Ta’een Barataan Tokko Rasaasa Loltoota Wayyaaneen Yeroo Wareegamu 6 Ammoo Madaawanii  Hosptala Waliisoo Jiraachuu fi 15 Hidhamuu Qeerroon Gabaase.
Kanneen keessaa guyyaa har’aa  Aanaa Tolee Bara barattoota Sadii  Rasaasa Poolisaaotaan dha`amn keessaa Barataan Tokko Wareegamee. Barattootni lama ammoo ni madaa`an. Maqaan  baraat wareegamee  Dajanee Sarbeessaa barataa Kutaa 9ffaa ti. Barattootni lamaan  madaa`an ammoo:-

  1. Ayyaanoo Warquu,
  2. Dajanee Takkuu barattootni kun lamaan Hospitaalaa Walisootti yaalamaa jiru. Achi ciisanii jiru.

Aanaa Walisootti Barattootni madaa`an Afuri/04/  isaanis,

  1. Barataa  Maammoo Mul`isaa ,
  2. Barattuu Yaadanii
  3. Bar5ataa Baaharuu,
  4. Barataa Eebbisaa Dirribaati.
    Ta’uu Qeerroon gabaase

Yuunibarsiitii Walisoo Damee Amboo Guyyaa Guutuu Waraana Wayyaaneen Eegamaa Erga olanii Halakn Edaa Irraa FDG Eegalan.

Aside

WalisoooMudde 04,2015 Goototni Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Walisoo Damee Amboo Guyyaa Guutuu Waraana wayyaaneen Eegamaa olani galgala
kana FDG Sirna Faashistii Wayyaanee irratti kaachisuun mormii karoora master pilaanii Finfinnee fi Labsii Oromiyaa dura dhaabbachuun Gaaffii
mirga abbaa biyyummaa kaachisuun Falmachuutti seenan.
Goototni Barattootn Orpmoo Yuunibarsiitii Walisoo Damee Amboo halkan guutuu dhaadannoo Mootummaa Wayyaanee uummata keenya karaa nagaa fi Dimookiraasii gaaffii gaafachaa jirru ajjeesaa jiru seeratti dhiyaachuu qaba, karoorri master pilaanii finfinnee fi labsii Magaalota Oromiyaa haqamuu qaba, Gaaffii mirga Abbaa Biyyummaaf deebiin nuuf kennamuu qaba, mirgootni dimookiraasii fi namummaa nuuf
haa kabajamu jechuun Dhaadannoo guddaa dhageesisuun Warraaqsa FDG jabeessuun itti fufan. Mootummaan Wayyaanee humna Waraanaa Poolisii Federaalaa halkaniin barattootatti seensisuun dhaadannoo gaaffii mirgaa dhageesisaa jiran ukkamsuuf barattoota goolaa kan bulan ta’uun
ibsame jira. Barattootni Oromoo diddaa isaanii jabeessuun itti itti fufan haaluma Walfakkaatuun Halkan edaa mooraa Yuunibarsiitii Wallaggaa fi Walisoo keessatti FDG halkanumaan gaggeeffamaa kan bule ta’uun gabaafamera