Gurraandhala 24,2016 Godina walagga bahaa aanaa Saasiggaa bakka addaa qonnaa Baloo jedhamutti guyyaa lama dura barattootni maqaan isaanii armaan gaditti argamu waraana wayyaaneen ajejefamaniidha.
1. Amanuel Tarrafee Boggaalee barataa kutaa 11fffaa
2. Caalaa Moosisaa kan jedhaman
Barattootni kun lamaan guyyaa FXG aanaa Saasiggatti gaggeeffame yoo wareegaman kanneen madeeffaman hedduu tahanis kan maqaan isanii nu
qaqqabe Galataa Nagaroo kan jedhamu yeroo ammaa hospitaala Naqamteetti argama. Haaluma kanaanis FXG har’a godinuma kana aanaa Saasiggaa gandoota garagaraatti itti fufee jira.
Godina Booranattis FXG dhowee humni waraana wayyaanee dhukaasa uummata irratti banaa jira. Ganama kana irraa kaasee itti fufeera.
Blog Archives
Diddaa Dargaggoota Oromoo Harage Lixa Daaroo Labuu
Aside


Saawwii dhaluuf dorrobde, kunuunsaa fi tika addaa barbaaddi: Haala qabsoo bilisummaa Oromiyaa yeroo ammaa fi wanneen ta’uu qaban.
Aside
Leelloo Sabaatiin
Qabsoon bilisummaa Oromiyaa, Adda Bilisummaa Oromootiin(ABO) hoogganamu, sa’a irraa sa’atti, guyyaa irraa guyyaatti, ji’a irraa ji’atti, akkasumas, waggaa irraa waggaatti, gabbataa, cimaa fi babal’achaa deemee ummata Oromoo fi ummattoota cunqurfamoo Impaayera Ixoophiyaa qabsoof hiriirsee yeroo kamuu calaatti amma, finiinee shaffeessaan gara galma bilisummaatti fiigaa jira.Egereen, hawwiin, abdii fi akeeki ummata Oromoo fi ummattoota cunqurfamoo Impaayera Ixoophiyaa, yeroo kamuu caalaa amma, ifee mul’atee abdachiisaa ta’ee jira. Hawwiin, abdiin, akeekii fi fedhiin ummatni Oromoo fi ummattooti cunqurfamoon hundi mootummaa bilisa kan mataa isaanii dhaabbachuuf baroota dheeraaf wareegama qaqqaalii itti baasan, shakkii tokko malee bakka gahuuf akka deemu yeroo kamuu caalaatti amma ifatti beekameera. Bilisummaan ummattoota kanaa, “yoo osoo hin taane, yoom” kan jedhutti tarkaanfatee jira.Walumaagalatti, qabsoo ummatni Oromoo fi ummattootni cunqurfamoon baroota dheeraaf osoo wal irraa kutini fi hin nuffin geggeessaa jiran, yeroo kamuu caalaatti amma, bilisummaa dhaluuf dorrobee jira.
SHIRA 1ffaa:Loon dhaluuf foolattu
“ABO Faarri Toleera Dhageessee” Jedhu Goototi Qeerroon Wallagga Magaalaa Dafinoo Aanaa Qondaala/Gurraandhala 23,2016
Aside
“Oromiyaan Biyya Keenya” Jechuun Gootonni Daroo Labuu Godina Harargee Gurraandhala 24,2016 FXG Itti Fufan.
Aside
Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Magaalaa Aliboo Jaartee Jardagaa Keessatti FXG Itti Fufee Oole.
Aside

Godina Harargee Ummanni Naannoo Machaaraa Keessatti Gootota Oromoo Mirgaaf Wareegaman Bifa Kanaan Gaggeessan.
Aside
Goototi Dargaggoonni Oromoo Baha Wallaggaa FXG Gara Bilisummaatti Tarkaanfachiisuu Har’as Dhadannoo Dhageessisaa Jiru.
Aside
Gurraandhala 23,2016 Ummati waanjoo gabrummaa baachuuf dhiitichaa abbaa irree damdamachuun nufisiisee lubbuusaa aarsaa gochuun diinasaa kan ta’e Shorokeessitoota Waayyaaneet bol’a qotuufsochii rog hundaan godhaa jiru jabeessuun har’a baha Wallaggaa bakkeewwaan hedduutti diinasaa hudhee kan dhaabe ta’uu bakkeewwan Leeqaa Dullachaa,Bonayyaa Boshee,Habashaa Sanbataa,Naqamte (Kibba Waachaa,Bordii,Dargee fi Mana barumsaa Qassoo) kan magaalaa Naqamteetti argaman keessatti mormiin dhiittaa namoomaa of irraa fonqolchuu ittu fifeera
Wallagga Qellem Aanaa Gidaamitti Namootni 7 Rasaasa Wayyaaneetiin Wareegaman
Aside
Gurraandhala 23,2016 Yeroo ammaa kana Godina Wallaggaa Qellem naannoo Begii fi Gidaamitti dhukaasni guddaan dhaga’amaa jira.
Magaalaan Gidaamii namni walitti hin deemu waraana Gambeela irraa dhufetu buufatee baadiyaa keessa deemaa jira.
Ganda Buriitti nama 5n yoo wareegamu Giraayitti nama 2tu wareegame kun kan barameedha jedhan dhukaasni gurguddaan aanaa Gidaamii keessa dhaga’ama. Qonaan bulaan dandii cufataa jira galgala kana. Gandootni hedduun garuu humni waraanaa guddaan mesha gurguddaa baatee socho’uu Qeerroon sodaa tokko malee FXG finiinsaa jira. Waraqaasa uummata keessa tamsaasaa jira.
Qonaan bulaan rasaasaan mada’ee baayeedha. Kan qabamaa ukkaamfamaa jiranis akkasuma jedha Qeerroon Gidaamii irraa. Sagaalee dhaadannoo halkan kanas baadiyaa keessaa dhaga’amaa jira. Uummata irratti waraanni gocha gara jabeenyaa fudhataa jira.
Naannoo Ga’oo Qeebbeettis FXG uummataa jabaatee jira. Daandiin cufamuudhaan uummanni walitti dhufuudhaan mootummaa wayyaanee akka hin barbaanne dhaadannoo dhageesisaa jira halkan kanas aanaalee heedduu Qellemitti itti fufee jira.
Gurraandhala 23/2016 Walagga lixa magaalaa Begii keessatti FXG daran jabaatee itti fufee Alaaban ABO(Oromoo) Balali’aa Jira.
Aside

