Sadaasa,27,2017
Qalbeessaa Dhangi’aa tin
Dudduubbeen Habashootaas har’i habashootaas nu Oromoof badiisaaf duguuginsa kan hawwu qofaa ture. Akka argan bargaanfatanii jiraachuuf
uummata Oromoo daguugaa turaniiru daguugaas jiru. Mootota habashaa kaleessaa wanti ittiin Oromoon yaadannu nu Oromoon Akka namaattillee
ilaalaa akka hinturre seenaan ragaadha. Har’as akka namaatti ilaalamaa hinjirru. Tarree namaatti waamamaa hinjirru. Lakkoofsa namaa keessaa
hinqabnu, Habashaa biratti jechuudha.
Mootota habashaa darban jecha isan yoo waraana keessatti wal ajjeesan Oromoo irraa namummaa irraa molqaa turan haa yaadannu. Kanarratti
cimana Oromoo irratti was xuxuqeen darbuu barbaada. Oromoon namummaa akkamiittiin laata? Biyyi biraahoo Namummaa kana akkamitti walii
laata? Waraana keessatti booji’amaaf Ilaalchi Oromoo fi biyyoota biroo akkam ture?
Kana dirqama waanan barreessuu barbaadufan qaba. Uummata addunyaarratti ajaa’ibsiifamuu maleef ilaalcha Habashaan laataa turte
addaan naasnee olilaalla. Continue reading
Sabnii Qabsoo farra kolanii gaggeeffatu , yeroo hundaa humnasaa beekee tarkaanfatuu qaba. Humnasaa beekuuf dubbiin jalqabaa gurmuun ykn adeemsa ofii walteffachuu gaafata. Kun hedduu murteessaadhaa. Maal barbaannaa ? bakka barbaannu bira akkamiin HALGAA geenyaan ? yeroo hundaa gilgaalamee qophii barbaachisuus irratti godhamee, humnatti geeddaramuu keenya diinaaf hojiidhaan labsachuun murteessaadhaa. Sadarkaan Qabsoon Saba Oromoo irra jiru isa kanadha. Wayyaaneen gonkumaa qawwee malee ykn humnaan alatti Angoo gadhiiftii jechuun waan danda’amuu miti. Humna qofaatuu waa hundaatti isaan fida. Kun Saba Oromoo biratti akka walii galaatti fudhatama argatee, guyyaa irraa gara guyyaatti qabsoo isaa fi falmaa isaa jabeeffachaa jiraachuun ifa. Oromoon baayyina isaa humnatti jijjiiree tarkaanfii isa dhumaatti ce’uu jechuun , kan qawween itti itti roorrisu irraa of baraaruuf ka isaaf hafuu qawwee kaasuu 





