Beeksisa Qeerroo

Image

Diddaan Qeerroo Itti Fufee,Barattooti Oromoos Jimulaan Hidhaman,

Gabaasa Qeerroo Shawaa Kaabaa,Muddee 20,2011

Ilmaan Oromoo barnootaaf manaa ba’an Hireen isaan eeggatu hidhaa,Ajjeechaa fi barnoota irraa arii’amuu ta’uun kan amaleeffatame dha.Yeroo ammaa kanas Fincila barattootnii fi Uummatni Oromoo Shawaa Kibba bahaa itti jiran ukkaamsuuf mootummaan Wayyaanee barattoota Sadarkaa 2ffaa fi qophaa’inaa Muddee 18,2011 irraa eegaltee mana hidhaatti funaantee jirti.Qeerroon iccitii kana baasuuf dirqama fudhate mootummaan garboomfataa kun barattoota qabaman dhoksuu yaalus maqaa barattootaa mana hidhaa Wayyaanee keessatti argamanii ifa godhee jira.

Maqaan Barattootaa fi Jiraattotaa kunis akka armaa gadii fi kanneen hafanis akka iccitii gola mootummichaa irraa argannetti gaabaasa jala deemtonni diinaa mootummaa Federaalaaf gabaasan irraa argachuun dandayamee jira. Maqaan barattoota sochii Qeerroon yakkamanii hidhamanii fi bakkoota irraa hidhaman kan Federaalatti gabaafame oduu kana waliin guutuu isaa maxxansinee jirra.

Barattooti kanaa gaditti maqaa baafnee fi list humni tikaa Qeerroon mootummaa federaalaa irraa argate akka armaa gadii taha.

1.Milkiyaas Alamuu kutaa 10ffaa Aanaa wancii irraa
2.Daggituu Alamaayyoo kutaa 9ffaa
3.Shukkaaree Abbabaa kutaa 9ffaa
4.Tsehaay Kumsaa Kutaa 9ffaa
5.Abbabaa Warqinee kutaa 9ffaa
6.Dajanee Xurunaa kutaa 12ffaa
7.Gennet Dirribaa kutaa 8ffaa
8.Tseggaayee Asfaawu Kutaa 9ffaa
9.Biraanuu Damissee kutaa 10ffaa
10.Tafarraa Haayiluu kutaa 10ffaa
11.Ayyaantuu Waaqumaa Kutaa 6ffaa
12.Malkaamuu Dassaaleny Kutaa 9ffaa
13.Wanduu Leencoo kutaa12ffaa
14.Shifarraaw Tasfaayee Kutaa 9ffaa
15.Magartuu Taaddasaa Kutaa 9ffaa
16.Siddisee Shumaamaaa Kutaa 9ffaa
17.Yaadataa Waldee kutaa 10ffaa
18.Gaashaw Alamuu kutaaa 10ffaa
19.Wanduu Hasen kutaa 9ffaa
21.Ijjigaayyoo Qabbaneessaa kutaa kutaa 9ffaa
22.Gulummaa Toleeraa kutaa kutaa 9ffaa
23.Shawul W/Rufaa’el sadarkaa barnootaa Diploma kan qabanii fi umriin
isaanii waggaa 42 kan ta’an
24.Balaachoo Asmaraa Kutaa 9ffaa fi
25,. Maanguddoo Toleeraa Badhaadhaa Umriin isaanii waggaa 70 ol kan ta’an
26.Taakkalaa Badhaadhaa kutaa 9ffaa

Walumaa gala yeroo ammaa kana keessatti ilmaan oromoo baay’inaan 41 ta’an mana hidhaa Wayyaanee kana keessatti dararamaa akka jiranii fi Fincilli
ilmaan Oromoo jabaatee itti fufuu tikni Qeerroo saaxilee jira.

Maqaan namoota hafanii kun akka maxxoo armaa gadii taha.

List Barattoota Oromoo hidhamanii

Barattoota Oromoo hidhaman

FDG qonnaan bultotan itti fufe,

Gabaasa Qeerroo Ona Limmuu, Muddee 19,2011

Godina Wallaga Baha ona Limmuu keessatti Muddee 17/2011 qonnaan bultoonnii walga’ii Wayyaaneen karaa ergamee bulaa ishee OPDOn qopheesitee qonnaan bultonnii hin fudhannu,nuti qonnaan bultooti Oromoo dalagaa mataa keenyaa ni qabna.Isin warri OPDO ufiifuu aangoo hin qabdan walga’ii nu teesisuuf aangoo godhatanii? Warri TPLF isinuma bira darbanii ilmaan keenyaa mana hidhaattii guraa jiru,lafa keenya gurguranii qe’ee irraa nu arihaa jiru,Oromoon hiraaree yeroo isiin gaafannuu nu miti mootummaa federaalatu nama hidha,kan qabeenya gurgurus mootummaa Federaalaati jettu.Ammaa immoo aangoo godhattanii kan walgahii nu yaamtan,kanaaf walga’ii keessaan hin teenyuu Omishaa keenya sassabbannaa jechuuun sagalee tokkichaan qotee bulaan ganda irra gandatti araddaa irraa araddaatti dhaamsa waliif dabarsee walgahii  Wayyanee taa’uu didan

Kanneen keessaa qonnaan bultoota adda adurummaan nurratti ijaaratan jedhamanii qonnaan bultota ganda Waaroo jedhamu keessaa namonni shan hidhaa hin beekamnetti darbamanii jiru. Qonnaan bultoonni hidhaman kuniinis maqaan isaanii:-

1.Ayyaanaa Gammachuu,

2.Waaqjiraa Ayyanaa,
3.Alamayyoo Waaqjiraa,
4.Gammachuu Fufaa,
5.Hundarraa Fayisaa jedhaman hidhaman.

Namonni qonnaan bultotaa kanaa hisisaa jiran dabbaloota Wayyaane kan maqaan:-

1.Margaa Sirnaa bulchiinsa Onaa Limmuu fi

2.Asafaa Galataa maqaadhaf itt/g/ wajiraa baranoota Onichaa ta’uu gabaasi qeerroo Limmuu irraa addeessa.

Sabboonaan Oromoo Obbo Tasfaayee Ababaa marraa lammaaffaaf hidhame.

Gabaasa qeerroo magaalaa Gimbii akka addeessutti Muddee 16,2011 Godina Wallaggaa Lixaa Magaala Gimbiitti jiraataa Ganda 02 kan ta’an abbaa qabeenyaa Obbo Tasfaayee Abbabaa Diddaa qeerroon magaala Gimbii fi naannoo isheetti gaggeessaa jirtu adda durummaan qindeessaa kan jiru sidha jechuun Wayyaaneen yakkamee mana hidhaa wayyaanee magaalaa Gimbii keessatti darbanii jiru.Obbo Tasfaayee Abbabaa ji’oota darban keessatti baatii sadiif Mana hidhaa Wayyaanee Magaala Naqqamtee keessa akka turan qeerroon ifa godheera.Kanuma waliin Qeerroon Magaala Gimbii fi Naannoo ishee irra jiran ilmaan Oromoo hidhuu fi ajjeesuun darn summii nu keessa jiru cimsuun dhaaba keenya ABO waliin hiriiruun qabsoo akka finiinsinu nu taasisa jechuun dhaammatanii jiru.
Qabsoon itti fufa! Gabarummaan ni kufa!

“Diina Mo’uuf …….Qalbeeffadhaa”

Yaayyaa Gammadaa(2005) tiin
Barreeffama kanaan duraa irratti diina mo’uuf , toftaa diinni ittin nama cabsu hubachuu ta’uu amma tokko isiniif katabeen jira. Har’a ammoo gama diinaan kan jiru ilaalla. Diina mo’uuf Qawwee caalaa kana nama furuu fi addunyaa illee ofitti harkisu kan danda’u  Fincila Ummataatii . kana dhugeessuuf waan Afriikaa kaabaa keessatti waan gaggeeffamaa jiru hubachuutu ga’adha. Kan yeroo fagoo yoo ilaallees , waan Afriikaa kibbaa keessatti argine , humni Ummataa hangam murteessaa ta’uu ifatti raga nuuf ta’a.

Haala kanaan kan keenya ilaallachuu barbaachisa. Biyyoota kaaba Afriikaa irraa waa hedduu baranna. Kana tokko tokkon ta’uu baatuus amma tokko ilaaluun barbaachisaadha. Fincilli Afriikaa Kibbaa , Ummatoota cunqurfamoof barnoota gaarii akka kennee jiru kan wal nama gaafachiisu miti. Har’a nuutis adeemsa kana keessatti makamne Biyya Abbaa keenya tu’achuuf karaa irra jirra. Hawwiin keenyas , Gootummaa akkasii
hojjatanii qabsoo keenyatti xumura tolchuudha. Maarree Qeerroo Oromoo karaa cirachaa jiru , waan irraa barachuu qabu ni jira jedheen amana.

1.Fincilli firii qabaachuu kana danda’u, yoo itti yaannee diina.Afuura kunne qofaa ta’uu hubachuu barbaachisa. Kanaaf ammo adda durummaan of kennu gaafata. Fincilli har’a eegalee boruu dhaamu , humna keenya akka fixannu nu taasisaa qofa odoo hin taane, bubbulee amantaa wal irraa dhabuu fi abdi akka kutannu kan nu taasisu ta’uu.qalbeeffachuun barbaachisaadha. Fincilli eegallu kana yeroo dheera ta’uutti quba qabaachuu barbaachisa.

2.Fincilli firii akka godhatuuf, quaba wal qabaatanii kan aadeemsiisan ta’uu qaba. Wal utubuu fi waliif falmuun akka jiru hubachuu barbaachisa. Dursinee maal goonaa ? itti aansinee maal hojjanna kan jedhu ilaalu barbaachisa. Fakkeenyaaf wayyaanee akka gaaritti miidhuuf Fincilli Ummataa karaa filatamaadha. Kan Itti
Fincillu waan isaan ittin nu ajjeesan, Qabeenyaa keenyaa fi qabeenyaa horatan jiraachisuuf waan ta’eef, Fincilli keenya qabeenyaa isaan horatanii fi Qabeenya keenya irratti abbaa ta’uu irratti . wayyaaneen har’a irra jireessa qalbiin isaanii qabeenyaa waliin jira. Akka nama dhaggeeffatan yoo barbaadame, qabeenyaa isaanitti quba qabuun dansaadha.

3.Wayyaaneef utubaa ta’ee kana jiru tokko , wallaalaas ta’ee beektoota keenya dantaan gawwamanii riqicha ta’aniifidha. Kana irratti finciluun yeroo gabaabaa keessatti injifannootti nu geessa. Wayyaaneen jara kana malee jiraachuu hin dandeessu. Kanaaf kana irratti xiyyeeffatanii keessa seenanii duwwaa taasisuu fi waan itti abdattu
dhabsiisuun murteessaadha.

4.Inni kaan wayyaanoonni Naannoolee hunda keessa socha’uuf akka hin dandeenye gochuudha. Wayyaaneen qabeenyaa keenya akka feete dhorkama tokko malee gola keenya seentee ba’uun hamilee itti horee jira. Kanaaf kanatti finciluun , fuula dhawwachuun wayyaaneef mataa dhukkubbi ta’a.

5.Warra Ummata keenya keessatti guddatanii dantaaf jedhanii wayyaaneetti hidhatanii fi qooqa sabichaa waan beekaniif basaastummaa fi Angoo Bulchiinsaa Naannoolee warra fudhatanii wayyaanee utubanii jiran rifaasisuun wayyaanee yaaddoo seensisu qofaa odoo hin taane yoo ofiif jette akka of ilaalu qabdu ishee taasisu danda’a.
Itti fufa …….

Yaayyaa Gammadaa (2005)

Diddaan Qonnaan bultoota Oromoo Itti Fufe!

Gabaasa Qeerroo Horroo Muddee, 18,2011

Wallagga, Godina Horroo Guduruu aanaa Horroo ganda Ashaayyaa keessatti ijaarsa hidhaa laga Nasheen kan ka’e namootni qe’ee isaanii irraa buqqa’anii gara Gammoojjii Nuguloo jedhamutti itti akka galaniif mootummaan laficha inveesterootaaf kennuun qoteebulaan ganda isaa irraa buqa’u ammo  maallaqa ittiin ka’an akka isaaniif kennuu fi mana isaaniif akka ijaaru waadaa galee ture. Baatii lamaan darban ummanni gochaa mootummaa kana diduun hidhaa fi dararami gurguddaan irraan gahamaa ture.

Ammoos dhimma kana irratti diddaan ummataa itti fufuun gammoojjiin uummatni Oromoo kun itti godaanuuf deemu bakka tajaajilawwan hawaasaa hoomtuu hin jirre(Remote area)fi qubsuma hawaasa irraa fagoo daandiin konkolaataa fi tajaajjillee kan akka Gabaan,Suuqiin,Bishaan qulqulluunii fi k,k.f hin jirree tahuun beekamaa dha.

Daa'ima baannee,ka garaa keessaas osoo hin dhalatiin qe'ee irraa manca'uun hanga yoomiittii

Namoonni 200 tahan maallaqa mootummaan isinii kennina jedhe hanga ammaatti akka hin arganneefii qe’ee dhaloota dhufaa darbaan irra jiraataa turanis akka gadhiisanii deemuu hin feene sagalee diddaa cimaan dhageessifataa jiru. Qotee bulaan Oromoo kunniin biqiltootni isaan qe’eedhaa qabanii fi gaagurri dammaa achumatti dhiisanii laficha irraa akka godaanan kan dirqamaa jiran yeroo tahu ummannis murtii mootummaan murteesse kana dua dhaabatanii mormachaa akka jiran gabaasi qeerroo naannoo san irraa ni addeessa.

Haaluma wal fakkaatuun Godina Horroo Guduruu aanaa Kombolchaa ganda Waatiyyoo jedhamu keessatti bara oomishaa darbe sanyii filatamaadha jechuun qotee bultoota dirqiin akka bitanii fi daldaltoota irraa akka hin bitne dhorkanii turan. Garuu sanyiin boqqolloo kun oomisha qotee bultootaa gad waan buuseef uummatni walgahii waamamu irratti diddaa agarsiisaa jira.Gaaffii qotee bultootni dhiyeessaniifis deebiin hin argamu.Basaasni mootummaa barattootaa fi qotee bultoota amansiisuuf halkanii fi guyyaa fiigu kutaa kudhanitti kufee basaasuun hojii bulchinsa aanaa keessa kan gale nama Guddataa jedhamu ta’uus tikni qeerroo bira ga’ee saaxile jira.Namni kun hojii isaa kana irraa hin dhaabbatu taanaanis tarkaanfiin hojii isaa madaalu akka isa eeggatuu fi irree dargaggoota Oromoo jalaa bahuu akka hin dandeenyeef gartuun qeerroo onichaa beeksisanii jiru.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!!

Wallaga Lixa Bosonni Diillaa Gubachaa fi Manca’aa jira. Ummanni Naannoos Fincila Itti Fufe.

Gabaasa Qeerroo Lixa Wallaggaa,Muddee 16,2011

Wallaga lixa naannoo Diillaa jedhamutti kan argamu bosonno Oromiyaa guddaan investeroota dhalootaan Tigree tahaniin manca’ee gubachaa waan jiruuf ummanni Oromoo fi hojjjettoonni sirna mootummichaaf hojjetan gochaa Wayyaanee fi investeroonni alagaa godhan kana irratti mormii guddaa dhageessisuun itti fufee jiraachuu qeerroon magaala Dillaa irraa gabaasa.

"Biyya abbaa kooti jettee, Hinjiraan moluu irratti hafte"

"Biyya abbaa kooti jettee, Hinjiraan moluu irratti hafte"

Ammaan dura lixa Wallaggaa bosonoota gurguddaa kan akka Garjeedaa fi Daabbuls,Dhiddeessaa fi kkf hunda ciramuu fi gubachuu irraa barattooti Oromoo kumaan lakkaawaman mormii agarsiisuun hidhamuu fi biyyaa arihatamuun irra gahee ture.Yeroo ammaa kanas bosonaa fi bineessa bosona san keessa jiru haalaan waan mancaasaa jiraniif ummanni naannoo kan waggoota dheeraaf akaakilii irraa jalqabee qabeenya isaa kana eeggataa asiin gahe gaddaa fi aarii haalaanii keessa galanii jiru.

Dhimmi ciramuu bosonaa fi bineensonni daggalaa keessaa badanii ummanni lafa san irraas buqa’ee naannoo biro akka qubatu taasifamu kun ilmaan Oromoo bakka hundatti dhaqabaa waan jiruuf gochaa hammeenya kana jala dhaabbachuuf bakka marattuu kaa’uun murteessaa tahuu beekama.

Bosona diillaa kana ciramuu fi manca’uu kanneen morman keessaa Oromoota 20 ol tahan mana hidhaa waan seenanii jiraniif guutummaa gabaasichaa akka nu dhaqabeen wal duraa booda dhiheessina.

Gabrummaan ni kufa! Qabsoon itti fufa!!

 

Hojjettoonni Oromoo Diddaa Srina Wayyaanee Itti Fufan

Gabaasa Qeerroo Magaala Finca’aa Wallagga Muddee,16,2011

Godina Bahaa waallagga Horroo Guduruu Onaa Abbay Coommaan Warshaa sukkaaraa Fincaa’aa jedhamu keessatti Sabboontoti Oromoo fi dabballoonni Wayaanee walitti bu’an.

Gabaasi Keenya yeroo adda addaa akka addeessaa turetti ji’a Hagayyaa 2011 hamma Sadasa 2011tti walitti bu’iinis sabboontotaa fi dabballoota Wayyaanee jidduutti uumame irraa fincilli diddaa gabrummaa dhalatee hojjettoota warshichaa fi qotee bulaa naannoo Warshaa Shukkaaraatti argamu haalaan dararamaa turan. Haalli kun hammaachuu irraan hojjettoonni warshichaa kanneen Oromoo tahanii fi qaroo tahan sababaa Oromummaa isaaniin hojii warshichaa irraa akka dhaabbatanii fi akka arihaman mootummaa Wayyaanee kan TPLFn hogganamu irraa ajaji kallattii kennamee sabboontoti maqaan isaanii:-

1.Sooreessaa Bookaa itti gafatama qacarrii hojetaa warshicha,

2.Taadasaa Gamachuu,itti gaafatama bulchinsa hojjeetota,

3.Fiqaaduu Bultoosaa qunnamtii uummaata warshichaa

Kanneen  ta’an ilalcha ABO qabdu jechuun hojii irraa arii’amanii jiru.Itti fufuun Muddee 11,2011 Obboo Dirriibsaa Laggasaa, itti gaafatama Gurmaamaa’ina hojjeetota warshicha kanta’e, ati ABO dha, hojii ABO gaggeesita ummata nurratti kakaafta jechuun humnana Poliisota onichaan qabamanii hidhaattii darbamanii jiru.

Kanuma malees hojjettootaa fi ogummaan guddaan kanneen warshicha keessaa hojjetaa jiran dhalootaan Oromoo tahan marti ilaalcha ABO qabsu jechuun doorsifamaa akka jiran gabaafame. Kanneen yeroo ammaatti akeekachiisa Poolisoota Wayyaanee irraa kennameefii jiru keessaa sabboontonni Taaddasaa fi Alamuu kan jedhaman Foormaanii warshichaa kanneen ta’aan akkaa malee dorsiifamaa jiraachuun gabaafame.

Dinne Gabrummaa! Jenne Bilisummaa!

Qabsoon itti fufa! Gabrummmaan ni kufa!

 

Ballammii hin falaxani,maaliif teessa dargaggoo lammaffaa hin dhalatani.

Video

Land Grabbing In Oromia [Must Watch] Part II

Video

Konkolaachiftonni Oromoo Sirna Gabroomfataa Wayyaanee Didan

Gabaasa Qeerroo Dirree Daawaa Muddee 15,2011

Konkolaachistoota Oromoo ta’anii Magaalawwan Harar,Awwadaayii fi Haramaayaa keessa hojjetan irratti loogiin sanyii irratti hundaa’ee fi Eenyummaa saba oromoo tuqsiisu irratti raawwachaa jira.Kun kan jalqabe balaawwan tiraafikaa naannoowwan kanatti mudatan hir’isuuf ta’ullee Hojjettootni abbootii taayitaa daandii dhalootaan Tigiree fi Amaara ta’an magaalawwan kana keessattii fi naannoowwan magaala kanaatti bobba’an konkolaachistoota oromoo ta’an irraa waraqaa hayyama konkolaachisummaa harkaa fuudhuun ati lammii sadaffaa dha jechuun qarshii 365.00’n adabaa jiru.Konkolaachistoota Amaara ta’an ammoo ati lammii lammaffaa,Kanneen Tigiree ammoo ati Lammii tokkoffaati jechuun ilmaan oromoo irratti daba guddaa dalagaa jiru.Sabboontotni Oromoo hojiin konkolaachisummaan jiraatan ilmaan oromoo marti cunqursaa mootummaan kun nurraan ga’aa jiru hubattanii diddaa nuyi gaggeessinu akka nu cinaa dhaabbattan jechuun dhaammatanii jiru.Tikni qeerroo magaalawwan kana keessattii fi naannoo isheetti bobba’uun akka saaxiletti miseensotni oromummaa akka lammii sadaffaatti ilaalan kun lama lamaan magaalawwan lameen gidduutti akka argaman saaxilee jira.Haaluma wal fakkaatuun Labsii hayyama daldalaa 686/2002 ba’e hojii irra hin oolchine jechuun daldalatoota magaalawwan kanneen keessatti argaman irratti suuqii dhuunfaa isaanii cufuu irratti argamu!

Konkolaachistootnii fi daldaltootni yaada isaanii akka ibsanitti yeroo ammaa kana daldaluuf haayyama gaafannee daldallee ammoo gibiraan waan manaa qabnu daballee akka kaffallu dirqamnee jirra jedhu.Kanaaf Daldaltootni,Konkolaachistootnii fi ilmaan Oromoo marti nu cinaa dhaabbachuun qabeenya keenya irratti mirga ajajuu akka argannu jechuun dhaammatanii jiru.

 

University Haromaayaa keessatti Basaasi Wayyaanee Beekamaan Saaxilame

Ayyaanni sabaa fi sablammii mootummaan garboomfattuu kun bixxiltee raadiyoo fi television isheedhaan mirgi uummata impaayera biyyattii keessaa kabajameera jechaa turtee fi jechuuf deemtu ilmaan oromoo fi sabawwan cunqurfamoo gama ittiin

Basaasa Wayyaanee Solomon Legesee

Basaasa Wayyaanee Solomon Legesee

ilaallatu hin qabu.Haala kanaan Yuunivarsiitii Haramaayaa keessatti waan isheen kabajuuf deemtu mormii sabboontota oromoo irraa itti dhiyaate jala dhaabbachuuf basaasni mootummaa wayyaanee bara dheeraa Barataa Solomon Legesee dirqama kan fudhate yoommuu ta’u Barataan kun gochaa isaa kana irraa hin dhaabbatu taanaan tarkaanfiin hojii isaa madaalu akka isa eeggatu qeerroon dhaammatee jira.Barataan kun qabsoo qeerroon jalqaba bara 2011 irraa kaasee finiinsaa turetti gufuu ta’uuf si’a lama gara magaala adaamaa deemuun tikawwan mootummaa wayyaanee Federaalaa waliin wal gahii gaggeessaa akka turee fi Har’as mormii Peace and security yuunivarsiitii Haramaaya keessatti irratti dhiyaate jala dhaabbachuuf tikawwan mootummaa kanaa Harar keessatti argaman waliin guyyaan quunnamtii akka godhaa jiru tikni qabsoo qeerroo hojii isaa kana saaxiluuf dirqama fudhate addeessee jira.Barataan Kun barataa Gender and Development waggaa sadaffaa akka ta’e Tikni qabsoo qeerroo bira gahee jira.Barataan kun Hojii waanjoo garbummaa ilmaan Oromoo irra tursiisu kana irraa hin deebi’u taanaan Himan diddu du’a hin diddu jechuun dhaamee jira.Haaluma wal qabateen Godina Iluu abbaa Booraa keessatti Mootumman wayyaanee Qotee bultoota maqaa Leenjii jedhuun wal gahiif waamtee sirna ishee barsiifachaa akka jirtuu fi qotee bultootni oomisha isaanii yeroo itti walitti qabatan dhabanii rakkachaa jiru.Qotee bultootni yaada isaanii akka ibsatanitti midhaan keenya gahee osoo lafatti harca’aa jiruu nuyi guyyaa guutuu sirna mootummaa kanaa akka barannu dirqamneera jedhu.Haala kanaan itti fufnaan beelli hamaan akka isaan eeggatuu fi qotee bultootni shira mootummaa kanaatti dammaqnee diddaa akka dhageessisnuu fi ilmaan oromoo sagalee akka nuu dhageessistan jechuun dhaammatanii jiru.

Dinni Gabrummaa! Jenne Bilisummaa!!