Oromoon maal keessa jirra? Maaltu nutti dhufuuf jedhaa?

Qalbeessaa Dhangi’aan
Adooleessa 30,2018
Finfinnee Oromiyaa
(Hubachiisa: Barruu kana Ilma Oromoo maraf naa ergaa! Share gochuun, karaa keessaa message inbox waliif ergaa! OPDO n illee akka dubbisan!)
Barruu kana barreessuuf wantoota ta’aa jirantu na kakaase. Barreeffamne kun yoo wal dhageenyeef qoricha barbaaduuf yoo akkuma kanaan itti fufnemmoo kan rakkoo nutti fidu ta’uuf durfamee dubbatameera jechuuf akka oolitti qophaa’e.

Seensa.
Qabsoon Oromoon gaggeessaa ture qaxxaamuramaa turuuf saamamaa turuusaa eenyumtuu cimsee beeka. Qabsoon Oromoo kaleessa bara barnootni haala ammaan danatee hinjirretti hatamaa turee har’as hatamuuf akka jedhuuf gariin hatamuusaa himuu barbaanna. Qabsoon keenya hatuuf kan munyuuqaa jiru halagaa akkuma ta’e diinni Oromoo arcaatota baabura qabsoo Oromoo qabatee marroo dabalataa Oromoon akka hinkaaneetti cabsuuf adeemaa jira. Wayiita qabsoon Oromoo afaan boola’aarra jirtu ta’uu himaa yeroo kanatti ammoo dammaqiinsi uummata laaffataa jiraachuusaa asumaan dubbachuun barbaada.
Qabsoon keenyarraa yeeyyii qabsoon eeggachuuf eegicha qabsoo keenyaaf dhaloonni qubee murteessaa ta’ee utuu jiruu itti waamama isaa dagatuun kaayyoof akeeka qabsoo Oromoo sharaafaa kan jirus numa dhaloota Qubee ta’uu barruu kanaan dhaamuun barbaada. Qabsoon keenya rigata qabsoon kan cabuuf dhommoqu akka hintaaneetti ijaarsaaf tokkummaa keenya ittiin diina Oromoo waggoota dheeraaf kunaan ture xaxnee takaalaa turre sana wayiita bittinsinu maaltu akka dhufu miijanaa socho’uun gaarii ture. Har’a araddaan Oromoo Gujii, Harargee, Wallaggaaf Walloo utuu haddaaf boo’icha ta’ee jiruu biyya alaaf biyya keessatti ragada garmaamsaa gammachuu akkaaf akkaataa hinqabneen yeroo keenya balleessuun ammoo ittuu qabsoon Oromoo akka hadoodu hojiitti jiraachuu hubachuun barbaachusaadha.

Oromoon maal keessa jira?
Oromoon maal keessa jira? Gaaffii jedhu deebisuun dura maal keessa turre jedhee dhaloonni of gaafachuu qaba. Qabsoon Oromoo warraaqsa gootaawwan qaqqaaliin danbalee har’a sadarkaa duuba hindeebinerra gaheera jedhama. Haa ta’uuti akeekaaf ejjennoo qabsoo abboota keenya kaleessaa beekuun ammoo kabajaa gootota keenyaaf qbaaachuu mirkaneessa ture. Ilmi Oromoo gootota akka Adam Saaddoo, Waaqoo Guutuu, Jaarraa Abbaa Gadaa, Basroo Tumsaa, fi hedduu isaanii leellisuuf jaallatu erga leellisee jaallatee kaayyoof isaaniis jaallachuun gaarii ture. Har’a kan keessa jirru garbummaa ta’ee utuu jiruu ilmi Oromoo akka waan bilisoomeetti fudhatee lafa dhiitus danuudha. Isaan kunneen gaafa dubbatan gootota qaqqqalii kaleessa qabsoo Bilisummaa keessatti kufa ammoo nii leellisu. Faallaa kanaa ammoo gootota dirree jiraniif kanneen falma hadhaahaa hanga Bilisummaatti gochaa jiraniif kabajaa dhabuutti jiran. Kun amala Burjaaja’uuti.

Har’a dirreen Oromiyaa dirree gaddaaf gadadoo taatee utuu jirtuu ilmi Oromoo ajjeesaaf ajjeestota biyya alaatti simataa jirus akkanumaan danbale. Utuu biyya keessaa nu ajjeesaa jiraniif akeeka maaliif jaalalaaf kabajaan qaamota dhiiga nu dhangaalaasan akka simatan beekuun namatti ulfaata. Har’a utuu ajjeefamaa jirruu tagadaaf garmaamaaf gellisaaf simannaa garaagaraa jechuun lafti dhiigaan boorooftee jirtu akkuma jirtutti dhiiga uummata keenyaarratti dhiichisi godhamaa jira. Daangaan du’aaf ajjeechaa utuu hindhaabbatin maatii gadda taa’uurratti dhiichisuun, kolfuun sirbuufii mallattoo gammachuu agarsiisuun ilmaan Oromoo muraasa irraa argamaa jira. Kun maaliif ta’a gaaffii jedhuuf deebiin hinargamu. Mootummaan wayiita ajjeesuuf mudhii hidhatee labsii Waraanaa Oromoof Oromiyaa irratti banetti kanneen mootummaaf dhiichisan akkuma jiran kanneen baabura qabsoo irraa bu’aniifis garmasi daangaa hinqabu. Tibbanuma ilma Oromoo Awaadaayyitti dhalate miseensa WBO kan mooraa qabsoo keessatti gantummaadhaan ajjeeseef simannaan godhamuu dhageenye. Dhaloonni gantuuf galtuu addaan baasee beekuu dadhabuun, gantuu qabsoo Oromoo balleessuurratti hojjetuu galtuu Bilisummaa sabaa dura dhaabbatu duukaa didichu kunis maal hawweeti maal barbaadeeti kan jedhutu nu galuu dida.

Irra darbanii qabsoo sabaa kutaa muraasaaf laatanii qabsoo Oromoof dhaaba Oromoo Wallaaggaaf Harargeef laatuutu argame. Kun dhaloota beekaadha, qaroodha, hayyuudha jedhamurraa yaadamee hinbeeku. Irra darbamee diina faana ABO dammaramuu qaba jechuun ganamaa galgala Tokkummaa ABO fi Garboonfataaf utuu iyyaa oolaniin arga. Kun seenaa keessatti is a jalqabaati seenaan dubbiseef argerraa takkaa dhaloota garboonfataa faarsu argee hinbeeku.

Dhaloota garboonfataaf harka laatu, Oromoo harka laatus yeroo duraaf arguuf deemna. Waan seenaa Oromoo keessa hinjirre kan dhaloota hojjechiisaa jiran maqaaf qaroo uummata fakkaatanii warra ganamaa galgala Carqii Ithiyoophiyummaa baatanii mandara keessa labanidha. Kun yerootti qurxamee dhaloonni martuu ABO jabeeffatuun akeeka qabsaa’otasaa galiin gahuuf hojjetuu baanna akka hinkaaneetti cabuuf deemna. Waan ulfaataatu nutti dhufaa jira. Qabsoon Oromoo mandarratti akka galtuuf qaamonni Shaanxaa qabatanii booleen bahan ganamaa galgala hojjetaa jiru. Isaan kana walitti qabee dhaloonni ofirraa dinninuu qaba.

Kaleessa ABO akeeknisaa sirrii miti jechuun ofumaan ABO gananii maqaa dhaabaaf alaabaa biraan SBO irraa fixxoqan. Gaafa qabsoon ABO dirree Oromiyaa dhuunfatu ammoo alaabaa haaraa bocatan dhoksanii nuti ABO dha jechuun mandara mandara keessa fiiguun dhaloota burjajeessuutti ciisan. Gandaaf amantaan dhaloota ijaarrachuun cana gadhee Oromoo cabsuuf kotota isaanii qabatnii biyya irra naannaa’uu cinatti dhabaa uummataa abaaruu jabeessan. Mirga waan barbaadan dubbachuu mootummaa irraa argatanitti dhimma bahuun ABO bosonatti abaaruu jabeessan. ABO qaama nagaa hinfeene fakkeessuun barnoota laachuu jabeessan. Kum yerootti dhaabbachuun gaariidha. Namni kamuu dhaaba barbaade ijaarratuu qaba. Alaabaa dhaaba isaatii lava kaahee alaabaa biraan Oromiyaa keessa sochoo’uun garuu daba. Akkasuma dhaaba Uummataa ABO abaaruu biratti dhaaba kamuu abaaruuf mirga hinqabu. Akeekasaa uummata barsiifachuun ala jechuudha.

Yeroo kanatti halagaan maalirra jira? Maaltu nutti dhufuuf jira?

Halaagaan wal ijaaraa jira. Garaagarummaa gidduusaa dhiphisee walitti adeemaa jira. ANDAM Maaraa keessatti fakkaattii OPDO ti. Paartii G-7 jajjabeeffataa jirti. Areennaan paartii mormituufha. TPLF Areennaa jabeeffataa walumaan uummata isaaniif hojjetaa jiru. Qophiin gurguddaan karaa Amaaraaf Tigiree godhamaa jira. Eenyu akka humna argatu waaqatu beeka. Nuti Oromoon garuu akka ammaa kanatti itti fufnaan jarri kun caba gadhee nu cabsuuf deemu. Nu balleessuuf Oromiyaa balleessuuf muratanii ka’aniiru.

Yeroo kanatti Oromoon murnaan wal ijaaree hundisaa ABO isa waggaa dheeraa qabsoorra turetti dhagaa guuraa jira. Aktiivistiin, OPDO’n, Paartileen abbootii shaanxaas martuu KFO dhaan ala ABO balaaleffataa jira. Akeekni ABO balaaleffataniif nuu galtuu dideera. Maal yaadanii dhaabolee Oromoo keessaa ABO moggeessuu akka barbaadan nui hingalu. Kun itti fufnaan utuu nuti asii wal abaarruu halagaan marroo dabalataa waraana bana. Har’a waraanaan kan of ijaaraa jiru Oromoo irra uummata Amaaraaf Tigiroota. Kankeenyaammoo inni ani Roogeessa miidiyaati, ani Public Figure dha ofiin jedhu saatii kanatti Qawween hinfeesisu jechuun dhaloota burjaajeessuutti ciise. Oromoo dammaqi. Kanaan ala cabuuf deemna. Oromiyaa baduuf deemti. Dubbiin keenyaaf kaayyoon keenya Oromiyaa Oromoo dhabamuuf jedhu baraaruuf haa ta’uu.

Injifannoon uummata Oromoo

Qalbeessaa Dhangi’aatiin
Adooleessa 30,2018
Finfinnee Oromiyaa

1 thought on “Oromoon maal keessa jirra? Maaltu nutti dhufuuf jedhaa?

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s