Gabaasa FDG Mudde 9,2015 Sagalee Qeerroo Biliummaa(SQ)

Aside

Shaggar Kaabaa Naannoo Muka Xurii Irraa Gara Finfinnee Karaan Geessuu Uummataan Daandiin Cufamee, FDG itti fufe!

Aside

Gabaasa Qeerroo Shaggar Mudde 9,2015

Gabaasa Qeerroo godina shaggar Kaabaa naannoo Muka Turii irraa amma saa kana addeessuun FDG oromiyaa keessatti yeroo ammaa uummataan dhowee gaggeeffamaa jiru adda kan taasisu didda amma godina Shaggar Kaabaa keessatti gaggeeffamaa jiruudha. FDG shawaa kaabaa naannoo Fiichee, Sulultaa, Kuyyuu fi Muka Turi keessatti kaleessa irraa eegalee jiru hara haala mootummaa wayyaanee sodaachisuutiin itti fufeetu jira.

Kunis daandiin konkolaataa Finfinnee irraa gara Shaggar kaabaa geessu Finfinneerraa kiilomeetira 89 kan fagaatu boode mukeeniin, dhagaadhaan, ricqichis cite daandiin cufamee jira. Yeroo ammaa kanatti magaala Muka Turii keessatti qabeenyaan diinaa keessattuu konkolaataan 30 tahan hojiin ala tahanii jiru humni waraana wayyaanee gara sana deemee jiru tarkaanfii uummata irratti fudhateen namni lamaa ol lubbuudhaan darbuu fi FDG magaala Muka Turiitti gaggeeffamaa jiru haalaan jabaataa tahuu Qeerroon gabaasee jira. d

Uummanni qonnaan bulaan WBO fi ABO guutummaatti faarsaa jira. tarkaanfiin uummataan diinaa fi qabeenya diiraa irratti fudhatamaa jira. Humni waraana wayyaanee daandii cufameen karaa darbuu hin dandeenye daandiirra buufatee jira.

Konkolaataan Bishooftuu Bus Jedhu Oromiyaa Irraa Gara Maqaleetti Hidhamtoota Geessee Baratoota Yuniverstii Adigrat 25 Irraa Ammoo Waraqaan Eenyummaa Fuudhamuu Qeerroon Gabaase.

Aside

Muddee 09,2015 Gabaasa Qeerroo Maqalee

Guyyaa hardhaa Mudde 9 ,2015 konkolaataa gabateen isaa 07404  Bishooftuu bus kan  jedhu Tigiray magaalaa Maqalee ganda Kuha jedhu keessatti kan argame baratoota Oromoo Oromiyaa irraa fe’ee dhufee akka dhaabataa ture odeeffanoon nu gahe ture, haaluma kanaan wal qabateen yeroo ammaa baratoota Oromoo Yunbarsitii Maqalee mooraa Adiyaaqii keessatti
argamanu immoo  sagalee gadda keenya  dhageesifachu erga sambata darbee ittti jirra, Bartooti lama yeroo ammaa barbaadamaa jiru, barataan tokko akka qabame oduun na gahee jira.
Haaluma kanaan kan wal qabate Yuunbarsitii ADIGRAT keessatti baratoota Oromoo 25 harka iID card n funaanamee kan immoo qabamani kan immo mooraa keessa baqatani bosona keessati kan argaman jiru, haa tahu male Yunbarsiti Adigrat yeroo amma waraanan marfamtee jirti waraani kun kan dhufe reebichuma baratoota oromoof ykn baratoota id card harka funaname guure bahuuf jedhaniti jedhu baratoonni yunbarsiti adigrat.

FDG Gootota Oromoo Hararge Magaalaa Millee

Aside

Qeellam Wallagga,Magaalaa Haroo Sabbuu Aaanaa Dallee Waabaraa Keessatti Diddaa Barattoota Oromoo

Aside

Muddee 9,2015

Wallagga,Magaala Warra Jirruu fi Baalee Magaalaa Roobeen Diddaa Sirna Wayyaanee Itti Fufanii Jiru.

Aside

Wallagga , Warra Jirruu Najjoo Muddee 09,2015

Warra Jirruu Najjoo

Baalee Roobee Mudde 09,2015

Baalee Roobee Mudde 09,2015

Gootinni Barattooti Oromoo Yuuniversitii Finfinnee Science fi Technology Uccuu Gurraacha Gaddaa Uffachuunii fi Nyaata Lagachuun Diddaa Sirna Wayyaaneef Qaban Mudhisaa Jiru.

Aside

 

Gootota Oromoo Magaalaa Alii Godina Arsii ,Mudde 9,2015

Aside

“ABO Jabeessaa,Wayyaanee Balleessaa” Jedhu Barattooti Oromoo Magaalaa Bordoddee Godina Harargee.Mudde 9,2015

Aside

Gootota Baratoota Oromoo Adaabbaa ,Mudde 9, 2015

Aside