Hagayya 07,2012 Naqamte
Konkolaataan Humna Ittisa Raayyaa Biyyaa(Makkalaakayaa) jedhamee kan Wayyaaneen yaamamu tokkotti Waraanni Wayyaanee fe’amee deemu humna addaa WBOn rukutame.
Hagayya 05,2012 Ona Giddaa keessa buufata waraana Wayyaanee adda addaa keessa olii fi gadi osoo deemaa jiranii humna addaa WBOn haxxeen itti hidhamuun nannoo ona Giddaa bakka Qaaqaroo Adaree jedhamee beekamutti tarkaanfiin irratti fudhatameen loltooti Wayyaanee hedduun hojii ala t a’anii 3 ammoo bakka malee madaayanii Hosptala Naqamteetti geeffamuu gabaasi naannoo san irraa nu gahe addeessa.
Gama biraan ona Habee Dongoroo bakka Tulluu Gaanaa jedhamee beekamutti tarkaanfiin qabeenya inverstera Wayyaanee irratti ammaan dura fudhatameen Hagayya 04,2012 humni waraana feederaala Wayyaanee naannichatti sakatta’aaf bobba’e irratti tarkaanfiin fudhatameen namni maqaan isaa Fiqiresillaasee Barihun jedhamu humana addaan tarkaanfiin irratti fudhatmun beekame,kanneen hafan battalumatti naannoo san gadhiisuun akka baqatan gabaafama.
Haala kanatti kan rifate sirni Wayyaanee ,ABOn jajjabee ykn komaandoo nutti bobbaasee jira jedhuun daandii baadiyyaa irra sosso’uu sodaachuun magaalaa keessatti mooraa tikfatanii akka jiran beekamee jira.
Kana malees Hagayya 05,2012 basaasota Wayyaanee bebbeekamoo magaalaa Giddaa Ayyaanaa keessa jiraatanii fi baroota dheeraa ilmaan Oromoo hiisisuu fi dararaan biyyaa ari’uu irratti kanneen beekaman lama irratti humni addaa tarkaanfii fudhachuun beekame. Basaasa maqaan isaanii Derajjee Geetahuun jedhamuu fi basaasa biraa maqaan Efreem jedhamu osoo konkolaataa waajjira qajeelcha fayyaa godina baha Wallaagaan sosso’u irratti haleellaan ta’uu gabaafame.
Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!
Qabeenya Oromiyaa Halagaa Hin Saamsifnu,Jechuun Ummanni Aanaa Ganjii Warra Warqee Qotu Dura Dhaabbate
Aside
Hagaya 07,2012 Gimbii
Godina Wallagga lixaa aanaa Ganjii ganda Kattii Gurraachaa fi Gujii Geetteree keessatti uummatni Oromoo albuuda keenya Wayyaanee hin saamu jechuun diddaa jalqaban.Baroota dheeraaf sirni mootummootii Abshaa dhufaa darbaan albudi naannoo kanaa saamamaa kan turee fi ummanni Oromoo naannichaa ammoo hiyyummaa gadadoo fi beelaan daran harca’aa waan jiruuf jedha diddaa qabeenya isaa ittifachuuf jecha diddaa isaa muldhisaa jira.
Mootummaan Wayyaanee humnaan albuuda warqee naannoo kanaa saamuuf waraana hedduumminaan bobbaasuun uummata naannichaa goolaa jira. Haala kanan ilmaan Oromoo hedduumminaan aanaa kana keessaa uummatni albuudni keenya akka hin baanu akka jedhu kakaastaniittu dabballoota ABO tu isin keessa jira jechuun mana hidhaatti guuraa jira.Ilmaan Oromoo hedduumminaan kan hidhaman yoommuu tahu
- Obbo Kumarraa Gaarii
- Obbo Immiruu Baqqaanaa
Jedhaman mana hidhaa mootummaa Wayyaanee keessartti kanneen ukkaamsaman keessatti argamu.Uummatni naannoo kanaa qabeenya isaanii diinni akka saamne meeshaa qaban maraan dura dhaabbatanii jiran.Waraanni mootummaa wayyaanees Wallagga lixaa Ayiraa,Gimbii fi Dambi doolloo keessatti hedduumminaan bobba’uun dargaggoota Oromoo doorsisaa jiru.Qeerroon Oromoo naannoo kanaa doorsisni gaaffii mirgaa gaafannu duuba nu deebisuu hin danda’u jechuun dhaamanii jiran.
Walleen Haaraa Sabboonticha Artist Galaanaa Gaaromsaa Akka Hin Raabsamneef Ergamtoota Wayyaneen Dhorkame.
Hagayya 07,2012 Finfinnee
Artistoonnii Biyyaa keessaa Diddaa isaanii cimsuudhaan Walleelee warraaqsaa seenaa Oromoo ibsuu fi diddaa gabrummaa irratti ummata isaanii damqsaa jiru. Ammaan duras gaheen artistooti Oromoo qabsoo Oromoo keessatti gumaachaa qabsoo asiin gahan seenaa keessatti iddo olaanaa qaba.
Dhiyeenyaa kanaa Artistiin Haaraa Galaanaa Garoomsaa sabboonaa ilmaa Oromoo wallee haaraa gadii lakkisee jiraa,walleen kun waraaqsa Qeerroon gaggeessu walii gala ummata Oromoo biratti fudhatama guddaa akka qabaatu waan beekaniif jecha lukkeeleen Wayyaanee OPDO’n garuu wallee isaa kana mannii muziqaa irraa bitu akkaa hin rabsinee dhorkanii jiru,Midia biyyaa keessaa kan OPDO akkaa Radio. Oromiyaa, TVO, FM Oromiyaa ofiin jedhan kamiinuu illee akka hin beeksifannee dhorkamee jira.
Bifuma kamiinu dhuma sirna mootummaa Wayyaanee jala galtooti amma illee shira qabsoo Oromoo fi qabsaawota Oromoo irratti hojjechuu hin dhaabne,haalli kun ammoo dhaqee dhaqee ibidda warraaqsaan akka nyaatamanii fi qabsaawotiis ta’e walliftooti Oromiyaa bilisaan dachii biyya Oromiyaa irratti akka nagaa fi qabanaan seenaa fi aadaa isaanii ibsachuuf deeman beekamaa dha.
Tesfaye Gebreab: The man who created the first Oromo main character in the history of the vast Amharic literature
Aside
by Hunde Dhugassa | Aug 5, 2012
Many individuals, journalists, politicians, historians, academicians and leaders; from Ethiopia, neighbouring countries and from different corners of the world have written about the Oromo. This includes its history, politics, ability, value and nature. The time, objective, nature and fact differ from person to person. The objective of this brief note is not to give analysis on the subject matter but rather to summarize an hour presentation of one of the most famous and controversial writer on the issue of the Oromo.
Any ordinary Oromo from Ethiopia can without difficulty name two important non Oromo authors from its neighbours, having a positive contribution on the history and visibility of the Oromo nation: Professor Asmerom Legesse and Tesfaye Gebreab. Both are Eritrean by birth, but hardly know the effort of one another until recently. The work of Professor Asmerom started almost half a century ago in the Borana region of Oromiya, while that of Tesfaye started after the fall of the Derg military junta. It is by chance that the professor started the most celebrated research on Gadaa Democracy of the Oromo people, but Tesfaye’s historical and artistic contribution has grown up in and with him in the beautiful city of Bishoftu. Read more: www.Ayyaantuu.com
Mootummaan Wayyaanee Humna Waraanaa of Harkaa Qabu irraa Amantaa dhabuun bakka bakkaattii jijjiraa jira.
Aside
Hagayya 06,2012 Jimma
Godina Jimmaatti Poolisotaa dhalootaan Oromoo ta’anii fi humnaa darbatamaa(Faxinoo daraash) kanneen jedhamaan Magaalotaa fi Aanotaa duraan irraa qubsifamaan irraa kaasuun oliif gadii jijjiraa jiraachuun Wayyaanootaa beekame.
Humnaa Darbatamaa duraa Magaalaa Aggaaroo irraa ture, Hagayyaa 3/2012 gara Godinaa Bahaa Wallaaggaa Magaalaa Neqemteettii jijjiree jira, kanneen magaaalaa Jimmaa irraa turaan gara Godinaa Iluu abbaa Booraattii jijjiiree, kanneen Iluu Abbaa Booraa Irraa turaan gara magaalaa Jimmaattii fidee kan jiruu ta’uun hubatame.
Sochiin jijjiirraa humnaa waraanaa Wayyaanee xiyyeeffaannoon isaa innii guddaan ilmaan Oromoo irraattii ta’uu odeessii keessaa waraanaa Wayyaaneetii bahuu ifaa godhee jira. Poolisonnii ilmaan Oromoo bakkaa bakkaattii hin jijjiramnuu jechuun mormaaniin isiin seelii ABO tu isiin keessaa jiraa jechuun humnaa tikaa Wayyaanee kan Godinaa Jimmaa irraa jiruu Daassaalenyi Kebede jedhamuun dorsifaamaa jiraachuun gabaafame,keessaattuu waraaqaa Qeerroo Bilisummaa jedhuu kan ABO’n facaasaa jiruu utuu argitanii dhiistaan, namootaa waraqaa kanaa facaasaa jiruus ni beektuu jechuun gaaffii qaxxamuraa gaafachuun polisonnii sirnicha wal hunkuraa jirachuun ibsamera.
Gama biraan baratoonnii Oromoo University garagaraa irraa boqonnaaf galanii jiraan magaalaa Baddaallee keessaattii guyyuu humnaa poolisaa fi milishootaan eegaamaa jiraachuun gabaafame. Kanumaa keessaan diddaan uummataa akka malee jabaachaa jiraa, Hagayyaa 3/2012 Hordoftoonnii Amantaa muslimaa magaalaa Jimmaa, Aggaaroo, Sarboo,Gembee fi,Shabee naannoo masgidaa isaanittii sagalee Mormii dhageessisuun Filaannoon hoggaantotaa amantaa muslimaa,gaggeeffaamuuf jiruu, maaliif gandaa irraatti filaannaa ? Gandaa gandaa irraattii hin filaannuu kan keenyaa dhimmaa amantaa bakkaa amantaattii filaannaa, malee innii gandattii haafilatamu jedhu caasaa mootummaati malee sirna amantaa miti jedhu. Kanas ta’u mootummaan Wayyaanee waan ummanni jedhuun deemuu dhabuu irraan korojoo filmaata abbootii amantaa ta’anii gada gadatti qopheessaa jiraachuun beekame.
Poolisoonni Wayyaanee 3 Humna Addaa WBOn Rukutaman,Konkolaataan Tikoota Wayyaanees Haleellaan Hamtuu Jalaa Miliqe.
Aside
Hagayya,05,2012 Naqamte
Hagayyaa 3/2012 Godinaa Bahaa Wallaaggaa Onaa Giddaatti poolisotaa ummata dararuuf bobbaafamtee irraattii tarkaanfiin haleellaa fudhatame.
Onaa Giddaa Ayyaanaa Bakkaa gabaa Jaangir Dirree Guddaa jedhamuun beekamutti poolisonnii Wayyaanee Ummataa dararuu fi sabboontotaa Adamsanii qabuuf bobbaafamaan irraattii humni addaa tarkaanfii haleellaa irraattii fudhatee poolisotaa sadii haalaan madaayanee akka lubbuu baafatan beekame. Poolisoonni naannichatti ummata dararuuf bobba’anii madhaayan kuniin :-
1.Kabbadaa Ayyaanaa
2. Bantii Waaqtolaa
3. Zaarihuun Insarmuu
Jedhamaan qajeelfamaa aangawoota Wayyaanee irraa fudhataniin gochaa diinummaan lammii isaanii irratti hammeenya waan raawwataniif dalagaan akkasiin kanneen itti fufan hunda tarkaanfiin fakkaataa akka isaan eeggatu hubatamuun dandayamee jira. Poolisoonni kun yeroo ammaatti Hosptala Naqamtee akka seenanii jiran gabaasi naannicha irraa nu gahe addeessa.
Gabaasaa Hagayyaa 3/2012 Godinaa Shawaa Lixaa Aanaa Calliyaa Gandaa Jaarsoo bakkaa Telee jedhamuun beekamuttii konkolaataa humnaa basaasaa Wayyaanee code hin qabne tokko magaalaa Geedoo irraa garaa Godinaa Horroo Guduruu Fincaa’aattii deemaa jirtuu galgala Humni Addaa hin beekamnee tarkaanfii irraattii fudhachuun namaa tokkoo madeessee, Foddaa fi of-laalleen konkolaatichaa akka jirutti ccaccabee sardamaan akka humna addaa irraa miliqanii lubbuu baafatan gabaasi naannicha irraa nu gahe addeesse.
“Roorroo Abbaatu If Irraa Ittisa” Qeerroon Shimalaan rasaasa dura dhaabbachuun hidhamaa Oromoo bilisa baasan
Aside
Hagayya 06,2012 Giddaa Ayyaanaa
Hagayyaa 4/2012 Godinaa Bahaa Wallaaggaa Onaa Giddaa Ayyaanaa Guttiinittii Har’aa ganamaa sa’aa 12:00 irraattii poolisonnii wayyaanee sabboonaa Oromoo Obboo Margaa Jogoraa Gammaadaa seeraan Alaa mana galmaa isaa sakkata’uun humna ABO dhoksitanii nyaachiisaa jirtu sababa jedhuun poolioonni aanaa qabanii gara mana hidhaatti yeroo geessaa jiranitti dargaggoonni ykn Qeerroo naannichaa wal gurmeessuun fincila kaasuun dhagaa fi ulee dhaan poolisoota dursanii eeguun reebanii sabboonaa Oromoo Margaa Jogoraa Gammadaa harka diinaa irraa baasanii nagaan gara mana isaatti akka galu taasisanii jiru.
Yeruma kanatti poolisoonnis rasaasaa dargaggeessaa Oromoo irraattii xaxeessaani, dargaggoonnii Oromoo sodaa tokkoo malee of irraa deebisuun poolisotaa sabboontotaa qabdee hidhuuf manaa baatee harka naannicha irraa ari’uun harka duwwaa galchuu gabaasi nu gahe addeessa.
ABO degertan jechuun,Ummanni Oromoo waggoota 20 ol mannii fi qee’een isaa sakatta’amaa jira. Ummannis “Dukkanaan duuba Ifa ni Argina” Jedhu.
Aside
Hagayya 06,021
Godina wallagga bahaa aanaa Haroo Limmuu keessatti waraanni mootummaa wayyaanee mana ilmaan oromoo sakatta’insatti gad taa’e.Diddaa naannoo kanatti deemsifamaa jiru dura dhaabbachuuf waraanni wayyaannee manneen lammiilee Oromoo maqaa meeshaa waraanaa qabdu jedhuun sakatta’insaan rakkisaa jira.Uummatni oromoo mana isaa seeraan ala akka hin sakattaane dura mormaa kan jiru yoommuu tahu waraanni wayyaanees meeshaa hidhannoo qabuun ilmaan oromoo dirqamsiisee sakatta’aa jira.
Aanaa Giddaa keessattis haalli wal fakkaataan kan jiru dha.Godina Horroo Guduruu wallaggaa aanaa Jaardagaa Jaartee,Horroo,Amuruu fi Guduruu keessatti uummatni wal gahii wayyaanee lagachuun diddaa jabeessee jira.Waraanni wayyaanee tasgabbii dhabes gidduu galeessa irra gara naannooleetti hedduumminaan rabsamaa akka jiru gabaasi nu gahe addeessa.
Ummanni naannoo fi barsiisonni tokko tokko akka jedhanitti dukkanaan duuba ifatu jira,har’a qe’ee fi maatiin keenya sakata’amus booru kana jalaa baanee ummata walabaan jiraatu ni taana. Mootummaan har’a ummata Oromoo salphisaa jiru yerootti ofii salphatus as dhihoo waan ta’eef nuti qabsoo keenya itti fufna jedhu.
Waraqaaleen dhaadannoo garaa garaa Oromiyaa bakkeewwan hedduutti maxxanfaman.Wayyaaneen kana irraa rifachuun waraana isaa bobbaasuun funaansisuuf dirqame!
Video
Hagayya 06,2012 Fifinnee, Waraqaan dhaadannoo garaa garaan Magaalota Oromiyaa hedduu keessatti maxxanfame.Handhuura Oromiyaa magaala Finfinnee keessatti waraqaan dhaadannoo hedduumminaan Hagayya 04/2012 halkan keessaa sa’a 10:00 irraa kaasee haalaan kan maxxanfame yoommuu tahu Finfinnee keessatti Markaatoo,Piyaassaa,Qaallittii,Gullallee,Abinnetii yuunivarsiitiilee Kiiloo afur,shanii fi jaha biratti hedduumminaan maxxanfamanii jiran.
Waraqaa maxxanfamaniin mootummaan wayyaanee dhiphuu guddaa keessa seenuun waraanni waraqaalee poolii irraa fi bakkeewwan beeksisni itti maxxanfaman mara irra deemuun dubbisuu fi buqqisuuf dirqamee jira.Namootni hojii daldalaaf waraqaalee maxxansanis sakatta’amaa jiru.Waraqaaleen dhaadannoo
• Oromiyaan ni bilisoomti,Oromia shall be free
• Garboomfataan ni kufa,Bilisummaan ni dhufa
• Gaaffii mirgaa hidhaa fi ajjeechaan dhaabuu hin danda’u
• Lama du’uun salphina
• Mootummaan wayyaanee garboomfataa dha
• OPDON Hirkattuu dha
• Qeerroon Oromiyaa ni bilisoomsa
• WBO gaachana ilmaan oromooti!
• Dhaabni siyaasaa ilmaan oromoo ABOti!
• Bilisaan dhalatanii garboomuun salphina
• Qeerroo,Yeroon isaa amma ka’i!
• Oromiyaan kan oromooti!
• Stop killing oromo!
Jedhan hedduumminaan copy tahuudhaan magaala Finfinnee keessatti mxxanfamanii jiran.Dhaadannoowwan wal fakkaataan magaala Dirree Dawaa ganda Qoree,yuunivarsiitii fig alma magaala Dirree dawaattis hedduumminaan maxxanfamanii jiran.Waraqaaleen dhaadannoo magaala shaashimannee,Amboo,Adaamaa,Ayiraa,Shaambuu fi Mattuu keessatti maxxanfamanii jiran.
Qaallittii keessatti wal’aansi fayyaa Oromoof hin kennamu;kanneen dhukkubsatan wal’aansa akak hin arganne waan godhamniif fincilli ka’e.
Aside
(Qeerroo,Finfinnee, 5 Hagayya 2012) Lammilee Oromoo mana hidhaa Qaallittiitti hidhamanii jiran irratti dararaan Mootummaa wayyaaneen irra gahu hammaataa kan jiruu ta’uun bira gahame. Maddi Qeerroo akka gabaasetti, Oromoonni 69 waggaa darbee Oromiyaa garaagaraa irraa balleessaa tokkoo malee qabamanii hidhaman akka malee hiraarfamaa fi murtii malee beellamaan gidirfamaa akka jiran beekamee jira.
Keessaayyuu, lammiileen Oromoo kunneen erga qabamanii kaasee haga yoonaatti murtii tokkoo malee maqaa qoraannoo qofaan beellamamaa fi mana hidha akeessatti hiraarfamaa akka jiran beekameera. Haalumaa kanaan hidhamtotaa 69 keessaa barattootni Oromoo lamaa akka malee dhukubsatanii kan jiran yoo ta’u haga yoonaatti wal’aansa mana yaalaa dhorkamnii kan jiraan ta’uun hubatameera.
Barattooti kunneen lameenis 1. Barataa Geetachoo Iddoosaa fi 2. barataa Hirphasaa Diriirsaa kanneen jedhaman, dhukkubsatanii otuu jiranii sababa Oromoo ta’aniif yaalaa akka hin arganne godhamanii jiru.
Dhimma kanaan kan walqabates, hidhamtoonni ilmaan Oromoo mana hidhaa Qaallittii zoonii keessatti hidhamnii jiran “hangaa hidhamtoonni dhukkubsachaa jiran waldhaansaa hin argannetti, nyaataa hin nyaannu,” jechuun fincilaa nyaataa lagachuu gaggeessanii jiran.
Haalaa kanaan Mana hidhaa Qaallitii Zone 1,3,6, kessatti diddaan ilmaan Oromoo jabaachaa jiraachun kan beekame yoo ta’u, ergamtooti wayyaanee immoo sababa kanaan hidhamtoota dararaa akka jirtu illee bira gahamee jira.
Mootummaan Wayyaanee fincilaa ilmaan Oromoo kallattii garaagaraatiin belbelaa jiru dhaamsuuf ilmaan Oromoo jumlaan mana hidhaatti guuruu kan aadeffatte ta’uunis beekamaa dha.
