Har’a Gurandhala 8,2016 Waliiso Mana Bartumasa Garasuu Dhukii Sadarkaa 2ffaa Keessaatti Barattooti FXG Gaggeessaa Jiru

Aside

#OromoProtests Waliso irraa :Waraqaan guyyaa sanbata dura irra eegalee hanga har’atti faca’aa ture har’a ganama garuu barattoonni Mana barnootaa Garasuu Dhukii Sadarkaa 2ffaa fi Mana barnootaa 2ffaa Biiftuu qoruumsa hin qoramnu hanga dhiigni ilmaan Oromoo dhangala’aa jiruu fi hidhaan Oromoo irraa dhaabbatuti jedhani dhaadannoodhan bahan barata kutaa 10ffaa Mokonin /Qeerraansoo jedhamu baayee rebame.

Barattoonnii Waliso kunneen dhaamsa barattoota hiriyoota isaanii Kan Bachoo, Sooddoo, Ammayyaa fi Oromoo guutuuf illee ka’aa qabsoon keenya itti fufa hanga Mirgii Oromoo kabajamutti kan jedhan dabarfatan jedha oduun Waliso irraa nu dhaqqabde.

Godina Wallaggaa Bahaa Onoota Nuunnuu Qumbaa fi Waamaa Hagalootti FXGn itti fufee jira

Aside

Guraandhala 8,2016 Humni diinaa Nuunnuu Qumbaa, Magaalaa Adaree keessa qubatee uummata nagaa gidiraa ture gara aanaa Waamaa Hagaloo Magaalaa Qassoo fi Killoo jedhamanitti ce’ee uummata gidiruu itti fufus uummati jalaa hin shishne!.

Guyyaa kaleessaa humni agaazii Waamaa Hagaloo fi Nuunnuu Qumbaa irraa gandoota walitti aanan Furdisaa, Baanqoo kanneen jedhaman Nuunnuu Adareetii weeraree waamaatti ce’uun gandoota Buttujjii Qassoo fi Goossanii Killoo jedhaman weeraree oole

Yeroo kanatti Jalee Dabalaa Ayyaanaa jedhamu Agaaziitti daandii fi sabboontota agarsiisaa kan ture ganda Goossanii Killoo keessatti tarkaanfii irratti fudhatameen waraansa garmalee waraanamuun hospitaalatti ergamuun isaa beekameera.Yeroo kana uummati gamtaan ka’ee Humnoota agaazii ofkeessaa ari’uun Bilisummaa isaa wayita labsatutti, Bulchaan aanaa Waamaa Hagaloo Tamasgeen Ittaanaa humnootuma aga’aaziin qabamee achi buuteen isaa dhabamuun beekameera.Ona Nuunnuu Qumbaa irraas jaleewwan OPDO hedduun Humnoota aga’aaziin to’atamuu maddeen keenya hubachiisaniiru.Waan kanaan booda OPDOn carraa fincila ummatatti makachuun ala carraa biraa akka hin qabne dhaamuufi feena!

SEENAA GABAABAA OBBO BAQQALAA MOKONNON

Aside

ABO

SEENAA GABAABAA OBBO BAQQALAA MOKONNON

Baqalaa MokonnonObbo Baqqalaa Mokonnon abbaa isaanii Qanyi Azimaachi Mokonnon Wasanuu fi haadha isaanii Adde Abbebbechi Ejersaa irraa akka lakkoofsa Itiyophiyaatti Sadaasa 28,1922 naannoo Oromiyaa, konyaa Salaalee, ona Wacaalee, ganda Boolee jedhamee beekamutti dhalatan. Obbo Baqqalaa Mokonnon haadhaa fi abbaa isaaniif mucaa jalqabaa; obboleessaa fi obboleettii isaaniifimmoo hangafa turan. Obbo Baqqalaan abbaa isaanii fi haadha isaaniitiin, keessattuu adaadaa isaaniitiin kunuunfamanii guddatan. Afaan Amaaraas baratan. Akkuma ijoollee naannoo isaanii farda gugsii, bishaan daakuu, xiyyaafannoo qawwee, kollee/qillee xapahchuu jaallatu ture. Barnoota afaan Amaaraa erga fixanii booda mana barumsaa Tafarii Mokonnon seenanii barnoota sadakaa lammaaffaa xumuratan. Sana booda, yeroo sanatti haarawaa banamee kan ture koollajjii hujii daldalaa (Commercial College) seenanii waggaa afuriif barnoota isaanii hordofan. Barnoota isaanii xumuranii hojjetaa herregaa ta’anii Baankii Daldaala Itiyoophiyaaf (Commercial Bank of Ethiopia) waggaa 13 hojjetan. Obbo Baqqalaan amala gaarii, miidhagaa, uffatnaa bareedaa fi walumaa galatti ofeeggannoo fi of-babbareechuu dhan dargaggoota yeroo isaanii turan keessaa dinqisiifamaa turan. Haa ta’u malee, haala jireenya isaanii fi jireenya saba isaanii, keessattuu rakkinaa fi badaddina ummata Oromoo, yeroo walbira madaalanii ilaalan jireenyi isaanii nama qullaa karabaataa hidhatee adeemu isaanitti fakkatte. Jireenyi isaaniis hiikaa dhabe. Kanaafis umurii dargaggummaa irraa jalqabee hanga lubbuun isaanii dabartutti waan dandahan gochaa turan. Gochaa kana keessatti- jalqaba jireenya firaa fi saba isaanii foyyeessuuf akka nama tokkootti waan tokko tokko gochuu eegalan. Waan dalagan keessaa hanga xiqqoo maqaa dhahuuf: baankii hojjetan keessaa horii baasanii namoota rakkatoo Waajuu keessaa fi naannoo jiraataniif hiranii akka hoolaa, handaaqqoo, dhadhaa fi kkf nagadanii bu’aa argatan; horii liqeeffatanimmoo akka baankiitti deebisan gochaa turan. Abbaan isaanii, Qanyi Azmaachi Mokonnoo, mana barnootaa Waajjuu fi Dabre Tsigee keessatti bananii turan. Obbo Baqqalaan, namootni naannoo sanaa ijoolleen isaanii akka mana barnootaa kanatti geessanii barsiisan gochaa turan; bakka nagadaa (gabaa) abbaan isaanii Dubar keessatti dhaabaanii turan namootni akka dhimma itti bahanii jireenya isaanii fooyyessan carraaqqii guddaa godhaniiru.Seenaa Gabaabaa Obboo Baqqalaa Mokonnon

FXG Godina Gujii Magaalaa Jiddola fi Diddaa Shamarran Oromoo Hararge Baha Magaalaa Awadaay Cidha Irratti Taasisan.

Aside

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo(SQ) Qophii Guraandhala 6, 2016

Aside

SBO Gurraandhala 07,2016. Oduu, Du’aan boqochuu Obbo Baqqalaa Mokonnon ilaalchisee Ibsa ABO, Ijoo Dubbii ABO, Gaaffii fi deebii miseensa Gumii Sabaa ABO J/Qeerransoo Abdiisaa waliin taasifame kutaa xumuraa fi qophii biroo…

Aside

Wallee Haaraa Sabboontota Artistota Jaalataa Lammii fi Tafarii Mokonnon “Yaa WBO Koo” 2016

Aside

ቄሮ: የኦሮሞ: ወጣቶች: ለነፃነት:ንቅናቄ: ድምፅ: የሳምንቱ: ዜና:: (SQ )February 5, 2016

Aside

Aside

Guraandhalaa 5, 2016 Godina Baha Wallaggaa aanaa Nuunnuu Qumbaatti  Warraaqsii FXG Qeerroo dargaggoota Oromoo fi Uummataan daran jabaachuun itti fufee jiraachuun Qeerroon Nuunnuu gabaasee jira, Konkolaataan Bulchiinsa Wayyaanee tokkos barbadooftee jiraachuun ibsame jira.

 Aanaa Nuunnuu Qumbaa bakka Magaalaa Adaree jedhamuun beekamtutti Warraaqsii uummataa fi dargaggootaan jabaachuun kan itti fufe, yoo ta’uu uummatni Oromoo fi Dargaggootni Oromoo Aanaa Nuunnuu Qumbaa Waraanaa Agaazii fi Dabballoota wayyaanee konkolaataan socho’anitti daandii cufuun Diddaa isaa jabeessuun konkolaataa wayyaanee tokko hojiin ala gochuun warraaqsaa finiinsan, gaaffii mirga abbaa biyyummaaf diibiin hanga nuuf kennamutti kanfaltii Gibiraa fi Buusii kamuu hin kaffallu, mootummaan Kufeera isin jalatti hin bulluu, Jaleen Wayyaanee OPDO’n Diigamteetti, kanaan booda Ofiin of bulchina jechuun warraaqasaan waraana wayyaanee dura dhaabbatan. Mootummaan Wayyaanee Guyyaa har’aa konkolaataa bulchiinsaa Aanaa Nuunnuu Qumbaa barbaadessitaan jechuun Uummataa Magaalaa Adaree jiraatu irraatti waraana Agaazii bobbaasee jiraachuun ibsame jira.

Gootota Oromoo Onnatoo Kamisee Walloo

Aside