Har’a Muddee 13/2015 Godinaalee Oromiyaa keessaa kan itti fufee oole
1. Godina shaggar lixaa –Amboo, Gudar, Baakkoo, Gincii, Gindabarat, Jalduu, Skukutee, Xiqur Incinnii keessatti itti fufee oolee jira.
Ona Jalduu fi Gindoo keessatti FDG mootummaa wayyaanee bakkaa raasee jira. Meeshaaleen waraanaa lafa irraa fi qilleensarras dabalatee gara onoota kanaatti humna dabalataaf guuraa oolan, uummanni ona kanatti kaleessaaa kaasee hanga har’aatti diddaa isaa ittti fufee jiru lakkoofsa guddaadha, namni mana isaatti hafe hin jiru waraana Wayyaanee marsaa lamaa oliif magaala keessaa baasanii jiru, hanga bilisummaa fi walabummaatti diddaan uummataa hin dhaabbatu
2. Godina Shaggar kaabaatti- kuyyuu, Gabra Gurraachaa, Muka Xurii, Salaale keessatti diddaan daandii cufuudhaan kan wal irraa hin cinnee guyyaa guyyaatti haaromsuudhaan itti fufaa jiru. Humnoota waraana Wayyaanee Agaazii fi poolisoonni oromiyaa onoota kanneen keessaa ariyanii yeroo ammaa daandiin cufamee akka jiru odeessaan ibsee jira
3. Iluu Abbaa Booraa- Buree, Mattuu, fi kkf keessatti walgayiin OPDOn waamtee uummata gowomsuuf gaaffii uummataa yeroo kanaa miliyoona 40 oliin farreen nageenya jechuun dhaadattu walgayii ishee fesheleessuun uummanni deggeroota keenya ofiin jettus dhiitee bahuun qaanesse gara diddaatti seenee jira.
4. Godina Qellem wallaggaa- Jimmaa Horroo, Sayyoo, Dambi Doolloo, Anfilloo, Gidaamii fi Begii keessatti FDG barattootaan itti fufee jira. ona Jimmaa Horroo keessatti dhukaasni darbee darbee uummata irratti tahaa jira, qonnaan bulaa fi barattootni qabamaa jiru. Daandin konkolaata darbee darbee cufamaa jira.
5. Wallagga Lixaa-Najjoo, Manasibuu, Gimbii, Mandii, Ganjiitti diddaan hin dhaabbanne itti fufeetu jira.
6. Dhaabbilee barnootaa yuuniversitiilee adda addaa keessatti sochiin nyaata lagachuu, hucuu gaddaa uffachuun diddaa isaanii har’a diddaa isaani mul’isaa oolanii jiru
Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa FDG Oromiyaa | OromianEconomist