Wallee Haaraa Artist Sabboonaa Galanaa Garomsaa **Dhaloonni Waa Fala** Ebla 2016

Aside

Abbaa Lataa/Obbo Adimaasuu Biraanuu/ fi Abdiisaa Balaachoo

Aside

Gootonni Artistooti Oromoo Qaqqaalii Guyyaa Gootota Oromoo Ebla 15 Kabajatan.

Aside

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo (SQ) Ebla 25,2016

Aside

Godina Arsii Lixaa Aanaalee Doddolaa, Shaashimannee fi Kofalee Keessatti Waraanni Wayyaanee Uummata Saamaa Jiraachuun Beekame.

Aside

Ebla 25,2016, Godina Arsii lixaa aanaa Doddolaa, Shaashimannee fi Kofaleetti waraanni mootummaa faashistii Wayyaaneen saamicha uummata Oromoo irratti raawwataa jiraatuu fi nama nagaa daandii irra deemus hidhuun beekame.
Kana males akka Qeeyroon godinichaa addeesssutti barataa hedduun ukkaamamaa jira mootummaa godina Arsii keessi guuutummaan ABO jechuun murteessee jala muree qabatee jira. kanaaf uummanni miidhamuun itti baayataa jiraachuu fi waraannis gocha saamichaa humnaan nama qabee daandii gubbaatti qarshii kiisiidhaa hanga saamutti gahee jiraachuu Wayyaaneen saroota badiisaa uumataatti gadhiistee jirti.
Baha shawaa magaala Bishooftuu fi Maqii akkasuma gugda booratti doorsisni uummatatti hammaatee akka jirutu gabaafame. Akka gabasni ibsutti mana mana irra deemuudhaan milishootni wayaanee fi kaabinoonni mootummaaf uummata kadhachuu fi araaraa fi doorsisas kan of keessaa qabu mana uummataa irraa deemaa akka jiran Qeeyroon gabaasee jira.
Mootummaa kana yoomiyyuu ofirratti hin feenu jedhanii deebii kenna jira. Nuti kan barbaannu Bilisummaadha kunimmoo kan dhufu mootummaan kun hamma oromiyaa irraa harka isaa deeffatu fi oromiyaan ofiin of bulchitu abbaa biyyaa oromiyaa haga dhufutti qabsoon keenyas itti fufa bilisummaanis yerooma sana dhufa jechuun uummanni godina baha Shaggar  keessa diinaafaan qabachiisaa jira. Hidhaan uummanni mirga isaaf falmaa jiru maqaa shororkeessummaan komatamaa jira.

Ebla 25,2016 Ummanni Magaalaa Jimmaa Zayitaa fi Shukkaara Dhorkamee Dhiheessii Dhabuun Rakkachaa Jira.

Aside

IMG_20160425_163000 IMG_20160425_163041

Dhaamsa Beekan Gulummaa Irraa

Aside

Hidhaata armaan gadii kana tumadhaati waan keessa jiru mara dubbisaa.

downloadhttp://beekanguluma.org/index.php/2016/04/24/faayidaa-dubbisuu/http://beekanguluma.org/index.php/2016/04/24/nurraa-gala-diinni/http://beekanguluma.org/index.php/2016/04/24/isin-hoo/http://beekanguluma.org/index.php/2016/04/24/freedom-speech/http://beekanguluma.org/index.php/2016/04/24/suuraawwan-babbareedoo-yaadannoo-magaalaa-new-york/http://beekanguluma.org/index.php/2016/04/24/dhibee-qaama-saalaa/

Guyyaa Gootota Oromoo Ilaalchisee Jaal Abaa Caalaa Lataa Gaafatamaa Damee Dantaa Alaa ABO(DDA-ABO) Dagalee Media Waliin.

Aside

Ebla 24,2016 Magaalaa Finfinneetti Kabajni Ayyaanaa Irreecha Arfaasaa Mootummaa Abbaa Irree Wayyaaneen Uggurame

Aside

Ebla 24,2016 Magaalaa Finfinneetti Kabajni Ayyaanaa Irreecha Arfaasaa Mootummaa Abbaa Irree Wayyaaneen Uggurame Sabaabaan Guddaan Uummatni Oromoo Mootummaa Mataa Isaa fi Uummaticha Bakka kan Bu’uu Dhabuu Irraa Diina Uummata Oromoo Kan Ta’ee EPRDF/TPLF/OPDOn Uummata Oromoo Shororkeessuu fi Ugguruun Beekamadha!!
Abbootiin Gadaa Oromoo galma maqaaf ‘’ gidduugala galmaa Aadaa Oromoo” jedhamuu Finfinnee keessatti argamutti diqaman walitti qabamuun Shororkeeffama olaan!, Wayita kanatti Oromiyaan bulchiinsa Waraana Wayyaanee jala galfamtee, Waraana kanaan shororkeeffamaa utuu jirtuu bakka hundatti uummatni Oromoo sagalee mormii sirna abbaa irreef qabuu jabeessuun warraaqsaa FXG marsaa 5ffaa irra ga’ee waan jiruuf yoo Oromoon Magaalaa Finfinnee keessatti walitti qabamee galma mootummaa Wayyaanee dhuunfatu mala soda jedhuu irraa Ayyaanni irreechaa Magaalaa Finfinnee keessatti akka hin kabajamne dhorkuu danda’ee jira. Uummatni Oromoo utuu mootummaa bakka isaa bu’uu fi isa tajaajilu hin argatiin baroota dheeraa kan ture, kan bara dhufaatii wayyaanee waggaa 26 immoo addatti baroota seenaa uummata Oromoo keessatti adda ta’an keessa isaa tokko. Oromiyaan ganna 26n darban kana guutuun utuu dhiigni ilmaan Oromoo dhangala’uu mootummaa mataa ishee malee turte jirti.
Jaarmiyaan ergamtuu wayyaanee OPDO jedhamtuu Ayyaanaa kabajamaa fi jaalatamaa Oromoo Irreechaa Arfaasaa kan Tulluutti Kabajamuu ugguruu fi shororkeessuun ergama diinummaa TPLF’n itti kennamee uummata Oromoo irratti rawwachuun Ayyaani Irreechaa akka hin Kabajamnee dhorkuun hubatame jira. Wayyaaneen OPDO Ayyaana kabajaan Oromoo kun akka hin Kabajamneef Abbootii Gadaa Oromoo Gidduu gala galma maqaa Aadaa Oromoo jedhamuun ijaarametti walitti Qabuun akka bahanii hin irreeffatne dhorkuun galmichuma keessatti yaadannoodhan guyyaa kana akka dabarsan gootochuun uummata Oromoo fi Manguddoota, Dargaggootaa fi hayyoota Oromoo gara Ayyaana kanatti socho’anis akka Oromoon hin kabajanneef karaatti deebisuun ergama diinummaa ba’uu dandeesse jirti.
Mootummaan wayyaanee EPRDF/TPLF/OPDO jedhamtuu kabajaa Ayyaanaa Irreechaa Kan Birraa Malkaatti kan kabajamuu fi ayyaanaa Irreechaa Oromoo Arfaasaa tulluutti kabajamuuf bar tokko illee Oromoon akka Ayyaana isaa nagaan kabajatuuf eyamamaa akka hin taa’ee seenaan dhugaan lafa jiru ni ibsa. Ayyaanni Irreechaa Kan Malkaas bara baraan human waraanaa wayyaanee fi humnoota tikaa wayyaaneen utuu shoroorkaan guddaan uummata Oromoo irratti rawwatamuu Uummatni Oromoo gootni eenyummaa, aadaa,amantii, afaanii fi Ayyaanaa Kabajamaa fi Jaalatamaa isaa Irreecha Gootummaan tokkummaa isaa jabeeffachuun afaan qawween doorsifamaa, hidhaamaa, reebamaa fi ajjeefamaa uummata eenyummaa isaa tikfatee har’a dhaloota qubee qeerroo human haaraa qaqqabsiisuu uummata danda’edha malee abbootiin irree biyyatti bar kam illee ayyanaa Oromoo, aadaa Oromoo, eenyummaa Oromoo, Afaan Oromoo fi mirga Oromoof guyyaa tokko illee bakka kenniteefii kan hin beekne ta’uun beekamaadha. Rakkoo ulfaataan kun Sababaa mootummaa mataa ofii kan uummata Oromoo bakka bu’uu danda’uu dhabuu irraa Uummatni Oromoo qe’ee isaa irratti hambaa eeyyamaa gaafate, hambii immoo hiree uummata Oromoo shororkeessuuf carraa kan argate ta’e. Kanaafuu Furmaatni rakkoowwan waliigalatti uummata Oromoo fi dachee Oromiyaa irratti gaggeeffamaa jiruuf ta’uu Uummatni Oromoo falmaa warraaqsaa FXG marsaa 5ffaatti tarkaanfatee jiru tokkummaan harka wal qabatee wareegama kamuu baasuun bilisummaa isaa gonfachuu fi biyyaa isaa walaboomsuun hacuuccaa halagaa jaalaa of baasuuf qabsoo isaatti jabaatuun bilisummaa balbala irra ga’ee jiruufi mootummaa abbaa irree xumura itti gochuuf raafama ulfaata keessa galchee jirutti xumura gochuuf yeroon gamtaan gara Warraaqsaa FXG marsaa 5ffaatti xiyyeeffanoon hojjetamuu amma ta’uu hubachuun Oromoo bakka jirruu hundaa wal qabannee haa sochoonu jechuun Qeerroon bilisummaa Oromoo dhaamsa dabarsee jira!!

Yuunibarsiitii Walqixxee irraa barattoonni Oromoo 27 badii malee hidhamanii dararamaa jiru.

Aside

Ebla 24,2016
because-i-am-oromoYakka tokko malee barattoonni Yuunibarsiitii Walqixxeerraa hidhamanii jiran 27 haala ulfaataa keessa jiraachuu Qeerroon achii dubbatu.Barattoonni kun gaaffii mirga abbaa biyyummaa waan gaafata niif qofa ragaa sobaa irratti qindeeffachuudhaan kan himataman yoo ta’u baay’ee isaanii Yuunibarsiitichi barnootarraa kan haqee jiru ta’ullee mana barnootaarraas dismissal erga ta’anii mana hiraarsa magaalicha keessatti akka hidhamanii jiraachuu akkasuma hidhaatii gadi lakkisuuf Mirga wabii kan eegsisaniif yoo ta’eellee dhabinsa namaaf osoo gadi hin dhiifaman jiraachuu mirga Wabii qarshii 5000 Kumashan shaniis yoo filannoof dhiyeesanillee baay’inaan barattoonni hidhamanii jiran kanfalachuu dadhabanii kunaanamaa jiru jedha odeessi Qeerroo gahe

Barattoota hidhaman 27 keessaa hedduun kaan abbaaf haadha kan hin qabne kaanis kanneen mana namaa ta’anii baratanii as gahan kaansaanii
hojii guyyaa hojjetaa baratanii as kan gahan ta’ullee carraa isaan mudatte kana qolachuun akkaan itti ulfaatee hiree isaanii dararama
taate kan dhamdhamaa jiru.