“Dachee Keenya Irra Jirra Sodaan Hin Barbaachisu” Lataa Qana’ii

Aside

Har’a Hagayya 11 Godinni Lixa Shaggar Gootummaan Diiddaa Isaanii Itti Fufanii Jiru.

Aside

Hagayya 11/2017 Godina Lixa Shaggar Aanaa Tokkee Kuttaayeefi Magaalaa Gudarritti Sochiin Warraaqsaa FXG, duulli gabaa lagaachuuf qabeenyaa ofii gabaa laguu, diddaan gibiraafi gidiraa , uggara sochii geejjibaa dhaabuufi hojii dhaabuun daran jabaatee waan itti fufeef Mootummaan abbaa irree wayyaanee waraana Agaazii uummatarratti babbaasee uummata shororkeessa jira. Addeemsii kun immoo diddaa uummataa ittumaa daran jabeessa jiraachuu Qeerroon Gudar gabaase. Continue reading

Magaalaan Najjoo fi Mandii Wallagga Fincila Diddaa Gabrummaan Guuttee Jirti.Wayyaaneen Bakka Maratti Fala Dhabde.

Aside

Image may contain: outdoorImage may contain: outdoor

Continue reading

SBO Hagayya 11,2017. Oduu, Qophii diddaa Gibiraa fi Gidiraa guutummaa Oromiyaa keessatti finiinaa jiru irratti fuulleffatuu fi Gaaffii fi Deebii Hayyuu Diinagdee Obbo Abbaa Maccaa Abbaa Qalbii waliin taasifame kutaa Xumuraa.

Aside

Guyyaa Har’aa Magaalli Amboo fi Waliisoon Muddama Keessa Jirti. Mormiin Itti Fufe!

Aside

Hagayya 11,2017

Image may contain: one or more people, sky, tree, basketball court and outdoor

Continue reading

SQ: Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromo, Hagayya 10, 2017

Aside

ONN:Oduu Oromia News Network Hagayya 9/2017

Aside

Sabboonaan Oromoo Dargaggoo Cimsaa Abdiisaa Hiraarfama Ulfaataan Booda Mirga Wabiin Hidhaa TPLF Irraa Gadhiifamuun Beekame.

Aside

Hagayya 9/2017 (Aaga_Dhaga’aa) Sabboonaan Oromoo Dargaggoo Cimsaa Abdiisaa Waggaa lamaaf dararaa ulfaataa keessa kan ture Manneen hidhaa wayyaanee Maa’ikalawwii, Qilinxoo, Shawaa Roobititti  hiraarfama guddaa keessa turuun har’a mirga wabiin gadhiifame. Yeroo amma maatii isaatti dabalamee jira. Dargaggoon qaroo uummata ta’e kun yeroo manni hidhaa Qilinxoo gubatee ilmaan Oromoo kanneen mana hidhicha keessatti argaman keessa nama tokko ture, balleessa tokko malee Oromummaan yakkamee hiraarfama waggaa lamaa booda wabiidhan akka gadhiifamee maatii isaa qaqqabee jiru maddeen keenya nuuf mirkaneessaniru . Sabboonaan Oromoo Cimsaa Abdiisaa wayita himatamaafi hiraarfama turetti himatamtoota 22 galmee Obboo Gurmeessaa Ayyaanoofaa keessa kanneen turan keessaa  warra mirgi wabii akka eegamuuf  jedhaman keessa ta’uu mirkaneeffannerra. Dargaggoo Sabboonaa Qaroo Oromoo Cimsaa Abdiisaa baga waaqni haala ulfaata sana hundaa irraa sii hambisee maatii kee, hiriyoota keefi uummata Oromootti sii dabale. Kana malees hidhamtootni ilmaan Oromoo maqaa isaanii yeroof adda hin baafatiin jirru mirga wabiin guyyuma kaleessa kan hiikkaman jiraachuu maddi Odeeffannoo keenya ifa godha. Continue reading

Wayyaaneen TPLF Obbo Baqalaa Garbaa Mirga Wabii Dhorkate.

Aside

Image may contain: 1 person, beardHagayya 10/2017 Guyyaa har’aa Obboo Baqqalaa Garbaa hayyama Mirga wabiin gadhiifamuu akka argatuuf mana murtii kijiba wayyaaneetti dhiyaate ture, Manni Murtii kijibaa Wayyaanee kan ilmaan Oromoof murtii haqaa kennee hin beekne kun sababa mirga Wabiin gadhiifamuu gaafachuufi murtii hayyamaa argachuuf Obboo Baqalaa Garbaa torbanoota laman darban yeroo garaagaratti erga deddebiseen booda guyyaa har’aa mirga wabii dhorkachuun shiraafi daba baroota dheera ilmaan Oromoo irratti dalagaa turaniifi jiran har’as irra deebi’uun obboo Baqalaa Garbaa Irratti rawwachuun haqa dhorkatanii diinummaa uummata Oromoof qaban mirkaneessaniru. Continue reading

Simbirtuu: I/A/H/D-ABO obboo Dhugaasaa Bakakkoo haala QBO keessa jiru, waan ABO, WBOfi QEERROOn itti jiran dubbataniiru.

Aside