Gabaasa Qeerroo Shaggar Mudde 9,2015
Gabaasa Qeerroo godina shaggar Kaabaa naannoo Muka Turii irraa amma saa kana addeessuun FDG oromiyaa keessatti yeroo ammaa uummataan dhowee gaggeeffamaa jiru adda kan taasisu didda amma godina Shaggar Kaabaa keessatti gaggeeffamaa jiruudha. FDG shawaa kaabaa naannoo Fiichee, Sulultaa, Kuyyuu fi Muka Turi keessatti kaleessa irraa eegalee jiru hara haala mootummaa wayyaanee sodaachisuutiin itti fufeetu jira.
Kunis daandiin konkolaataa Finfinnee irraa gara Shaggar kaabaa geessu Finfinneerraa kiilomeetira 89 kan fagaatu boode mukeeniin, dhagaadhaan, ricqichis cite daandiin cufamee jira. Yeroo ammaa kanatti magaala Muka Turii keessatti qabeenyaan diinaa keessattuu konkolaataan 30 tahan hojiin ala tahanii jiru humni waraana wayyaanee gara sana deemee jiru tarkaanfii uummata irratti fudhateen namni lamaa ol lubbuudhaan darbuu fi FDG magaala Muka Turiitti gaggeeffamaa jiru haalaan jabaataa tahuu Qeerroon gabaasee jira. d
Uummanni qonnaan bulaan WBO fi ABO guutummaatti faarsaa jira. tarkaanfiin uummataan diinaa fi qabeenya diiraa irratti fudhatamaa jira. Humni waraana wayyaanee daandii cufameen karaa darbuu hin dandeenye daandiirra buufatee jira.
Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa FDG Oromiyaa | OromianEconomist