QEERROO

The National Youth Movement for Freedom and Democracy

QEERROO

SBO Gurraandhala 10,2016. Oduu, Gabaasa FXG, Dhiittaa mirgootaa Itophiyaa keessaa irratti ibsa waggaa HRW baase irratti gabaasa qindaa’ee fi SBO Sagantaa Afaan Amaaraa

Aside

“Oromiyaa Qeerroon Jabaannee Si Eegna” Artist Sabboonaa Hayiluu Kitaabaa,Wallee Haraa 2016

Aside

Wallagga Aanaa Laaloo Assabbii Magaalaa Dongoroo Keessatti Qeerroo ABO Faarsaa FXG Gaggeessan

Aside

Aside

Fincilli Xumura Gabrummaa guyyaa har’aa Guraandhala 8,2016 Oromiyaa bakkoota adda addaa keessatti haalaan finiinaa oolee jira.

Jiraattoti naannoo Gujii Harqalloo,Hararge aanaa Doobbaa araddaa Madda Bilisummaa,Shaashamannee fi bakkoota adda addaa keessatti diddaan sirna Wayyaanee deemaa oolee jira.Haalli kun kan isa yaaddesse waraanni Wayyaanee waan qabee gadhiisu walaaluun uummata tasgabbii dhabsiisuu yaalu iyyuu sochiin Qeerroo jabaatee itti fufee jira.

Godina Kibba Lixa Shaggar(Waliiso) Keessatti FXG Haalaan Jabaachuu Irraa Manneen Barnootaa Hedduu Cufamaa Jiru.

Aside

Guraandhala 8,2016 Godina Kibba Lixa Shaggar (Walisoo) tti Goototni Barattootni Oromoo Manneen Barnootaa Sadarkaa 2ffaa fi qopha’inaa
warraaqsa FXG jabeessuun hanga gaaffiin mirga abbaa Biyyummaa Oromoo gaafachaa jirruuf deebiin nuuf kennamutti qorumsaas hin fudhannuu, kutaas gallee hin barannuu barnootni bilisummaa booda(BBB) jechuun warraaqsii jabaatee itti fufe!!
Mootummaan wayyaanees Humna waraana Poolisii Federaalaa fi Agaazii gara godina Walisootti guuruu itti fufee jira. Godina Kibbaa Lixa
Shaggar Walisoo fi aanaawwaan Godinicha keessa Jiran cufa keessatti Warraaqsii haalaan jabaachuun kan gaggeeffamaa ture fi Ilmaan Oromoo
dhibbootaan lakka’aman Lubbuun itti wareegamanii fi Warraaqsaa Isaan Uummatni Oromoo Sirna bittaa abbaa irree kan of irraa kuffisee jiruu,
Yeroo ammaa kanas Sirna uummataan balaaleffatamee deebisuuf wayita mootummaan abbaa irree wayyaanee Waraana uummata Oromoo irratti labsee, Guutummaan Oromiyaa hoggansaa waraana Wayyaanee Qajeelfama karaa ‘Komaandi Postii’jedhamuun darbuun gaggeeffamaa jirtuu keessatti goototni barattootni Oromoo Walisoo Warraaqsaa FXG finiinsuun guyyaa har’aa Guraandhala 8/2016 Manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa fi Qopha’inaa Godina Walisoo keessatti argaman Kanneen akka Manneen Barnootaa Aanootaa fi Magaalotaa akka:
1. Mana Barumsaa Diilallaa sadarkaa 2ffaa fi Qopha’inaa
2. Mana Barumsaa Tulluu Bolloo sadarkaa 2ffaa fi Qopha’inaa
3. Mana Barumsaa Walisoo sadarkaa 2ffaa fi qopha’inaa ,
4. Mana Barumsaa Tajii sadarkaa 2ffaa
5. Mana Barumsaa Dej. Garasuu Dhukii sadarkaa lammaffaa
6. Mana Barumsaa Wancii sadarkaa 2ffaa keessatti
7. Mana barumsaa Tolee sadarkaa 2ffaa fi Qopha’inaa
8. Mana Barumsaa dheeraa sadarkaa 2ffaa fi Qopha’inaa dabalatee Manneen barnootaa Godinicha keessatti argaman hunda keessatti Goototni
barattootni Oromoo Hanga Gaaffii Mirga abbaa biyyuummaa kabajamuu mirga namummaa fi dimookiraasiif deebiin nuuf kennamuu fi Mootummaan abbaa irree Uummata keenya irratti waraana labsee jiru fi yakka waraana nurratti rawwatamaa jiruuf itti gaafatamutti kutaas gallee hin barannuu qorumsaas hin fudhannuu jechuun diddaa isaanii itti fufan, Ergamtootni mootummaa Wayyaanee gara Walisootti humna waraanaa guuruu itti fufee jira.

Dubbii Lafaa

Aside

Dachii fi Daangaa Oromiyaa Ilaalchisee Labsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Irraa Kenname.

Amajjii 21,2016

Lafa, qabeenyaa lafa jalaa jiru fi qilleensa Oromiyaa guutummaatti to’annoo ummata Oromoo jala galchuu qofatu gaaffii ummata Oromoo deebis  Dachii fi Daangaa Oromiyaa Irraatti Labsa Qeerroo Bilisummaa Amajjii 21 2016

Raayyaa Walloo

Galata Arsits Saaliyaa Saamii 

 

Eenyuumaa Oromoota Godina Matakkal Bulchiinsa Gumuz Jala Jiraatan Balleessuuf Jecha Dhibbaa Mootummaan Wayyaanee Taasisaa Jiru.

Gabaasa Qeerroo Godina Matakkal Waambara, Ebla 1,2015

Eenyuumaa Oromoota Godina Matakkal Bulchiinsa Gumuz Jala Jiraatan Balleessuuf Jecha Dhibbaa Mootummaan Wayyaanee Taasisaa Jiru.

 

 

Har’a Gurandhala 8,2016 Godina Gujii, Aanaa Gooroo Doolaa, Magaalaa Haaraqalloo Keessaatti FXG Gaggeefamaa Jira

Aside

Har’a Gurandhala 08,2016 Godina Gujii Magaalaa Harqalloo Keessatti FXG Itti Fufe.

Aside

Wallee Warraaqsaa Haaraa Artistota Oromoo Kamaal Ibrhamii fi Shukurii Jamaal ” Dubbii Lafaa”

Aside

Basaasoti fi Lukkeleen Wayyaanee ummata Begii fi Qondaalaa Hiraarsan Saaxilaman.

Aside

(Qeerroo, 8 Guraandhala 2016, Begii, Oromia) Basaasoti fi Lukkeleen Wayyaanee ummata Begii fi Qondaalaa Hiraarsan Saaxilaman.

Gabaasaan Oromedia odeeffannoo ummata irraa argateen qorannoo taasiseen kanneen yeroo ammaa Wayyaaneef lukkee taúun ummata Oromoo aanaalee Begii, Qondalaa fi naannoo san rakkisaa jiran adda baafateera.

  1. Haaji Yuunus Haaji Musxafaa

Haaji Yuunus Haaji Musxafaa1Namnu kun yeroo ammaa aanaa Qondaalaa, Wallaggaa Lixaa keessatti waraana Wayyaanee kan tajaajilaa jiru. Hojiin isaa waraana Wayyaanee mana nyaataa Shaggaatti deddeebisuun qallabsiisaa jira. Manni nyaataa kun kan Qees Burruusee Zalaalam.  Haaji Yuunus Haaji Musxafaa akak hojii kana irraa dhaababtu yeroo hedduu itti himamee jira. Garuu, gorsa llammii dhaga’uu diduun tika Wayyaanee federaalawa waliin ta’ee ilmaan Oromoo hiisisaa, ajjeechisaa fi  miidhaa jira.

  1. Siraaj Haji Musxafaa

Siraaj Haji Musxafaa2Namni kun immoo ummata Oromoo naannoo basaasuun kan maqaa isaanii humnoota tikaa Wayyaanee kennuu dha. Namni kun tika godinaatti yeroo dhaa yerootti bilbilee nama qabsiisaa jira. Siraaj Haji Musxafaa gocha kana akak dhaabu firaanis, maanguddootaanis yeroo addaddaatti gorfameera. Garuu, gochaa badaa kanatti cichuun yeroo ammaa diinummaa siaa ifaatti raawwachaa jira.

Namni kun gochaa isa abadaa Kanaan namooti hedduu akka galaafataman godheera. Siraaji Kanaan duras namoota akka Addaamuu Taasisaa, Waaqjiraa Barkii fi Isumaa’el Abdulqaadir, Taaddasee Waaqwayyaa fi Tashaalu Dunbaalaa waliin ta’uun kan gooticha Oromoo Jaal Raggaasaa ajjeechisiisanii dha. Jarreen kun hojii diinummaa isaanii itti fufanii ammas ilmaan Oromoo fi barattoota Oromoo dararaa juran.

  1. Daawid Huseen

Daawid HuseenNamni kun immoo Daawud Huseen jedhama. Namni kunis duunaaf lukkee ta’uun yeroo addaddaatti akka Oromooti sabboontoti hidhaman, biyyaa arihaman, ajjeefamanii fi gara dabarfaman gochaa jira.

Namni kun akak gochaa diinummaa dhiisuuf gorfamee ture. Yeroo duraatti gorsa san fudhatee diinummaa irraa harka fudhatee ture. Booda kana immoo, gochaa badaa sanatti deebi’uun halkanii fi guyyaa lukkee diinaa ta’ee qe’ ee Oromoo saamisaa jira.

Dhalooti Oromoo ifiin boonan akka nagaan hin jiraan gochaa waan jiruuf, gocha kana yoo hin dhiifne tarkaanfiin dhumaa isa irratti kan fudhatamu ta’uu Qeerroon hubachiisee jira.

  1. Yuunus Kadir

Yuunus KadirNamni kun maqaan isaa Yuunus Kadir jedhama. Yuunus dhalootaan Aanaa Qondaalaa zeengaa ti. Yeroo ammaa aangoo kaabinummaaf jecha basaastummaan sadarkaa guddaa qabachuun ilmaan Oromoo aanaa Qondaalaa Shooroo gabaa Dafinoo keeysatti argamaan maqaa isaanii qabatee diinaaf dabarsaa jira.

Gama birootiin namni maariqoos Naggasee jedhamuu mootoraan gabaa addaa addaa deemuudhaan informeeshinii qotee bulaa irraa sassaabee wayyaaneef gabaasaa jira.

namoonni maqaan isaanii:

1.Abdullaahi Huseen Taaddasaa

2.Abiyoot suukii

3.Jamaal shuushaa

4.Nasirallaa Yamanii

5.Naasir Ahimad fi Qees Nabbaraa jedhaman cherchii fi alatti ilmaan Oromoo basaasun sadarkaa guddaa qabatanii jiran.

Namooti kunneen diinumma aisaanii irraa akak dhaababtaniif akeekkachiisti dhuma akun darbeefii jira. Kana booda tarkaanfii fudhatamuuf gaafatmooti isaan malee qaama kamuu akka hin taana beekamuu qaba.