Dhaamsi  Hatattamaa  Deebii Hatattamaa argachuun Dirqama

Aside

Damee Boruun

Barreessaa dhugaa baasa!Qeerroon Bilisummaa Oromoo Adoolesa 17,2016 Daamsa Hatattamaa uummata Oromoo dabrsee jira. Waamchi yaroo isaa eegate waan dhufeef ilmaan Oromoo onnumaan fudhachuu qabna jedheen amana. Bakka jirru marati gamtaan saba keenya wajjin dhaabbachuu fi aarsaa barbaachisu keennuuf of qopheessuuu nu irraa eegama. Gummaachi qabsoo bilisuummaa saba keenyaaf goonu dacha dachaan dabaluu qaba.

Mootummaa faashitii ilmaan Oromoo lafa irraa duguugee balleessaa jiru kana wajjin qabsoo karaa nagaa ni goona jechuun funyoo mormatti of hidhanii of fanisuu irraa adda hin  tahu.  Mootummaan TPLF sagalee nagaan rakkina furuu jedhu hiikaa isaa hin beeku. Kan beeku afaan qawween furuu duwwaa dha. Mirga keenya meeshaa qabnu maraan karaa dandeenyuu falmachuun haqa dhalootaan qabnu yoo tahu Waaqayyos akka nuyi wajjin jiru dagachuu hin qabnu. Filmaatni qabnu humnaa fi meeshaa qabnuun diina faashitii kana of irraa ittisna yookaan duguugamnee baduu dha. Amma yoonaatti qabsoon keenya karaa ifa taheen filmaata kana lamaan keessaa  murteefatee hin jiru . Garuu ammaan kana eejjennaan fudhatame jiraachuu saba Oromoof murteessaa dha.

Qabsoo bilisummaa biyya lafaa irratti godhame keessatti  yarooitti uummatni bal’aan gartuu waraana xiqqoon aangoo mootummaa cabse  aangoo qabate hin jiru. Hojiin humna garee waaraana uummata damaqisuu , ijaaruu fi dhidhachiisuu dha.  Mootummaa kan humnaan cabsuu danda’u gaafa uummtni bal’aa gamtaan kaa’ee  duraa dhaabbate qofa. Lolli bilisummaa lola uummata bal’aati malee lola humni muraasni mootumaa cabsee bilisummaa mirkaneessu miti. Haalli kun adda bahee hubatamuu qaba. Hojiin ijaarsaa daaba bilisummaaf dhaabbatee kaayyoo bilisummaa  dhaabbateef irratti hundeefatee  uummata bal’aa  dhamqisuu , ijaaruu fi hidhachiisuuf qabsaa’uu dha.  ABO waggaa afurtmaan darbaan kana keessaa qabsoo bilisummaa  uummatni Oromoo har’a itti jirru kana argamsiisuu wareegama amma kana jedhamee himamuu hin dandeenye baasee jira. Gootonni Oromoo hedduun itti aarsaa tahanii jiru. Damaqinsi uummata keenyaa sadarkaa  har’a jiru kana irra gahuu kan danda’e tasa lafaa ka’ee akka hin taane bareechinee hubachuu qabana.Dhaamsi Hatattamaa Deebii Hatattamaa argachuun Dirqama

SBO: Adoolessa 29 Bara 2016. Oduu, Fincils Xumura Gabrummaa(FXG) Godina Lixa Arsiitti finiinaa jirurratti gaaffii fi deebii Obboo Dhaqqaboo Waaqoo waliin taasifamee fi Qophii shira waajjiraalee Oromiyaa keessa jiranirratti xaxamaa jiru ilaallatu.

Aside

Adoolessa 28,2016 Godna Wallaggaa magaalaa Madiin keessatti FXG itti fufee jira.

Aside

Odeessi Qeerroo Mandii akka eeretti, maqaa hidha abbayy jedhuun Wayyaaneen Ummata magaalaa Mandii sossobuuf yeroo ta’u uummati itti ba’ee waajjiraalee wayyaanee gube FXG finiinse akka jiru beekameera

FXG Dargaggoota Oromoo Godina Booranaa Magaalaa Boku Lubomaa Keessatti Gaggeefame.

Aside

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo Qophii Adoolessa 26, 2016

Aside

Adoolessa 26,2016 FXG Guyyaa Har’aa Deemaa Jiruun Godina Arsii Dandiin Konkolaataa Magaalaa Robbe Garedaa Irraa Gara Boqojii fi Hasaasaa Geessu Cufamee Jira

Aside

Arsii Arsii2

SBO Adoolessa 27,2016. Oduu, Warraaqsa FXG Lixa Shaggar keessatti deemaa jiru irratti gaaffii fi deebii dargaggoota Oromoo waliin geggeeffamee fi qophii haala yeroo irratti hundaawe, akkasumas SBO Sagantaa Afaan Amaaraa

Aside

Oromo TV: Gaafi fi Deebii : Hayyu Duree Adda Bilisummaa Oromoo Ob.Daawud Ibsaa wajjiin

Aside

FXG Qeerroo Jabaachuun Xurree Walquunamtii Wayyaanotaa Addaan Kutaa Jira.

Aside

qeerroo1Adoolessa 25,2016 Waraani Wayyaanee humna jabaa agaazii jedhamu sun uummata godina Arsii fi Harargee shororkeessuuf har’a konkolaataa hedduudhaan hiriiree daangaa irraas gara sanatti ergamaa jira. Harargeen Lixaa alaabaadhaan faayamtee jirti.  Uummanni xiqqaa fi guddaan Alaabaa ABO qabatee jira. Kaan hucuudhaan faayamee jira. Daandiin humna uummataan cufamaa jira.
Qeerroonis uummata godinaalee kanneen hunda qabatee bahee jira. Har’a akka Qeerroon gabaasaa jirutti Arsii lixaa fi Hararee Lixaatti FXG itti fufee waan jiruuf meeshaa gurguddaan konkolaataadhaan fe’amee gara godinaalee kanaatti guuramaa jira. uummannis Qeerroon sirba qabsoo fi dhaadannoo ABOn Abbaa Biyyaa Tahuu dhaadachaa jira.
Uummata irratti dhukaasni banamuuf jedha. Shawaa lixaa ona hedduutti bulchiinsi Wayyaanee diigamaa jira. injifannoo uummatichaan networkiin diinaa godina Shaggar  keessatti addaan cituu irraan caasaan mootummas gara FXGtti makamaa akka jiru gabaafamee jira.

Injifannoo Qeerroo Oromiyaa Godina kibbaa fi Bahaatti FXG har’a Adoolessa 26/2016 Oromiyaa godinoota kanatti:
–       Arsii Lixaa,
–       Arsii Bahaa
–       Harargee Lixaa
–       Harargee Bahaa
–       Gujii
–       Booranaa fi
–       Baaletti
Seenaa keessatti addatti kan yaadatamuu fi yeroo xumura sirna gabroonfataa mootummaa abbaa irreetti taasisuu injifannoo guddaa
galmeessee ooleera.  Guyyaa har’aa guyaa seena qabeessa tahee Qeerroo godinaalee kanaan kan yaadatamu FXG marsaa 8ffaa oromiyaa keessatti
itti fufee jiruun humna diinaa kumaatama guddaa fi meeshaalee gurguddaadhaan ijaarame dura harka qullaa dhaabbatuun har’a faajjii Alaabaa ABO olkaasee mul’isee jira. Uummanni bal’aan uummanni oromoo Oromiyaa Bilisa baasuun yeroo isaa amma jechuun murteeffatee ka’ee jira.  Guyyaa har’aa akka odeessa Qeerroo godinaalee kana irraa gabaasa taasiseen
–       Ammas tahu yoomillee mootummaa wayyaaneef hin bullu barbaachisaa yoo tahe seera ofiin bulla ykn sirna gadaatiin jedheera.
–       Mootummaa TPLF/OPDO waliin jiraachuun kana booda waan hin yaadamneedha. Mootummaan kun kana booda jaallatu kara nagaatin
oromiyaa gadhiisee deemuu jibbus tarkaanfii dhumaa qabnuun fonqolchinee biyyatti ishee galchina jechuun uummanni Oromoo murteeffatee ka’eera.
–       Karaa nagaatiin hidhamtoota keenya nuuf baasaa kan ajjeefame nuyyuu gumaa isaa ni baafannaa jedhee uummatni gaafateef deebiin hin kennamne murtoon uummata Oromoo FXG finiinsuu keessatti hidhamtoota manneen hidhaa hundarraa baasisuun Bilisummaas gonfachuuf murteeffatee ka’ee jira.
–       Qabeenyaan diinaa, alaabaan wayyaanee fi OPDO, waajjirri wayyaanee fi waanti Wayyaanee fakkaatu kamuu Oromiyaa keessaa dhabamuu qabu tarkaanfii barbadeessuutiin kanas uummanni oromoo sodaa tokko malee afaan qawwee dura dhaabbatee tarkaanfii kana fudhachuu itti fufee
jira.
–       Godinaalee kanneen keessatti daandiiwwan akkuma beeknu guutummmaati cufamanii jiru. Kun gahaa tahuu baatuus riqicha garagaraas addaan kutamee jira. Oromoon martuu gantuu fi ergamtuu diinaa irraa kan hafe gara FXGtti hiriiree jira. FXG har’a godinoota olitti tarreessine keessatti uummataan itti fufee oolee fi murannoo uummataa qabxiiwwan olii kanaan ibsamu yoommu tahu godinaalee kanneen akka Shaggar kaabaa, lixaa fi Wallaggattis FXG bifuma kanaan itti fufee jira. Uummanni wayyaanee hin feenu kana booda jechuunis FXG wal fakkaataa daandii cufuu fi tarkaanfii adeemsisuun guutummaa Oromiyaatti deemaa jiraachuun Qeerroon gabaasee jira.  Humni waraana Wayyaanee agaazii jedhamus uummata godina Arsii fi Harargeetti konkolaataa hedduudhaan fe’amee jiraachuunis Qeerroodhaan gabaafamee jira.
Dhukaasni naannoo Harargee, Gaara Mul’ataatti uummata irratti baname jiru namootni hedduun miidhamuunis kan gabaafame ammatti kan du’es jiraatuu baatu namootni madoo tahan jiraachuunis gabaasni nu gahe addeessa. Halkan kanas odeessa Qeerroo shawaa bahaa Adaamaarraa addeessuun humni waraanaa dabalataan karaa Asellaa fi shaashimanneen gara Arsii seenaa jira. kutees gara Harargee fi Gujiittis fe’amaa akka jiru odeessi Qeerroo qaqqabee jira.
Dhukaasni naannoo magaala shaashimannee irraa nu gahes magaalichi haalaa sodaachisa kan mootummaan itti raafamaa jiru humna uummata
keessaan diina irratti tarkaanfii fudhatus  mul’inatti tarkaanfii fudhataa jiraatuun kan beekameedha. Injifannoon Galla Jechuun Uummanni Dhaadannoos Dhageesisuun Itti Fufeera.

Guyyaa Har’aa Godina Arsii Magaalaa Dodolaa Keessatti FXG Gaggeefama Jira.

Aside

Dodoaa dodolaa
dodolaaa
dodolaaa1 dodoooooo dooo