Yuunibarsiitii Walisoo Damee Amboo Guyyaa Guutuu Waraana Wayyaaneen Eegamaa Erga olanii Halakn Edaa Irraa FDG Eegalan.

WalisoooMudde 04,2015 Goototni Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Walisoo Damee Amboo Guyyaa Guutuu Waraana wayyaaneen Eegamaa olani galgala
kana FDG Sirna Faashistii Wayyaanee irratti kaachisuun mormii karoora master pilaanii Finfinnee fi Labsii Oromiyaa dura dhaabbachuun Gaaffii
mirga abbaa biyyummaa kaachisuun Falmachuutti seenan.
Goototni Barattootn Orpmoo Yuunibarsiitii Walisoo Damee Amboo halkan guutuu dhaadannoo Mootummaa Wayyaanee uummata keenya karaa nagaa fi Dimookiraasii gaaffii gaafachaa jirru ajjeesaa jiru seeratti dhiyaachuu qaba, karoorri master pilaanii finfinnee fi labsii Magaalota Oromiyaa haqamuu qaba, Gaaffii mirga Abbaa Biyyummaaf deebiin nuuf kennamuu qaba, mirgootni dimookiraasii fi namummaa nuuf
haa kabajamu jechuun Dhaadannoo guddaa dhageesisuun Warraaqsa FDG jabeessuun itti fufan. Mootummaan Wayyaanee humna Waraanaa Poolisii Federaalaa halkaniin barattootatti seensisuun dhaadannoo gaaffii mirgaa dhageesisaa jiran ukkamsuuf barattoota goolaa kan bulan ta’uun
ibsame jira. Barattootni Oromoo diddaa isaanii jabeessuun itti itti fufan haaluma Walfakkaatuun Halkan edaa mooraa Yuunibarsiitii Wallaggaa fi Walisoo keessatti FDG halkanumaan gaggeeffamaa kan bule ta’uun gabaafamera

2 thoughts on “Yuunibarsiitii Walisoo Damee Amboo Guyyaa Guutuu Waraana Wayyaaneen Eegamaa Erga olanii Halakn Edaa Irraa FDG Eegalan.

  1. Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa FDG Oromiyaa | OromianEconomist

  2. Pingback: Yuunibarsiitii Walisoo Damee Amboo Guyyaa Guutuu Waraana Wayyaaneen Eegamaa Erga olanii Halakn Edaa Irraa FDG Eegalan. | Fighting for Freedom and Equality

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Google photo

You are commenting using your Google account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s