QIXXEESSAA LAMMII IRRAA
Hookara Hongahaa, Wal gahii Wal dhahaa,
Shiraa fi daba malee, Maaltu keessaa baha.
Karoora diigamsaa, Adeemsa adawwii,
Afaan guutatanii, Yoo jedhan wal gahii,
Bitaa natti galee, Hubachuu barbaadee,
Obsee irra ciisee, Oolee bulee yaadee,
Wolaloo atamtu, Kurfaawee dhihaate?
Gammachu moo gaddaan, Walgahiin simate?
Abaarsa moo eebaan,Walgahin fudhate?(2)
Wal xiqqeessuun fayyaa? Hawaasni gabroome?
Kanatu na dhibee,Yaboo, Natti himaa mee,
Teessuma sanatti Ani baay’ee quurramee,
Hedduu jala ceeree, Qalbiin itti dhibamee,
Ijaarsa moo diiggaa? Mee maal haa jetnu mee?(2) Continue reading



