Mudde 14,2015 Godina Lixa Shaggar Aanaa Jalduutti Mootummaan Abbaa irree Wayyaanee warraaqasaa biyyoolessa Oromiyaa FDG gaaffii Mirgaa Karaa Nagaan dhihaate Dura dhaavbbachuuf Uummata Oromoo Jalduu irratti Waraana bane, Jalduu Guyyaa sadiif Uummatni Waraanaa Raayyaa ittisa biyyaa fi waraana Agaazii Jedhamuun waraanama jira. Hanga ammatti namootni qabatamaan Wareegamaan bira ga’uun hedduu rakkisaa ta’aa jira. Jalduu Naannoo koluutti ilmaan Oromoo Kanneen Waraana gaggeeffama jiru keessatti wareegaman keessa;
1. Damissee Baayisaa
2. Milishaa Dhugumaa
3. Nimona Tilahuu
4. kebebaa Xaafaa,
5. Dirribaa Dabal,
6. Geeddafaa Guddisaa, kan keessatti argaman dabalatee ilmaan Oromoo hedduun kan Wareegaman ta’uun waraana guddaa hanga ammaa uummatarratti gaggeeffama jiru irraa tilmaamuun danda’amera.
Yeroo ammaa Godina Lixa Shaggar Aanota akka Gindabarat Magaalaa Abuunaa , Giincii Magaalaa Asgorii fi Magaalaa Amboo keessatti yakka
Waraanaa loltootni wayyaanee uummata Civilii irratti waraana banuun ilmaan Oromoo hedduu wareegamuun hubatame jira.
Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa FDG Oromiyaa | OromianEconomist