SBO: Fulbaana 3 bara 2017. Oduu,Labsa Kora Sabaa 4ffaa ABO fi Murtii fi Kutannoolee Kora Sabaa 4ffaa Adda Bilisummaa Oromoo.

Aside

Qeerroon Bilisummaa Oromoo itti baha KS 4ffaa ABOf deeggarsa guutuu akka kennu ibse; humna Qeerroo jabeessuf deeggarsa hoggansi ABO kennes dinqisiifate

Aside

 

 

 

(Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo, Fulbaana 1, 2017)  Kora Sabaa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO), Hagayya 21-29/2017 geggeeffame irratti ibsa Qeerroo Bilisummaa irraa kenname.

Kallachi qabsoo Bilisummaa Oromoo, Addi Bilisummaa Oromoo, Hagayya 21-29/2017tti Kora Sabaa 4ffaa geggeeffatee jaarmaa fi hooggana haaromsuu isaa ogguu dhageenyu gammachuun nutti dhagahame daangaa hin qabu. Mootummaa Walaba Oromiyaa dhaabuu akka akeeka siyaasaatti irra deebi’ee raggaasuun, akkasumas:  goleelee Oromiyaa mara irraa shamarrani fi dargaggoon kan keessatti argaman irraa hooggana haarayaa utubuun, kora 4ffaa ABO, kora  addaa kan abdii fi hawwii ummata Oromoo kabaju ta’uu isaa mirkaneeffatneerra. Hayyu duree fi itti aanaa hayyu dureen  filamanis: amanamummaa kaayyoo, muuxannoo, dandeettii fi muratnoo qabsoon bilisummaa Oromoo gaafatu  kan baroota dheeraa kan qabani waan ta’eef  bilisummaa Oromoo, kan ummatni Oromoo jaarraa tokko oliif dheebetaa ture bakkaan gahuuf qabsoo geggeeffamaa jiruuf hooggansa qajeelaa fi haqaa akka kenan shakkii hin qabnu.

Waan kana ta’eef, nuti Qeerroon Bilisummaa Oromoo, Adda Bilisummaa Oromootiin hoogganamnu, murtiilee Korri 4ffaan ABO dabarse garaa guutuun itti amannee, hooggana haarayaa kora kana irratti filaman irraas qajeelfama fi ajaja guutuutti  fudhatnee akeeka bilisummaa Oromiyaa bakkaan gahuuf qooda keenya dachaa akka taasifnu waadaa keenya irra deebinee haaromsina. Hooggana Adda Bilisummaa Oromoo, humna qeerrootiin jabeessuu irratti murtii korri kun fudhates ajaa’ibsifachaa,  ABO’n, hawwii fi fedhii dargaggoo fi shamarran Oromoo guutuu isaa of qusannoo tokko malee mirkaneessina.

Murtiileen kora kana irratti darbani fi hoogganooti kora kana irratti filaman, ummata Oromoo fi ummattoota cunqurfamoon Impaayera Ixoophiyaa gabrummaa bara dheeraa jalaa bilisa bahanii mirga hiree murteeffannaa isaanii akka mirkaneeffatan kan taasisu waan ta’eef, ummatni Oromoo fi ummattooti cunqurfamoon Impaarichaa, kan ba’aan gabrummaa itti ulfate, murtiilee fi hooggana korri kun maddisiise waan hundaan bira akka dhaabbattan Qeerroon bilisummaa Oromoo cimsee yaamicha dabarsaafi.

Murtiilee fi filannoo korri kun maddisiise fudhatanii, wal dura dhaabbachuu irra, wayyaanee qofa irratti akka qiyyaafataniif, dhaabota Oromoo akeeka addaa qabaniifis yaamicha addaa dabarsinaafi.

Gadaan Gadaa Bilisummaa ti !

Injifatnoon Ummata Oromoof !

Qeerroo Bilisummaa Oromoo,

Fulbaana 1, 2017  

Kun qabiyyee PDF ibsichaa: Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Fulbaana 1 2017

Falmaan Bilisummaa Oromoof taasifamu jabaatee itti fufa!

Aside

Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Hagayya 27 bara 2017

(Qeerroo Bilisummaa Oromoo, 27 Hagayya 2017, Oromiyaa) Koreen Aduulaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Hagayya 27 bara 2017 teessoo ariifachiisaa guyyaa tokkoof gaggeessee jira.

Teessoo kana irrattis haala yeroo ammaa Oromiyaan keessatti argamtuu walhubachiisee jira. Kanuma waliins, duula itti fufiinsaan gaggeeffamuu qabu irratti kallattii kaayeera.

Akka kanaanis, mirga abbaa biyyummaa kabachiifachuuf wareegama olaanaa ummati Oromoo baasaa jirutti firii gochuun waan hunda dura kan irratti xiyyeeffatmau ta’uu irra deebi’ee irboomseera.

Keessayyuu, dhalooti qubee aadaa fi gootummaa ummata keenyaa dhaaluun akka bilisummaan ummata Oromoo kabajamu, mirgi abbaa biyyummaa keenya mirkanaa’u  taasisuuf qabsoon maraalessaa kan filmaata hin qabne ta’uu raggaasiseera.

Dhimmoota kunneenis dhugoomsuuf waan barbaachisu of qusannaa tokko malee akka gumaachinu waadaa keenya haaromfanneerra.

Kanuma waliinis, haala yeroo irratti ibsa ejjannoo qabxiilee shan of keessaa qaban baafanneerra.

  1. Siidaan maqaa ummata Oromoo ayyaana Irreechaa irratti bara darbe dhumaniin Bishooftuutti dhaabbate kan kaayyoo fi haqa wareegamtootaa bakka hin buunee dha. Kana waan ta’eef gochaa kana jabeessinee mormina; siidaan sunis hatattamaan akka kaafamu jabeessinee hubachiifna!
  2. Mormii gabaa lagannaa guyyoota sadiif gaggeeffameen booda hidhaa fi hiraarsaan ummata keenya irratti fudhatamaa jira. Haalli kun akka dhaabbatuuf dhaamsa keenay ni dabarsina. Kun hin ta’u taanaan yeroo gabaabaa keessatti fincila maraalessaa akka waamnu jabeessinee hubachiifna.
  3. Moseensoti Qeerroo Bilisummaa Oromoo, deegagrtooti qabsoo Oromoo fi ummati Oromoo marti wal’aansoo jabaa itti fufiinsa qabuu fi Wayyaanee hundeen buqqisu gaggeessuuf akka of qopheessan waamicha keenya dhiyeessina.
  4. Hidhamtooti Oromoo sababa siyaasaatiin hidhaman hatattamaan akka gadhiifaman ammas irra deebinee gaaffii keenya dhiyeessina; kun ta’uu baannaan, Qeerroon Bilisummaa Oromoo dallaa hidhamtooti keessatti hiraarfaman kamiyyuu diiguuf akka ofqopheessan ni hubachiifna.
  5. Daangaan Oromiyaa haga ammaatti cicciramaa dhufes akka iddootti deebi’u jabeessinee gaafanna. Qeerroon Bilisummaa Oromoo daangaan Oromoo taakkuun tokko illee akka dabarfamee alagaaf kennamu hin hayyamnu; falmaan bilisummaa Oromoo kabachiisuuf taasifamu jabaatee itti fufa.  Nutis, Qeerroon Bilisummaa Oromoo, daangaa Oromiyaa dhiigaa fi lafee keenyaan iddootti deebisuu fi kabachiisuuf  qophaa’oo ta’u keenya ammas irra deebinee ni mirkaneessina!!

Bilisummaan ni dhufa; gabroonfataan ni kufa!!

Injifannoo Ummata Oromoof!!

Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Qeerroon Bilisummaa ummata Hin sodaachisu!

Aside

(Ibsa-Qeerroo Bilisummaa Oromoo 22 Hagayya 2017) Hoggansi Qeerroo Bilisummaa Oromoo haala yeroo ammaa Oromiyaa keessatti belbelaa jiru irratti Hagayya 21 bara 2017 walgahii hatattamaa taasise.

Walgahii kana irratti rakkoon Oromoo mudate bilisummaa  Oromoo deebisuun kan hiikamu ta’uu sagalee tokkoon irra deebi’ee haaromseera. Dhumaatii gama addaddaan ummata Oromoo mudachaa jirutti xumura gochuuf Fincila Xumura Gabrumama jabeessuun furmaata qajeelaa ta’uus iticheera.

Adeemsa haga yoonaatti injifannooleen argamanis akka eegamanii fi caalatti akak guddatan irratti waliigalameera.

Yeroo ammaa kanattis karaa caasaalee Qeerroo, karaa jaarmiyaa, karaa namtokkee fi karaa aktivistoota addaddaa duulli mootummaa abbaa irree Wayyaanee dadhabsiisuuf gaggeeffamaa jiru akka aanja’etti jabaatee akk itti fufu Qeerroon hubachiiseera.

Gama kaaniin, basaastoti Qeerroo fakkaatanii dhaamsota bifa ergaa, hubachiisa, yaadachiisa, ajajaa fi akeekkachiisaan karaa Facebook dabarsan mul’achaa waan jiraniif caasaaleen Qeerroo kamiyyuu akkuma kanaan duraatti of-eeggannoon akka raawwatan dhaamera.

Kanuma waliin Duulli Wayyaanee dadhabsiisuuf karaa nagaa gaggeeffamu kamiyyuu sirna, amalaa naamusaa fi sansakkaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo hordofee akka raawwatuuf YAADACHIISA armaan gadii hubachiiseera.

  1. Qabsoon kara nagaa gaggeessinu kaayyoon isaa humna diinaa dadhabsiisuu dha; galiin isaa bilisummaa ummata Oromoo ti.
  2. Qabsoon keenya kan fedhii fi jaalalaan keessatti qooda fudhatanii dha.
  3. Qabsoon keenya amala Wayyaanee kan doorsisaa fi sodaachisaan gaggeeffamuu hin dhaalu.
  4. Qabsoon keenya sirna, amala, naamusaa fi sansakkaa Oromummaatiin taliigama.
  5. Qabsoon keenya qabsoo nagaa waan ta’eef lubbuu namaa fi qabeenya ummata keenyaaf of eeggannoo olaanaa godha.

Injifannoo ummata Oromoof!

Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Hagayya 22 bara 2017

SBO: Hagayya 18 bara 2017. Oduu, Gabaasa Sochii Warraaqsa FXG fi Qophii Haala Yeroo Irratti Hundaa’e.

Aside

SBO: Hagayya 18 bara 2017. Oduu, Gabaasa Sochii Warraaqsa FXG fi Qophii Haala Yeroo Irratti Hundaa’e.

Aside

SBO: Hagayya 16 bara 2017. Oduu, Gabaasa Sochii FXG fi Gaaffii fi Deebii Gaazexeessaa Tasfaayee Dheeressaa waliin taasifame -Kutaa 2ffaa Akkasumas SBO Sagantaa Afaan Amaaraa.

Aside

SBO Hagayya 13,2017. Oduu, Qabeenya keenyaan Mirga keenya haa falmannu mataduree jedhu jalatti Qophii Qindaahe fi Gaazzixeessaa Gaazexaa Urjii Kan turan Obbo Tesfaayee Dheeressaa Waliin Gaaffii fi Deebii taasifame kutaa Jalqabaa.

Aside

AMALAAF DALAGAAN GARBOONFATTOOTA HABASHAA AKKUMA HUURUU HARREE WAL FAKKAATA

Aside

MUUMMEE SEENAA   Oromoon Jaarraa 16ffaa dura gadaa jabaaf tokkumaa jabaa qabaataa akka ture, ragaaleen barreeffamaa danuun nii eeru.isumaa Asitti habashoonni jaarraa 17 keessa humna waraanaa Portugal of duuba hiriirsuun Oromoo lafasaa saamuuf kachachaltullee, jaarraa sana keessattuu Oromoon hoggantoota jabaa of keessaa filatee deggarsaaf meeshaa waraanaa gahaa tokko malee, ilmaan diqaalaa sanyii warra SEM kana of keessaa darbataa tureera. Oromoon gootummaaf sodaatamaa akka tures barreeffamoonni hedduun katabamanii jiran. Jaarraa 18ffaa fii 19ffaa keessa mootummoonni Oromoo hedduu sodaatamaa turan lama akka turan illee seenaan nii dubbata. Mootummoonni kanneen akka WARRA HIMANUUFI YEJJUU mootota Oromoo warra humna qabeessaaf diinaaf hinjilbeenfanne turan. Mootummoonni kunneen gootummaan isaanii akkaan akka dinqiisiifamu kan godhe, gamtaan diina isaan saamuu dhufetti bobbaa’anii loluu isaaniiti. Har’as gootummaan uummata keenya kaleessaa akka danbalee jiraatu shakkii hinqabnu. Continue reading

SQ: Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromo, Hagayya 11, 2017

Aside