Guraandhala 22/2016 Godinaalee Bahaa Oromiyaa keessatti Warraaqsii Biyyooleessa Oromiyaa FXG haalaan jabaachuun itti fufee Olee. Ilmaan Oromoo Qeerroo Oromoo Hasan Abdallaa dabalatee hedduun Wareegaman, Ilmaan Oromoo Harargee Bahaa fi Harargee Lixaa irratti jumlaan Madeeffaman.
Godina Harargee Bahaa Aanota akka (Gaaraa Muldhataa, Magaalaa guraawaa, Magaalaa Furdaa, Calanqoo, Laaftoo, )Warraaqsaa FXG haalaan finiinsuun alaabaa ABO faajjii qabsoo bilisummaa Oromoo balaliisuun wayyaanee fi ergamtoota ishee OPDO refatuu guddaa keessa galchan, waajjiroota OPDO Odonaata kana keessa jiran illee barbadeessaniru. Magaalaa Furdaa keessatti waajjira poolisaa fi waajjiraa bulchiinsaa dhiiguun hojiin ala godhani, mootummaan wayyaanee kuftee jirachuu ifatti muldhisaniiru. Mootummaan wayyaanee warraaqsaa kana dura dhaabbachuuf waraana agaazii uummata irratti bobbaasuun namoota hedduu rasaasan madeessuun hedduu immoo wareegee jira. Wreegamuun gootota Oromoo kaan lafa kaasee FXG itti hammachuun itti fufe oleera.
Godina Harargee Lixaa Aanota akka (Machaaraa, Daaroo Labuu, Baddannoo,Galamsoo, fi gandoota baadiyyaa hang a magaalaatti) warraaqsii finiinee olee jira. Goototni Qeerroon dargaggootni Oromoo Magaalaa Machaaraa, Baddannoo fi Galamsoo uummata Oromoo cufa dammqasuun warraaqsaa ajaaiba gaggeessuun seenaa boonsaa galmeessan alaabaa ABO fajjii qabsoo bilisummaa Oromoo olqabanii dhaabuun, alaabaa garboomsaa kan OPDO fi wayyaanee barbadeessan. Gootichi Oromoo Alaabaa ABO faajjii walabummaa uummata isaa keessatti olqabee dhaabee Qeerroo Oromoo Hasan Abdallaa bara baraan seenaan ni yaadata. Agaaziin wayyaanee rasaasa irratti roobsuun dargaggoo Oromoo Hasan Abdallaa Warreegduus seenaan isaa bara baraan jirata. Wareegamuun goota kanaa immoo ilmaan Oromoo kumootaan lakkaaaman manaa baasee sochii warraaqsaatti akka makaman godhee jira. Warraaqsaa guyyaa haraa Harargee Lixaa keessatti gaggeeffameen ilmaan Oromoo hedduun madeeffamuu fi hedduun wareegamuun ifa taee jira kanneen wareegamaan keessa gootichi dargaggoon qeerroon Oromoo Hasan Abdallaa isa tokko yoo tauu kanneen madeeffaman hedduu tauun beekamee jira.
Kanneen wareegaman keessa :
1. Dargaggoo Qeerroo Oromoo Hasan Abdallaa kan suuraa isaa argitan kun magaalaa Machaaratti wareegame.
Guyyaa haraa ilmaan Oromoo Harargee Lixaa keessatti rasaasa Agaaziin Madeeffamanii yeroo amma hospitaala Galamsootti argam,an keessa kanneen maqaa argannee jirru:
1. Daaima Gaaddisaa Idiris harargee Bahaa Calanqoo umriin isaa ganna 9 kan tae.
2. Ibraahim Ziyaadi morma isaa irra kan rukutame Harargee Lixaa
3. Kalifaa Xaahaa Harargee Lixaa adda isaa irra kan rukutame,
4. Muftii Ahimed Harargee Lixaa dugdaa kan ruktame
5. Zannabaa Margaa Harargee Lixaa
6. Faysaal Ahmed Harargee Lixaa Milla irraa kan rukutame,
7. Hajii Abdurraman Harargee lixaa harka isaa irra kan rukutame
8. Saafii Abdulkarim Harargee lixaa Milla irra kan rukutame,
9. Shamarree Darartuu Muhaammed Harargee Lixaa milla ishee irra kan rukutamte
10. Firoomsaa Muhaamed Harargee Lixaa Milla isaa irra kan rukutame.
11. Ashiraafudiin Dabaraa Harargee Lixaa milla isaa irra kan rukutame.
12. Miftaa Ahmedi Harargee Lixaa adda isaa irra kan rukutame
13. Gaaddisaa Muhaamed Harargee Lixaa milla isaa irra kan rukkutame.
14. Obsaa Mohaamed Harargee Lixaa garaa isaa irra kan rukutame,
15. Munira Mohaammedi harargee Lixaa morma isaa irra kan rukutame
16. Baabbii Ayinaaleem Harargee Lixaa morma irra kan rukutame,
17. Abbuu Liimaan Harargee Lixaa gateettii irra kan rukutame dabalatee ilmaan Oromoo hedduun jumlaan kan Wayyaaneen rasaasa irratti roobsaa oltee yeroo amma hospitaala Galamsootti guuramanii duaaf jireenya gidduutti kan argaman tauun hubatamee jira. Hallii kun daran uummata Oromoo qabsooo bilisummaa isaatti onnaachiisuun halkan kana illee guutummaan harargee Lixaa fi Harargee Bahaa haala ulfaata keessa jiru Warraaqsii itti fufe!!
Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa Fincila Xumura Garbummaa (FXG) Oromiyaa 2016 | OromianEconomist