Dachaasaa Deebisaatiin
Ebila 3, 2017
Barruukootti utuu hin cehin, mudannoo tokko kanan qabuunan eegala.’
Guyyaa tokko yeros barataa kutaa 10n ture bara filannoo bara 2002 jechuudha. OPDO documentary hadhaa guddaa qabu, documentary dhaaba ABO hadheessu keessi isaa sobaan dhommoqu akkaataa ittiin ABOn uummata Oromoo qalu jechuun barataa agarsiisuuf galma Bulchiinsa maagaalattin keessa jiraadhuutti walitti nu qabde. Jaallan bara sana qabsoo afaan Oromoof hogbarruu akkasuma qabsoo uummatichaa waliin taasisnu faana buunee deemne. Documentary sun is banamee ilaaluu jalqabne. Wanti achirraa marti akka hadhaa qabu waan barreef dursinee walakkattii cufsiifnee gaaffilee gaggabaaboo wal harkaa fuunee dhiyeessineef gaaffiin keenya guddaan deebii dhabe gaafasii “yeroo ABOn akkas godhu kan waraabe eenyu? Inni waraabe sunis mataansaayyuu nama badii kana raawwatedha. Tole erga ABOn akkas uummata darara jettanii badii kana gaafa raawwatu kan qopheessee Video waraabe eenyu jedhama. Hamma video waraabdan abbaa yakka hamaa kana raawwate irraa deebisuuf guumaacha maaf hin goonee? Yoomiyyuu ABO uummata Oromoo irratti kana dalaguuf wixinees ta’ee kaayyoo kanaa hin qabu ” jechuun dhiitnee baane. Continue reading



Caamsaa 3,2017/ Qote Bultootni Godina Wallaggaa “Gatiin Xaa’oo Gadi Bu’ee Jira” Jechuun Holola Malee Hanga Ammaa Waan Nu Gahe HinJiru Jedhan Durumaa Harcaatuwwaan diinaa gartuun murna bicuu wayyaanee OPDOn barootaaf qabsoon uummataa yoo hudhee morma qabu hololaan uummata burjaajessuuf yaalaa turuunshee beekamaadha.Tibba darbe kana keessa “hoji dhabdootaaf hojii uumna” jechuun maallaqaa ijaan hin argamnen laagaa tatarsaa’a turte.Hanga ammaa uummanni keenya keessattuu barattoon sadarkaa barnootaa garaagaraan eebbifamanii jiran hojii 