SAGALEE QEERROO: HAGAYYA 3 2018

Aside

SBO: Hagayya 3 bara 2018. Oduu, Ibsa ABO Irraa laatamee fi Yaada Hirmaattota Kora Gamtaa ABO Ameerikaa Kaabaa kan bara 2018.

Aside

Walaleessaa Kichuu Damee Irraa

Aside

#Musee_Oromoo

Aside

#Musee_Oromoo

Image may contain: 1 person, crowd, stadium and basketball courtFaarfataa Dastaa Hinsarmuun.
Gaaffii yaada namaa hunda keessa guute
Dargaggeessa tokkotu Abiyyiin gaafate
“Addana dhaabadhee yoon isin daawwadhu
Yaadnikoo nabada akkan waa yaadadhu
Anis nan adeeme farda yaadaa koree
Miila fageeffadhee qe’ee Abiisheerra goree
Nama akka qaanqee lafa sanaa ka’ee
Bilisummaa Oromoo falmuuf manaa ba’e
Gaaraaf irraangadee hallayyaaf fodooddoo  Continue reading

SBO: Hagayya 1, 2018. Oduu, Murtii fi Kutannoo Kora Gamtaa ABO Ameerikaa kaabaa, Lola Kaaba Orommiyaa Walloo Kee ssatti Hidhattoota Affaarii fi Ummata Oromoo Gidduutti Deemaa Jiru Ilaalchisuun Yaada Jiraattota Naannichaa, Gaaffii fi Deebii Dura taa’aa Kutaa ABO Ameerikaa Lixaa fi Walitti Qabaa Koree Qindeessituu Kora Gamtaa ABO Ameerikaa Kaabaa Jaal Huseen Qaasim Waliin Taasifamee fi SBO Sagantaa Afaan Amaaraa.

Aside

SQ-Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo Qophii Adoolessa 31,2018.

Aside

Nutis Biyya Qabna!! Oromoon MN Eenyummaa fi Kaayyoo Isaanii Akkasitti Ibsatan.

Aside

Image may contain: one or more people and outdoor Continue reading

Kora Gamtaa ABO Amerikaa Kaabaa Adoolessa 24 – 27, 2018.

Aside

Kora Gamtaa ABO Amerikaa Kaabaa Adoolessa 24 – 27, 2018.

Murti ejjannoo fi kutannoolee

Nuti miseensonni Adda Bilisummaa Oromoo biyya USA fi Kanada keessatti argamnu Kora Gamtaa ABO kan bara 2018 irratti hirmaatne dhimmoota siyaasa, jarmiya dinagdee fi haala waligalaa yero ammaa belbeltuu taate irratti maree ballaa fi dheera erga godhanneen booda milkaa’ina Qabsoo Bilisummaa Oromoo ABOn durfammu shaffisiisuuf murtii ejjennoo fi kutannoolee asiin gaditti tarreeffaman dabarfanne.

  1. Bilisummaa Ummata Oromoo dhugoomsuuf karaa siyaasaa, diplomasi fi waranaa ABOn geggeeffama as ga’e hanga xumuratti itti fufsiisuuf deggersa barbaachisu hunda dacha dachaan gummaachuuf murteeffanne.
  2. Addi Bilisummaa Oromoo rakkoo siyaasaa motummaa Itophiya waliin qabu karaa nagaa furuuf tattaaffi inni itti jiru akka milkaa’uuf deggersa guutu kennuufiif murteeffanne.
  3. Warraanni Bilisummaa Oromoo, WBOn, wabii qabsoo bilisummaa Oromoo ta’uun yeroo kamuu caala yeroo dhugooma jirutti deggersa bifa hundaan barbaachisu shaffissaan dhiheessuuf murteeffanne. Continue reading

Oromoon maal keessa jirra? Maaltu nutti dhufuuf jedhaa?

Aside

Qalbeessaa Dhangi’aan
Adooleessa 30,2018
Finfinnee Oromiyaa
(Hubachiisa: Barruu kana Ilma Oromoo maraf naa ergaa! Share gochuun, karaa keessaa message inbox waliif ergaa! OPDO n illee akka dubbisan!)
Barruu kana barreessuuf wantoota ta’aa jirantu na kakaase. Barreeffamne kun yoo wal dhageenyeef qoricha barbaaduuf yoo akkuma kanaan itti fufnemmoo kan rakkoo nutti fidu ta’uuf durfamee dubbatameera jechuuf akka oolitti qophaa’e.

Seensa.
Qabsoon Oromoon gaggeessaa ture qaxxaamuramaa turuuf saamamaa turuusaa eenyumtuu cimsee beeka. Qabsoon Oromoo kaleessa bara barnootni haala ammaan danatee hinjirretti hatamaa turee har’as hatamuuf akka jedhuuf gariin hatamuusaa himuu barbaanna. Qabsoon keenya hatuuf kan munyuuqaa jiru halagaa akkuma ta’e diinni Oromoo arcaatota baabura qabsoo Oromoo qabatee marroo dabalataa Oromoon akka hinkaaneetti cabsuuf adeemaa jira. Wayiita qabsoon Oromoo afaan boola’aarra jirtu ta’uu himaa yeroo kanatti ammoo dammaqiinsi uummata laaffataa jiraachuusaa asumaan dubbachuun barbaada. Continue reading

Qabsooftuu Beekamtuu Shamarree OBSEE TAYYEE Mana Hidhaa Wayyaanee Irraa Gadhiifamte.

Aside

Image may contain: 1 person Continue reading