Fincilli Xumura Gabrummaa Qeerroo Bilisummaa Oromoon Qabsiifame Biyyatti guutummaa Raasuu eegale:
Ibsa Qeerroon Bilisummaa Haala siyaasaa Itoophiyaa yeroo amma irraatti kenne.
Bara 2011 keessa yeroo Qeerroon Bilisummaa Oromoo bu’ureffamu namoota tokko-tokkootti akkuma mormitoota Itoophiyaa hedduu jaarmaa yeroo gabaabduuf ifee deebi’ee ammoo dhaamu itti fakkaatee ture. Bu’uureffamuu Qeerroo keessaas ta’e alaan kanneen busheessaa turanis lakkoobsaan xiqqaa hinturre. Akkasumas, baatii Sadaasaa bara 2015 keessa wayitii Qeerroon Bilisummaa Oromoo Gabrummaatti xumura gochuuf murateeffachuu isaa labsu, kanneen dalagaatti hiikamu labischaa irratti shakkii qabaachaa turan hedduu turan. Keessattuu matootni TPLF gosuma sochiilee mormiitoota Itoophiyaa kan isaan bara baraan caccabsaa as gahan waan itti fakkaateef, murannoo Qeerrootti karaa hedduu bishaan itti naqaa turuun isaanii ni yaadatama. Haata’u malee, Qeerroon Bilisummaa battala murtii Xumura Gabrummaa labsetti tarkaanfilee seena-qabeessyyi tahan hedduu fudhachuun hawwii Wayyaanee fi yaaddoo shakkitootaa fashalsiiseera.
Qeerron Bilisummaa eegala sochii isaa irratti Hooggana qaroo sagantaa isaa jiddu-galummaan taliigu utubachuun murannoo cimaan karoora isaa mirkaneessuutti bobba’e. Qeerroon naamusa sibila irra jabaataa fi gootummaa seena biyya keenya keessatti gita hinqabneen gartuu saba keenya acuucaa fi biyya keenya saamaa jirtu, TPLF jala kallattiidhaan dhaabachuu eegale. Qeerroon hooggantoota TPLF kanneen beekumsaa fi gootummaan akka waan samii keessa teessoo addaa qabanitti of tuulaa turan sochii yeroo gabaabduutiin waaroo salphinaa itti huffise. Gootummaan Qeerroo imaammata TPLF ummatoota biyyatti sodaachiftee bara dheeraa bulchuuf baafatte dhadhaa abidda buute jalaa godhe. Har’a kan sodaan urgufamaa oolee bulu ummata bal’aa biyyatti osoo hintaane Wayyaanee fi lukkeewwan ergaa ishee raawwachuuf oomishaman qofa. Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Hagayya 2 2016 Finfinnee
Jabaannaan walabummaan salphaadha.