Oduu Ammee:- Dambi Doolloo Wallaggaa Magaalaan Ummataan Bilisoomtee Bultee Har’a Ammo Dhukaasi Meeshaa Gurguddaan Irratti Ta’aa Jira.

Aside

Mudde 15,2015 Dambi Doolloo

Uummatni magaalaa Dambi Doolloo Wallaggaa tokkummaan dhaabbachuun kaabinootaa fi loltoota Wayyaanee of irraa baasee bulchiinsa magaalaa tolfatee bule. Haala kana keessatti dhukaasaa fi lola loltooti Wayyaanee irratti bananiin namni 8 uummata irraa kan wareegaman yeroo ta’u ammo dhuma irratti injifatnoon kan uummataan xumuramee magaalittiin dhuunfatamuun alaabaa Oromoo dhaabbattee bulte, Har’a Muddee 15,2015 ammoo loltooti Wayyaanee humna guddaan magaalittiitti bobba’uun meeshaalee gurgurddaa dhukaasaa fi qabeenya uumataa miidhaa akka jiran gabaasi Qeerroo addeessa.

Ummanni Baadiyyaa kallattii 4 n waan qabu qabatee gara magaalaatti birmachaa jira.Dhiiraa dhalaa osoo hin jenne jaarsaa jaartii osoo hin jenne gara magaalaatti duuluun Wayyaanota of irraa baasuuf qabsoo guddaa gochaa jiru.

Wayaaneen Nurraa Haabaatu Jedhu Gootonni Jalbduu

Aside

Birmatnaa Ayyoolii- FDG Magaalaa Buraayyuu Mudde 14, 2015

Aside

Alaabaa Oromoo Ibsituu Dukkanaa Dhaabbachuun Ummanni Magaalaa fi Baadiyyaa Bakkoo Tibbee Magaala Dhuunfatan

Aside

Sagalee Qeerroo Biliummaa Mudde 14, 2015 /Oduu Ammee

Aside

Warraaqsi Bilisumma Godina Lixa Shaggar Aanaa Meettaa Roobii fi Aanaalee Ammaayyaa Keessatti Bifa Adda Ta’een Itti Fufee Jira

Aside

Mudde 14,2015 Godina Lixa shaggar Aanaa Meettaa Roobiitti warraaqsii Warraaqsii biyyoolessaa Oromiyaa FDG daran jabaachuun Uummataa,
Dargaggootaa ,Hojjettoota Mootummaa,Barattoota fi Uummata Qonnaan Bultootan jabaachuun itti Fufe jira. Sochiin uummataa kun Aanaa
Guddicha lixa Shaggar Meettaa Roobii keessatti Gandoota 41 fi Magaalota Xixiqqoo hedduu kan Of keessa qabu,keessatti qabsisan.
Uummatni magaalota akka Minaaree, Eelaa fi Goorootti akka waraanni hin seenne ittisan . Erga Waraanniuumataa Oromoo Jalduu karaa nagaan
Jaarsaa biyyaan Bulaa jiru irratti Banamee dhumuu qabna Malee uummata keenya Meeshaa malee dhumaa jiruuf haa dirmannu jechuun warraaqsii
itti fufuun yeroo amma kana Sochiin warraaqsaa uummata haalaan jabaachuun itti fufe. Waraanni Wayyaanee Raayyaan ittisa biyyaa
konkolaataan Oraalii 7tti fe’amee Gara Meettaa Roobiitti geeffamaa jira, daandii uummatni cufeen karaa dabaa dhabuun rakkoo meeqa
keessaan Uummata Oromoo Meettaa Roobii fixuuf adeema jiru, Halli har’an tana gara Meettaa Roobii jiru haalaan yaaddeessadha.

Mudde 14/2015 Godina Kibba Lixa shaggar Aanaa Ammayyaattii Warraaqsii biyyoolessaa Oromiyaa FDG daran jabaachuun Uummataa, Dargaggootaa ,Hojjettoota Mootummaa,Barattoota fi Uummata Qonnaan Bultootan jabaachuun itti Fufe jira. Erga Waraanni Magaalaa walisoo fi aanaawwaan Godina walisoo keessa qubsiifamee jiru Aanaa Ammayyaatti uummata irratti dhukaasaa jira.
Haaluma walfakkaatuun uummatni oromoo Aanaa Wanciis dhaadannoo sagalee jabaan dhageesisa jira. Guutummaan godina Kibba lixa Shaggar
godinni walisoo warraaqsaa guddaa keessa galtee jirti. Waraannis sagalee dhukaasaa meeshaa gurguddaa dhageesisuu itti fufe. Uummatni
daandii Cufuun karaa nagaa sagalee mormii guddaa gochuu fi daandii cufuu itti fufe!!

Geerarsa Warraaqsaa Haaraa Artitst Abdii Gammachuu Mudde 14,2015

Aside

Mootummaan Wayyaanee Ta’e Jedhee Waajjira Gurgurtaa Lafaa Bakkota Adda Addaatti Banaa Jira.

Aside

Mudde 14,2015 Finfinnee

Gurgurtaa lafaaWaajira haaraa reefu bulchiisaalee magaalaalotaa godina addaa naannawaa Finfinnee keessatti hoji gurgutaa lafa Oromootiif baname.

Haala uummanni Oromoo bakkoota hundatti lafa isaa falmachaa jiru keessatti mootummaan Wayyaanee ta’e jedheen waajiroota daldala lafaa Oromiyaa bakkoota adda addaatti banaa jira. Haalli kun uummata Oromoo biratti qalbeeffatamee FDG jabaatee itti fuuu qaba.

FDG Oromiyaa

Aside

Aside

Mudde 14,2015 Godina Lixa Shaggar Aanaa Jalduutti Mootummaan Abbaa irree Wayyaanee warraaqasaa biyyoolessa Oromiyaa FDG gaaffii Mirgaa Karaa Nagaan dhihaate Dura dhaavbbachuuf Uummata Oromoo Jalduu irratti Waraana bane, Jalduu Guyyaa sadiif Uummatni Waraanaa Raayyaa ittisa biyyaa fi waraana Agaazii Jedhamuun waraanama jira. Hanga ammatti namootni qabatamaan Wareegamaan bira ga’uun hedduu rakkisaa ta’aa jira. Jalduu Naannoo koluutti ilmaan Oromoo Kanneen Waraana gaggeeffama jiru keessatti wareegaman keessa;
1. Damissee Baayisaa
2. Milishaa Dhugumaa
3. Nimona Tilahuu
4. kebebaa Xaafaa,
5. Dirribaa Dabal,
6. Geeddafaa Guddisaa, kan keessatti argaman dabalatee ilmaan Oromoo hedduun kan Wareegaman ta’uun waraana guddaa hanga ammaa uummatarratti gaggeeffama jiru irraa tilmaamuun danda’amera.
Yeroo ammaa Godina Lixa Shaggar Aanota akka Gindabarat Magaalaa Abuunaa , Giincii Magaalaa Asgorii fi Magaalaa Amboo keessatti yakka
Waraanaa loltootni wayyaanee uummata Civilii irratti waraana banuun ilmaan Oromoo hedduu wareegamuun hubatame jira.