Godina Jimmaa Aanaa Shabee Somboo Keessatti Har’a Guyyaa Guraandhala 23, 2016 Baratootnii Mana Baruumsa Qopha’iina fi Sad.2ffaa FXG Gaggeessaa Jiru.

Aside

 

SBO Gurraandhala 24,2016. Oduu, Ibsa ABO, Gabaasa FXG Oromiyaa fi SBO Sagantaa Afaan Amaaraa

Aside

Har’a Gurraandhala 23,2016 Qeerroon Bilisummaa Mana Barnoota Sadarkaa 2ffaa Wallagga Aayiiraa Baratan Mormii Cimaan Magaala Keessatti ABO Faarsaa Jiru.

Aside

Ayiraa gullisoo1 Ayiraa

Harargee A/Baddaannoo Ganda 42 Keessatti Alaabaan ABO Fannifamee Sirnaan Torban Lakkaawa Jira, FXG Lixa Oromiyaatti Itti Fufe‏

Aside

Gurraandhala 22,2016 Harargee aanaa Baaddanno ganda 42 keessatti Alaabaan ABO torban tokkoo oliif dhaabbilee barnootaa, waajjiraalee fi maaglota keessatti fannifamee jira. Gandoota kanneen keessaa gandi 16 tahu bulchiinsa wayyaanee jalaa of baasee jira. Kana booda mootumman wayyaanee uummata oromoo waliin jiraatuun soba tahuun yeroo ammaa ifaa ifatti hubatamee kanneen diina jala kaachuudhaan ilmaan oromoo miidhaa bahan gara itti goran dhabanii jiru.

Lixa oromiyaa wallagga bahaatti magaala Naqamtee mana barumsaa keesoo jedhamutti alaabaa federaalaa bbu’ee gubame alaaba keenya bakka bu’e fannifamee jira. Mana barumsaa Dargeettis alaabaan keenya fannifamee jira.
Bulchaa godina wallagga bahaa lubbuudhaan bahee jira. Manni jireenya isaa Qeerroodhaan burkutaa’ee jira. Waajjirri Gooxii garagaraa daaraa tahaa jira. Wayita kanatti FXG guddaatu gaggeeffamaa jira. Dhukaasni uummata nagaa irratti dhukaafamaa jira jedha Qeerroon.

Guyya lama dura Wallagga lixaa aanaa Warra Jirruu ganda Samboo Sadan jedhamutti dargaggoo Hordofaa Gammachuu jedhamu loltooti Wayyaanee rasaasaan rukuttee ajjeesuun ni yaadatama. Haaluma kanaan uummanni gara tarkaanfii fudhachuutti seenuun

– Kaabinoota wayyaanee magaalota keessaa manaa fi qabeenya isaanii gubuun ariyaa jiru

– Qabeenya Allaamuddiin yeroo dhagaa ijaarsaaf tolu san achirraa fe’uuf dhufutti konkolaataan isaa hojiin ala tahee jira. Uummanni yaa’ee
qabeenya isaa irrattis tarkaanfii deebii hin qabne fudhataa jira.

Wallaggaan Qelleem yeroo ammaa kanas itti fufee kan jiru FXG isaa humni waraanaa naanoo Gambeelaa irraa fe’amee dhufe magaala naannoo Dambi Doolloo fi Anfilloo buufatee jiraatuun Qeerroon gabaasee jira. FXG garuu itti fufeedhuma jira.

“Abbaan biyyaa ABO dha. Abbaan biyyaa ABO dha” Jedhu Goototi Oromoo Hararge Gaara Mullataa Aanaa BAddannoo/Gurraandhala 23,2016

Aside

Goototi Oromoo ilmaan murtii guutoo Guyyaa har’aa Gurraandhala 23, 2016 Hararge bahaa gaara Mullata aanaa Baddannoo magalaa Odaa Bishaani keysati hala kanaan itti jiran

Gurraandhala 23,2016 Gootota Dargaggoota Oromoo Nagallee FXG Itti Fufanii Jiru.

Aside

Aside

Gurraandhala 22,2016 Godina Boorana Aanaa Liban diddaan sirna Wayyaanee itti fufee oole .Gandoota horsisee bulaa Dhaka qalla, boobaa, bulbulii, ..mugayoo, .malka gubaa, simintoo fi hadheessaa kesssaatti. mormiin guddaa hanga har’aatti gaggeefamaa jiraachuu Qeerroon gabaase.

Aside

JaarteGuraandhala 23/2016 Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aana Jaartee Jaardagaa, Keessatti Warraaqsii Biyyoolessaa Oromiyaa ‪#‎FXG‬ haalaan itti fufee Magaalaa ‪#‎Aliiboo‬ keessatti finiinuun Alaabaan mootummaa garboonfataa fi Ergamtuu wayyaanee OPDO gubatee alaabaab ABO dhaabbatera. Goototni Dargaggootni Barattootni Oromoo fi uummata Oromoon FXG’ jabatee finiina jira
Magaalaa Haratoo keessattis Goototni Barattootni Oromoo M/B sadarkaa 2ffaa fi Qopha’ina Yeroo amma kanatti Mooraa Mana Barumsaa keessatti Hiriiruun Waraana Agaazii Waliin Waldura dhaabbacha jiru, Gabaasaan itti fufa

Guraandhala 22/2016 Godina Dhiha Oromiyaa Godinaalee Qeellam Wallaggaa, Wallaggaa Bahaa, Wallaggaa Lixaa fi Lixa Shaggar keessatti Warraaqsii Biyyoolessaa Oromiyaa itti fufinsaan finiinaa oleera.

Aside

Guraandhala 22/2016 Godina Dhiha Oromiyaa Godinaalee Qeellam Wallaggaa, Wallaggaa Bahaa, Wallaggaa Lixaa fi Lixa Shaggar keessatti Warraaqsii Biyyoolessaa Oromiyaa itti fufinsaan finiinaa oleera.. Godina Qeellam Wallaggaa keessatti warraaqsa Qeerroo barattoota Oromoo fi uummataa Oromoon Aanaa Gidaamii fi Beegii keessatti warraaqsII FXG haalaa ajaa’ibsiisa ta’een gaggeeffame. Alaabaan ABO Oromiyaa cufaa keessatti balalii’aa fi uummataan olqabamee dhaabbachaa jiruu guyyaa har’aa Qeellam wallaggaa Beegii fi Gidaamii keessa balali’aa kan olee ta’uun ibsame jira. goototni dargaggootni Qeerroon barattootni Oromoo alaabaa ABO qabchuun dhaadannoo cimaa dhageesisaa kan turan dhumarrattis alaabaan ABO dhaabbatera. waraanni agaazii wayyaanee uummata irratti waraana banuun namoota hedduu madeessuu fi dargaggoo Qeerroo fi Qarree Oromoo kan ta’an lama wareegamuun ibsamee jira.kanneen wareegaman kunis
1.Barataa Toleeraa Margaa fi
2.Shaamarree Argannee kan jedhamtu rasaasaa irratti dhukaasaaniin wareegamuun beekamee jira. warraaqsii marsaa 3ffaa kun Qeellam wallaggaa Beegii, Anfilloo fi naannoo isheetti itti fufinsaan gaggeefama jira. Gidaamii fi naannoo isheettis gandoota baadiyyaa illee dabalatee haalan gaggeeffama jira.

Godina Lixa Wallaggaa Gimbii fi naannoo gimbiitti warraaqsii uummata baadiyyaa illee hirmachisee haalaan itti fufee olee jira, daandii konkolaataa hanga baadiyyaatti cufuun diina karaa darbaa dhorkuun rakkisaa jiraachuun ibsamera.
Godina Bahaa Wallaggaa Keessatti Warraaqsii Biyyoolessaa Oromoo magaalaa Naqamtee fi naannoo ishee aanotaa akka Jimmaa Arjoo, Nuunnuu Qumbaa, Sibuu Siree, Giddaa Ayyaanaa, Kiiramuu fi Saasiggaa keessatti haalan jabaachuun kan itti fufee olee yoo ta’uu, Haalli magaala Naqamtee keessatti dhukaasa waraanni wayyaanee gaggeessuu haalan ulfachuun uummata shoroorkeessa jira. Warraaqsii magaalicha keessatti itti fufinsaan gaggeeffama jira, barattootni manneen barnoota sadarkaa 2ffaa hanga Qophaa’inaa fi sadarkaa 1ffaatti jiran hunduu warraaqsaa finiinsaa jiraachuu maddeen keenya gabaasan.waraanni wayyaanee garaa laafina tokko malee Oromoo dhukaasee ajjeesuu ittuma fufuun Aanaa Saasiggaa keessatti warraaqsaa dheengadda gaggeeffameen walqabatee barattoota Oromoo irratti dhukaasuun barattootni Oromoo sadii(3) wareegamaniiru. maqaan barattoota wareegaman kunis:
1. Barataa Bilisummaa Abdiisaa
2. Barataa Amanuu Tarfaa
3. Barataa Galataa Nagaroo kanneen jedhaman waraana wayyaaneen irratti banteen wareegaman. kanneen madeeffaman illee hedduu jiraachuun ibsamee jira. warraaqsii FXG garuu daranuu jabaachuun itti fufe jira.
Godina Lixa Shaggar guyyaa har’aa kana Daandiin konkolaataa Amboo fi Geedoo Gidduu Tokkee fi naannoo magaalaa baabbichaatti haalaan waan cufameef mootummaan wayyaanee fi ergamtuun wayyaanee muddaama guddaa keessa galuun uummata Oromoo Magaalaa Tokkee Kutaayyee fi Baabbichaa irratti waraana bobbaasuun dararaa ulfaataa uummatarraan ga’uun uummata Oromoo irratti yakka sanyummaan guutame rawwachuu itti fuftee jirti, Magaalaan Amboo fi Gudar waraana Wayyaanee guddaan eegamaa olaan, Godinuma Lixaa Shagaggar Aanaa Meettaa Roobii keessatti tarkaanfii damee Milishaa Meettaa Roobii irratti fudhatmee fi Wajjiiraalee OPDO guggubachuun wal qabatee humni waraanaa magaalaa Shinoo irratti hedduminaan guurama jira, Aanaa Gindabarat Magaalaa Kaachiis Keessatti goototni Qeerroon barattootni Oromoo fi uummatni Warraaqsaa gaggeessuu diina raasa olaan. guyyaa har’aa irraa eegaluun sirnni gabaa akka hin gaggeeffamnee ifatti diinaa mirkaneessuun uummatni aanichaa cufti gabaa lagachuun mootummaa wayyaaneetti murannoo isaanii argisiisaniru. gabaasaan itti fufa..!!
Injifannoon Uummata Oromoof!!

Guraandhala 22/2016 Godinaalee Bahaa Oromiyaa keessatti Warraaqsii Biyyooleessa Oromiyaa FXG haalaan jabaachuun itti fufee Olee. Ilmaan Oromoo Qeerroo Oromoo Hasan Abdallaa dabalatee hedduun Wareegaman, Ilmaan Oromoo Harargee Bahaa fi Harargee Lixaa irra

Aside

Guraandhala 22/2016 Godinaalee Bahaa Oromiyaa keessatti Warraaqsii Biyyooleessa Oromiyaa FXG haalaan jabaachuun itti fufee Olee. Ilmaan Oromoo Qeerroo Oromoo Hasan Abdallaa dabalatee hedduun Wareegaman, Ilmaan Oromoo Harargee Bahaa fi Harargee Lixaa irratti jumlaan Madeeffaman.

Godina Harargee Bahaa Aanota akka (Gaaraa Muldhataa, Magaalaa guraawaa, Magaalaa Furdaa, Calanqoo, Laaftoo, )Warraaqsaa FXG haalaan finiinsuun alaabaa ABO faajjii qabsoo bilisummaa Oromoo balaliisuun wayyaanee fi ergamtoota ishee OPDO refatuu guddaa keessa galchan, waajjiroota OPDO Odonaata kana keessa jiran illee barbadeessaniru. Magaalaa Furdaa keessatti waajjira poolisaa fi waajjiraa bulchiinsaa dhiiguun hojiin ala godhani, mootummaan wayyaanee kuftee jirachuu ifatti muldhisaniiru. Mootummaan wayyaanee warraaqsaa kana dura dhaabbachuuf waraana agaazii uummata irratti bobbaasuun namoota hedduu rasaasan madeessuun hedduu immoo wareegee jira. Wreegamuun gootota Oromoo kaan lafa kaasee FXG itti hammachuun itti fufe oleera.

Godina Harargee Lixaa Aanota akka (Machaaraa, Daaroo Labuu, Baddannoo,Galamsoo, fi gandoota baadiyyaa hang a magaalaatti) warraaqsii finiinee olee jira. Goototni Qeerroon dargaggootni Oromoo Magaalaa Machaaraa, Baddannoo fi Galamsoo uummata Oromoo cufa dammqasuun warraaqsaa ajaaiba gaggeessuun seenaa boonsaa galmeessan alaabaa ABO fajjii qabsoo bilisummaa Oromoo olqabanii dhaabuun, alaabaa garboomsaa kan OPDO fi wayyaanee barbadeessan. Gootichi Oromoo Alaabaa ABO faajjii walabummaa uummata isaa keessatti olqabee dhaabee Qeerroo Oromoo Hasan Abdallaa bara baraan seenaan ni yaadata. Agaaziin wayyaanee rasaasa irratti roobsuun dargaggoo Oromoo Hasan Abdallaa Warreegduus seenaan isaa bara baraan jirata. Wareegamuun goota kanaa immoo ilmaan Oromoo kumootaan lakkaaaman manaa baasee sochii warraaqsaatti akka makaman godhee jira. Warraaqsaa guyyaa haraa Harargee Lixaa keessatti gaggeeffameen ilmaan Oromoo hedduun madeeffamuu fi hedduun wareegamuun ifa taee jira kanneen wareegamaan keessa gootichi dargaggoon qeerroon Oromoo Hasan Abdallaa isa tokko yoo tauu kanneen madeeffaman hedduu tauun beekamee jira.

Kanneen wareegaman keessa :

1. Dargaggoo Qeerroo Oromoo Hasan Abdallaa kan suuraa isaa argitan kun magaalaa Machaaratti wareegame.

Guyyaa haraa ilmaan Oromoo Harargee Lixaa keessatti rasaasa Agaaziin Madeeffamanii yeroo amma hospitaala Galamsootti argam,an keessa kanneen maqaa argannee jirru:

1. Daaima Gaaddisaa Idiris harargee Bahaa Calanqoo umriin isaa ganna 9 kan tae.

2. Ibraahim Ziyaadi morma isaa irra kan rukutame Harargee Lixaa

3. Kalifaa Xaahaa Harargee Lixaa adda isaa irra kan rukutame,

4. Muftii Ahimed Harargee Lixaa dugdaa kan ruktame

5. Zannabaa Margaa Harargee Lixaa

6. Faysaal Ahmed Harargee Lixaa Milla irraa kan rukutame,

7. Hajii Abdurraman Harargee lixaa harka isaa irra kan rukutame

8. Saafii Abdulkarim Harargee lixaa Milla irra kan rukutame,

9. Shamarree Darartuu Muhaammed Harargee Lixaa milla ishee irra kan rukutamte

10. Firoomsaa Muhaamed Harargee Lixaa Milla isaa irra kan rukutame.

11. Ashiraafudiin Dabaraa Harargee Lixaa milla isaa irra kan rukutame.

12. Miftaa Ahmedi Harargee Lixaa adda isaa irra kan rukutame

13. Gaaddisaa Muhaamed Harargee Lixaa milla isaa irra kan rukkutame.

14. Obsaa Mohaamed Harargee Lixaa garaa isaa irra kan rukutame,

15. Munira Mohaammedi harargee Lixaa morma isaa irra kan rukutame

16. Baabbii Ayinaaleem Harargee Lixaa morma irra kan rukutame,

17. Abbuu Liimaan Harargee Lixaa gateettii irra kan rukutame dabalatee ilmaan Oromoo hedduun jumlaan kan Wayyaaneen rasaasa irratti roobsaa oltee yeroo amma hospitaala Galamsootti guuramanii duaaf jireenya gidduutti kan argaman tauun hubatamee jira. Hallii kun daran uummata Oromoo qabsooo bilisummaa isaatti onnaachiisuun halkan kana illee guutummaan harargee Lixaa fi Harargee Bahaa haala ulfaata keessa jiru Warraaqsii itti fufe!!