#Musee_Oromoo

#Musee_Oromoo

Image may contain: 1 person, crowd, stadium and basketball courtFaarfataa Dastaa Hinsarmuun.
Gaaffii yaada namaa hunda keessa guute
Dargaggeessa tokkotu Abiyyiin gaafate
“Addana dhaabadhee yoon isin daawwadhu
Yaadnikoo nabada akkan waa yaadadhu
Anis nan adeeme farda yaadaa koree
Miila fageeffadhee qe’ee Abiisheerra goree
Nama akka qaanqee lafa sanaa ka’ee
Bilisummaa Oromoo falmuuf manaa ba’e
Gaaraaf irraangadee hallayyaaf fodooddoo 
Hidhamuu reebamuu gidiraaf gadadoo
Hundumaa danda’ee gatii guddaa baasee
Bosonaa baroodee ganda diinaa raasee
Ofii daalachaa’ee dhumee bifa buusee
#Alaabaa_Oromoo kuulee cululuqsee
Waggaa afurtama lafa onaa jooree
Nuuf jedhee hiyyoomee huuqqatee qancooree
Facaasee kulkulee aramee itti meesee
#Qeerroo geessifatee biyyarra tamsaasee
Wanta akka kanniisaa gurmuun tutee yaa’u
Walii galee ka’ee walii galee taa’u
Kan homtuu dadhabe ibidda gammoojjii
Diinatti gad-naqee maraammartoof joonjii
Irratti walfuree tooftaan garaagaraa
Rasaasni poolisii haleellaan xiyyaaraa
Kaan du’ee awwaalamee kaan qaamaa hir’atee
Akka #Kefayalew faa miila lama laatee
Inni falmaa ture ilmi Oromoo hundi
Abbaa hin qabnee miti Abbaansaa #Daawudi
Inni kana hundumaa guuree bahe manaa
Meerree abbaan #Qeerroo abbaan qabsoo kanaa?
Waan guddaa daganneem bartaniittuu firaa
#Museen Oromoo sun meerre eessa jiraa?”
Meerre #Hayyu_Dureen inni Qabsoo abuure?
#Kaaleb fi #Iyaasu qofaa bareedduu ree?

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s