Mudde 15,2015 Dambi Doolloo
Uummatni magaalaa Dambi Doolloo Wallaggaa tokkummaan dhaabbachuun kaabinootaa fi loltoota Wayyaanee of irraa baasee bulchiinsa magaalaa tolfatee bule. Haala kana keessatti dhukaasaa fi lola loltooti Wayyaanee irratti bananiin namni 8 uummata irraa kan wareegaman yeroo ta’u ammo dhuma irratti injifatnoon kan uummataan xumuramee magaalittiin dhuunfatamuun alaabaa Oromoo dhaabbattee bulte, Har’a Muddee 15,2015 ammoo loltooti Wayyaanee humna guddaan magaalittiitti bobba’uun meeshaalee gurgurddaa dhukaasaa fi qabeenya uumataa miidhaa akka jiran gabaasi Qeerroo addeessa.
Ummanni Baadiyyaa kallattii 4 n waan qabu qabatee gara magaalaatti birmachaa jira.Dhiiraa dhalaa osoo hin jenne jaarsaa jaartii osoo hin jenne gara magaalaatti duuluun Wayyaanota of irraa baasuuf qabsoo guddaa gochaa jiru.
Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa FDG Oromiyaa | OromianEconomist