❤️ Adem, you joined 2 years ago, get Premium for FREE

Aside

Twoo Adem d747024f359d5ea99584ac96d4b98253_1_5_0_640_1136_75_75_0000728584.jpg
Wow. Thanks Adem!

You joined Twoo 2 years ago. Time to celebrate in Premium style. We’re giving you 1 week of Premium for FREE!

premium or info-en.

aT0yY2UtdWxod2duLTczNXJiNDd5LWM0NSZ0PTU5NSZ1aT0xNTg1MDYzNTQyNzctMTg1MDA5MjQzOS01OTUlMkYyJTJGMyUyRjYyNyZhPWduM3FpdF82YzExNWY5MzRj.gif

Aside

Godina Jimmaa aanaa Sigimootti gochaa waraanni mootummaa uummata irratti raawwataa jiru tibbanaa.

Dhalli namaa gaafa akka kanatti dararami arguu baay’ee nama dhukkubsa

 

 

 

Aside

Murtii fi Kutannoolee Walgahii Gumii Sabaa 2ffaa ABO (Bitootessa18, 2020)

49836961_1847712095355333_3193898111219007488_o[SBO – Bitootessa 18,2020] Gumiin Sabaa Adda Bilisummaa Oromoo (GS-ABO) walgahii isaa 2ffaa Bitootessa 16 – 18, 2020 adeemsifate.

Walgahiin Gumii Sabaa ABO 2ffaa bu’aa-bahii Dhaabni Adda Bilisummaa Oromoo gaafa Hoogganni isaa ol’aanaan Finfinneetti deebi’ee as keessa dabree fi hojiilee Dhaabaa hojjetaman, naamusa hojii, rakkoolee caasaa fi hojiilee Dhaabaa olii hanga gadiittti bal’inaan gamaaggame.

Kana malees akkaataa qabeenyaa fi dinagdee Dhaabaa itti guddisuun danda’muu fi dhimma itti bahamu irratti haasa’ee sirnaa fi tarsiimoo madda galii Dhaaabaa balbal’isuun itti danda’amu akeeke. Akkasumas, adeemsa siyaasaa fi nageenya Itoophiyaa, keessaahuu, dhiibbaa siyaasaa fi dhiittaa mirga namoomaa mootummaan Itoophiyaa amma aangoo irra jiru waliigala ummatoota biyyattii, keessattuu ammoo Ummata Oromoo irraan gahaa jiru, haala miseensotaa fi hoogganoota ABO fi gaazexeessota mana hidhaa jiranii gadi fageenyaan irratti haasawuudhaan danqaalee Dhaabaa fi deggertoota isaa mudachaa jiran irra aanuuf falaa fi mala karaa nagaa karoorsee jira. Continue reading

Aside

Yeroo dhibee hamaan Addunyaa yaaddessaa jiru kanatti tajaajila odeeffannoo ummata irraa addaan kutuufi mana hidhaa keessatti uummata ukkaamsuun dhibichi akka babal’atu gochuudha.

Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo irra kenname

Bitootessa 16/2020
Finfinnee, Oromiyaa

Yeroo Ammaa guutuu Addunyaaf yaaddoo kan tahe dhukkubni COVID-19 jedhamu ummata Addunyaa kanaa akka baalaa harcaasaa jiraachuu namuu quba qaba.

Dhukkubni kun Biyya chaayinaatti haa eegalu malee deemsa keessa Addunyaa guutuu gahee biyyoota hunda yaaddoo hamtuu keessa galchee jira.

karaaleen daddarba dhukkuba kanaa baayyee yaaddessaa tahuun immoo Ogeessota fayyaa Addunyaa dabalatee WHOtti yaaddoo hamtuu taheera.

COVID-19 karaalee hanga ammaatti dhukkubootni daddarbu jedhamee hin eegamne nagaa harkaan wal gaafachuun akka daddarbu erga baramee Addunyaan yaaddoo hamtuuf saaxilamuu irraan kan ka’e Ogeessota Addunyaa kanaa dabalatee WHO akka namni harkaan nagaa wal hin gaafanne ummata hundaan barsiisaa ykn hubachiisaa jiru. Continue reading

Aside

Nageenyi lammiilee biyyattii yaaddeessaa ta’eera!

Qalbeessaa Dhangi’aatiin
Bitootessa 9,2020

Image may contain: one or more people, people standing, sky, cloud and outdoor nagaa uummataa booreessuu, nageenya hammeessuu irratti bobbaa’an Impaayera Xoophiyaa keessatti madda gufuulee dimokiraasii ta’uu irra darbanii, nageenya biyyattiif yaaddeessaa ta’aa jiru.

Biyyattii keessatti lubbuun namaa gatii dhabeera. Namni guyya guyyaan ajjeefamee, guyya guyyaan wal awwaalaa oola. Qaamni uummata ajjeesu seeraan gaafatamee, seerri lubbuu lammiileef falmus argamee gara abdii uummataa haareessuutti adeemuu dhabe. Nageenya booraa’e gara bakkaa isaa ganamaatti deebisanii, boqonnaa lammiilee biyyattii ykn abdii sabaaf sablammoota impaayera biyyattii dagaagsuuf qooda irraa eegamuu bahatuun hafee ittuu waraanni mootummaa madda rakkinaaf madda ajjeechaa isa olaanaa ta’uun hundaan olitti qaamolee karaa nagaan qabsaa’an yaaddeessaa jira. Continue reading

Aside

Haala Dararaa Barattoota Oromoo Irra Gahaa Jiru.

Aside

Hidhaan Hogganoota ABO Itti Fufee Jira.

MGS-ABO jaal Amaan Filee dabalatee Qondaala ABO jaal Gadaa Gabbisaa fi Galaalchessaa SBO Waaqoo Noolee fi Galaalchessaa ONN Dassuu Duulaa fi konkolaachisaa isaanii Bilisummaa ykn Ismaa’el kan jedhamu Bitootessa 8/2020 Jaal Abdii Raggaasaa bakka hImage may contain: 1 person, selfie, closeup and outdooridhamee jirutti gaafachuu deemanii humna waraanaan qabanii kan turan namootni shanan kun guyyaa har’aa Mana murtiitti dhiyyaachuun beellama guyyaa 14 poolisiin itti gaafatee jira.

Rakkoon Oromoo seeraan furama jedhanii yaaduun furmaata hin fakkaatu mootummaa gabroomsaa biratti.

 

Continue reading

Aside

Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo(ABO)

Aside

Aside

Oromo Studies Association

Image may contain: tree, plant, sky, outdoor and nature, text that says 'Oromo Studies Association'
P.O. Box 5152
Salisbury, MD 21802
March 1, 2020
Subject: Concern about the killings, imprisonments, expulsion of Oromo students, closure of universities, and the intermittent blockage of landline telephone, cellphone, and internet services
Dr. Abiy Ahmed, Prime Minister
Federal Democratic Republic of Ethiopia
Office of the Prime Minster
P.O. Box 1031
Finfinnee, Ethiopia
Dear Mr. Prime Minister:
I am writing this letter on behalf of the Oromo Studies Association (OSA), out of grave
concern about the widespread killings, the expulsion of Oromo students, the closure of
universities, and the intermittent blockage of landline telephone, cellphone, and internet services to people in some parts of Oromia. In my first open letter, as I congratulated you on winning the 2019 Nobel Peace Prize, I stated, “you now have the global and local support to transform
Ethiopia and the Horn of Africa region and make democracy and regard for human rights the Continue reading