SBO Fulbaana 25,2016. Oduu, Haala Godina Kibba Bahaa irratti gaaffii fi deebii miseensa G/S ABO Jaal.Dachaas Roobaa waliin taasifamee fi dargaggoota qabachuuf yaalii xumuraa wayyaanee/OPDOn godhaa jirtu irratti qophii qophaa’e

Aside

“Ajab- Ajab Jiilashii” Artist Seenaa Mulugeetaa, Wallee Haaraa Fulbaana 2016

Aside

Aside

cropped-qeerroo-edit.jpg

Beeksisa

Barattooti Oromoo  guutummaa  Oromiyaa keessaa yeroo ammaa barnootaaf qophaawaa jiran marti yeroo mana barnootaatti deebi’an sadarkaa duraatti diddaa sirna TPLF f qaban waan ittiin muldhisan keessaa  wanneen lama lagatuuni:-

  1. Faaruu Alaabaa OPDO(TPLF) kan naannoo Oromiyaa gutummaatti hin faarfatamu.
  2. Barnoonni civics(lammummaa) Biyyattii keessatti hojii irra oolaa waan hin jirref hin baratamu.

Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Fulbaana 24,2016

Godina Arsii Dodolaa fi Seerutti keessatti guyyaa har’aa Fulbaana 24,2016 mormiin FXG gaggeefamaa oole.

Aside

14368771_250217322046143_8821006327661819654_n

Guutoo Giddaa Magaalaa Ukkee Barsiisonni Leenjii Dabbalootaa TPLF Dura Dhaabbachuun Haala Boonsaan Xumuran

Aside

Fulbaana 24,2016
Godina Wallagga bahaa Aanaa Guutoo giddaa Magaalaa Ukkeetti Leenjiin barsiisotaa kan torban lamaaf ture har’a Barsiisonni keenya
injifannoodhaan Xumuraniiru…Guyyaa walga’iin kun eegale irraa kaasuun barsiisonni mana barumsaa ukkee sadarkaa 1ffaa fi 2ffaa
Mootummaa nama nyaata kana hadheeffatanii mormuudhaan Mujula kana hin dubbifnu jechuun harkatti didanii Mormii bifa callisuutiin
Xumuraniiru. Haalli kun waan garaa isaan gubeef Sabboona Barsiisaa Akkawaaq Jalduu kan jedhamuun Gaaffii qabdaa, hindubbattuu jedhanii
gaafannaan Sababan Dubbadheefan Xoollayitti hidhame jedhee deebiseef..

Waldaan Guutuu Wangeela Magaalaa Naqamtee Loltoota Wayyaanee TPLFn Goolamaa Jirti,Tajaajiltooti Waldichaas Hidhamanii Jiru.

Aside

Fulbaana 24,2016/ Warraakasa biyyoolessaa baatii 11 Oliif akka abidda saafaatti finiinaa tureen kan rifate mootummaan garboonffataau murna bicuu Wayyaanee aangoo isaatti fayyadamuun ilmaan oromoo sabboontota ta’aniifi tajaajiltoota wangeelaan maaliif uummataaf kadhattu jechuun magaalaa Naqamtee keessaa jumlaan mana adabaatti guuraa jira.
Haaluma kanaan  mootummaan  abbaa irree(TPLF) yakka isaa  ajeechaa fi doorsisni inni ummaata biyyaatirraan gahaa ture itti xinnaannaan amma immoo abbooti amaantii sabaaf kadhataan akkasumas uummata isaaniif kan  quqqamaan yakka tokko malee mana  adabaatti guuraa jira.
Hanga ammaattis tajaajiltoonni waldaa guutuu wangeelaa kan  magaalaa Naqamtee keessa jiran keessaa namoonni heedduun hidhamaa jiru.
Teessoon waldaa guutuu wangeelichaa kan inni keessatti argamus 07 keessa yemmuu ta’u namni tajaajiltoota wangeelaa kanarratti yakka duguuggaa sanyummaa raawwachaa jirus nama maqaansaa Fiqaaduu Takilee jedhamuudha.
Yakkamaan kun Waldaa guutuu wangeelaa keessaa nama tajaajilamuuf deeme fakkaachuun tajaajiltoota kanaan Yaa waaqayyo mootummaa kana nurraa buqqisi jechuun kadhattan jedhee mana hidhaatti guursisaa akka jirus baramee jira.
Bifuma walfakkaatuunis yakkamaan Fiqaaduu Takilee jedhamu kun tajaajiltoota kanaan maqaa meeshaa waraanaa guutummaa magaalaa naqamtee keessatti dhukaafamaa jiru isintu maallaqa walitti qabee bitaa jira maqaa jedhuun tajaajiltoota kana mana hidhaatti guursisaa jira.
Kanumaan wal qabatees tajaajiltoonni maqaan isaanii kanaa gaditti eerame mana hidhaatti kanneen gidduuma kana qabamanii jiran keessaa:

  1. Zerihuun Imiru hojiin isaa tajaajilaa guutuu wangeelaa magaalaa Naqamtee.
  2. Kennsaa Alemuu hojiinsaa tajaajilaa guutuu wangeelaa.
  3. Fayyisaa Tashomee hojiin isaa tajaajilaa guutuu wangeelaa.
  4. Kennasaa Darajee Hojiinsaa tajaajilaa guutuu wangeelaa

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo (SQ) Qophii Fulbaana 23,2016

Aside

SBO Fulbaana 23,2016. Oduu, Ibsa ABO fi Gaaffii fi deebii Atilet Taammiruu Kaffiyalew waliin godhame kutaa xumuraa

Aside

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo (SQ) Qophii Fulbaana 22, 2016

Aside

SBO Fulbaana 23,2016. Oduu, Ibsa ABO fi Gaaffii fi deebii Atilet Taammiruu Kaffiyalew waliin godhame kutaa xumuraa

Aside