Godina Arsii Aanaa Roobee Keessatti Diddaa Ummata Oromoo Dhaamsuu Basaasoti 10 Ramadamanii Ummata Gooluu Eegalanii Jiru

Aside

Hagayya 4,2016/Godina Arsii aanaa Roobee Diida’aa keessatti hojii basaasummaarratti bobba’anii hiriira sanbataarrattis ummata hirmaachuf sochii garagaraa godhaa jiru goolaa jiran yoo ta’uu maqaa basaasota Wayyaanee naannichatti bobba’anii jiranii keessaa:

1, Zowduu Rattaa bulchaa ganda

2, Fayyoo Qaadoo itti aanaa ganda 01

3,Keerroo saanii kantiibaa magaalaa Roobee

4,Jundii Kamaaloo milishaa gandaa

5, Geetuu Shagguu itti gaafatamaa misooma qonnaa fi bulchiinsa aanaa

6,Qaasoo Umar itti gaafatamaa dhimma nageenyaa aanaa

7,Sulxii manzaa itti gaafatamaa milishoota gandaa

8, Amaan IBraahim itti gaafatamaa milishoota duraanii

9, Jamaal Kadiir itti gaafatamaa dhaabaa OPDO

10,Sammaan Idiriis bulchaa ganda ataabaa Roobee

Namoonni Kanaan olii hundi yeroo ammaa Aanaa Roobee keessatti uummata keessa deemanii doorsisuu fi gooluu eegalanii jiru.

 

Hagayya 2,2016 Qophii Baniinsa Kora ABO fi Halkan Irbaata WBO

Aside

SBO: Hagayya 03 Bara 2016. ODUU, Ibsa ABO, Du’aan Boqochuu Jaal Tarfaa Dibaabaa ilaalchisee Dhaamsa Gaddaa ABO fi Warraaqsa FXG naannichaa irratti Gaaffii fi Deebii jiraataa magaalaa Awwadaay waliin taasifame Akkasumas SBO Qophii Afaan Amaaraa.

Aside

Ibsa Qeerroon Bilisummaa Oromoo Haala siyaasaa Itoophiyaa yeroo amma irraatti kenne. Hagayya 2 Bara 2016

Aside

cropped-qeerroo-edit.jpg

Fincilli Xumura Gabrummaa Qeerroo Bilisummaa Oromoon  Qabsiifame Biyyatti guutummaa Raasuu eegale:

Ibsa Qeerroon Bilisummaa Haala siyaasaa Itoophiyaa yeroo amma irraatti kenne.

Bara 2011 keessa yeroo Qeerroon Bilisummaa Oromoo bu’ureffamu namoota tokko-tokkootti akkuma mormitoota Itoophiyaa hedduu jaarmaa yeroo gabaabduuf ifee deebi’ee ammoo dhaamu itti fakkaatee ture. Bu’uureffamuu Qeerroo keessaas ta’e alaan kanneen busheessaa turanis lakkoobsaan xiqqaa hinturre. Akkasumas, baatii Sadaasaa bara 2015 keessa wayitii Qeerroon Bilisummaa Oromoo Gabrummaatti xumura gochuuf murateeffachuu isaa labsu, kanneen dalagaatti hiikamu labischaa irratti shakkii qabaachaa turan hedduu turan. Keessattuu matootni TPLF gosuma sochiilee mormiitoota Itoophiyaa kan isaan bara baraan caccabsaa as gahan waan itti fakkaateef, murannoo Qeerrootti karaa hedduu bishaan itti naqaa turuun isaanii ni yaadatama. Haata’u malee, Qeerroon Bilisummaa battala murtii Xumura Gabrummaa labsetti tarkaanfilee seena-qabeessyyi tahan hedduu fudhachuun hawwii Wayyaanee fi yaaddoo shakkitootaa fashalsiiseera.

Qeerron Bilisummaa eegala sochii isaa irratti Hooggana qaroo sagantaa isaa jiddu-galummaan taliigu utubachuun murannoo cimaan karoora isaa mirkaneessuutti bobba’e. Qeerroon naamusa sibila irra jabaataa fi gootummaa seena biyya keenya keessatti gita hinqabneen gartuu saba keenya acuucaa fi biyya keenya saamaa jirtu, TPLF jala kallattiidhaan dhaabachuu eegale. Qeerroon hooggantoota TPLF kanneen beekumsaa fi gootummaan akka waan samii keessa teessoo addaa qabanitti of tuulaa turan sochii yeroo gabaabduutiin waaroo salphinaa itti huffise. Gootummaan Qeerroo imaammata TPLF ummatoota biyyatti sodaachiftee bara dheeraa bulchuuf baafatte dhadhaa abidda buute jalaa godhe. Har’a kan sodaan urgufamaa oolee bulu ummata bal’aa biyyatti osoo hintaane Wayyaanee fi lukkeewwan ergaa ishee raawwachuuf oomishaman qofa.  Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Hagayya 2 2016 Finfinnee

” Biyya Keenya Ni Falmatna” Jedhu Goototi Godina Harargee Bahaa Aanaa Dadar, Araddaa Galan Saadii Hagayya 2,2016,

Aside

Hagayya 2,2016 Fincila Xumura Gabrummaa Godina Arsii Aanaa Roobee Magaalaa Habee

Aside

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo (SQ) Qophii Hagayya 2, 2016

Aside

“Oromiyaa Ka’i Ka’i” Yeeyyilee Oromoo Abdii Oromiyaa

Aside

Guyyaa Har’aa Hagayya 2,2016 Godina Harage Magaalaa Baddeessaa keessatti diddaan ummata Oromoo akkasitti jira.

Aside

Baddeessa Baddeessaaa

Guyyaa fi Bakka Sagantaa Geggeessaa Obboo Tarfaa Dibaabaa

Aside

Oterfa_dibaba1Obbo Tarfaan, Amajjii 6, 1940, magaalaa Dambidollo, Wallaga, Oromiyaa tti dhalatanii Adoleessa 29, 2016, magalaa Hamburg, Jarmanii, keessati addunya kana irraa dhukubaan boqootan.

Sagantaan geggessaa Obbo Tarfaa Dibaabaa Jimaata Hagayyaa 5, 2016, sa’aa 10:00 akka yeroo biyya Jarmanitti, mana sagadaa Altona Kreuzkirche, Hohenzollernring 78a, 22763 Hamburg, Jarmanii, keesatti erga raawatamee booda bakka Friedhof Bernadottestr. 32, 22763 Hamburg ti sirna awwaalchaatiin xumurama.

Itti aansee sa’aa 14:00 irraa eegalee sagantaan yaadannoo obbo Terfaa Dibaabaa iddooKulturkirche Altona, Bei der Johanniskirche 22 , 22767 Hamburg jedhamu keessatti geggeffama.

Maatii Obbo Tarfaa Dibaabaa