Yeroo dhibee hamaan Addunyaa yaaddessaa jiru kanatti tajaajila odeeffannoo ummata irraa addaan kutuufi mana hidhaa keessatti uummata ukkaamsuun dhibichi akka babal’atu gochuudha.
Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo irra kenname
Bitootessa 16/2020
Finfinnee, Oromiyaa
Yeroo Ammaa guutuu Addunyaaf yaaddoo kan tahe dhukkubni COVID-19 jedhamu ummata Addunyaa kanaa akka baalaa harcaasaa jiraachuu namuu quba qaba.
Dhukkubni kun Biyya chaayinaatti haa eegalu malee deemsa keessa Addunyaa guutuu gahee biyyoota hunda yaaddoo hamtuu keessa galchee jira.
karaaleen daddarba dhukkuba kanaa baayyee yaaddessaa tahuun immoo Ogeessota fayyaa Addunyaa dabalatee WHOtti yaaddoo hamtuu taheera.
COVID-19 karaalee hanga ammaatti dhukkubootni daddarbu jedhamee hin eegamne nagaa harkaan wal gaafachuun akka daddarbu erga baramee Addunyaan yaaddoo hamtuuf saaxilamuu irraan kan ka’e Ogeessota Addunyaa kanaa dabalatee WHO akka namni harkaan nagaa wal hin gaafanne ummata hundaan barsiisaa ykn hubachiisaa jiru.
Biyyoota dhukkubni kun keessatti argame ykn Mul’ataa jiru jedhamu hunda USA dabalatee manneen barnootaa fi Manneen Amantii akkasumas waajjiraaleen ummatni keessatti heddummatu bakkeewwan bashannanaa akka hojii idilee isaanii cufan beeksisaniiru.
Gara biyya keenya Itoophiyaatti yeroo dhufnus dhukkuba kana ittisuuf haal dureewwan tokko tokko gochaa turre ittis jirra jedhus mootummaan guyyaa har’aa MM Dr Abiyyiin guyyoota 15 fuuldura keenya jiran manneen barnootaa yuuniversitiilee dabalatee wal gahiileen kamuu akka hin adeemsifamne akkasumas taphoonni kubbaa miilaa fi kanneen biroon spoortiin akka dhaabbatu beeksisanii jiru.
Tarkaanfii mootummaan Ethiopia fudhate waan jajjabeessamu tahus garuu ammas ummatni keenya dachee Oromiyaa irra jiraatu harki caalaan odeessa kanas tahe karaalee dhukkubni COVID-19 jedhamu daddarbuu fi mala ittisa isaa dhagahaa hin jiran.
Sababaan isaa immoo mootummaan Command post seeraan hin labsamne ummata lixaa fi kibba Oromiyaatti erga labsee uggura bilbilaa fi interneetaa addaan kutuun dhibee COVID-19 jedhamu dhagahuu miti ofiifuu uummatni maal keessa akka jiru wal quba hin qabu.
Yeroo Ammaa kana dhukkubni Addunyaa yaaddessaa jiru kun biyya keenya keessa erga seenee bubbulus guyyoota lama dura mootummaan akka ifatti biyya seene beeksisee jira.
Hanga ammaatti Itoophiyaa keessatti namootni qabatamaan dhukkubni kun irratti argame 5 tahuu fi dhukkuba kanaan shakkamanii warreen adda baafaman immoo itti gaafatamaa waajjira BBO Dr Tolaa Barisoo dabalatee namoota 183 ol tahuu mootummaan ifa godhee yeroo jirutti Nuyi Qeerroo Bilisummaa Oromoos yaaddessaa waan jiruuf mootummaan karaalee ummatni keenya ittiin of eeggachuu dandahan akkuma midiyaaleen biyya keessaa fi alaa gabaasaa jiran akka dhagahanii of eeggataniif bakkoota rakkoon bilbilaa fi internet addaan citee jiru hatattamaan lakkisuun ummatni keenya odeessa dhukkuba Addunyaa yaaddessaa jiru kana akka hubannoo gahaa argatanii irraa of eeggachuu qaban furmaata gochuu qaba jennee cimsinee ni gaafanna.
Akkasumas Ilmaan Oromoo yakka tokko malee Oromummaa isaaniif jecha yakkamaa tahanii manneen hidhaa beekamoo fi dhokatootti dararamaa jiranis haal duree tokko malee akka lakkifaman ni gaafanna.
Ilmaan Oromoo mana hidhaa jiran mana tokko keessatti hedduminaan ugguramanii waan jiraniif mala dhukkubni COVID-19 kun ittiin daddarbu keessaa immoo inni guddaan bakka ummatni walitti baay’atee jiru afuuraan waan daddarbuuf kana furuuf saffisaan hidhamtoota siyaasaa Oromoos tahe namoota yakki isaanii sassalphaa tahe rakkoon kun osoon mudatiin dursee hiikuu qaba jennee waan amannuuf akka Qeerroo Bilisummaa Oromootti kanas mootummaa biyya bulchaa jiru cimsinee akeekkachiifna.
Maayii irratti yerootti Addunyaan balalii xiyyaaraa bakkoota hedduu of irraa dhorkaa jirtutti biyyi keenya Itoophiyaa garuu bakka ka’umsa COVID-19 kan taate Chaayinaatti illee tajaajila balalii addaan hin kutiin jiraachuun isaa immoo ammas eegumsa mootummaan kun ummata isaaf godhuuf yaade gadi aanaa tahee waan nutti argameef saffisaan akka addaan kutu gaafachaa namoota dhukkuba kanaan shakkaman akka MM Abiyyiin “mallattooleen COVID-19 isin irratti yoo mul’ate manaa gadin bahiinaa mana taa’aa” jedhe sana osoon taane namoota dhukkubni kun irratti mul’atu akka saffisaan gara mana yaalaa isaaniif qophaayetti geeffamanii wal’aansa gahaa godhamuuf ni gaafanna.
Ummata keenya Saba bal’aa Oromoofis nagaa isaaniif hawwaa balaa amma Addunyaa mudatee jiru kanas of eeggannoo godhamuu qaba godhanii akka of tiksan waamicha keenya dhiyyeessinaaf.
Injifannoo Uummata Oromoof!
Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Bitootessa 16/2020
Finfinnee, Oromiyaa
Mootummoonni gamtoomanii mootummaan Itoophiyaa dhukkuba kanatti fayyadamuun duguuggaa sanyii lixa,kibba fi jiddugala oromiyaa irratti akka geggeessaa jiru hubatanii tarkaanfii barbaachisu fudhachuu qabu.