Nageenyi lammiilee biyyattii yaaddeessaa ta’eera!

Qalbeessaa Dhangi’aatiin
Bitootessa 9,2020

Image may contain: one or more people, people standing, sky, cloud and outdoor nagaa uummataa booreessuu, nageenya hammeessuu irratti bobbaa’an Impaayera Xoophiyaa keessatti madda gufuulee dimokiraasii ta’uu irra darbanii, nageenya biyyattiif yaaddeessaa ta’aa jiru.

Biyyattii keessatti lubbuun namaa gatii dhabeera. Namni guyya guyyaan ajjeefamee, guyya guyyaan wal awwaalaa oola. Qaamni uummata ajjeesu seeraan gaafatamee, seerri lubbuu lammiileef falmus argamee gara abdii uummataa haareessuutti adeemuu dhabe. Nageenya booraa’e gara bakkaa isaa ganamaatti deebisanii, boqonnaa lammiilee biyyattii ykn abdii sabaaf sablammoota impaayera biyyattii dagaagsuuf qooda irraa eegamuu bahatuun hafee ittuu waraanni mootummaa madda rakkinaaf madda ajjeechaa isa olaanaa ta’uun hundaan olitti qaamolee karaa nagaan qabsaa’an yaaddeessaa jira.

Waraanni mootummaa ajajaanis ta’u ajaja ala lammiilee biyyattiitti dhukaasee ajjeesu seeraan gaafatamuu dhabuun ammoo rakkinichi akkaan wal horee jeequmsi akka babal’atu taasisaa jira. Nagaa lammiilee biyyattii hunkurame keessatti qabsaa’otiin karaa nagaa fi dhaabbileen mirga namoomaa uummataaf birmatuuf sadarkaa ulfaataa irra gahan. Rakkoon sabaa yeroo akka malee dagaagee jiru kana keessatti, haala oolteef bultii saba keenyaa dhaga’uudhaaf karaaleen quunnamtii hawwaasaa adda cituun ammoo ittuu qaamolee uummata ajjeesuu dheebotaniif daandii saaqeera. Qaamolee sabaaf sablammiilee biyyattii irratti irree agarsiisuuf meeshaa waraanaa hidhatanii labsii seeraan hindeggaramneen waraanaan biyya bulchuu irratti argaman kanneen biyyattii gara kufaatii hamaatti geessaa jiranidha.

Haala amma argamaa jiruun maatiileen Oromoo hedduun wareegama lubbuu kaffalaa jiru. Kana malees sabootni cunqurfamoo impaayera biyyattii wareegama hadhaawaa kaffalaa jiru. Uummata haaloo qabsiisaa uummata bulchuu yaaluun gowwummaadha.

Muummichi Ministeeraa Dr. Abiyyi Ahemad haasaa waggaa tokko dura haasaa’aa turan sana hojiitti hiikuu dhabuun rakkoo ammaa itti seenamee jiruuf sababa olaanaa ta’e. Uummata ofii akka qaroo ijaatti ilaaluu dhabuun gara laafina dhabaniifii haala dubbachuun illee nama sururuun uummata meesha maleeyyiitti waraana banuun nama yeelalsa. “Ajjeesuun mo’amuudha!” Dhaadannoo jedhuun kan bulchiinsa eegalan, dubbiin kun gara hojiitti hiikamuu dhabee faallaa isaan uummata keessa socho’uun rakkoo keessaa bahuun hindandaa’amne dhaluutti jira.

Rakkinni akka salphaatti dhalachuu danda’a. Silaa wanti ta’uu male rakkoo dhalchuu utuu hintaane, rakkoo maseensanii nagaa horsiisuuti biyyattii gara boqonnaa haaraatti oofa ture. Kun hafee uummata haaloo qabatanii, gadoo waggootii darbanii uummatatti bahuuf dhaadachuu akkasumas hojjechuudhaan furmaati argatan hinjiru. Qaamni kamuu uummata haalonfatee jiraachuu, uummatatti gadoo qabatee gocha hammeenyaa uummata irratti dalagaa umurii dheeraa jiraata yaada jedhu hinqabu. Qaamni haaloo uummatatti bahu isa uummata keessaa of baasuu barbaade qofa.

Nagaa sabaaf sablammiilee hunkuraa, mirga dimokiraasiif mirga uumamaa lammiilee sarbanii uummata keessa jiraachuun abjuudha. Mirga uumaanis ta’e dimokiraasiin argate uummata irraa molquun rakkoo dhalcha. Rakkoon dhalannaan jeequmsa babal’ata. Jeequmsa keessa lubbuu baay’ee bada. Qabeenyaa hedduu barbadaa’a. Lola uummata waliin gaggeessee qaamni uummata injifatus hinjiru. Yeroo kamuu uummati injifataadha. Mootummaan uummata Xiiqii qabatee, dukkana keessatti tajaajila quunnamtii irraa mureen uummata ajjeesee jiilcha jedhee haa yaadu malee kanaan hinmilkaa’u. Uummati yeroo mara injifataadha. Uummata irratti waraana banuun, qabeenyaaf mana jireenyaa uummataa barbadeessuun, qabsaa’ota uummataa ajjeesaa kaan hidheen uummaticha cabsee bulcha yaada jedhu qabatanii jaarraa 21ffaa keessatti saganteeffatanii adeemuun mataansaa hanqina. Jaarraa qaroominaa keessatti dirqamaan uummata bituu, dirqamaan yaada ofii uummata fudhachiisuun hindandaa’amu.

Walii galatti ajjeechaa, hidhaa, hiraarsaa fi doorsisa waraanni mootummaa uummatatti bane dhaabbachuu qaba. Dhaadannoon waraanni mootummaa uummatatti dhaadatus yeroon dhaabbatuu qaba. Waraanni uummatatti dhaadata utuu hintaane, uummataan siifan jira jedhee abdii itti horuu qaba ture. Kun hafee, ammayyuu tarkaanfii uummata irratti fudhanna jechuun uummata haaloo qabsiisuun ofis balleessuudha. Haala ammaa kanaan nageenyi lammiilee biyyattii yaaddeessaa ta’eera! Lammiileen biyyattii kamuu yaaddaa’aa biyya isaanii keessa akka jiraataan gochuun mirga uumamaan qaban irraa molquudha. Sabaaf sablammiileen biyya isaanii keessatti yaadda’aa, dhiphataa akka jiraataniif sududaan dalagaan itti jiramu madda jeequmsaa isa ta’u qofa. Kanaafuu mootummaan waraanni biyyattii waraana uummataa akka ta’uu hojjechuu malee, humna waraanaa biyyattii dhuunfatee ittiin uummata doorsisuun dhaabbachuu qaba. Waraanaan uummata doorsisuun waraanaan boqonnaa uummata dhorkachuun yakka. Waan ta’eef uummatis nageenya isaa mirkaneeffatuuf wal ta’ee akka warraaquu qabun dhaama.

Injifannoon uummata bal’aaf
Qalbeessaa Dhangi’aatiin
Bitootessa 9,2020

 

Image may contain: one or more people, people standing, sky, cloud and outdoorImage may contain: 2 people, people standing

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s