Godina Wallaggaa Magaalaa Madii Keessatti Qeerroon Bilisummaa Guyyaa Gootota Oromoo Kabajatan.

Aside

13043710_265642813778108_6191872166335002713_n 13055464_265642817111441_4697690903921640284_nSirni kabaja guyyaa gootootaa Ebli 15 fi hundeeffami Qeerroo Bilisummaa wagga 6ffaa miseensota Qeerroo Bilisummaa magaalaa Mandiin haala ho,aan kabajamee ooleera guyyaa kaleessaa 23/04/2016 ganama sa’a 02:30 irraa kaasee hanga sa’a 04:00tti Qeerroon Mandii kabajaa ooleera.
Akka gabaasa Qeerroo Mandiitti guyyaan kaleessaa magaalaa mandii keessatti bifa adda ta’een kabajameera!! dungoo qabdiisuun seenaa gootota darbanii kaasuun erga wal hubachiisanii booda, waadaa qabsoo isaanii irbuu walii galuun xumuraniiru. BAGA GGO GEESSAN!!!

SBO Ebla 24 bara 2016. ODUU, Ijoo Dubbii ABO, Gabaasa haala sochii FXG Oromiyaa, Haasaa Hayyu-duree ABO: Ebla 15 irratti akkasumas Gabaasa Hiriira lammiilee Oromoo Kongirasa Ameerikaatti.

Aside

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo (SQ) Ebla 23,2016

Aside

Aside

cropped-qeerroo-edit.jpg

 

Yaadannoon Guyyaa Gootota Oromoo  Sochii Warraaqsaan Yaadatama!!

Dhaamsa Gabaabaa Qeerroo; Bilisummaa Oromoo

Ebla 22, 2016

Ebilli 15 Guyyaa Gootata Oromoon Cinatti baatiin Ebila Sochii Warraaqsaa Biyyoolessaa Oromiyaa (FDG-FXG) ifatti bifa qindaa’ee fi ijaarameen gaggeessuu itti eegallee waan ta’eef  Qeerroo bilisummaa Oromoo; gootota barattoota dargaggoota/shamarran Oromoo fi Uummata Oromoo bal’aa biratti bifa adda ta’een Ilaalama. Gumaan gootota Oromoo kab bahu akeeka isaan itti wareegamaniif galmaan gahuu qofaan waan ta’eef guyyaan Yaadannoo kun sochii Warraaqsaa FXG marsaa 5ffaa jabeessuun warraaqsaan yaadatama!! Dhaamsa Gabaabaa Qeerroo; Bilisummaa Oromoo Ebla 22 2016

Qeerroon Bilisummaa Godina Harargee Magaalaa Asaboot Keessatti Gadda Ilmaan Oromoo Dhumaa Jiruuf Ibsataa Oolan.

Aside

13081788_1334329123260234_33059361_n qerQeerroon Bilisummaa Oromoo godina Harargee Lixaa magaalaa Asaboot keessaati guyyaa arraa Ebla 23/2016 walitti babahuudhaan gadda ilmaan Oromoo kan isaanitti dhagahame ibsachaa jiru. Rakkoo fii ballottiis, lolaa fii tolattiis isinii waliin jirra jetti Qeerroon magaalaa Asaboot!

Sabboontoti Oromoo Nairobi Kenya jiraatan Ebla 15 Guyyaa gootota Oromoo kabajan.

Aside

13046144_1334627593230387_77603281_n 13046265_1334627643230382_885966514_n 13059922_1334627589897054_416848517_n 13090304_1334627616563718_45752651_n

” Weebilehoo ” Wallee Warraaqsaa Haraa Artist Daani’el Badhaadhaan/ Ebla 2016

Aside

Aside

IMG_20160421_164122Guyyaa har’aa Ebla 23,2016 Mootummaan Wayyaanee barattoota Oromoo Yuniversitii Wallaggaa irratti duula hiriyyaa hin qabne banee FXG dhaamsuuf yaalu iyyuu barattooti hanga dhuma mirgi uummata Oromoo guutuutti mirkanaawu qabsoo itti fufuuf yeroo kanatti waadaa walii galaa jiru.

Godina Wallaggaa Magaalaa Naqamtee Keessatti FXG Jabaatee Itti Fufuu Qeerroon Gabaase.

Aside

IMG_20160422_142542 IMG_20160422_142907 IMG_20160422_142910
Ebla 23/2016    Guyyaa har’aa Humni federaalaa guutummaa yuunversiitii wallaggaa fi naannoo ishee weeraruun baratoota nagaa goolaa jira.Mooraa keessas oliif gadi deemuun baratoota doorsiisuu, reebuu fi Baratoota qabanii miliqsuun daran jabaatee itti fufee jiraachuu maddeen keenya achirraa nu qaqaban ifa godhu.Diddaan baratootaas daran jabaachuun hanga gaaffiin keenya nuuf deebi’utti akkasumas beektonni oromoo mana hidhaa keessatti balleessaa tokko malee dararaa fi murtiin sobaa irratti raawwatamaa jiran hanga gad lakkifamanitti fincila addaan hin kunnu jechuun walii galtee isaanii haaromsanii jiraachuu maddeen keenya achirraa nu qaqaban ifa godhu.

Sulultaa Irratti Daandiin Cufame ,FXGs Jabaate‏e Itti Fufe!

Aside

Ebla 22,2016, Godina Addaa oromiyaa Sulultaa toora taaksiin dhaabbattun daandii Finfinnee irraa gara Bahadar fudhatu Qeerroo magaalichaan cufameetu jira.Har’a ganamas humna bittinneessaa wayyaneetiin daandiin kun banamuun Qeerroon yoo gabaasu daandiiwwan keessoo magaalichaas dhagaawwaan gurguddaa fi mukeeniin cufamaanii jiraatuun odessi ibsa.Godina addaa oromiyaa kana Sulultaa irraa kaasee haga shawaa kaabaa Fiichee fi Gabra Gurraachaa dabalatee Fincilli barattootaan yoommuu itti fufu qaama uummataa fi Qeerroo keessaniis tarkaanfiin
diinaa fi qabeenya diinaa irratti fudhatamuun haala kana keessatti jabaataa jira.
Waraqaa warraqsaa Qeeyroos halkan edaa sulultaa fi caancootti facaame bule waraana Wayyanee mufachiisuudhaan waraqaalee qeeyroo magaalota kana keessaa sarootni diinaa funaanuu gabaasan dubbata.
Kana booda waraanni wayyaanee oromiyaa akka gadhiisuu fi konkolaataan Wayyaanees oromiyaa keessa akka hin sochoone qeeyroon tarkaanfii fi FXG jabeeffatee ittui fufeetu jira. Odeessa qeeyroo godinaalee oromiyaa hunda irraan guyyaa guyyaatti qilleensa irraan waraabbii waliin kan dhiyaataa deemu tahuu Qeerroon beeksisaa jira.