Hojjattooti Mootummaa Fincilan

(Qeerroo, Ammayyaa, 14 Muddee 2011) Oromiyaa giddugalaa magaalaa Walisoo fi aanaa Ammayyaa hojjettootni Waajjira Misooma Qonnaa gaaffii Mirgaa heeraa fi seeraan gaafannaan Mootummaan Wayyaanee gaaffii kana dhaamsuuf fiigaaa akka jiran beekamee jira.

Akka Qeerroon gabaasetti, hojjattooti mootummaa gaaffii kaasan kana doorsisuuf jalee wayyaanee kan taate OPDO n gaaffiin hojjattootaa kana “kun gaaffii ABO ti. ABO isin ijaare. Akka ummatni nagaan Misooma hin geggeessinee fi mootummaa naannoo Oromiyaaf hin abboomanneef Ummata Oromoo nurratti kakaasaa jirtu jechuun hojiirraa isin hariina, ni hidhamtu, Ni ajjeefamtu,” jechuun hojjetoota waajjira Misooma Qonnaa Aanaa Ammayyaa doorsisaa fi itti roorrisaa jiru.

Namootni Tigirootaan ergamanii Hojjettootaaf wal ga`ii godhuun isin ABO dha. Akeekaa fi kaayyoo ABO yeroo dheeraaf asi keessatti dhokattanii geggeessaa jirtu. Caasaa ABO waajjira kana keessaatti ijraamee jira.

Ummata Oromoo Magaalaa hanga Baadiyyaatti caasaa ABO diriirsitanii Yeroo dheeraaf hojjetaa turtan; amma tarkaaffii Lubbuu isinirratti fudanna/ISIN AJJEEFNA!> jechuun Hojjettoota doorisaa jiru.

Namootni wal ga`ii kana geggeessanii fi Sabboontota Oromoo hiraarsaa jiran namoota garaaf bulan, Habuuqee,
1.Obbo Mangisttuu Kitaabaa Itti gaafatamaa bulchiinsa Aanaa Ammayyaa/D/T
2.Obbo Boggaalaa Toleeraa Itti gaafatamaa Waajjira OPDO Aanaa Ammayyaa/D/T
3.Obbo Alamaayyoo Shifarraa Itti gaafatamaa Waajjira Misooma Qonnaa Aanaa Ammayyaa/Dabballee OPDO/

Hojjettootni Waajjira Misooma Qonnaa Aanaa Ammayyaa gaaffii mirgaa fi sirnaa wal ga`ii godhame irratti gaafatan heeraa fi seeraan akka hojjetaa tokkootti mirga Hojjetaa gaafatan malee waan biraa hojjetan ykn yakka raawwatan hin qaban. Sababa Oromummaa isaaniin doorifaman malee, gaaffiii isaan gaafatan keessaa,

1.Haalli jiruu fi jireenyaa waan qaala`eef miindaan nuuf kennamu ga`aa fi quubsaa miti. Manaa fi maatii keenya ittiin jiraachisuu hin dandeenye. Kanaaf miindaan akka nuuf dabalamu jedhanii sirnaan wal ga`ii irratti gaafatan.

2.Mirgi hojjetaa tokko akka hojetaa mootummaatti heeraa fi seeraan nuuf kabajamuu fi eegamuu qaba kan jedhu gaafatan.
Warri wal ga`ii geggeessu garuu ergaa fi ajaja gooftolii isaanii /Tigiree irraa itti kennamee keessumaa yeroo ammaa kana Wayyaaneen maqaa ABO dha`uun hidhamuu irra dabree hanga du`a lubbuutti nama adabsiisa jettee Ummta Oromoo ittiin sodaachisuuf sagantaa baafatte hojjetaa mootumama, qonnaan bulaa, barsiisaa fi barataa, dargaggoo fi shammarran Oromoo irratti magaalaa hanga baadiyyaatti gochaa sororkeessummaa Saba Oromoo irratti hojjetaa jirti.

1. Hojjettootni Waajjira Misoosooma Qonnaa Aanaa Ammayyaa sodaa fi doorsisa ergamtootaa diinaa/Qochumaaf bultuuf utuu hin jilbeeffatiin gaaffii isaanii Aanaa iirraa hanga Godinaatti itti fufuun Muddee 13/2011 Godina Giddu galeessa Oromiyaa Walisootti deemuun Waajjira Misooma Qonnaa fi Bulchiisaa tti hiriira ba`uun gaaffii mirgaa gaafanne hanga deebii argannutti hojiitti hin bobbaanu jechuun murtii fi ejjennoo isaanii ibsataniiru.

2. Bakka buutotni OPDO gaaffii mirgaa karaa heeraa fi seeraan/nagaan gaafanne isin ABO jechuun sadrkaa du`aaf ajjeechaan waan nu doorsisaa jirabii fi nutti roorrisaniif Gara Hojii keenyaatti deebi`uuf Waabii lubbuu keenyaaf sodaa guddaa qabna.

Lubuu keenyaaf waan sodaanneef waajjiratti hin deebinu. Hojiis hojjechuu hin dandeenyu jechuun Hojjettootni Waajjira Misooma Qonnaa Aanaa Ammayyaa namoota 45 Ol ta`an iriira nagaa ba`uun sodaa fi yaaddoo qaban bulchiinsa Godina Walisootti ibsaniiru.

Hanga odessi kun nu dhaqqabetti Waajjirri Misooma Qonnaa Aanaa Aammayyaa cufaa akka ta`ee f i Hoojjettootni hundinuu hojii dhaabanii akka jiran mirkanaa`eera.

Gadaan Gadaa Bilisummaati!

Injifannoo Ummata Oromoof!

Land Grabbing In Oromia [Must Watch] Part I

Video

Samamuun ykn Qircamuun  lafa Oromiyaa  garamitti nu baasuuf deemaa?

“Dachiin Oromiyaa gurguramee Oromoon garba garbootaa tahaa jira, jennee yommuu  iyyinu,diddaa qabrummaaf hidhamaa fi ajjeefamaa wareega kafaluun keenya  siyaasa ijoollummaan(Qeerrummaan) machoofnee miti…. Dhugaa argaa jirru dha malee. Sabni keenya Oromoon booda gaabbii akka nutti hin taane ammaan Oromiyaa fi Oromoo baraaruuf jecha sosso’aa  jenna!!”  ( yaadaa fi dhaamsa walgahii qeerroo bilisummaa irratti kenname)

Suuraalee fi Video kun  qaamaa qalbiin laalamee haala biyyi keenya keessa jirtu ittiin hubachuun dandayamu.

Mootummaan Wayyaanee TPLF s yeroo ammaa kanatti Oromoo fi Oromiyaa abbaa dhabsiisuuf duula guddaatti jira. Dachii Oromoo yeroo ammaa kanatti akka qircaatti mummuramanii investerota alagaatti gurguramaa jiranii fi laggeen Oromiyaa summayanii namaa fi beelada irratti rakkoo dhukubaa fi du’aatiin gaga’aa jiran akkasumas dachii Oromootaa sababa kanaan goganii ummanni irraa buqa’aa jiru qormaata irratti kan hundaaye waraabamee bifa video fi suuraan wal jalaa boodaan website fi facebook qeerroon ifatti  baasa.

Ummanni Oromoo qalbiin suuraalee fi videota maxxanfaman ilaaluun rakkoo Oromootaa fi biyya Oromiyaa akka hubatuu fi qabsoo diddaa gabrummaaf murteeffatu gaafanna.

Oromiyaa haa hambifannu!!  Ummata Keenya Oromoo haabaraarru!!!

Dinne Gabrummaa! Jenne Bilisummaa!!

Diddaan Qeerroo fi Ummata Oromoo Itti Fufe.

Gabaasa Qeerroo Finfinnee Muddee 13,2011

Mootummaan Wayyaanee waggaa muraasaaf ummattoota biyya Ethiopia keessa jiran meeshaan ittiin afaan faajjessu keessaa tokko guyyaa kabajaa Sabaa fi sab-lammootaa kan jedhuun Muddee 9, dabballootaa fi jala buutota isaa ummata keessa bobbaasee humnaan nama yaasuun kabajaa  ayyaana sablammootaa kan jedhu TV irratti  muldhisaa ture. Kan bara kanaa garuu mormii guddaa irra gahuun qaanyii keessa akka gale gabasaan Qeerroo godinoota adda addaa irraa eergaman beeksisa.

Muddee 9,2011 Barattooti Oromoo University Dirree Daawwaa guyyaa kanaa mooraa universitichaa keessaattii faaruu qeerroo dhageesisuun mormii qaban dhageesisaaa ooluun diddaa mormii mootummaa Wayyaanee muldhisuun beekame.. Akkasumaas magaalaa Finfinnee keessaatti uummaanni akkaa Wayyaaneen barbaaduttii ba’ee kabajuu dhiisuun Wayyaanee akkaa malee rifaasisee kan jiru ta’uun gabaafamee jira.

Bakkaa hundattuu kabaja ayyaanaa wayyaaneen ofii qoheefattee sabaa fi sablamootaafin qopheese jettuu irratti uummaannii hirmaachuu diduu dhaan ykn irraa hafuun mormii qabuu beeksifatee jira.Guyyaan kun Dabbalootuma Wayyaanee qofaan kabajamee qofaa lafa dhiita kan oolan ta’uu gabaasi Qeerroo bakkoota adda addaa irraa addeessa.

Dinne Gabrummaa! Jenne Bilisummaa!

Dhugaa Jettan

Video

(Qeerroo, Finfinnee, 11 Muddee, 2011) Seenaa qabsoo Oromoo keessatti bakka guddaa kan qaban J Taaddasaa Birruu dhaloota Bilisummaa dheebotaniif faandhahii akka urjii halkanii guyyaa ifu dha.
Dhalooti Qeerroo gootota akka J Taaddasaa Birruu fa’aaf kabajaa guddaa kan qaban yoo ta’u, kanas akkanaan mul’isaa fi ibsachaa jiran!
 

HRLHA Press Release – December 10, 2011

                                                                                                                                                                           

                                                                                                                                              maThe Rarely Implemented Committments

                                                                                                                                      (63 Years with the Universal Declaration of Human Rights)

                                                                                                                                                HRLHA Press Release – December 10, 2011 

  

Today, we are celebrating the 63rd anniversary of the Universal Declaration of Human Rights.  We have learnt from history that the evolution of the essence of human rights stretches back more than 2500 years, when men and women fought and died for basic human freedoms. Beginning from those days, the idea of human rights was perceived differently by different nations; until it was recognized as a universal notion of “International Human Rights”, which belongs to all human beings by the virtue of being born as humans.

The next step taken towards affirming the idea of human rights was to define human rights as a common purpose for all human being without distinction of any kind such as race, color, sex, language, religion, political or other opinion, national or social origin, property, birth or other status. After a debate of more than two centuries, the essence of “human Right” was fully recognized as a universal issue when the United Nations Organizations officially came into existence in 1945, following the end of the second World War, in order to save the succeeding generations from the scourge of war, which twice in our lifetime brought untold sorrow to humankind. The principles of the UN Charter were based on the fundamental human rights, human dignity, and worth of human persons, in the equal rights of men and women and of nations.

At its early stage, within less than three years, for the first time in history, on 10 December 1948, the United Nations General Assembly unanimously adopted the Universal Declaration of Human Rights, a document considered to have a universal value (“a common standard of achievement for all people and all nations”); and since then, December 10 is celebrated every year worldwide as Human Rights Day.

Since December 10, 1948, our leaders have made a huge number of commitments on our behalf.  They signed and ratified a lot of international covenants, conventions, and treaties that covered a wide range of rights and aimed at ensuring the honoring of rights to which all human beings were entitled. Had all those commitments were met, our world would have really been different, and the world peoples could have had a peaceful, stable, and comfortable life, our legal systems could have been fair enough to offer everyone the same and equal protection; and we could have had transparent and democratic political systems that would serve the interests of the ordinary citizens.

Sadly enough, what we see today after 63 years of the UDHR is the reverse of what were written in those documents. “What went wrong?” might be everyone’s question that needs to be answered. The world peoples, on behalf of whom those treaties, agreements, commitments, etc. were made, are still entitled to know the root causes of those failures, and to make sure that they would be fixed.

Among the many distinctly noticed shortcomings in regards to the realization of the UDHR is the lack of absence of genuine political commitment and willingness from the world leaders to abide by and implement the international human rights standards and/or treaties they have ratified and signed on behalf of the citizens of their respective countries. Such negligence and irresponsibility have been and are being exercised by our world leaders in the face of the ever expanding, deepening, and worsening socio-economic and political crises, injustices, inequalities, instabilities, insecurities, and the like, most of which are perpetrated against ordinary citizens by their own governments. Although their presence and effects are very high in what are known as developing countries, such socio-economic and political ailments have become borderless, thanks to “globalization”.

Faced with such global challenges that are threatening the existence of not only the present but also the future generations, all stakeholders – national, regional and/or international, groups and/or individuals, big and/or small – need to reconsider the routes we have been following. The UN and all its sub-agencies in particular are expected to play a leading role in this regard. Accordingly, coming back to the implementation of the UDHR, the HRLHA would like to recommend the United Nations renew its commitments monitoring, investigating, and exposing all forms of human rights violations, and ensuring that the perpetrators are held accountable.

HRLHA is a non-profit and non-political organization (with the UN Economic and Social Council (ECOSOC) Special Consultative Status) that attempts to challenge abuses of fundamental rights of the peoples of various nations and nationalities in the Horn of Africa. It is aimed at defending basic human rights including freedoms of thought, expression, movement and organization. It is also aimed at raising the awareness of individuals about their own basic human rights and that of others. It has intended to work on the observances as well as due processes of law. It promotes the growth and development of free and vigorous civil societies.

Video

University Haroomaayaa keessatti WBOn maal akka tahe wallaaluu irraan kan ka’e Ergamtooti Wayyaanee hojjettoota mooraa jeeqan.

Gabaasa Qeerroo Ona Limmuu Horroo ,Muddee 10,2011

Basaasonnii fi ergamanii bultooti Wayyaanee yeroo ammaa kanatti beekumsi siyaasaa fi Oromummaa guddoo waan isaan hanqatuuf jecha,dhaabotii siyaasaa fi kanneen bilisummaa sabaaf qabsaayan illee adda baafatanii waan hin beekneef jecha,Oromoon afaan Oromoo dubbatee fi Oromoon sabboonaa tahe akkasumas barattooti Oromoo University fi college baratan hunda yoo barbaadan WBO gaafii ammo ABO yoo fedhanis jecha daldala siyaasaaf jedhee Mallasaan baafate shororkeessituu jechuun yaamu. Haala kanaan mooraa University Haromaayaa keessatti hojjettoota tahan waan ittiin yakkan dhabuun ykn wallaaluun WBOn akka mooraa keessa jiru fakkeessanii WBO nyaachiftu jechuun sabboonoo yakkuu eegalanii jiru.

Akka kanaan ergamtooti Wayyaanee TPLF hojjetaa Mana nyaataa Yuunivarsiitii Haramaayaa kutaa Mana nyaataa Musliimaa kan ta’e Oromticha Obbo Maammed Abdullaah kan jedhamu waraana Bilisummaa Oromoo(WBO) Kaardii guutta jechuun yakkanii Muddee 8,2911 Halkan mana isaa irraa fuudhanii gara Magaala ciroo geessuun erga gara malee reebanii booda Magaala Haramaayaatti deebisuun waajjira Poolisii magaala Haramaayaa keessatti Hidhuun rakkisuu irratti argamu.Namni kun nama dafqee bulaa fi ilmaan isaa guddifachaa jiru tahuu qeerroon Haramaayaa irraa gabaasu.

Obbo Mohaamad Abdullaahiin yakka gara maleen yakkamee akka hidhamu kan godhe ergamticha Wayyaanee Abdullaxiif nama jedhamu yommuu tahu, ergamaan kun gochaa isaa kana irraa of qusatee daandii haqaatti akka deebi’u yoo dides safara gochaa isaatii akka argatu barattoonnii fi sabboontotiin Qeerroo itti himanii jiru.

Diddaan Qonnaan Bultoota Oromoo itti fufee

Gabaasa Qeerroo Ona Limmuu Horroo ,Muddee 09,2011

Godina Wallaggaa Bahaa Onaa Haaroo Limmuu irraa qonnaan bultoonni Oromoo fincila diddaa gabarummaa kaasuun baatii Ebla 2011 irraa hanga hardhaatti osoo wal irraa hin kutiin itti fufanii jiru,mootummaan Wayyaanee diddaa qonnaan bulaa fi barattootaa dhaamsuuf jecha duula hammana hin jedhamiin naannoo sanitti bane ture,ummatoota walitti buusuuf jecha sablammiilee baroota dheeraaf nagaan waliin jiraataa turan ummata Oromoo irratti ijaaruun Gumuzii hidhachiisuun Oromootti duulchisuun gaga’ama guddaa irraan gahuun yaadannoo ji’oota muraasaati.

Akka kanaan Qonnaan bultoota oromoo maqaan isaanii

1.obboo Dachaasaa Amanuu,fi

2.obboo Dirriibaa Raggaasaa jedhaman

Akka lakkoofsa Abashootaatti gaafa Sadaasa 28/3/2004humna pooliisaa Federaala TPLF’n ukkafamanii hanga har’attii eessaa buuteen isaanii dhabame. Sababni qonnaan bultonnii Oromoo kun ukkaafamaniif ji’otaa darbee keessaa warraa Gumuuz irraatti waraanaa gaggeesitanii warraa gumuuz ajjeestan kan jedhuu yoo ta’uu, mootummaan kun ofii isaa warraa Guumuz meeshaa hidhachiisee ummataa Oromoo Wallaaggaa bahaa rukuchiisa kan turee ta’uun ni yaadatama garuu qonnaan bultoota meeshaa maleeyyii mana hidhaattii guuruun diinummaa mootummaan TPLF ummaataa, Oromoo irraa qabu ifaatti kan mul’isaa jiruu ta’uun ni beekama.

Kana malees Godinuma Wallaaggaa Bahaa Onotaa akkaa Haaroo Limmuu,Heebentuu,Limmuu Galiilaa fi Giddaa Ayyaanaa irraatti hojeetootaa waajiraa Qonnaa(DA) waliittii qabuun ummaataa keessaa deemtanii waan uummanii kun hojeetuuf jechaa jiruu nu gabaasuu qabduu shororkeesitoonnii uummataa keessaa galanii nu jeequuf jechuun ololaa sobaa kanaan mootummaan TPLF “cold war'(poropoganda war)” uummata irraattii gaggeessaa jirti. Haalumaa kanaan hojjeetonnii waajiraa qonnaa nuti ogummaa keenyaan uummaata tajajjiluu malee ummaata nagaa basasuun bu’aa malii qaba jechuun mormiin jalaa dhaabbatanii jiraachuu Qeerroon ona Horroo Limmuu irraa gabaasa.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

In Wollega, Gimbi Town, the youth are confronting the harsh punishment of the dictatorial regime on power for their stand on freedom and democracy

(Qeerroo,  Gimbii, December 8, 2011)Dismissal from school and work, imprisonment and other cruel punishment are becoming very common to the Oromo’s in Ethiopia specially the Youth for their stand and genuine pursuit of freedom and democracy in Ethiopia.

Currently, starting from the beginning of December 2011; the Qeerroo from Gimbi are reporting the brutal and cruel hand of the TPLF government in action in a bid to subdue the dissents, in the town known for its resistance to the subjugation, looting and dictatorship of the current government.

The hard working Youth in Gimbi are being hunted on a fabricated charges of terrorism and theft. The is just to legitimize the crackdown that amounts to gross violation of human right and inhuman treatments according the constitution of the country and International agreements and protocols to which the country is signatory.

Within these few days more than 200 have been rounded up and detained while much more numbers are on the run while some have been reportedly in hiding in the forests with much more risks. Informants have told Qeerroo that these detained have faced serious tortures, biting and different methods of interrogations including water boarding. These daily hunting and campaign of dehumanization is also triggering anger and discontent with in the broader mass of the population.

Qeerroo have also uncovered the man at the front of this mass arrest, torture and human right violations, who is the Head of Odaa Neighborhood (Kebele) Mr. Abiyoot Malkaamu.  This man is said to be in charge of the crackdown which is now running for almost the last 6 months and he is also the man instrumental for the eviction of Oromo families in the town in the name of awarding the land to investors coming to the area.

In a sequence of events, due to the overflow of Youth prisoners, prisoners coming from smaller villages and the surrounding neighborhoods are reportedly imprisoned in Warra Sayyoo Secondary School.

Some of the Youth currently detained in Gimbi Town are the followings:

  1. Dawit Tamasgeen
  2. Abbush Malkaamuu
  3. Hambisaa Baatirii
  4. Shimallis Moosisaa
  5. Kaasahuun Bantuu
  6. Jireenyaa Taammiruu
  7. Maarqos Kabbadaa
  8. Taarikuu Garbaa
  9. Alamaayyoo Habtaamuu
  10. Aliyyii Baatirii
  11. Namoomsaa Kabbadaa
  12. Numarsii Kabbadaa
  13. Meetii Kabbadaa
  14. Innawu Fiqaaduu
  15. Magarsaa Daani’eel
  16. Ismaa’el Ashabbir
  17. Baacaa Biraanuu
  18. Mitikkuu Tamasgeen
  19. Dirribaa Baatirii
  20. Waaqboon Awwaqaa
  21. Abdii Taaddasaa
  22. Kaasahuun Taakkalaa
  23. Iwunatuu Ashannaafii
  24. Alamaayyoo Mulgeetaa
  25. Misgaanuu
  26. Shoraa
  27. Odaa  and others

In a apparent message to these who are lining up to hold up the Oromo in a continued subjugation of the TPLF, the Youth have warned these who will not desist from their unacceptable behavior and action; which is becoming the reason for the suffering of hundreds and thousands will face public justice and the action taken on them will be very serious and final.

Additionally they have also appealed to the Oromo in other part of the region and in Diaspora for help and to air their voice to avert the looming crisis in the town and the worst in the future.

Justice Shall Prevail!!!

@Qeerroo


Addi Bilisummaa Oromoo Walqixxummaa fi Kabajaa Amantiilee Hundumaa Ni tiksa

Addi Bilisummaa Oromoo Walqixxummaa fi Kabajaa