Guraandhala 25/2016 Godina Booraanaa ona Yaabelloo keessatti kaleessa FXG qonnaan bulaadhan eegale har’a bal’achuudhaan barattoota manneen barnoota sadarkaa hundaatti itti fufee jira. Amma sa’a kana aanaa Yaabelloo keeysaatti dhiiraa fi dhalaa guddaa fi xiqqaa osoo hin jennee daandiin cufamee dhaadannoo sagalee guddaa fi tokko taheen dhaga’amaa jira.
– Yaa oromo isaa hoomaan bulu ka’I mirgakee falmadhu,Bilisummaakee gonfadhu
– Dacheen dachee oromoo malee kan Tigre miti
– Oromiyaan bilisoomuu geesseetti
– Uummata xiqqaadhaan hin bitamnu
– Ka’I Qeerro hin kaanaa
– Abbaan biyyaa ABO dha
– WBOn hirkoo keenya abdii Kenya
Jechuudhan amma sa’a kana sagaleen Qeeyroo fi uummata guddaaa Boorana aanaa Yaabelloo keessaa dhaga’amaa jira.
Waraanni raayyaa ittisa biyyaa naannoo Sumaalee irra jiru garasitti fe’amaa jira. FXG itti fufti.
Blog Archives
Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo (SQ) Gurraandhala 24, Bara 2016
Aside
Sagantaan keenya har’aa Oduu,qophii addaa,Beeksisaa fi Gaaffii fi deebii wallisaa sabboonaa Elemoo Alii waliin dhimma concerti tumsa qeerroo ilaalchisee goone kan of keessatti haammatudha.
Aside
Guraandhala 24,2016 Godina Lixa Shaggar Aanaa Midaa qanyiitti warraaqsii biyyoolessaa Oromiyaa FXG gaggeeffamaa jiru daran jabaachuun Manneen barnoota sadarkaa 2ffaa, Qophaa’inaa fi sadarkaa 1ffaa fi Gandoota Baadiyyaa keessatti gaggeeffamuun daran jabaatee itti fufe.Alaabaan ABO Aanaa MIdaa Qanyii dhuunfachaa jira.
Guyyaa har’aa Yeroo kanatti goototni uummatni Oromoo fi Qeerroon Dargaggootni Barattootni Oromoo Aanaa Midaa Qanyii M/B sadarkaa 2ffaa Midaa Qanyii kan Magaalaa Bixxillee keessatti argamuu fi Qonnaan Bultootni gandoota Goodaa Galaan walitti dhufuun hiriiraan alaabaa ABO qabachuun gara Magaalaa Baallammiitti adeemaa jiraachuu madden keenya gabaasaan.
Waraanni wayyaanee Aanaa Calliyaa Magaalaa Geedoo fi naannoo ishaatti bobbaafamee jiruu heddumina guddaa kan qabuu dheengaddaa, kaleessaa hanga har’aatti Uummatatti bobba’ee uummata reebaa jira, Tarkaanfiin Diinummaa hammachaa jiruu kun Akka uummatni Oromoo waanqabutti fayyadamee diinaa of irraa haleeluu godhee waan jiruuf yeroo amma Uummatni Oromoo waan qabuun diina of irraa ittisuuf qophii ta’uu ibsuun Shororkeessa agazii of irraa ittisuuf jira.gabaasaa guutuun walitti deebina
Aside
Guraandhala 24/2016 Godina Wallaggaa Bahaa Aanaa Heebantuu keessatti Warraaqsii Biyyoolessa Oromiyaa #FXG utuu Wal irraa hin Citiin
gaggeeffama ture, guyyaa har’aa dhan Jabaachuun alaabaan ABO Aanaa Heebantuu Magaalaa Qeelloo keessa uummataa fi dargaggoota Oromoon
olqabame dhaabamera. Alaaban abbaa irree Wayyaanee OPDO barbada’uun gubateera.
Guyyaa Har’aa Gurraandha 24,2016 Goototi Dargaggoonni Oromoo Godina Harargee Aanaa Daaroo Labuu Burraysaa Keessatti Akkanaan Oolan
Aside
Magaalaa Gadulloo Aanaa Daaroo Labuu Godina Harargee Keessatti Goototi Dargaggooni Oromoo Akkanatti FXG Gaggeessaa Oolan.
Aside
Guyyaa Har’aa Gurraandhala 24,2016 FXG Wallagga Horroo Guduruu Amuru Keessatti Ta’e.
Aside
FXG Gootota Qeerroo Bilisummaan Wallagga Beegii Aanaa Kobor Keessatti Akkanaan Oole/Gurrandhala 24,2016
Aside
Guraandhala 24/2016 Godina Kibbaa Dhihaa Oromiyaa Godinaalee Iluu Abbaa Booraa fi Jimmaa Keessatti warraaqsii Biyyoolessaa Oromiyaa #FXG’n Guraandhala 23/2016 Irraa eegaluun bifa qindaa’een gaggeeffamuun itti fufe!
Aside
Guraandhala 24/2016 Godina Kibbaa Dhihaa Oromiyaa Godinaalee Iluu Abbaa Booraa fi Jimmaa Keessatti warraaqsii Biyyoolessaa Oromiyaa #FXG’n Guraandhala 23/2016 Irraa eegaluun bifa qindaa’een gaggeeffamuun mootummaa wayyaanee rifaasiisaa fi yaaddeessa kan jiru warraaqsaa waliigalaa Oromiyaa Godinoota cufa qabatee jiru kanadha. Guyyaa kaleessaa sagalee guddaan Jimmaa #ShabeeSomboo keessatti warraaqsii egaale har’as itti fufe jira.
Guyyaa har’a 24/2016 Godina Iluu Abbaa Booraa Magaalaa Baddalee keessatti gootota Barattooota oromoo Manneen Barnootaa Sadarkaa 2ffaa fi Qopha’inaan FXG’n finiina jira. warraaqsii Godina Kibba Dhihaa Oromiyaa keessatti Eegalee kun Aanota godina Jimmaa fi godina iluu Abbaa Booraa Cufaa keessatti jabaatee kan itti fufu ta’uu maddeen kenya ibsaniru.. Qabsoon itti fufa garboomsaan ni kufa!!
Guyyaa Har’aa Gurraandhala 24,2016 FXG Godina Wallaggaa Aanaa Ayiraa Gullisoo fi Boorna Magaalaa Yaabello Keessatti Haalaan Itti Fufee Jira.
Aside

Wallagga Ayiraa Gullisoo

Wallagga Ayiraa Gullisoo

Yaabelloo













