SQ-Sagalee Qeerroo Bilisummaa MUDDE 01, 2017

Aside

HUBANNAA: Sagantaa haaraa HUBANNAA jedhu guyyaa muraasa booda ONN irratti isiniif darbaa, nu hordofaa!

Aside

ONN:Oduu Olmaa Oromiyaa Muddee 1/2017

Aside

Cuunfaa Gabaasa Guutuu Torbee kanaa. 

Aside

[01/12/2017]

Kaayyoon Qeerroo mirga ofii karaa Nagaa gaafachuudha!

Magaalaa Harar keessa diddaa shira wayyaaneetiin lafa Oromoo naannoo Harariitti muranii jalatti buluu fi saamicha lafaa maqaa naannichaatiin wal qabatee mormii guddaatu ture.
Dhimma uummanni Oromoo qe’eetii buqqaafamuufi ajjeefamuu balaaleffachuudhaan uummanni Harar sagalee isaanii dhageessifataniiru. Maqaa Liyyuu hayilii somaaleetiin uummanni guyyuu ajjeefamuun akka dhaabbatuufi hidhamtoonni siyaasaa mana dabaa wayyaanee keessaa akka lakkifamaniif sagalee mormii isaanii dhageessisaniiru.
=====
Barattootni Yuunivarsiitii Haramaayaa mooraa gadi dhiisanii ba’uurraa kan ka’e waraanni wayyaanee naannoo magaalaa Baatee fi Magaalaa Haramaayaa keessa marsee barattoota adamsaa jira.
Sirna mootummaa wayyaanee mormuufi qajeelfama mootummicharraa ba’u mormuudhaan barattoonni mooraa lakkisanii kan ba’an yommuu ta’u, waraanni mootummaa wayyaanee magaalaa keessa deemuudhaan barattoota dararaa akka jiru dhaga’ame. Barattoonni kun uummata magaalattiidhaan simatamanii kan tajaajila barbaachisu kan argatan ta’uyyu haalli jireenya isaanii magaalaa keessatti yaaddessaa ta’uu odeeffannoon arganne ifa godha. Poolisoonni Oromiyaafi korri bittinneessaa magaalaa keessa socho’uudhaan akka barattoonni humna waraanaa wayyaaneen hin qabamne tumsaa akka jiranis maddeen gabaasan.  Continue reading

SBO Muddee 1,2017. Oduu fi Guutummaa Qophii Keenya Har’aa kan ta’e Gaaffii fi Deebii HD ABO Jaal Daawud Ibsa a Waliin taasifne kutaa 3ffaa.

Aside

Gooti Oromoo Qabsaawaa Falmataa Urgeessaa Wareegame.

Aside

Image may contain: 1 person, outdoor and nature[SQ,sadaasa,29,2017] Sirni awwaalcha qabsaa’aa Oromoo qeerroo Falmataa Urgeessaa har’a saa’atii 7:00 irratti magaalaa Shaambuu bakka hiriyoonnii fi firoottan isaa akkasumas qabsaa’onni hedduun jiranitti raawwatamera. Falmataan Qaroo sabaa nama qabsoo Oromoo har’aa gahee keessatti qooda fudhataa turedha

SQ-Sagalee Qeerroo Bilisummaa Sadaasa 30 2017

Aside

Simbirtuu-> Continue reading

Yakka hamaa uummatarratti raawwachuun ittuu jabaatee. Summiin uummata Oromoo daguun Waraana Wayyaanee Ajjeechaa Kaaraa Jijjiirrateen Socho’aa Jiru

Aside

[SQ,sadaasa,29,2017] Lixa Oromiyaa Begii keessatti uummanni balaaleffannaa Sirna wayyaaneerra turuu ganamaa kaasnee gabaasaa turre. Haalli Begiin ittiin uummata Oromoo daangaarraa buqqaa’aa jiruuf dirmannaa taasise hedduu hawwataa ture. Karaa nagaa ba’ee qabeenya kam utuu hinbarnadeessin harka qullaa sagalee dhageessisaa tureera. Kanaan ammoo Waraanni Wayyaanee hedduu aarii keessa galuun bishaan boonbaatti summii naqaa akka jiru dhagaa’ame. Balaa kanaan akka gabaasa argachaa jirruutti taanan lubbuun ilmaan Oromoof Oromoo gaaga’ama hamaa keessa galaa jira. Summiin ajjeefamuu oromoo 2 illee nuuf himanii jiru. Continue reading

Olola Wayyaanee Gurri Kan Duude Hojii Qabsoon Gurra Isaa Ni Banna Jedha Qeerroon.

Aside

Sadaasa,29,2017 /Waggoota dheeraaf qabsoo uummanni keenya sirna garboonfattootaa waliin gochaa jiru halagaa biratti akka qoosaatti ilaalamaa tureera. Sunis sababa harkiftuu uummataa bitatanii qabaniif ture. Harkiftuun uummataa kun waan itti hidhamte harkisuun ala waan harkiftullee addaan baastee akka beektu hingodhamu. Harkiftuun uummataa hedduun ilmaan haadha garaa ilmaan fidi infixnaati. Isaan kun waanuma gooftaasaanii ajaje hojiirra oolchu. Waanuma ajajaman raawwatu.

Continue reading

FXG Itti Fufee Magaalaa Adaamaa Ganda Bokkuu Shanan Keessatti Karaa Cufuun Diddaa Sirna Wayyaaneef Qaban Dhadannoon Muldhisaa Jiru.

Aside