Godina Arsii Bakkoota Gara Garaa Keessatti Diddaan Ummataa Jabinaa Itti Fufe,Waraanni Agaazii(TPLF)s Ummata Nagaa Goolaa Jira.

Aside

Fulbaana 27,2016,Godina Arsii aanaa Doddotaa magaalaa siree keessatti Qeerron Daandii cufee Wallee warraaqsaa Eebisaa Adunyaatin garmaamaa jira.

Kanuma waliin Arsii aanaa Diksiis Hamdaa magaalaa Diksiis keessatti kaabinootni OPDO ummata dararaa turan ammas gocha isaanii kana kan durii caalatti cichanii dalagaa jiraachuu fi miseensota ABO fi OPDO jechuun addaan baasanii namoota miseensota ABO ti jedhanii shakkan hiisisaa fi reebsisaa jiran maqaan isaanii akka armaan yeroo ta’u maqaan isaanii :-

  1. Muhaammad Qotichaa itti gaafatamaa dhimma nageenya aanaa
  2. Inispeektar Tashoomaa Mangistee
  3. Biraanuu Adaree itti gaafatamaa milishaa aanaa
  4. Bulbulee Muhaammad Bulchaa ganda 01Ta’uun beekamee jira.

Gama biroon achuma Godina Arsii lixaa aanaa Shaallaa gandoota ollaa magaalaa Shaallaa keessatti komaandoon ummata isaan dheefa daggalatti gale isintuu shiftaa bosonatti nurratti sooraa jira jechuun reebicha hamaa ummata nagayaa irraan gayaa jiru.ummanni magaalaa Shaallaa fi gandoota baadiyyaa jeeqama hamaa keessa jirra waan.ABO hin deggeriina jechuun kan ummata biyyattii shororkeessaa jiru sirna abbaa irree loltoota TPLF dha.

Arsii lixaa aanaalee Shaashamannee fi Shaallaa jiddutti kan argamu gaara Harree keessatti waraanni Agaazii ummatarraa hidhannoo hiikaa jedhamanii bobbaafaman tarkaanfii ummanni irratti fudhateen waraanni agaazii lama ummataan reebamanii galaafatamuun beekame. Continue reading

SBO Fulbaana 28,2016. Oduu, Haala Godina Kibba-bahaa irratti gaaffii fi deebii miseensa G/S ABO Jaal.Dachaas Roobaa waliin godhame kutaa xumuraa fi dhaggeeffatamuu kan qabu, akkasumas Irreecha 2016 Torontoo Kanadatti dhiheenya kabajame irratti gabaasa qindaa’ee fi SBO Sagantaa Afaan Amaaraa

Aside

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo (SQ) Qophii Fulbaana 27,2016

Aside

Ilmaan Oromoo Affaar Keessatti Hidhamanii Turan Keessaa Namni Kudhan Fulbaana 26,2016 Mana Murtii Massalamiya Finfinnee Irratti Dhihaatan.

Aside

Fulbaana 27,2016 Finfinnee

because-i-am-oromoHimatamtoonni Sabboontoti ilmaan Oromoo kudhan(10) ammas guyyaan beellamaa irratti gaafatame! Himatamtoonni kun hirira guddicha Fifinnee Hagayya 6 bara 2016 irratti kan qabamanii fi gidirsaa Awaash booda, namoota 45 ta’anii kan hambisaman yeroo ta’an,yeroo ammaa kana “hiriira dirqama mootummaa beeksisuu dhabuu” ba’an maqaa jedhuun himatamanii beellama isaanii irratti guyyaa kaleessaa jechuun Fulbaana 26/2016 dhiyaatanii turan. Himatamtoonni kun, gartuudhaan kan mana murtii Massaallamiyaa jedhamutti himatamanii fi baay’inaan saddet yeroo ta’an, mana murtiitti dhiyaatanii hojjettoonni mootummaa hojiirraa dhorkamanii jiranii fi karaa seeraa alaa daangeffaman mana murtichaa mana hidhaa fi to’annaa keessa turuu keenyaaf waraqaa raga nuuf barreessaa hojiitti akka deebinuuf” jedhanii yeroo gaafatan Abbaan Murtii Andargachoo Jimaa jedhamu, waraqaa kana isaanii barreessuf,akkasumas bilbila isaanii Komishiniin poolisii Finfinnee irraa saame ajajee deebisiisuuf illee homaa aangoo akka hin qabne dubbachuun gaaffii isaaniitiif wajjiricha poolisii Addis Katamaa akka gaafatan ajaje.

Himatamtoonni kun,qabeenyaa isaanii irraa saamame qarshii, uffataa fi kophee akkasumas bilbila isaaniitiif, Waajjira Poolisii Addis Katamaa yeroo gaafatanitti waajjirri poolisii sun “bilbillikoo naaf haa deebi’u jedheetii waraqaa iyyannoo galfadhu” jedhamuun qabenyaa isaanii galmaa’ee irraa fudhatame akka iyyataan fudhatan jechuun hojii qaanessaa akkasii waajjirri poolisii sun hattuu gurmeessee ilmaan Oromoo hachisiisuu irra darbee saalfii wallaaluu fi lammiileetti qoosuun isaa beekameera Himatamtoonni kun ammas gaafa 6/10/2016tti kan beellaman yeroo ta’u, himatamtoonni kun:-

  1. Dirribaa Koorsaa Maammaa…. B/saa
  2. Eebbisaa Bal’inaa Qana’aa…. B/saa
  3. Baay’isaa Magarsaa …. H/mootummaa
  4. Taagal Daaqaa Waggaarii …H/mootummaa
  5. Magarsaa Baqqalaa … H/dhuunfaa
  6. Yaadataa Biraanuu….. Gaazexeessaa
  7. Mo’iibuli Misgaanuu…. Barataa
  8. Joonsee Ayyaanaa …..Gaazexeessaa jedhamu.Hidhaafi ajjeechaan qabsoo Uummata Oromoo duubatti hin deebisu.

Guyyaa Kaleessaa Godina Wallaggaa Magaalaa Mandii Keessatti Dargaggoo Imaalaa Lidataa Waraana Wayyaaneen Wareegame Har’a Kabajaan Gaggeefamaa Jira.

Aside

14440685_10102563531359403_7695636241603273964_n



Continue reading

Aside

oromoprotest

U.S. CONCERN OVER ETHIOPIA

Aside

FILE – U.S. Assistant Secretary of State for African Affairs Linda Thomas-Greenfield.

FILE – U.S. Assistant Secretary of State for African Affairs Linda Thomas-Greenfield.

(VOA News) — The United States is very concerned over the situation in Ethiopia, particularly the instability in the Oromia and Amhara regions.

The United States is very concerned over the situation in Ethiopia, particularly the instability in the Oromia and Amhara regions, Assistant Secretary of State for African Affairs Linda Thomas-Greenfield said in an interview. Speaking in New York on the sidelines of the UN General Assembly meeting, Assistant Secretary Thomas-Greenfield called the response by the government to protests an “intense and somewhat harsh crackdown:”

“We have had discussions with the Ethiopian government encouraging that they have dialogue, and that they open the possibly for press freedom, civil society’s ability to function, and that many of the people who have been put in jail be released.”

In Oromia anti-government protests began in November 2015, and they have also occurred in the northern Amhara region.

Assistant Secretary Thomas-Greenfield said the United States believes that the situation in the country could deteriorate and that the Ethiopian government is aware of that possibility as well.

“We’ve met with Prime Minister Hailemariam [Desalegn] in New York, and we have encouraged him to look at how the government is addressing this situation.”

“We think,” she said, “it could get worse if it’s not addressed – sooner rather than later.”

Magaalaa Naqamtee Keessatti Sirni Gaggeessaa Dargaggoo Ifaa Addisuu Kan Kaleessa Lubbuun Dabartee Haala Onnataan Xumurame

Aside

Fulbaana 26,2016

Dargaaggoo Ifaa Adisuu

Dargaaggoo Ifaa Adisuu

Dargaggoo Ifaa Addisuu badii tokkoon alatti qabsaa’ota Qeerroo Bilisummaa gidduutii ajjeechaa gara jabinaan qaamonni TPLF lubbuu kan baasan ta’ullee awwaalcha gootaa argatee jira.

Dargaggoo kun Nama umurii isaa keessatti Waayyaaneef buchulloota ishee hudhee qabaa ture yoo ta’u du’a gara jabinaatiin Jaallan waliin qabsaa’aa ture cinaa lubbuun darbullee;Awwaalchi Ifaa uummata kumaan lakkaahamuun kan gaggeeffame yoo ta’u,dhaadannoowwaan ciccimoof okkora jabaadhaan gaggeessan godhameefii jira.

Duuti dargaggoo kanaa uummata magaalaa Naqamtee hedduu kan aarsee finiinse yoo ta’u yeroo dhiyoo gidduutti gumaa Ifaa akkaa baafatan walii dhaadannoo isaanii har’aan ibsataniiru.

Kanuma sababeeffachuun humnoonnoonni mootummaa hidhannoo guutuudhaan magaalaattii keessa lakkoofsaan olitti kan deddeebi’aa oolan yoo ta’u,guutummaan magaalaa Naqamtee qaamota hidhannoo guutuun socho’aniin kirkiraa ooltee jirti.

OBS TV- Qe’ee Oromoo, Kudhaama Dhalootaa

Aside

https://vimeo.com/183443766

Dargaggoonni Oromoo Magaalaa Naqamtee Loltoota TPLFn Qabamanii Hiraarfamaa Jiraachuu Qeerroon Gabaase.

Aside

20160924152733Fulbaana 26,2016 Suuraan dargaggoo kanaan gadiitti argitan kun Maqaan isaa Abubakar Nuuree jedhama. Dhalatee kaninni guddates magaalaa Naqamtee keessaa naannoo Dargee bakka jedhamu yoo ta’u sababii Oromoo ta’e duwwaaf  magaalaa Naqamtee keessaa hojii isaa idilee hojjechaa utuu jiru poolisoonni Oromiyaan TPLF f ergamanii fi deeninnatiidhaan qabamee erga qabameen boodas reebamaa fi lafarra harkifamaa bakka hojiisaatii butamee achi buuteen isaa dhabamee jira.
Dargaggoon Abubakar nuuree nama Oromummaasaatti boonuu fi Oromummaasaaf jedhees nama dii aaf hin jilbeenffanne akka ta’e jiraattonni naanno sanaa eeruu nuuf kennanii jiru. Dargaggoon kun hiriyyoota isaa heedduu waliin butamee akka dhabamees jiraattonni magaalaa naqamtee nuti dubbisne tokko tokko nuuf eeranii jiru.
Kanneen dargaggoo Abubakar waliin magaalaa Naqamtee keessaa achibuuteen isaanii dhabames:

Dargaggoo Amaanu’eel Beekkataa. Dargaggoon kunis dhalatee kaninni guddate magaalaa Naqamtee keessaa naannoo kutaa magaalaa jiituu mana barumsaa qophaayinaa Naqamtee cinatti kan argamuudha.

Dargaaggoo Ifaa Adisuu

Dargaaggoo Ifaa Adisuu 

Dargaggoo Hundee fi dargaggoonni heedduun maqaansaanii ammaaf hin beekamnes Oromoo sababa ta’an duwwaaf  magaalaa Naqamtee keessaa butamanii dhabamaa akka jiran Maddeen keenya magaalaa Naqamtee irraa nu qaqqaban ifa godhanii jiru.

Eda galgala jiraataa naannoo Boordii irratti tarkaanfii gara jabinaa diinni fudhattullee maatiif hiriyoonnisaa qabsoo Ifaa Addisuun belbessaa ture
du’e lafa qabsiisuuf muranno guddaadhaan waadaa seenanii jiru Addatti haati Ifaa sa’aatii hospitaalaa baasanii ilma isaanii reeffa mana galchuuf jedhanitti bohichaa watwaatnaa ulfaataa keessa seenanii hanga maraatanif konkolaataan rukutuuf ka’utti kan gahan ta’ullee dhaadannoo “mucaako diinni si nyaatee” ,jechuun aariif dhikkifata isaanii ibsataa turaniiru.