Godina Arsii Lixaa Magaalaa Dodolaa

Aside

Diddaan Itti Fufee Godina Wallaggaa Magalaa Shebel

Aside

Showa showa11

Guyyaa Har’aa Hagayya 6,2016 Oromiyaa Guutuu Keessatti Ficilli Xumura Gabrummaa Seena Qabeessatti Itti Fufee Jira.

Aside

Haala yeroo ammaa Impaayera Itophiyaa ilaalchisee Ibsa ABO

Aside

Haala yeroo ammaa Impaayera Itophiyaa ilaalchisee Ibsa ABO

ABOUmmatni Oromoo fi Dargaggootni akkasumas Qabsaawotni hundi injifatnoo hanga amma kuufame tikfataa akka Fincila Xumura Qabrummaa finiinsuun galii isaa saffisuu irratti hojjatamu ABO gadi jabeessee hubachiisa Hiraarri, cunqursaa fi saaminsi daangaa dabre ummatoota Itophiyaa hifachiisee hundinuu karaa adda addaa mormii isaa akka dhageessisu taasisuu irraa Itophiyaan Wayyaaneen bulfamtu yeroon itti tasgabboofte hin mul’atne. Sirni gabrummaa, bittaa abbaa irrummaan durfamu, ummatoota lafa irraa buqqaasuu dhaan ofii fi waaheloota isaa saaminsaaf hiriiran waliin ummatoota sadarkaa kanaan dura mul’atee hin beekneen hiyyoomse. Salphinaa fi gadadoo mul’atee hin beekneef saaxile. Haallan ummatoota irra gahan kanneen keessatti kan ummata Oromoo ammoo addatti ilaalama. Har’a ummatni Oromoo mirga seeraa fi uumaan qabu beekee yeroo kamiinuu olitti mirga abbaa biyyummaa fi bilisummaa isaatiif aarsaa gosa hundaa baasuun fincillii fi qabsoon finiinsaa jiru ummata Oromoo, sabboontotaa fi kan haqaaf dhaabbatan mara boonsaa fi hawwataa jiraachuun haqa ifatti mul’ataa jiru dha. Ummata Oromoo qofa osoo hin taane ummatoota cunqurfamoo bittaa Wayyaanee jalatti hacuucamaa jiran maraaf fakkeenya tahuun mirga isaaniif akka falmataniif onnachiisee fincilaaf kakaasaa jira yoo jedhame dhugaa irraa fagaatuu hin tahu. Fincillii fi qabsoon ummata Oromoo ofii fi kanneen biroo biratti akka dhaga’amuu fi akka fakkeenyaatti akka ilaalamu kan taasisuu danda’e, ilmaan Oromoo, Gabrummaan nurratti haa dhaabbatu! Dhaaloota itti aanu gabrummaa hin dhaalsisnu! jechuun hogganummaa ABOn Qeerroo fi qabsaawota bilisummaa jalatti gurmaa’anii mootummaa abbaa irree irratti finciluu irraa ti. Sochiin FXG ABO karoorfamee Qeerron moggaafamee baatii sagalii oliif Oromiyaa guutuu keessatti adeemsifamaa jiru sadarkaa kana kan dhaqqabe aarsaa ulfaataa miseeesota ABO, Qeerroo Bilisummaa Oromoo fi ummata Oromoo qofaan tahuun dagatamuu hin qabu. Fincilli eenyummaa Oromoo agarsiisee fi qabsoo ummata Oromoo boqonnaa haaraa seensise kun sadarkaa kanaan gahuuf marsaa fincilaa ammaa kana qofatti ilmaan Oromoo 800 ol tahan gatii lubbuu irratti baasuu irraa ti. Kumootaan kan lakkaa’aman wareega qaamaa fi qalbii waan baasaniifi. Kanneen manneen hidhaa faashistootaa keessatti gidirfamaa jiran kuma kudhanootaan lakkaa’aman sodaan alatti mootummaa kana dura waan dhaabbataniifi.Haala Yeroo ammaa Impaayera Itophiyaa ilaalchisee Ibsa ABO

“Qeerroon Saafaa Yoona” Wallee Haaraa Artist Seenaa Solomoonii fi Gammachiis Abarraa

Aside

Hagayya 4,2016 Godina Arsii Lixaa Ganda Qonnaan Bulaa Xiijjoo Qeerransaa, Aanaa Gadab Asaasaa Keessatti FXG Gaggeefame.

Aside

Dhaamsa Ummanni OPDOf Dabarse

Aside

SBO: Hagayya 05 Bara 2016. Oduu, Gabaasa Sochii Fincila Xumura Gabrummaa, Ibsa Qeerroon Bilisummaa Haala siyaasaa Itoophiyaa yeroo ammaa irratti kennee fi Gabaasa Kora Gamtaa ABO Kutaalee Awrooppaa kan 2016.

Aside

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo (SQ) Qophii Hagayya 4, 2016

Aside

Godina Arsii Bahaa Magaalaa Ashmiraa Keessatti Barruuleen Warraaqsaa Maxxafamaa fi Raabsamaa Jira.

Aside

13872750_315922238797852_3459400534688354254_n 13876356_315922242131185_343429373517570876_n13895322_315922245464518_1980774746114202586_n 13925404_315922685464474_8463289779954565555_n