Ebla 29,2016 Godina Lixa Shaggar Aanaa Meettaa Roobii Magaalaa Eelaa keessatti Poolisootni Kora Bittinneessaa Oromiyaa manneen namaa cabsuun dubartoota gudeeduu fi saamicha irratti argamu. Yeroo waraanni agaazii ummata keenya fixaataa jirutti, poolisootni kunniin immoo mana namaarra naanna’uudhaan dubartoota (keessattuu barattoota) gudeeduu, qabeenya saamuu fi reebichaan dararuu haalaan itti fufaniiru. Keessattuu, kan nama gaddisiisu yommuu diinni ummata keenya fixaa jirutti ummata cinaa dhaabbachuu dhiisuun gochaa badii akkanaa ummata ofiirratti raawwachuudha. Kanaafuu, kana booda gochaawwan akkanaa irraa hatattamaan of hin qusatan taanaan tarkaanfiin Wayyaanee eeggatu sadarkaa jalqabaatti akka isaanirratti xiyyeeffatu beeku qabu jedhu jiraattotni magaalichaa.
Blog Archives
OLF IN THE SWEDISH PARLIAMENT AND OROMO YOUTH IN GLOBAL INTERCULTURAL SHOW
Aside
“Banned and forced out of Transitional Government”: Struggle for National Rights and Democracy, in the Era of a “New World Order” – the Case of OLF by Dr. Shigut Geleta full speech.
Dear Mr. Chairman,
Esteemed members of the Swedish Parliament,
Dear Honourable guest speakers,
Ladies and Gentlemen,
First of all, I would like to thank and convey my deepest gratitude to the organizing committee for inviting me to present a paper on this seminar on behalf of the Oromo Liberation Front, OLF. It is a great privilege and honour for me and my organization to be here today representing the Oromo people.
Ladies and Gentlemen,
The topic on which I am going to speak is “Banned and forced out of Transitional Government: Struggle for National Rights and Democracy – the Case of OLF”. My presentation is organized in five main parts:-
- I will give some background on the Oromo people and Ethiopia.
- I will elucidate the birth and grand objectives of the OLF and its formidable role in the past, today, and the future politics of Ethiopia.
- I will try to indicate how the vision of “New world order” challenged by Global War on Terror (GWOT).
- I will skim over the current situation in Oromia/Ethiopia, and finally,
- I offer my organization’s view on the way forward.
Ladies and Gentlemen,
Aside
Ebla 29,2016 Godina Lixa Shaggar Aanaa Meettaa Roobii Magaalaa Eelaa keessatti Poolisootni Kora Bittinneessaa Oromiyaa manneen namaa cabsuun dubartoota gudeeduu fi saamicha irratti argamu. Yeroo waraanni agaazii ummata keenya fixaataa jirutti, poolisootni kunniin immoo mana namaarra naanna’uudhaan dubartoota (keessattuu barattoota) gudeeduu, qabeenya saamuu fi reebichaan dararuu haalaan itti fufaniiru.
Keessattuu, kan nama gaddisiisu yommuu diinni ummata keenya fixaa jirutti ummata cinaa dhaabbachuu dhiisuun gochaa badii akkanaa ummata ofiirratti raawwachuudha. Kanaafuu, kana booda gochaawwan akkanaa irraa hatattamaan of hin qusatan taanaan tarkaanfiin Wayyaanee eeggatu sadarkaa jalqabaatti akka isaanirratti xiyyeeffatu beeku qabu jedhu jiraattotni magaalichaa.
Barsiisaa Girmaa Tujubaa Humna Hidhattoota Wayyaanee TPLF Ajjeefamuun Beekame.
Aside
Barsiisaa Girmaa Tujubaa jedhamu Godina W/Lixaa Najjootti dhalatan. Digirii isaanii jalqabaa Yunbarsiitii Gondor irraa “Marketing management” dhaan xumuran sana boodas Mana barumsaa Qophaa’inaa Naqamteetti barsiisaa ta’anii ramadamuun hojii barsiisummaa itti fufan, B/saa Girmaa Qaxalee aadaa hojii cimaa akkuma Oromoota bara durii sanaa kan qabu waan ta’eef Yeroo isaa Barsiisummaadhaan M/B Qophaa’inaa Naqamteetti dabarsu irraa kan hafu akkanumaan balleessuu waaan hin barbaannef , dabalataan Yunbarsiitii Riiftivaalii dame Naqamteetti ramadamuun Dukkana doofummaa uummata keenyatti baay’ate sana lammiiwwan isaa lubbuu isaa caalsisee mararfatu sanarraa kaasee waaroo qoroominaafi ifa barnootaa argamsiisuufiif kutannoodhaan utuu hin nuffiin barsiisuu itti fufan Nama baay’ee sabboonaa M/b saa lamaanittuu sabboonummaa isaaniin dorgomaa hin qabne turan gaafa guyyaa 26/03/2016 wayyaaneen galgala naannoo sa’a 1 fi 2 gidduu utuu isaan Barsiisaa turanii galanii Yuunvarsiitii Riifti vaalii fuulduratti konkolaataadhaan irra baasuun ajjeesan. Waan nama gaddisiisu takkaa dhahanii erga kuffiisanii booda si’a lama irra deebisuun ajjeesan.
torbanuma sana keessa M/B qophaa’inaa Naqamtee keessa seenuun koottuu jedhanii isa waaman Innis dhimmi diinota warra dhiiga Oromoo dhangalaase bira na fidu hin jiru jechuun, didee biraa deeme, jarris torban kana yoo ati ati jairaattehoo jedhanii, deeman.ajjeefamuun isaas sanaa booda B/saa Girmaa Tujubaa gosa barnootaa “General Bussiness” Kutaa 11ffaafi 12ffaa barsiisu. Sabboonummaa isaaniifi Amala isaa gaarii, inni
qabu irraan kan ka’e Barattootaafi oromoota hedduu biratti jaallatama guddaa kan argatedha.
FXG baranaa keessattis adda durummaadhaan barattoota Gorsa qalbii namaa ijaaran ciccimoo, gorsaa tureera. barattoota Mana hidhaa turaniifi agaaziin caccabsitee qormaanni jala darbe utuu hin rakkisiin qabxii gaarii kaa’aafi turan, Barnoonni bilisummaa booda ilaalcha jedhu qabatanii Barattoota Oromoo gargaaraa turan.
sodaa tokko malee Daree keessatti basaastonni lammii keessan dabarsitanii diinaaf hin laatiinaa, Abdiin uummataa barataa akka ta’e barataan falmachuu akka qabu, Ifaaf ifatti gorsaa ture, gochaa diinummaa agaazonni wayyaanee, barana Oromoorratti raawwatte barattoota fuulduratti Daree keessatti dubbachuun gochaa diinaa balaaleffatee, barattootasaatti diinummaa diinaa karaa garaagaraan bifa yoomuu sammuu barattootaa
keessaa baduu hin dandeenyeen himaa ture, Fakkeenyaafis wantoota shanan oromoon ajaa’ibu akka armaan gadii kanatti Barattoota Koo Oromoon waa shan ajaa’iba
1. Biqiltuu guddachaa jiru ol adeemaa karaatti hin muru
2,yeroo adamoo adamsu bineensa qe’ee namaatti baqate hin ajjeesu, abbaan qe’ees dabarsee hin laatu
3, Haadhaafi Ilmoo walirratti hin ajjeesu
4, Bineensa hormaataaf quunnamtii gochaa jiru hin ajjeesu, warra wal horu ajjeesuuf “genocide” sanyii duguuggaadha,
5, Bineensa rimaa (garaatti baattu) hin ajjeesu. Kun waa shanan oromoon ajaa’ibu dha
Barana garuu warra agaaziin Ilmaan Oromoo irratti gochaan raawwatame faallaa waan kana hundaati. Oromoon dhala namaaf dhiisiiti bineensaafu hamma kanaa kabaja kan laatudha garuu barana ija isaa duratti dhalli isaa hamma bineensaayyu kabaja dhabani. Qabsaa’aa BBB gochaan akkanaa oromoorra akka dhaabbatuuf falmadhaa,
Kan lammiisaa garbummaa jalaa baafatu lammii baratedha Oromoon siniin qaba adaraa hin laafiinaa jechaa ture basaastuu taatanii immoo obbolaan keessan dabarsitanii hin laatiinaa, waan harra sin nyaattanii bultan boor udaan ta’a waan ajaa’aa kanaaf jettanii adaraa saba keessan diinaaf hin laatiinaa lammii keessan waliin dhaabadhaatii farra diinaa ta’aa malee akka Goobanaa lammii keessan gantanii farra Oromoo hin ta’iinaa. jechaa ture, gorsi isaa waan kana qofa miti waggaa lamaan Isa waliin jirru kanatti kaninni nu gorsaa ture hunda , barreessee hin fixu barattoonni hundi utuu akka qaroo ija isaaniitti ilaalanii diinni keenya wayyaaneen Hayyuu keenya kana karaatti dhaamsite.
Reeffi isaas gara biyya dhalootasaa Najjootti ergameera.Barattootni Kutaa 12ffaas guyyaa harraa Suuraa isaa irratti Hayyuu karaatti dhaame jecha jedhu barreeffatanii dungoo ibsuun Mana barumsaa irraa ka’anii hanga Mana Haadha warraa isaatti boo’aa deemaniiru.Waan nama gaddisiisu B/saa Girmaa Tujubaa misirroo eega bultii ijaarratee waggaa tokko kan hin guunnedha.Kana malees nama dandeettii guddaa qabudha, M/B Qoph. Naqamtee waaree duraaf booda shiiftii lamaan utuu barsiisuu yeroo isaa irraa hafe immoo Yun.Riifti vaalii barsiisa .
guyyaa konkolaataan rukkutanii Isa ajjeesan sana uummannifi barattoonni yaa’anii konkolaataa raayyaa ittisa biyyaa B/saa Girmaa rukkutte sana kan caccabse yoo ta’u, turtii xiqqoo booda waraanni agaazii dhufuun uummata hiraarsuun qawwee dhudhukaasaa ,nama tumaa turan, B/saan Girmaa gara Hospitaalaa geeffamus gommaan konkolaataa si’a lama sammuu isaarra waan ba’eef hafuu hin dandeenye, waan baay’ee nama
gaddisiisu takkaa gommaa irra baasuun lammaffaa gommaa irra deebisanii gommaan konkolaatichaa akkuma qaama Barsiisaa Girmaa dhahetti irratti dhiisanii badan Konkolaatittis uummatatu dhiibee qaama isaarraa buuse.
Aside
Ebla 28,2016 ,Godinaalee Arsii magaalota Seeruu, Habee, Robee Diida,aa Hurutaa, Hasaasa, Qoree fi Ajjee keessatti poolisiin federaalaa ummata sakkataa,aa jiru Poolisiin Oromiyaas erga oromiyaan ufii uf bulchiti ta,e feederaalli maal godha nageenya ummata keenyaa eegudhaaf nuti gahaa mitii jechaa jiru mootummaa naannichaa gaafataa jiru.
ቄሮ: የኦሮሞ: ወጣቶች: ለነፃነት:ንቅናቄ: ድምፅ : የሳምንቱ : ዜና :: (SQ) April 27, 2016
Aside
Aside
Ebla 26,2016 Yuunibarsiitii Harammayaa muddama guddaa keessa seentee jirti. Basaasoti Wayyaaneee Nahom Balchaa jedhamu haleelan. Sababaa kanaan walqabatee waraanni hedduminaan gara mooraa Yuunibarsiititti seensifame.Goototni Barattootni Oromoos mooraa keessa akka gadi hin baanee human waraanaan ittifaman.
Haala Kanaan Ebla 25, 2016 humni hin beekamiin basaasaa Wayyaanee beekkamaa kan ta’e maqaan isaa Nahoomaa Baalchaa jedhamu irratti tarkaanfii jabaa fudhataniiru. Basaasni Wayyaanee kun kan mooraa Yuunibarsiitichaa keessatti gochaa farruummaa barattoota Oromoo irratti dalagaa jiru yeroo garaagaraatti gochaa diinummaa kanarra dhaabbatuu waan dideef tarkaanfiin cimaan irratti fudhatame jedhu namoonni haala gochaa isaa xinxalan. Sababa kanaan walqabatee Waraanni Agaazii mooraa Yuubibarsiitichaa keessatti barattoota reebichaan dararaa fi jumlaan hidhaatti guuraa bule. barataan kamuu akka balbala hin baanef hanga har’a sa’aa boodaatti dhorkamaa turuu ibsaniiru.
SBO Ebla 27 Bara 2016. ODUU, Walaloo fi Gaaffii fi Deebii J. Saamiyaa Usmaani fi Dargaggoo Caalaa Hayluu: Kutaa xumuraa Akkasumas SBO Sagantaa Afaan Amaaraa
Aside
Gareen Tumsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Biyya Australia Magaalaa Perth Bifa Kanaan Guyyaa Gootota Oromoo Gaafa Ebla 24,2016 Kabajatan.
Aside
DHAAMSA CIMAA! Qophii Qaanqee Show Ebla 25,2016 Injifanoo 3ffaa Uumataa Oromoo biyyaa ala jiraan irra egamu malii?
Aside

