OPDO Qormaata Maastara Plaanii Kufe.

Aside

(Oromedia, Finfinnee, 14 Muddee 2015) OPDOn dhimma maastar pilaanii irratti hojii manaa itti kenname waan hin hojjanneef, qoraamata kufuun dhagayame.

Dhimma maastar pilaanii irratti hubannoon gahaan utuu hin uumamin turuun jeeqamsaaf karra akka bane himame

Diddaa fi mormii manneen barnootaa Oromiyaa garaa gara keessatti mudateef OPDOn akka itit gaafatamu hogganooti TPLF murteessan.

Oduun Finfinnee irraa nu gahe akka hubachiisutti, walgahii EPRDF/TPLF irratti OPDON gaaraa haga dakaatti ummata amansiisuu dadhabuu isaatiif diddaan kun akk baba’atetti amansiisaa jiran.

Mariin karaa Raadiyoo Faanaa biyya keessatti darbaa jirus, diddaa fi mormii ummataa Magaaloota Oromiyaa gara garaatti mudate irratti olola guddaa deemsisaa jira.

Marii Faanaa kana irratti itti gaafatamaan wajjira koree jiddu galeessaa Dhaabbata Demokraatawaa Ummata Oromoo obbo Dhaabaa Dabalee, kantiibaan bulchinsa Magaalaa Finfinnee obbo Dirribaa kumaafi ministirri itti gaafatamaan waajjira dhimmoota koomunikeeshinii Mootummaa obbo Getaachaw Raddaa hirmaatuun dubbii OPDO qeequu fi doorsisuu kana belbelchaa jiran.

Obbo Getaachoon humnoonni dhiphoonni bu’aa Naannoo Oromiyaa keessatti galmeeffamaa tureen Dhaabbata Demookraatwa Ummata Oromootiif beekkamtii kennuu diduudhaan kaayyoosaanii milkeeefafchuuf socho’anis hin milkaa’uuf jedhaniiru.

Obbo Getaachoo Raddaa akka jedhanitti "gaaffiin seera qabeessi ummanni kaase faayidaa humnoota farra Nagaatiif akka hin oolleef hojjetamuu qaba," jedhaniiru.

Itti gaafatamaan waajjira koree jiddu galeessaa Dh.D.U.O obbo Dhaabaa Dabalee gamasaaniitiin "humnoonni dhiphoonniifi of tuultoonni dhimma maastar pilaanii da’oo taasifachuudhaan socho’aa jiru, jechuun akka TPLF dafee dhaqqabuuf waamicha dabarfate.

Itti dabaluunis, Oromiyaan dheebuu bulchiinsa gaariitiin dararamaa akak jirtu yeroo ibsu, "Naannoo Oromiyaatti bulchiinsa gaarii mirkaneessuuf qophiin gahaan taasifamaa jira," jedhee akka aangoo irra turfamuuf gaafatate.

Dhimma maastar pilaanii qindaawaa irratti immoo, "ummata wajjin mari’achuuf qophiin taasifamaa wayita jirutti,"nutti ddulan jechuun qeeqaa fi duula EPRDF/TPLF ofirraa qabuuf yaale.

Kantiibaan bulchiinsa magaalaa Finfinnee obbo Diriibaa Kumaa, gama isaatiin, "bu’aa maastar pilaaniin argamsisu irratti hojiin hubannoo uumuu hin hojjatamne," jechuun ergama isaa bahachuuf yaale. Akka inni jedhutti, kun kan hanqateef, "sababa hojiiwwan adda addaatiin duubatti harkifate", jedhe.

Aside

Mudde 14,2015 Goototni Qeerroon Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Madda Walaabuu Sabaa fi Sablammoota Biyyattii Hunda badalachuun halkan Guutuu FDG finiinsaa Bulan. madda Walaabuutti Warraaqsii Biyyoolessaa Oromiyaa FDG jabaatee itti fufe. Barattootni Ilmaan sabaa fi sablamoota biyyattii Mooraa yuunibarsiitii Madda Walaabuu barattoota Oromoo waliin ta’uun sagaalee dhaadannoo dhageesisaa bulan. humni waraana wayyaanee Agazii jedhamu barattoota dura dhaabbachaa kan jiruu fi Akka Magaalaatti gadi hin baane humnaan Ittisaa jira.

Aside

Mudde 14,2015 Goototni Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Mattuu halkan guutuu warraaqasa qabsiisuun humna waraanaa of irraa faccisaa kan
bulan ganama kana gara barii lafaa irraa eegaluun Warraaqsii Biyyoolessaa Oromiyaa FDG jabeessuun itti fufan humni waraana Wayyaanee Agazii jedhamu barattoota Oromoo dura dhaabbachaa kan jiruu fi akka magaalaa Mattuutti gadi hin baane humnaan Ittisaa jiraachuu beekameera.Goototni Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Mattuu gaaffii isanii qopheeffachuun qaama bulchiinsaa Yuunibarsiitii
Mattuutti dhiyeeffachuuf yaalii cimaa godhanis qaamni harka fuudhu dhabamuun warraaqsa isaanii haalaa jabeessuun dhaadannoo guddaa
dhageesisaa jiru.

Sagalee Qeerroo Biliummaa Mudde 13, 2015 / Ibsa OSA fi Injifatnoolee Mudde 13,2015

Aside

Har’a Muddee 13/2015 Godinaalee Oromiyaa Keessaa Kan Itti Fufee Oole.

Aside

Har’a Muddee 13/2015 Godinaalee Oromiyaa keessaa kan itti fufee oole
1. Godina shaggar lixaa –Amboo, Gudar, Baakkoo, Gincii, Gindabarat, Jalduu, Skukutee, Xiqur Incinnii keessatti itti fufee oolee jira.
Ona Jalduu fi Gindoo keessatti FDG mootummaa wayyaanee bakkaa raasee jira. Meeshaaleen waraanaa lafa irraa fi qilleensarras dabalatee gara onoota kanaatti humna dabalataaf guuraa oolan, uummanni ona kanatti kaleessaaa kaasee hanga har’aatti diddaa isaa ittti fufee jiru lakkoofsa guddaadha, namni mana isaatti hafe hin jiru waraana Wayyaanee marsaa lamaa oliif magaala keessaa baasanii jiru, hanga bilisummaa fi walabummaatti diddaan uummataa hin dhaabbatu
2. Godina Shaggar kaabaatti- kuyyuu, Gabra Gurraachaa, Muka Xurii, Salaale keessatti diddaan daandii cufuudhaan kan wal irraa hin cinnee guyyaa guyyaatti haaromsuudhaan itti fufaa jiru. Humnoota waraana Wayyaanee Agaazii fi poolisoonni oromiyaa onoota kanneen keessaa ariyanii yeroo ammaa daandiin cufamee akka jiru odeessaan ibsee jira
3. Iluu Abbaa Booraa- Buree, Mattuu, fi kkf keessatti walgayiin OPDOn waamtee uummata gowomsuuf gaaffii uummataa yeroo kanaa miliyoona 40 oliin farreen nageenya jechuun dhaadattu walgayii ishee fesheleessuun uummanni deggeroota keenya ofiin jettus dhiitee bahuun qaanesse gara diddaatti seenee jira.
4. Godina Qellem wallaggaa- Jimmaa Horroo, Sayyoo, Dambi Doolloo, Anfilloo, Gidaamii fi Begii keessatti FDG barattootaan itti fufee jira. ona Jimmaa Horroo keessatti dhukaasni darbee darbee uummata irratti tahaa jira, qonnaan bulaa fi barattootni qabamaa jiru. Daandin konkolaata darbee darbee cufamaa jira.
5. Wallagga Lixaa-Najjoo, Manasibuu, Gimbii, Mandii, Ganjiitti diddaan hin dhaabbanne itti fufeetu jira.
6. Dhaabbilee barnootaa yuuniversitiilee adda addaa keessatti sochiin nyaata lagachuu, hucuu gaddaa uffachuun diddaa isaanii har’a diddaa isaani mul’isaa oolanii jiru

Qeeroon Bilisummaa Galmee Oromoota Rasaasa Wayyaaneen Hanga Ammaa Wareegamanii Baase.

Aside

cropped-qeerroo-edit.jpg

 

 

 

 

 

 

Galmee Jaallan Mirga Isaaniiif Osoo Falmanii Rasaasa Wayyaaneen Wareegamanii.

Galmeen Kun Sadaasa 10-Mudde 12 Qoafatti

Maqaa  Guutuu Age Godina Ona Ganda
1 Alezar Benti Aggizahuu Wallagga Lixaa Laaloo Asabii Inangoo 01
2 Gutuu Abera 18 Wallagga Lixaa Gullisoo Calliyaa
3 Gudeta Bayyisaa 19 Shawaa Lixaa Calliyaa Tulluu Boojoo
4 Fikaduu Girma Shawaa Lixaa Calliyaa Gooda Walliyyee
5 Shabe Diba Shawaa Lixaa Abuna Gindabarat Anfaaree/Holoto/
6 Misir Haji Namo Arsii Lixaa Adaabbaa
7 Nasiru Mohamad Arsii Lixaa Adaabbaa
8 Luchee Gamechu Kumera Wallagga Lixaa Laaloo Asabii  Waanjoo 01
9 Ayana Banti Duguma Wallagga Lixaa Laaloo Asabii Waanjoo 01
10 Kenasa Lenca 17 Wallagga Lixaa Gullisoo Calliyaa
11 Dereje Gadisa Taye 14 Shawaa Lixaa Calliyaa Liiban Gaamoo
12 Bu’e Dhaba Shawaa Lixaa Abuna Gindabarat Fiinoo
13 Dajane Sarbesa 20 Ki/Li/Shawaa Tolee Abebe
14 Teshale Humnasa 18 Ki/Li/Shawaa Wancii Cittuu
15 Habtamu Tasfaye Wallisoo Fida Goraa
16 Ayyansa Mekonin Wallisoo Dirree Daalattii
17 Garredo Tolesa Wallisoo Guraaraa Bokkuu
18 Husen Dalu Ule 16 Arsii Lixaa Adaabbaa Adaabbaa 02
19 Amare Arsii Lixaa Adaabbaa
20 Lammeessaa Fayeeraa 12 Shawaa lixaa Amboo
21 Girmaa Raggaasaa 35 Shawaa Lixaa Amboo

FDG erga Oromiyaa keessatti dhowee asitti waraana Wayaaneen kan wareegaman hanga ammaa kan qindaawee dha. Kan hafan kaanis ni jiru gabaasa seenaa caasaa irraa eegaa jirra. Hordofuun kan gabaafamu ta’a.

FDGn HAMMA GALII ISAATTI ITTI FUFA

INJIFANNOON UUMMATA OROMOOF

GADAAN GADAA BILISUMMAATI!

Qeerroo Bilisummaa

Guutummaa Gabaasaa PDFn Argachuuf:- Galmee Barattoota Oromoo Wareegamanii Muddee 12 2015

 

Sagalee Qeerroo Biliummaa (SQ) Mudde 12 Bara 2015 / Odeessa Oromiyaa Keessaa Ilaalchisee Gabaasa Addaa

Aside

Mudde 13,2015 Magaalaa Baabbichaa Aanaa Calliyaatti Keessatti FDG Itti Fufeen Wal Qabatee Mootummaan Wayyaanee Uumata Itti Dhukaasaa Jira.

Aside

Mudde13,2015 Warraaqsii Biyyaaleessa Oromiyaa FDG’n Haalaan Jabaachuun Aanaa Calliyaa Magaalaa Baabbichaa keessatti gaggeeffamaa jiru irratti Mootummaan wayyaanee EPRDF humna Waraanaa raayyaa ittisa biyyaa bobbaasuun Uummata Oromoo irratti waraana banuun duguginsii sanyii rawwate jira.

Caliya Mudde 13,2015

Caliya Mudde 13,2015

“Qeerroo Abdii Kiyyaa” Artist Mo’ibul Dannabaa Gadaa / Wallee Warraaqsaa Haaraa Muddee 13,2015

Aside

FDG Itti Fufee Yuniverstii Jimmaa Keessatti Tiki Wayyaanee Barattoota Hedduu Hiisise Kaaliid Abbaa Tamaam Hunmna Hin Beekamneen Haaleelamuun Hosptala Jimmaa Seene.

Aside

Har’a Mudde 13,2015 Yuuniversitii Jimmaa Keessaa barattoota Oromoo nagaa qabamanii dhiamanii jiru.Tiki Wayyaanee kan barattoota rakkisaa ture eda qaama hin beekamneen tarkaanifiin irratti fudhatamee Hoptala Jimaa ciisee jira.

Akka kanatti  Yuunibarsiitii Jimmaatti barattoota isin qindeessitoota fincila kanaati jechuun dararaan hamaan mana hidhaa magaalaa Jimmaa keessatti irra gahaa jiru keessaa muraasa maqaan nuqaqqabe
1 Gammachuu Giddiisaa Damee barnoota Herregaa waggaa sadaffaa
2 Dirribaa Fufaa Saayinsii waggaa sadaffaa
3 Gammachuu Tarfaa Invaaromental Saayinsii
4 Fayisaa T. Guutamaa saayinsii kompuutaraa waggaa arfaffaa
5 Daanyee  Nursing waggaa sadaffaa
6 Dirribaa waggaa jalqabaa kompuutaraa
7.Zannabuu Herrega waggaa lammaffaa