Godina Wallaggaa Ona Hebantuu Keessatti Abdiddi Warraaqsaa Qabate Jabaatee Itti Fufe.

Waxabajjii 06,2012 Giddaa
Waxabajjii 05,2012 Onaa Heebantuu Mana barumsaa Qeelloo sadarkaa 2ffaa keessaattii Gootonnii baratootaa Oromoo mana barumsaa Qeelloo sadarkaa 2ffaa Hiiriiraa mormii gaggeessuun mootummaa wayyaanee balaaleffatan, FDG kana bittineessuuf humnotni poolisaa Onaa Heebantuu rasasa baratootaa irraattii dhukaasan,
Haalumaa kanaan barsiisaa manaa barumsaa sadarkaa 2ffaa Qeelloo kan ta’ee barsiisaa Dirribaa Ayyaanaa fi baratoonnii sadii hiiriira kanaa qindeesitaan jechuun humna poolisaan qabamanii wajjiraa poolisaa Onaa Heebantuu Magaalaa Qeellootti hidhamanii jiru, barsiisonnii fi baratoonnii baay’eenis qabamuuf poolisaan hordofamaa akka jiran gabaasi Qeerroo onicha irraa nu gahe addeessa. Hiriirri kun amma sa’aa kanaatti itti fufee jiraachuunis beekame.
Kana malees Mootummaan wayyaanee Diddaa Guutummaa godinaa kana keessatti haalaan itti jabaate dura dhaabbachuuf tattaaffii yeroodhaa yerootti waraana bobbaasuun godhus kutannaa ilmaan Oromoon fashaluu irratti argama.

1 thought on “Godina Wallaggaa Ona Hebantuu Keessatti Abdiddi Warraaqsaa Qabate Jabaatee Itti Fufe.

  1. Hanga injifannoon dhugaa dhufutti wareegamni kamiyyuu jiraatu qabsoon dhabachuu hinqabu. Wareegamni ta’u garuu injifannoo argamu wajjin kan walmadaalu ta’aa adeemuu qaba. Namni tokko illee utuu diina irratti tarkaanfiin hinfudhatiin dursamee wareegamuu hinqabu.

Leave a comment