Godina Arsii Bakkoota Gara Garaa Keessatti Diddaan Ummataa Jabinaa Itti Fufe,Waraanni Agaazii(TPLF)s Ummata Nagaa Goolaa Jira.

Fulbaana 27,2016,Godina Arsii aanaa Doddotaa magaalaa siree keessatti Qeerron Daandii cufee Wallee warraaqsaa Eebisaa Adunyaatin garmaamaa jira.

Kanuma waliin Arsii aanaa Diksiis Hamdaa magaalaa Diksiis keessatti kaabinootni OPDO ummata dararaa turan ammas gocha isaanii kana kan durii caalatti cichanii dalagaa jiraachuu fi miseensota ABO fi OPDO jechuun addaan baasanii namoota miseensota ABO ti jedhanii shakkan hiisisaa fi reebsisaa jiran maqaan isaanii akka armaan yeroo ta’u maqaan isaanii :-

  1. Muhaammad Qotichaa itti gaafatamaa dhimma nageenya aanaa
  2. Inispeektar Tashoomaa Mangistee
  3. Biraanuu Adaree itti gaafatamaa milishaa aanaa
  4. Bulbulee Muhaammad Bulchaa ganda 01Ta’uun beekamee jira.

Gama biroon achuma Godina Arsii lixaa aanaa Shaallaa gandoota ollaa magaalaa Shaallaa keessatti komaandoon ummata isaan dheefa daggalatti gale isintuu shiftaa bosonatti nurratti sooraa jira jechuun reebicha hamaa ummata nagayaa irraan gayaa jiru.ummanni magaalaa Shaallaa fi gandoota baadiyyaa jeeqama hamaa keessa jirra waan.ABO hin deggeriina jechuun kan ummata biyyattii shororkeessaa jiru sirna abbaa irree loltoota TPLF dha.

Arsii lixaa aanaalee Shaashamannee fi Shaallaa jiddutti kan argamu gaara Harree keessatti waraanni Agaazii ummatarraa hidhannoo hiikaa jedhamanii bobbaafaman tarkaanfii ummanni irratti fudhateen waraanni agaazii lama ummataan reebamanii galaafatamuun beekame.

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s