Yaadannoo Fincila Xumura Gabrumma kan bara 2016 Ilaalchisee Ibsa Hooggana Jiddu-Galeessa Qeerroo Bilisummaa Oromoo irraa Kenname.

cropped-qeerroo-edit.jpg

Dhiigni Bilisummaaf Sabaaf Dhangala’e Bolola Angoo Siyaasaan Hinsharafamu.

Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Sadaasaa 7, Bara 2016

Waan hundaa dura miseensota Qeerroo Bilisummaa fi qabsa’oota Bilisummaa Oromoo Fincila Diddaa Gabrummaa osoo finiinsanii wareegaman hunda guyyaa seena qabeessa kanatti gootummaa olaanaan yaadachuu feena. Addatti ammoo jaallan keenya erga Fincilli Xumura Gabrummaa Sadaasaa 2015 labsamee as qabsoo saba isaanii irratti wareegamaniif, har’a qaamaan nu biraa dhiban illee, kaayyoo isaan irratti kitiman sana fiixaan baasuuf hirbuu keenya  kaleessaa irra deebinee onnee guutuun haaromsinaaf. Guyyaa seena-qabeessa kanatti gootowwan keenya nu biraa wareegaman miira wal-makaan yaadanna. Gama tokkoon jaallan keenya of biraa dhabuu irraa gaddi suur-qalbii keenya yommuu waraanu, gama kaaniin ammoo lubbuun jaallan keenya wareegamanii bu’uura Bilisummaa saba keenyaa utubaa waan jiruuf sabboonummaa cimaa nu keessatti danboobsa. Gootonni keenya kun seenaa saba keenya keessatti bara baraan yaadatamaa jiraatu.

Fincilli Diddaa Gabrummaa haaloota akkaan rakkisoo tahan keessa qaxxamuraa as gahe. Finchilichi kiyyoo diina tarsiimoo fi shira ayyaan-laallatoota keessa dandamatee waggaa kudha-tokkoffaa isaa yommuu kabajatu kana injifannoolee cululuqoo tahan galmee seenaa qabsoo Bilisummaa keessatti barreessuudhaan. Fincilli Diddaa Gabrummaa Sadaasaa 9 bara 2005 akkuma labsameen qabsoo sabicha of dura tarkaanfachiisu eegale.  Dhalootni haarawaan muratnoon cimaan guutamee Diddaa Gabrummaa sabichaa qindeessuu fi hoogganuun dirqama sabummaa olaanaa bahaachuutti bobba’e. Haala akkaan rakkisaa keessatti waggaa kudhan guutuuf qabsoo sabichaa of-irratti hirkannoo cimaadhaan taliige. Qeerroo fi Qarree Oromoo sadarkaa sadarkaan ijaaruun itti-fufiinsa qabsoo Bilisummaa saba keenya mirkaneesse. Dhalootni haarawaan Bilisummaa dhugaa fi Dimokraasii haqaa akka gonfataniif onnachiise.

Qeerroon gootummaa cimaa, qindoomina olaanaa fi naamusa gahaadhaan qabsoo Bilisummaa saba  isaa gara sadarkaa itti-aanutti ceesisuu isaa waan mirkaneeffateef, baatii Sadaasaa bara 2015 keessa Fincilicha “Diidda Gabrummaa” irraa gara “Xumura Gabrummaa”tti tarkaanfachiise.

Fincilli Xumura Gabrummaa waggaa tokko guutuuf biyyatti keessatti Qeerroon finiinuu yommuu eegalu sadarkaa duraatti imaammata TPLF Qabsoo Bilisummaa Oromoo barnoota dheeraaf daangaalee biyya irratti moggeessitee tursuuf karoorfatte fashaleessuun sochii xumura gabrummaa handhuura biyyatti Finfinnee keessatti gad-dhaabe. Kana gochuun toftaa TPLF qabsoo Bilisummaa Oromoo gurraa fi ija addunyaa irraa qoqqobdee tursuuf wiixinatte dhadhaa ibidda buute jala godhe. Waaroo dimokraatummaa sobaa isheen baroota dheeraaf marxifattee addunyaa ittiin goyyoomsaa turte sana saaxile. kasaaraa dimokraasiin liqimifamuu ishee, malaammaltumaa dinagdee fi siyaasaan laaqamuu ishee fi ummata biratti tufamaa fi tuffatamaa dhufee ishee golgaa tokko malee akka isheen dirretti baatee labsitu dirqe.

Fincilli Xumura Gabrummaa gartuu biyyatti waggaa digdamii shaniif bitaa turte kana bu’uuraan raasuu qofa osoo hintaane akka isheen ‘labsii Yeroo Atattamaa’ labsituuf dirqe. Osoo hinjaallatiin haalluu sobaan akka handhura dimokraasii Afrikaatti of-dibaa baate sana akka isheen irraa haqxuu godhe.

Muratnoon ilmaan Oromoo baatiwwaan kudha lamaan darbaniif addattin agarsiisan moototi TPLF hundeedhaan rommisiiseera. Rasaasni isheen yeroo irraa gara yerootti ol-adeemaa keenya irratti roobisaa jirtu ilmaan keenya caalmaattuu Qabsoo Bilisummaaf hiriirse malee tasa of duuba deebisuu hindandeenye. Duulli shanyii duguugga TPLF ifaa fi lafa-jalaan ummata keenya irratti labsite diina tarsiimoo ta’uu ishee mirkaneesse malee hamilee dhalootni haarawaan Bilisummaa saba isaaniif qabanitti bishaan naquu hindandeenye. Walumaagalatti Gootummaan Qeerroon Bilisummaa agarsiise TPLFin xaba siyaasaa biyyatti keessa baaseera. Har’a TPLF qawwee malee deggersa ummata tokko illee hinqabdu. Barri angoo ishees guyyaa irraa gara guyyaatti gabaabbachaa dhufeera.

Haata’u malee haqinni qindoomina moora qabsoo Oromoo keessatti mul’achaa jiru yeroofuu taatu TPLF angoo irra turtu godhee jira yoo jenne soba hinta’u. Ayyaan-laallattoonni yeroo adda-addaatti moora qabsoo saba keenyaa keessatti oomishamaa dhufuun isaanii sabichi humna, qabeenyaa fi beekumsa isaa qindeeffatee diina tarsiimoo kana irratti akka hinfuulleffanne godhuu keessatti shoora olaanaa xabateera. Keessattuu, warri osoo qabsichi galii isaa hinga’ii karaa qaxxamuraa angootti ol ba’uuf abju’atan yeroo adda-addaatti jeequmsa hinbarbaachifne qabsoo kana keesssatti uumuun hamilee sabni keenya qabsoo Bilisummaa isaaf qabu miidhuun isaanii waan wal nu gaafachiisu miti. Gartuuwwaan kun osoo ummatni keenya gabrummaa haalaan fakkaataa ta’e jalatti dararamaa jiru, osoo dhalootni haarawaan rasaasa mootummaa kanaan guyyuu akaawamaa oolu, yeroo adda-addatti TPLF waliin angoo qooddachuuf iyyannoo galfataa turan. Isaan kun osoo dalagaadhaan waan qabatamaa ta’e tokko dirree irratti hinmullisiin, wareegama dhalootni haarawaan dhugoomuu Bilisummaa saba isaaniif baasaa jiran jala dhokatanii angootti olba’uuf manaamaa turan. Gartuun kun humnoota hiree murteeffannaa ummata keenya balaaleffatan waliin afooshaa siyaasaa tolfachuun tarsiimoo qabsoo Bilisummaa saba keenya irratti shira osoo xaxanii mul’atu.

Akkasumas kanneen sochiin Qeerroo TPLFin gatantarsaa jiraachuu isaa qalbeeffatan fincilicha irraa iftoominaan qooda fudhatanii sirna of-irroo kanatti xumura gochuuf gahee isaanii gumaachuu manna  lafa jalaan angoo boruuf of-ijaaruu dalagaa isaanii isa angafa godhatanii olii fi gad ka’achaa jiru. Isaan kun osoo TPLF angoo irraa hindhabamiin  akkaataa itti walii isaanii jidduutti angoo bulchiinsa biyyaatti boru qooddatan mariyachuuf biyya alaa kana keessa oliif gad naanna’uu akka wareegama qabsoottii ittiin of faarsuu barbaadu. Ayyaan-laallatoota saba keenya keessa riphanii ciisaa kun angoo boruuf wal kurfeessuu kan eegalan bubbulaniiru. Gartuun kun isa silaa boru dalagamu har’a osoo angoon siyaasaa harka saba keenyaa hingaliin raawwachuuf biyya alaa kana keessa olii fi gad ka’achuu akka dhimma qabsoo belbeltuu tokkootti osoo ololanii dhaga’amu. Yeroo wareegama qaalii Qeerroon Bilisummaa gumaachaa jiru kanatti qulqullinaan fincilicha utubanii sirna abba irree kanatti xumura gochuu mannaa, waan Bilisummaan saba keenya ‘Heeraa’ isaan biyya alaatti bexxeluuf yaalan jiran keessaa madduu fakkeessanii ummata keenya jidduutti afaanfaajjii hinbarbaachifne afarsaa jiru. Isaan kun Jaarmaa Qeerroo fi hooggana isaa xiqqeessuuf yaalanii wal irraa hincinne osoo gadhanii mul’atu. Qabsoo Bilisummaa saba keenya dalagaadhan osoo hintaane meeshaalee sab-qunnamtiin taliiguuf abju’atu. Hooggana qabsichaas galaana gamatti muudanii karaa foddaalee sub-qunnamtii biyyatti erguuf abbalu.

Sadarkaa murteessaa Qabsoon Bilisummaa saba keenya irra jirtu knatti, kanneen bolola angoo irratti bobba’an maraaf Qeeroon dhaamsa qaba. Waan hundaa dura fedhii dhuunfaaf osoo hintaane fedhii sabaaf dursa kennuun amaloota fi afooshaalee siyaasaa mirga saba keenya sharafan irraa atattamaan akka dhaabbatan Qeerroon waamicha godha. Wareegama qaalii sabni keenya Bilisummaa isaaf baasaa jiru kana dantaa xixiqqaan sharafuu irraa akka of-qusatan gad jabeessinee dhaammanna. Hamilee dhaloota haarawaa keessaa bilisummaa sabaf belbelaa jirtu doomsuuf tattaafachuu irraa akka of-igitaniif waamicha goona.

Ummata Oromoo guddichaaf ammoo waamicha itti-fufiinsa qabsoo dabarsina. Wareegama ilmaan isaa baasaniin diinni isaa kan qabattuu fi dhiiftu walaalaa jiraachuu ishee hubattee muratnoo isaa dachaa dachaan akka itti fufu onneessina. Dhiigni ilmaan isaatii kan dhangala’e bilisummaa saba guutummaatti argamsiisuuf malee namoota muraasa angootti ol baasuuf miti. Saamicha biyya isaa dhaabuuf malee namoota muraasa duroomsuuf miti. Sirna gabroonfataa hundeedhaan buqqisuuf malee gartuu tokko angoo irraa buusee gartuu kaan angootti baasuuf miti. Kanaafuu, Shira alaanis ta’e keessan qabsoo kee irratti xaxamaa jiru dammaqiinsaan of irraa tikfadhu!

Gootowwaan Miseensotni Qeerroo Bilisumaa ammoo yogguu jaallan kee kumaatamaan si biraa kufan yaadadhu! Haadholii bo’aa jiran irraa kan imimmaan haqu, boquu abbootii gaddi cabse kan ol qabu qabsoo ati murannoon gootu qofa. Bilisummaan saba keetii baar-gama hindhufu. Walabummaan biyaa keetii xayyaaraan siif hinegamu. Of ijaartee, wal ijaartee diina qee’ee abbaa kee si sarbe jala dhaabachuu malee fala tokko illee hinqabdu. Wareegama armaan dura baasaa turte dachaa dachaan ol-kaaftee qabsoo kee finiisuun sirna gabrumaatti xumura gochuun dirqama seenaan sitti kenne. Fuulli kee durri ifaadha. Gootummaan kee diina saba keetii rommisiiseera. Hamilee cimtuu fi naamusa jabaan dhaloota haarawaa qabsoo sabaaf hiriirsuu itti fufi. Guyyaan injifannoo keetiis fagoo miti.

Fincilli Xumura Gabrummaa Seenaa Qabsoo Bilisummaa Oromoo keessatti bara baraan ni Yaadatama!

Sadaasaa 7, Bara 2016

Hooggana Jiddu-Galeessa Qeerro Bilisummaa Oromoo.

Finifnnee Oromiyaa

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Google photo

You are commenting using your Google account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s